Seera Yakkaa Mootummaa--Kitaaba Tokkoffaa


Seera Yakkaa Mootummaa Federaalaawaa Demokiraatawaa 

Rippaabiliikaa Itoophiyaa 

Kutaa Guddaa Jalqabaa

Kutaa Waliigalaa

Kitaaba Tokkoffaa
Yakkootaa fi Raawwataa Yakkaa

Mata Duree Tokko
Seera Yakkaa fi Daangaa Raawwii Isaa Boqonnaa Tokko
Daangaa Rawwatamummaa Seerichaa

Keewwata 1. Kaayyoo fi Galma
Kaayyoon Seera Yakkaa, faayidaa waliigalaatiif jecha nageenya, tasgabbii, sirna, mirgaa fi faayidaa mootummaa, ummataa fi jiraattoota biyyattii eeguu fi mirkaneessuudha. 
Galmi Seera Yakkaa yakki akka hinraawwatamne ittisuu yommuu ta’u kanas kan dhugoomsu waa’ee gochoonni yakkaa fi adabbii isaanii dursee of eeggachiisa kennuudhaan, yommuu akeekkachiisichis gahaa hintaanettis yakka raawwatttootni adabamanii yakka biroo raawwachuu irraa akka of qusatanii fi kanneen birootiif barumsa akka ta’an yookiin akka sirreeffaman taasisuun yookiin yakkoota dabalataan akka hinraawwanneef taarkaanfiiwwan akka isaanirratti fudhatamu taasisuudhaani. 
Keewwata 2. Qajeeltoo Seerummaa
Seerri Yakkaa waa’ee yakkoota adda addaa fi adabbiilee fi tarkaanfiilee of eeggannoo yakkamtoota irratti raawwatamnii tarreessuun ni tuma.
Manni Murtii gocha yookiin gochuu dhabuu seeraan alummaan isaa seeraan hin tumamane akka gocha yakkaatti lakkaawuu fi gocha akkasii irratti adabbii murteessuu hindanda’u.
 Manni Murtichaa kanneen seeraan tumaman malee adabbiilee fi tarkaanfileen biroo murteessuu hindanda’u
Yakkoota Seera irratti tumaman waliin wal fakkaata jechuun gocha yookiin gochuu dhabuu yakkummaan isaa ifaan hintumamane Manni Murtii akka yakkaatti lakkaawuu hindanda’u. 
Tumaaleen armaan olitti tuqaman Mana Murtiichaa seericha hiikuu hindhorkani. Akkaantaan ergaa seerichaa kan falmisiisu yommuu ta’u galma seerichi gahuuf yaade mirkaneessuuf akka danda’amutti bu’uura hiikaa fi yaada qaamni seericha baase karoorfateen Manni Murtichaa hiikuu qaba. 
Namni kamiyyuu bu’uura seeraatiin murtii isa dhumaa ta’een balleessummaan isaa mirkanaa’ee yakka kanaan dura ittiin adabameen yookiin tarkaanfiin seeraa biroo irratti fudhatameen yookiin bilisaan gadi lakkifameen irra deebi’ee hinhimatamu yookiin hin adabamu.
Keewwata 3. Seerota Adabsiisan Kan Biroo
Seerri Yakkaa kun jiraatuyyuu dambiiwwanii fi seerotni addaa adabbii tuman raawwatiinsa ni qabaatu.
Dambiiwwanii fi seerota kanneen keessatti haala addaatiin yoo tumame malee qajeeltoowwan seera kanaa isaaniifis raawwatamoo ni ta’u.
Keewwata 4.  Seera Duratti Walqixa Ta’uu
Seerri yakkaa namoota jidduutti sadarkaa jireenya hawaasummaatiin, sanyiidhaan, sabaan, sablammmiidhaan, bifaan, saalaan, qooqan, amantiidhaan, ilaalcha siyaasaa yookiin kan birootiin, qabeenyaan, dhalootaan yookiin ejjannoo kan biraatiin garaagarummaa osoo hin uumin hunda irratti walqixxummaan raawatamaa ni ta’a.
Raawwattoota yakkaa jidduutti garaagarummaan kan uumamu maddi isaa seera addunyaalessaa yookiin heera mootummaa ta’ee mirgi bu’uura seera kanaan tumame  yoo jiraate, yookiin cimina yakkichaa, sadarkaa badichaa yookiin umuriin raawwatichaa, haalawwan yookiin amalli addaa namicha  yakka raawwatee yookiin balaa yakkichi hawaasa irratti qaqqabsiise tilmaama keessa akka galu seera kanaan kan tumame yoo ta’e dha. 

Boqonnaa Lama

Daangaa Raawwii Seerichaa
Kutaa Tokko 
Haalawwan Yeroo Ilaallatan
Keewwata 5. Seerri Yakkaa Duubatti Deebi’ee kan Hin Hojjanne Ta’uu Isaa
Seera kanaa fi seera yakkaa haqameen gochi akka yakkaatti lakkaawamee kan raawwatamee osoo seerri kun hin ragga’iin dura yoo ta’e dhimmichi kan ilaallamu bu’uura seera  yakkaa haqameetiin ta’a. 
Gochichi bu’uura seera kanaan yakka ta’ee seera yakkaa haqameen garuu akka gocha yakkaatti kan hin lakkaawwamne yoo ta’ee fi kan raawwatame osoo seerri kun hin ragga’in dura yoo ta’e adabsiisuu hindanda’u. 
Yammu seerri haqame kun hojii irra jiru yakki raawwatame kan ture yoo ta’ee fi Seera kanaan garuu akka gocha yakkaatti kan hin lakkawamne yoo ta’e himachiisuus ta’e adabsiisuu hindanda’u; himanni isaas kan jalqabame yoo ta’e addaan cita.
Keewwata 6. Haala Addaa, Seera Fooyya’aa Ta’e Hojiirra Oolchuu
Seerri kun akka ragga’u erga taasifamee booda raawwatichi seerichi  raggahuu isaatiin dura  yakka raawwateef yommuu itti murtaa’u, yeroo yakkicha raawwatetti seera hojiirra ture  caalaa seerri kun adabbii kan isaaf salphisu yoo ta’e adabbiin seera kana keessatti tumame isarratti ni raawwatama.   
Manni murtichaa seerri kun irra caalaa kan wayyu ta’uu isaa kan murteessu tokkoon tokkoon dhimmaa irratti tumaalee seera rogummaa qaban madaaluudhaan ta’a.
Keewwata 7. Raawwii Tarkaanfiilee Eeggannoo
      Seerri haqame yommuu hojiirra turetti yakkoota raawwataman irratti  seerri kun erga ragaa’ee booda murtiilee kennaman irrattihaala murtii tarkaanfiilee eeggannoo ilaalchisee     tumaaleen seera kanaa (Keewwata 129-165) raawwatamoo ni ta’u. 
Keewwata 8. Akkaataa Raawwii Darbiinsa Yeroo  
Yakkoota yommuu seerri haqame kun hojiirra ture raawwataman ilaalchisee,darbiinsa yeroo himannaan itti dhiyaatuu fi raawwiin adabbii guyyaa seerri kun ragga’e irraa eegalee bu’uura seera kanaatiin ni qajeelfama.
Haata’u malee, seerri kun raggahuun dura yeroon darbe darbiinsa yerootti lakkaawamuu qaba. 
Yakki iyyannoo dhuunfaa dhiheessuun qofa adabsiisu ture bu’uura seera kanaatiin iyyannoo dhuunfaa malee kan adabsiisu yommuu ta’u, guyyaa seerri kun ragga’e irraa eegalee yeroo waggaa lamaa keessatti iyyataan dhuunfaa mirga iyyannoo dhiyeessuuf qabutti kan hin fayyadamne yoo ta’e mirgi isaa hafaa ta’a.
Keewwata 9. Raawwii Murtiilee Bu’uura Seera Haqameen Kennamanii
Murtichi bu’uura seera yakkaa haqameen kan kenname yoo ta’e,raawwiin isaa kan qajeelfamu qajeeltoowwan armaan gadiitiin ta’a.  
Gochi murtiin adabbii duraan itti kenname ture seera haaraan kan hin adabsiisne yoo ta’e, adabbiin isaa raawwatamuu hindanda’u; adabbiin jalqabames battalummatti addaan cita. 
Yeroo murtaa’e tokkoo fi sababoota darbuu danda’aniif dirqama seerri tume darbuun murtiin yakkaa kan kenname yoo ta’e yeroon jedhame darbuun isaa sababa ta’ee adabbii murtaa’e dhaabsisuu hin danda’u; yeroon jedhame darbuun isaa himannaa dhiheessuus hindhorku.
Seerri kun raggahuun duras ta’e booda murtiilee kennaman yookiin kennamanuun raawwiin adabbiilee murtaa’anii bu’uura tumaalee seera kanaan ibsamaniin ta’a.  Akkasumas sirni raawwii adabbii maallaqaa murtaa’e galii gochuu, dursanii daangaadhaan gadi lakkisuu fi koroora (sharxii) bu’uura seera kanan ibsameen ta’a. 
Seerri kun yeroo raga’etti hidhamaan adabbii itti murtaa’e raawwachaa jiru duraan yakka biroo bilisummaa dhabasiisuun adabsiisu raawwatee osoo irra hingahamin kan hafe ta’uun isaa yommuu beekamu, manni murtii murticha murteessu tumaa seeraa adabamtichaaf wayyu /Keewwata 6/ bu’uura godhachuun qabatee, bu’uura tumaalee  yakkoota dachaaf tumamaniin /Keewwata  186/ ni murteessa.  
Haata’u malee, bu’uura murtii duraan yeroon adabbii hidhaa inni raawwate ni hir’ifamaaf.  
Keewwwata 10.  Rikoordii Yakkamtootaa Haquu fi Moggaasuu Ilaalchisee Raawwii Seera Kanaa 
Bu’uura murtiilee seera haqameen kennamaniin galmeen rikoordii yakkamtootaa  galmaa’e haalli itti haqamuu fi yakkamtootni itti moggaafaman bu’uura seera kanaatiin kan qajeelfamu ta’a.  

Kutaa Lama

Haalawwan Iddoo Ilaallatan
Kutaa Xiqqaa Tokko
Raawwii Muummee
Keewwata 11.  Yakkoota Daangaa Itoophiyaa Keessatti Raawwataman; Haalawwan Idilee
Lammiin Itoophiyaa yookiin biyya alaa tokko yakkoota seera kana keessatti tumaman kamiyyuu daangaa Itoophiyaa keessatti kan raawwate yoo ta’e seerri kun isarratti raawwatamaa ni ta’a.
Daangaan Itoophiyaa lafa, qilleensaa fi qaama bishaanii kan hammatu yoo ta’u, bal’inni daangaa isaas akka heera mootummaatiin murtaa’eenidha. 
Tumaan Keewwata kanaa jiraatus, seera addunyaalessaatiin namoota mirga addaa qaban ilaalchisee kan tumaman kan eeggamanidha.
Raawwataan yakkaa biyya biraa kan dhokate yoo ta’e mootummaan Itoophiyaa bu’uura seera isaatiin dhimmichi akka ilaallamu taasisuuf dabarsamee akka kennamuuf gaafachuu ni danda’a. 
Keewwata 12. Haala Addaa, Bakka Bu’ummaa Kennuu
Lammiin biyya alaa daangaa Itoophiyaa keessatti yakka raawwatee sababa biyya alaatti baqachuu isaatiin osoo hin himatamiin yookiin hin adabamiin kan hafe yoo ta’ee fi biyya itti baqaterraa dabarsamee kennamu kan hindanda’amne yoo ta’e; biyyuma sanatti dhimmichi akka ilaallamu mootummaan Itoophiyaa gaafachuu ni danda’a. 
Lammichi biyya alaa yakka raawwateen biyya alaatti himatamee dhimmicharratti murtii dhumaa kennameen bilisa kan bahe yoo ta’e;itti murtaa’ee dhiifama yookiin baraarsa kan argate yoo ta’e; himannichi yookiin adabbichi darbiinsa yerootiin kan hafeef yoo ta’e; yakka kanaan irradeebi’ee hin himatamu.
Yakkamtichi murtii adabbii biyya alaatti itti murtaa’e guutummaan yookiin gartokkeen osoo hin raawwatiin daangaa Itoophiyaa keessatti yoo argameefi akkaataan raawwii adabbichaa bu’uura tumaalee seera kanaatiin darbiinsa yerootiin kan hin dhorkamne yoo ta’e, adabbiin osoo hin raawwatin hafe asumatti irratti raawwatama. 
Akaakuu adabbichaatiin yookiin akkaataa raawwii isaatiin garaagarummaan kan argame yoo ta’e, adabbii biyya alaatti itti murtaa’e waliin adabbiin caalaa wal fakkaataa ta’e irratti ni raawwatama.  
Keewwata 13. Yakka Itoophiyaarratti Daangaa Isheetiin Alatti Raawwatamu
Itoophiyaan ala ta’ee kutaa addaa Seera kanaa, Kitaaba 3ffaa, Mata duree tokkoffaa, Boqonnaa Tokkoffaa fi Kitaabuma kana Mata duree 5ffaa (Keewwata 238-260),(Keewwata 355-374),  jalatti kan tumaman darbuun mootummaa Itoophiyaa, nageenya yookiin tokkummaa isaa, dhaabbilee isaa seeraan hundaa’an,yookiin faayidaa isaa gurguddoo yookiin maallaqa isaa irratti nama yakka raawwate kamiyyuu irratti seerri kun raawwatiinsa ni ta’a.
Kewwata 14. Yakkoota Lammiin Itoophiyaa Mirga Addaa Qabu Biyya Alaa Ta’ee Raawwatu
Tumaan Seera kanaa Keewwati 13 akkuma eegametti ta’ee, miseensi dippiloomaatikaa yookiin qonsiilaa mootummaa Itoophiyaa biyya alaa jiru, ergamaan yookiin bakka bu’aan mootummaa biyya alaatti yakka raawwate bu’uura mirga addaa barmaatilee addunyaalessaa ilaallatuun biyya yakka itti raawwatetti himatamuu kan hin dandeenye yoo ta’e, seerri kun raawwatamaa kan ta’u bu’uura seera Itoopohiyaa fi biyyaa gochichi itti raawwatameetiin akka yakkaatti lakkaawamee kan adabsiisu yoo ta’edha. 
Bu’uura seera Itoophiyaa yookiin seera biyya gochichi itti raawwatameetiin yakkichi iyyannoo dhuunfaadhaan kan adabsiisu yoo ta’e, iyyannoon yoo dhiyaate malee himannichi dhiyaachuu hin danda’u.
Keewwata 15.  Yakka Miseensi Raayyaa Ittisaa Mootummaa Itoophiyaa Biyya AlaaTa’ee Raawwatu
Miseensi Raayyaa Ittisaa Itoophiyaa kamiyyuu haala kanaan osoo jiruu biyya alaattiseera idilee darbuun yakka raawwachuu isaatiin iddoo seera darbetti yoo qabameefi himatame, bu’uuraseeraafiaangoo abbaa seerummaa biyya sanaan murtii kan argatu ta’a.
 Baqatee gara daangaa Itoophiyaa kan gale yoo ta’e,bu’uura seera kana Keewwata  21(2) tiin ni himatama.    
Yakki raawwatame seera kanaa /Keewwata 269-322/ jalatti kanneen tarreeffaman, yakkoota seera addunyaalessaa yookiin gochaa loltummaa irratti raawwataman keessaa tokko yoo ta’e miseensichi raayyaa ittisaamurtii kan argatuseera kanaafi Manneen Murtii Loltummaa Itoophiyaatiin ta’a. 
Keewwata 16. Bu’aa Murtiiwwan Biyya Alaatti Kennaman 
Raawwataan yakkaa kamiyyuu bu’uura Seera kanaa keewwata 11, 13, 14 (1), fi 15 (2) tiin aangoo abbaa seerummaa Itoophiyaa olaanaa jalatti kan gaafatamu yoo ta’u, biyya alaatti kan itti murtaa’e yoo ta’ellee Itoophiyaa keessatti yoo argame yookiin Itoophiyaatti dabarsamee yoo kenname dhimmuma sanaan irradeebiin himatamuufi itti murtaa’uu ni danda’a.
Murtii biyya alaatiin himannaan ala ta’uun yookiin bilisaan gadi lakkifamuun isaa bu’uura seera kanaatiin irra deebiin himatamuu yookiin adabamuu irraa isa hin hambisu.  
Himatamaan yakka raawwateen biyya alaatti itti murtaa’ee adabbii isaa guutummaanis ta’e gar-tokkeen kan raawwate yoo ta’e, manni murtichaa adabbii haaraa yommuu murteessu adabbii dursee raawwate herregee ni hir’isaaf. 

Kutaa Xiqqaa Lama

Raawwii Seera Biroo
Keewwata 17. Yakkoota Seeraa fi Sirna Addunyaalessaa Irratti Itoophiyaan Alatti Raawwtaman
Namni kamiyyuu Itoophiyaan ala ta’ee: 
waliigaltee yookiin seera addunyaalessaa Itoophiyaan waliigalteen fudhatte keessatti  yookiin gocha akka yakka addunyaalessaatti  lakkaawamu raawwachuun, yookiin 
seera  kana keewwata 525, 599, 635, 636, 640 yookiin 641 jalatti kan tumame darbuun fayyaa ummataa yookiin hamilee ummataa miidhuudhaan yakka kan raawwate yoo ta’e, biyya alaatti himatamee murtii dhumaa kan kenname yoo ta’e malee bu’uura tumaalee seera kanaa fi haallawwan waliigalaa armaan gaditti ibsamaniin (Keewwata 19 fi 20(2)tiin himanni isaa Manneen Murtii Itoophiyaatti ilaallama. 
Seera kana keewwata 14 fi 15 (2) jalatti tumaaleen ibsaman kan eeggamaniidha. 
Keewwata  18. Yakkoota Biroo Itoophiyaan Alatti Raawwataman
Namni kamiyyuu Itoophiyaan alatti lammii Itoophiyaarratti yookiin lammiin Itoophiyaa kamiyyuu Itoophiyaan alatti yakkoota keewwatoota armaan olitti ibsamaniin alatti yakkoota biroo yoo raawwate, raawwataan yakkichaa yakkuma raawwate kanaan biyya alaatti osoo hin himatamin yoo hafe seerri yakkaa kun bakka bu’umsaan raawwatamaa kan ta’u: 
Seera biyya gochichi itti raawwatamee fi seera yakkaa Itoophiyaatiin kan adabsiisu ta’uun isaa kan tumame yoo ta’e; fi 
Cimminni yakka raawwatamee bu’uura seera Itoophiyaatiin himatamaan qabamee dabarsamee akka kennamu taasisuuf gahaa ta’ee yoo argamedha.
Lammiin biyya alaa kamiyyuu Itoophiyaan alatti yakka biraa raawwatee Itoophiyaatti yommuu galetti akkaataa seera kanaatiin dabarsamee kan kenname  yookiin haala birootiin kan tumame yoo ta’e malee Itoophiyaa keessatti himatamuu fi dhimmi isaa ilaallamuu kan danda’u akkaataa seera yakkaa Itoophiyaatiin yakkichi adabbii cimaa waggaa kudhanii gadi hintaaneen yookiin du’aan kan adabsiisu yoo ta’edha.
Keewwata  19. Haala Seerri kun Bakka Bu’umsaan Itti Raawwatamu
Seerri kun bakka bu’umsaan raawwatiinsa kan qabaatu:
Biyya yakkichi itti raawwatametti yookiin bu’uura seera Itoophiyaatiin yakkichi kan himachiisu iyyannoo dhuunfaa qofaan yoo ta’u iyyannichi kan dhiyaate yoo ta’e;
Raawwataan yakkichaa daangaa Itoophiyaa keessatti kan argame yoo ta’ee fi dabarsamee kan hin kennamne yoo ta’e, yookiin yakkuma raawwate kanaan dabarsamee Itoophiyaatti kan kenname yoo ta’e; yookiin
Raawwataan yakkichaa bu’uura seera biyya yakkicha raawwatetti rogummaa qabuun dhiifama kan hin arganne yoo ta’e yookiin seera biyya yakkichi itti raawwatameetiin yookiin seera Itoophiyaatiin darbiinsa yerootiin kan hin dhorkamne yoo ta’edha.   
Akaakuu yakkaa seera kana Keewwata 17 fi 19 (2) jalatti ibsaman ilaalchisee haallawwan keewwata kana keewwata xiqqaa 1 (a) fi (c) jallatti tarreeffaman dirqamaan guutamuun isaanii hin barbaachisu. 
Abbaan Alangaa himannaa dhiyeessuun dura Ministira Haqaa waliin mari’achuu qaba. 
Adabbii seerota yakkaa biyya alaa fi Itoophiyaa yakkichaaf tuman jidduu garaagarummaan yommuu jiraatu raawwatiinsa kan qabaatu adabbii seera irra caalaa himatamaa fayyadu keessatti tumamedha. 
Keewwata 20. Bu’aa Murtii Biyya Alaatti Kennamee
Seerri Itoophiyaa seera biyya alaa bakka bu’uu qofaan himatamaa irratti yommuu raawwatamu hunda (keewwata 15 (1), 17 fi 18) raawwataan yakkichaa dhimmuma kanaan biyya alaatti himatamee haala gahaa ta’een bilisa kan bahe yoo ta’e yookiin kan isa hin himachiisnedha jedhamee kan gadi lakkifame yoo ta’e seerri Itoophiyaa isa irratti raawwatamaa hinta’u.
Yakkamaan biyya alaatti himannaan isaa ilaallamee adabbiin itti murtaa’e adabbii isaa kan hin raawwanne yoo ta’e yookiin gar-tokkee isaa qofa kan raawwate yoo ta’e; adabbiin waliigalaa yookiin adabbiin hafe bu’uura seera Itoophiyaa yookiin seera biyya dhimmicha ilaalee murteesseetiin darbiinsa yerootiin kan dhorkame  yoo ta’e malee bu’uura seera kana keessatti tumameen ni raawwatama.
Tumaan keewwata 12(3) akka barbaachisummaa isaatti keewwata kanaaf raawwatamaa ni ta’a. 

Kutaa Sadii

Tumaalee Waliigalaa
Keewwata  21. Dabarsanii Kennuu
Lammii  biyya alaa kan ta’e namni  kamiyyuu daangaa Itoophiyaan ala ta’ee Seera Yakkaa Idilee darbuun yakka raawwateef kan himatame yookiin murtiin adabbii kan itti murtaa’e yoo ta’ee fi daangaa Itoophiyaa kan seene yoo ta’e; akka seerichi ajajuun waliigaltee mootummaalee jidduutti taasifameen yookiin bu’uura seera baratamaa addunyaatiin yakki yakkamaan raawwate Mootummaa Itoophiyaa kallattii fi abbaa dhimmuummaan kan isa hinilaallanne ta’ee yoo argame fi mootummaan biyya inni yakkicha itti raawwatees bu’uura seera biyyichaan akka itti murtaa’u yookiin adabbii isaa akka xumuruuf gaaffii roga qabeessa kan dhiheesse yoo ta’e; qabamee murtiif biyya itti dhiyaatutti yookiin adabbii isaa itti xumurutti dabarsamee kennamuu ni danda’a/Keewwata 13/.
Yakkichi yommuu raawwatames ta’e yookiin raawwataan yakkichaa dabarsamee akka kennamuuf gaaffiin yeroo dhiyaate lammii Itoophiyaa kan ta’e nama kamiyyuu mootummaa biyyaa biraaf dabarsanii kennuun hin danda’amu. Ta’us, raawwatichi bu’uura seera Itoophiyaatiin Manneen Murtii Itoophiyaatti ni ilaalama. 
Yakkoonni dabarsanii kennuu hordofsiisan yommuu raawwataman hunda gaaffichi bu’uura seerota mootummaa Itoophiyaa fi waliigalteeewwan addunyaalessaa ittiin hojjetamuun  ni raawwatama. 
Keewwata  22. Murtiiwwan Biyya Alaatiif Beekamtii Kennuu
Seenaa jireenyaa himatamaa darbee fi sababoota adabbii cimsan, korooraa (sharxii)kennuu fi hambisuu, irra deddeebiin yakka raawwachuu fi adabbii inni hordofsiisu, tarkaanfileen mirkaneessa nageenyaa, himatamaan seera duratti dandeettii kan hin qabne ta’uu isaan fi gonfa irraa mulquu, moggaasuu, haala kaffaltii beenyaa, meeshaalee fudhataman deebisuu fi dhimmota biroo amala hariiroo hawaasummaa qaban akkasumas dhimmoota seera kana irratti tumaman kan biroo ilaalchisee murtii biyya alaatti kennameef beekamtii kennuun ni danda’ama. 
Murtii biyya alaatiif beekamtii kennuun kan danda’amu bu’uura seera Itoophiyaatiin gocha akka yakkaatti lakkaawame irratti mana murtii addaatiin osoo hinta’in murtii mana murtii idileetiin kenname, abbaa taayitaa Itoophiyaa dhimmichi ilaallatuun kan mirkanaa’e yoo ta’edha.   
Murtii biyya alaatti kenname beekuun fudhachuun kan danda’amu bu’uura rikoordii yookiin garagaalcha murtii sirrummaan isaa mirkanaa’e, ragaa surrummaan isaa qaama biyya alaa aangoo abbaa seerummaa yookiin aangoo bulchiinsaa qabuun mirkanaa’een; yookiin ragaaa amanamummaan irratti gatamuu qabuakaakuu biroo kamiiniyyuudha. 

Mata Duree Lama
Yakkaafi Raawwii Isaa
Boqonnaa Tokko 
Gocha Yakkaa
Keewwata 23. Yakka Adabsiisu
Gocha seera alummaafi adabsiisummaan isaa seeraan tumame raawwachuun yakkadha. Seera kana keessatti gochajechuun kan seeraan dhorkame raawwachuu yookiin kan seeraan ajajame raawwachuu dhiisuudha.
Yakki tokko raawwatame kan jedhamu ijoowwan dubbii yakkicha hundeessan kutaa seeraa, kutaa gochaa fi kutaa yaadaa bakka tokkotti guutamanii yoo argaman qofadha.
Tumaan keewwata kana keewwata xiqqaa 2 jiraatuyyuu, jaarmiyaan qaamni namummaa seeraan kennameef bu’uura haallawwan seera kana keewwata 34 jalatti tumameen yakkaan itti gaafatamaa ni ta’a. 
Yakki tokko adabsiisuu kan danda’u manni murtii yakkichi raawwatamuu isaa kan mirkaneessee fi kan adabsiisu ta’ee yoo argedha.
Keewwata  24. Hariiroo Sababaa fi Bu’aa 
Raawwiin yakka tokkoo bu’aa murtaa’e tokko akka fidu kan beekame yommuu ta’e hunda, himatamaan bu’icha argamsiise gocha ittiin himatame ta’uunsaa kan mirkanaa'e yoo ta’e malee yakkichi akka raawwatametti hin lakkaawamu. 
Sababaa fi bu’aa jidduutti hariiroon jira kan jedhamus akkaataa haala beekamaa yookiin adeems baratameen gochi himataamaa bu’aa jedhame argamsiisuu kan danda’u ta’ee yoo argame dha.
Himatamaf haaraa kan ta’e gocha nama biraatiin, wanta uumamaatiin yookiin haala mudannoo tasaatiin kan ka’e sababa dursee qaqqabe,wal-irra bu’ee, yookiin jidduu seeneen bu’aan argame kan uumame yoo ta’e sababani kun of danda’ee bu’aa tokko kan hordofsiise yoo ta’e hariiroon gocha himatamaa fi bu’aa isaa jidduutti uumamuuf ture addan kan citu ta’a.Gochi addaan cite yakka of danda’a ta’ee yommuu argamu adabbiin yakka kanaa irratti ni raawwatamaa. 
Sababootni addaddaa armaan olitti keewwata xiqqaa 2 jalatti tarreeffaman tokkoon tokkoon isaanii of danda’anii bu’aa hordofsiisuu kan hindandeenye yoo ta’es walitti dabalamuun bu’aa kan argamsiisan yoo ta’e tokkoon tokkoon sababaa fi bu’aa argame jidduu hariiroon akka jirutti ni lakkaawama.
Keewwata  25. Yeroo fi Iddoo Yakki Itti Raawwatame 
Iddoo fi yeroon yakki akka itti raawwatameetti lakkaawamu iddoo fi yeroo yakkamaan gocha yakkaa itti raawwate yookiin gocha seerri akka raawwatu dirqisiisu osoo hin raawwatin itti hafedha. 
Yeroo fi iddoon yaaliin yakkaa akka itti raawwatametti lakkaawamu yeroo fi iddoo gochoonni yaalii yakkichaa hundeessan kan jalqabaa yakkamaan itti raawwate yookiin osoo hin raawwatin itti hafedha.
Yakkichi yeroo tokkotti kan hin raawwatamne ta’uu isaatiin gochichii fi bu’aan isaa bakka tokkotti yeroo hin argamnetti yakkichi akka raawwatametti kan lakkaawamu iddoo gochichi itti raawwatame yookiin bu’ichi itti argamettidha. 
Akkasumas, yaaliin yakkaa akka raawwatametti kan lakkaawamu iddoo raawwatichi  yakkicha raawwachuuf itti yaale yookiin bu’aan isaa itti argama jedhee yaadedha. 
Dhiheessa  himannaa ilaalchisee, manni murtii iddoo bu’aan yakkichaa itti argame mana murtii bakka yakkichi itti rawwatame bakka bu’uu isaati.
Seera kana Keewwata 61 jalatti akka tumametti, walitti makamuun yookiin irra deddeebi’amuun gochoota yakka salphaa yookiin adabbii cimsuu danda’u  hundeessuuf  yoo ta’u yookiin gochi yakkichaa  dheeratee yommuu turu, gochoota walitti makaman yookiin irra deddeebi’aman keessaa  tokko yookiin  gocha yakkaa dheeratee ture keessaa bakkaa fi yeroon gar-tokkeen yakkichi itti raawwatame akka iddoo fi yeroo yakkichi itti raawwatameetti lakkaawwama.
Boqonna Lama
Sadarkaa Raawwii Yakkaa 
Keewwata 26.  Gochoota Qophii
Gocha yakkaa qopheessuuf yookiin mijeessuuf keessumattuu meeshaalee walitti qabuun yookiin haalawwan mijawaa uumuun gochoonni raawwataman hin adabsiisan; ta’us gochoonni kun:
ofii isaaniin yakkaa ta’anii kan adabsiisan ta’uu isaanii seeraan kan tumame yoo ta’e; yookiin
cimina yakkootaa fi hanga balaa qaqqabsiisan irraa kan ka’e yakka addaa ta’uun isaanii seeraan ifatti kan tumame yoo ta’e; ni adabsiisu. 
Keewwata  27. Yaalii
Namni kamiyyuu itti yaadee yakka raawwachuuf jalqabee gocha yakkichaa hanga dhumaatti kan hinhordofne yookiin hordofuuf kan hindandeenye yoo ta’e yookiin gochi yakkichaa akka raawwatamu hanga dhumaatti hordofuun bu’aa barbaadame argachuu yoo baates gocha yakkicha raawwachuu yaaluu isaa qofaan balleessaa ni ta’a. 
Yakkichi akka jalqabametti kan lakkaawamu gochi raawwatame haala hin shakkisiisnee fi kallattiin gara galma yakkicha raawwachuuf yaadametti geessisuuf kan raawwatame yommuu ta’edha.    
Seericha keessatti tumaan faallaa ta’e kan jiru yoo ta’e malee yaaliin yakkaa yeroo hundumaa kan adabsiisudha.
Yaaliin gocha yakkaaf kakaasuu yookiin miiltummaa (baabsummaa) ifaan seeraan kan adabsiisudha jedhamee yoo tumame malee hin adabsiisu.
Seera kana keewwta 117 jalatti kan tumame akkuma eegametti ta’ee, gocha yakkichaa yaaluu isaatiin raawwatichi ramaddii yakka raawwachuu barbaadeef adabbii tumameen ni adabama. 
Haallawwan dubbichaa sababoota gahaa kan argamsiisan yommuu argamsiisan garuu manni murtichaa bu’uura dambii adabbii salphisuu idleettiin /Keewwata 179/ adabbicha salphisuu ni danda’a. 
Keewwata 28. Dhiisuu fi Gaabbuu
Raawwatichi gocha yakkaa raawwachuuf ture fedhii isaatiin kan dhiise yoo ta’e; haallawwan dubbichaa sababooota gahaa kan argamsiisan yoo ta’e manni murtichaa bu’uura daangaa seeraan hayyamameen /Keewwata 179/ yookiin akka isaatti fakkaate /Keewwata 180/ adabbicha ni salphisaaf.Gocha yakkichaa kan dhiise qajeeltummaan yookiin sababa miira ol’aanaa ta’een kaka’uu yoo ta’e; manni murtichaa adabbiirraa bilisa isa taasisa. 
Raawwatichi raawwii gocha yakkichaa hanga dhumaatti raawwatee fedhii isaatiin bu’aan akka hin argamane kan dhorke yookiin gumaachi inni taasise bu’aa gaarii kan argamsiise yoo ta’e; manni murtichaa akka isatti fakkkaatetti adabbicha ni salphisaaf /keewwata 180/. 
Tumaan keewwata kanaan ibsame kakaasaa yookiin miiltoo (miiltummaa)gocha yakkaa fedhii isaatiin dhiiseef yookiin yakkichi bu’aa akka hin arganne dhorkuuf gama isaatiin waan isaa dandaa’amu taasiseef /keewwata 36 fi 37/ raawwatama ni ta’a.
Keewwata 29. Yakka Raawwatamuu Hindandeenye 
Tooftaa fi meeshaa kamiiniyyuu yookiin wanta kamiyyuurratti maaliyyuu yoo ta’e yakka raawwatamuu hindandeenye raawwachuuf nama yaaleef manni murtichaa akka isatti fakkaatetti adabbicha ni salphisaaf /Keewwata 180/.
Raawwatichi tooftaa yookiin meeshaa miidhaa geessisuu hin dandeenye kamiiniyyuu,hojii amantiitiin, gowwumaan yookiin dadhabina yaadaatiin yaalii gocha yakkaa yommuu raawwate manni murtichaa adabbii irraa bilisa isa ni taasisa. 
Tumaaleen keewwata kanaa armaan olitti ibsaman nama gochi yakkaa akka raawwatamu kakaase yookiin miiltoo (baabsa) ta’eefis haala walfakkaatuun raawwatamoo ni ta’u. 

Keewwata 30. Yakkoota Yaalii Waliin Hariiroo Qaban
Gochi adeemsa yaalii yakkaa keessatti raawwatamu yakka biroo of danda’e kan hundeessu ta’ee yoo argame, adabbiin yakka kanaaf murtaa’e raawwaticha irratti  raawwatamaa ni ta’a.  
Keewwata 31. Yaada Abbaa Seeraa
Yaalii raawwii gocha yakka addaddaa dhiifame yookiin osoo hinraawwatamin hafe bu’uura seerichi hayyamuun adabbii murteessuuf yookiin barbachisaa ta’ee yoo argame adabbii salphisuuf yookiin keessumattuu adabbii tokko murteessuu gonkuma dhiisuuf manni murtichaa haala dubbichaa ilaaluu fi madaaluu qaba. Keessumattuu, hanga tarkaanfii yaalii yakkichaa fi sadarkaa cimina balaa yaaliin yakkichaa qaqqqabsiisuu danda’u , sababa yaaliin yakkichaa xumura osoo hinargatin itti hafe, sababa raawwatichi yakkicha raawwachuu itti dhiisee fi itti gaabbe, akkasumas  seenaa jireenyaa balleesichaa yeroo darbee fi balaafamummaa amala isaa qorachuu fi madaaluu qaba. 
Bqonnaa sadii
Raawwii Yakkaa Irratti Hirmaataa ta’uu
Keewwata 32. Muummeen Raawwataa Yakkaa Ta’uun Hirmaachuu
Namni kamiyyuu muummeen raawwataa yakkaa ta’uun yakka akka raawwatetti lakkaawamee kan adabamu: 
Kallattii yookiin alkallattiin keessumattuu, beelladaan yookiin humna uumamaatiin dhugumaan yakkicha kan raawwate yoo ta’e;  yookiin
Yakkicha ofii isaatiin kallattiidhaan kan hin raawwanne yoo ta’ellee yaadaa fi  gocha isaa hundaan gocha yakkichaa fi bu’aa inni argamsiisu hunda keessatti gutummaan hirmaataa ta’uun gochicha  kan ofiisaa kan taasise yoo ta’e; yookiin
Daa’ima yookiin nama sammuun isaa sirrii hintaane yookiin haalicha hin hubanne yakka raawwachuuf meeshaa kan godhate, yookiin namni biraa yakka akka raawwatu kan dirqisiise yoo ta’edha. 
Yakki raawwatame yaada raawwataa yakichaatiin ol kan darbe yoo ta’e; dhimmichi kan ilaalamu bu’uura keewwata 58 (3) jalatti ibsameen ta’a. 
Raawwii yakka tokkoo keessatti raawwataa  yakkaa muummee ta’uun namootni lama yookiin isaa ol ta’an hirmaataa yoo ta’an tokkoon tokkoon isaanii bu’uuragulantichaaf murtaa’een ni adabamu. 
Manni Murtichaa haallawwan dhuunfaa /Keewwata 41/, akkasumas hanga balleessaa isaaniitiin tumaalee adabbii ilaallatan /Keewwata 88/ hordofuu qaba. 

Keewwata 33. Yakka Addaatti Hiramaataa Ta’uu
Yakki namoota addaa qofaan raawwatamuu danda’u yommuu mudatu, keessumattuu yakkoota loltummaa ilaallatuun loltuu, yakkoota hojii mootummaatiin wal qabatan ilaalchisee hojjataa mootummaa yookiin dubartii dirqisiisanii gudeeduuf dhiira ta’uun kan barbaachisu yommuu ta’u raawwataan yakkichaa kan jedhame garaagarummaa qabaachu baatu iyyuu,fedhaa fi  beekumsa isaa guutuun hirmaataa guutuu yakkichaa yoo ta’e; akka raawwata yakkaa muummeetti gaafatamuu irraa hin oolu. 
Keewwata 34. Hirmaattummaa Yakkaa Jaarmiyaa Qaamni Namummaa Seeraan Kennameefii
Qaamolee bulchiinsa mootummaa osoo hindabalatin jaarmiyaan qaamni namummaa seeraa kennameef ifatti yommuu tumametti raawwataa yakkaa muummee ta’uun, kakaastummaan yookiin miiltummaan (baabsummaan) yakkaan adabamuu ni danda’a.
Dhaabbatni tokko akka yakka raawwatetti lakkaawamee kan adabamus hooggantoota yookiin hojjattoota isaa keessaa tokko haala hojii dhaabbatichaa waliin wal qabateen faayidaa dhaabbatichaa karaa seeraan alaatiin gaggeessuuf yaaduun, yookiin dirqama seeraa dhaabbatichaa darbuun, yookiin dhaabbaticha akka meeshaatti seeraan ala fayyadamuun raawwtaa muummee ta’uun, kakaastummaan, yookiin miiltummaan (baabsummaan) yakka yommuu raawwatuudha. 
Jaarmiyichi kan adabamu bu’uura keewwata 90(3) fi (4) tiin adabbii maallaqaatiin; barbaachisaa yoo ta’es jaarmiyichi akka dhorkamu, cufamu, yookiin akka diigamu adabbiin dabalataa itti murtaa’uu ni danda’a.
Adabamuun jaarmiyichaa hooggantootni yookiin hojjattotni jaarmiyichaa yakka dhuunfaa isaaniitiin raawwataniif adabbii itti murtaa’u qabu hin hambisu. 
Kaayyoo keewwata kanaatiif “jaarmiyaa” jechuun jaarmiyaa mootummaas ta’e miti-mootummaa yookiin qaama caasaa ummataas ta’e kan dhuunfaa qabu yoo ta’u daldalaaf, industiriif, siyaasaaf, amantaaf yookiin kaayyoo seera qabeessa ta’e biroof kan hundeeffamee fi waldaa mootummadhaan beekamtii argate kamiyyuu ni dabalata. 
Keewwata 35. Yakka Gamtaan Raawwatame
Yakki tokko namoota lakkoofsi isaanii tokkoo ol ta’aniin gamtaan yommuu raawwatame, namni raawwataa yakkichaa ta’uun isaa hin mirkanoofne hin adabamu.
Ta’us namoota kutaa tokko keessatti ramadamaniin yakkoonni kan akka korannaa fi jeequmsa fakkaatan yommuu raawwataman, gamticha keessatti argamuun isaa namni itti mirkanaa’e kan hin adabamne yakkicha keessatti kan hinhirmaanne ta’uu isaa yoo hubachiisedha.

Keewwata 36. Kakaasuu 
Namni kamiyyuu yakki akka raawwatamu kakaaseera kan jedhamu itti yaadee nama biro sossobuun, abdii kennuun, maallaqaan, kennaan, sodaachisuun, yookiin maloota biroo kamiiniyyuu yakka tokko akka raawwatu kan amansiise yoo ta’edha.
Namni kakaaase kan adabamu yoo xiqqaate yakkichi kan yaalame yoo ta’edha. 
Adabbiin itti murtaa’us hanga adabbii yakka raawwatamuuf yaadameef seerichi tumeen walqixadha. Haalawwan dubbichaas sababoota gahaa ta’an yoo argamsiisan hanga seeraan tumameen adabbichi salphachuu ni danda’a /Keewwata 179/. 
Yakki raawwaataan yakkaa muummichi raawwate, kakaasaan kan barbaadeen ol yommuu ta’etti, kakaasaan kan adabamu yakka inni barbaadeen yookiin ni ta’a jedhee tilmaamuu danda’uun qofadha /Keewwata  58 (3)/. Kunis yommuu ta’utti, raawwataan yakkaa muummichi yakka cimaa raawwateef inni qofti itti gaafatamaa ni ta’a.
Keewwata 37. Miiltummaa (Baabsummaa)
Namni kamiyyuu gocha yakkaatiif miiltoodha jedhamee kan lakkaawamu raawwataan yakkaa muummichi yakka raawwachuu isaatiin duras ta’e yookiin yommuu yakka raawwatu, oduu dabarsuudhaan, gorsuudhaan, tooftaa yakki ittiin raawwatamu yookiin meeshaa yookiin gargaarsa qabatamaa kennuudhaan yookiin raawwii yakkichaaf haala fayyaduun karaa kamiiniyyuu itti yaadee kan gargaare  yoo ta’ee dha.
Yakka itti yaadamee raawwatmuuf miiltoo ta’uun yeroo hunda kan adabsiisudha.
Miiltoon kan adabamu yoo xiqqaate yakkichi yoo yaalamedha. 
Adabbiin miiltoo irratti murtaa’u adabbii yakka raawwatamuuf yaadameef adabbii seeraan tumameen walqixadha. Manni murtichaa haala dubbichaa madaaluun daangaa murtii seeran tumame osoo hindarbin miilticha ilaalchisee adabbicha salphisuufii ni danda’a /Keewwata 179/.
Yakki, raaawwataan yakkaa muummichi raawwate miiltichi kan barbaadeen ol yommuu ta’etti,miiltichi kan adabamu yakka inni barbaadeen yookiin  ni ta’a jedhee tilmaamuu danda’uun qofadha /Keewwata  58 (3)/. 
Kunis yommuu ta’utti, raawwataan yakkaa muummichi yakka cimaa raawwateef inni qofti ittigaafatamaa ni ta’a. 
Keewwata 38. Yakka Raawwachuuf Korachuu
Namootni lama yookiin lamaa ol ta’an yakka tokko raawwachuuf kan waliigalan yoo ta’e, tumaaleen waa’ee hirmaattummaa yakkaa fi adabbii cimsuuf tumaman isaanirratti raawwatamoo ni ta’u /Keewwata 84 (1) (d)/.
Ta’us, faayidaalee gurguddoo mootummaa fi humna ittisaa irratti korachuu, waldaalee seera qabeessa hintaane hundeessuu fi waldaalee kana keessatti hirmaachuu, waldaalee namoota daba raawwattootaa yookiin  jaarmiyaaleewwan badootaa fi kan kana fakkaatanii ilaalchisee kutaa addaa seeera kanaa keessatti kan tumaman akkuma eegamanittidha /Keewwata 257, 274, 300 fi 478/.
Keewwata 39. Yakka Beeksisuu Dhiisuu
Seeraan ifatti kan tumame yoo ta’e malee /Keewwata 254 fi 335/ qophii yookiin yaalii yaakka raawwachuuf taasifame, yakka xumura argate yookiin raawwataa yakkichaa beeksisuu dhiisuun yakki erga raawwatamee booda raawwataa yakkichaa gargaaruudha yookiin miiltummaadha jedhamee hin adabsiisu. 
Abbaa aangoo murtiitti  beeksisuu dhiisuu ilaalchisee seera kana keewwata 443 jalatti kan tumame kan eegamedha.
Dirqamootni armaan olitti ibsaman dhiphifamanii hiikamuu qabu. 
Keewwata 40. Erga Yakki Raawwatamee Booda Raawwataa Yakkaa Gargaaruu
Namni kamiyyuu erga yakki raawwatamee booda itti yaadee raawwataan yakkichaa himatamuu fi adabamuu jalaa akka miliqu dhoksuun yookiin karaa biroon kan gargaare yoo ta’e, yookiin mi’a yakkaan argame kan dhokse yoo ta’e, gochoota kanaaf bu’uura tumaalee kutaa addaa seerichaan tumamaniin ni adabama /Keewwata 445,460 fi 682/.
Keewwata 41. Sababootni Dhuunfaa Kan Birootti Kan Hindabarre Ta’uu Isaanii
Namootni lama yookiin lamaa ol ta’an raawwataa yakkaa muummee ta’uun yookiin hirmaattummaa sadarkaa lammaffaatiin yakkaa raawwatanii yommuu argaman, tokkoon tokkoon isaanii sadarkaa hirmaannaa isaaniitiin, hanga badichaatiin, ofii isaa fi gochichi hanga cimina miidhaa hordofsiisuu danda’uun ofii yakka raawwate qofaan ni adabama. 
Adabbii irraa oolchuuf, adabbii salphisuuf yookiin cimsuuf sababa kan ta’an haallawwan naannoo dubbichaa, amaloota addaa balleessichaa, yookiin hariirowwan dhuunfaa raawwataa yakkichaa mataa isaatiif malee namoota birootti kan darban miti. Akksumas, nama dhimmichi kallattiin ilaallatu yoo ta’e malee nama biroo miidhuu yookiin fayyaduu hindanda’u.




Boqonnaa Afur
Yakkoota Karaa Sab-quunnamtiin Raawwataman Keessatti Hirmaataa Ta’uu
Keewwata 42. Qajeeltoo
Seera kana Keewwata 32-41 keessatti tumaman jiraataniyyuu bilisummaa yaada ofii ibsuu eeguu fi bilisummaan kunis daangaa akka hindabarre dhorkuuf haalli karaa yakkoota sabqunnamatiin raawwataman keessatti hirmaataa ta’uu yommuu mudatu tumaaleen boqonnaa kanaa raawwatamoo ni ta’u.
Yakkoonni karaa sabquunnamtiin raawwataman gaazexootaan, kitaabotaan, barreeffamoota xixinnoon, barruuleedhaan, waraqaalee maxxanfamaniin, fakkiiwwaniin, siniimaadhaan, tamsaasa raadiyoon yookiin televiiziyoonaan yookiin mala sabquunnamtii kamiiniyyuu kan raawwatamniidha. 
Yakkichi kan raawwatame karaa sabquunnamtii kanneeniin yoo ta’e kabaja namaa tuquu qofaan osoo hin ta’in nageenya dhuunfaa yookiin waliinii booressuu fi mirga seera yakkaatiin kabajamanii jiran kamiyyuu tuquu ni dabalata; yakkichi raawwatameraa kan jedhamu maloota kanaan ummataaf yommuu ibsamedha.
Keewwata 43. Itti Gaafatamummaa Yakkoota Karaa  Sabqunnamatiin  Raawwatamanii 
1. Maxxansa yeroo yeroon bahuun yakka raawwatamu ilaachisee itti gaafatamummaan jiru haala armaan gadiitiin ta’a. 
Bu’aan pireesichaa yommuu maxxanfamu nama qopheessaa ol’aanaa yookiin itti aanaa qopheessaadhaan galmaa’e;
Maxxansichi yeroo bahetti pireesichi hayyama kan hinqabne yoo ta’e yookiin bu’uura keewwata 1 (a) tiin namni ittigaafatamaa ta’e haalawwan qopheessaa ol’aanaa  taasisu  dandeessisan kan hin guunne  ta’e yoo argame yookiin qopheessummaa ol aa’aandhaan hojjachuusaa kan  dhaabe yoo ta’e, maxxansaan pireesichaa itti gaafatamaa ta’a.
Itti gaafatamummaan qopheessaa ol’aanaa maqaadhaaf yoo ta’e yookiin yeroo bu’aan pireesichaa bahetti qopheessaan ol’aana aangoo isaatti fayyadamuuf akka hindandeenye haalawwan ifaatti agarsiisan kan jiran yoo ta’e, maxxansaan pireesichaa itti gaafatama ni ta’a;
Akka qopheessaa ol’aanaatti akka hojjatu qopheessicha olaanaatiin qopheessaan  bakka bu’e bu’aan pireesicha yeroo bahetti akka qopheessaa ol’aanaatti hojjachuuf haalawwan dandeessisan kan guutu ta’ee yoo argame yookiin yeroon itti muudame kan darbe yoo ta’e yookiin aangoosaatti fayyadamuuf akka hindandeenye haallawwan agarsiisan ifatti kan jiran yoo ta’e, qopheessaa ol’aanaan pireesichaa itti gaafatama ni ta’a;
Yeroo bu’aan pireesichaa tamsa’etti maxxansiisaan pireesichaa beekuun kan hin danda’amne yoo ta’e bakka maxxansiisichaa kan itti gaafatama kan ta’u maxxansaa ta’a;
Eenyummaa maxxansaa beekuun kan hin danda’amne yeroo ta’etti bakka maxxansaa  kan itti gaafatamaa kan ta’u bu’aa pireesichaa irratti maqaan maxxansaa kan hin ibsamne ta’uu isaa yookiin maqaan nama maxxansaa hintaanee sobaan ibsamuu isaa osoo beekuu bu’aa pireesichaa namni kan tamsaase nama kamiyyuu ta’a;
Maxxansa biyya alaatti maxxamfame ilaalchisee  itti gaafatamaa kan ta’u,bu’aa isaatti dhuunfaan fayyadamuuf nama  galchuun ala nama fichisiisaa ta’e yookiin bu’aa pireesicha tamsaase kamiyyuu ni ta’a. 
Bu’aan pireesichaa maxxansa yeroo yeroon bahuun ala hojii maxxansaabiroo yoo ta’e:
Maqaan barreessichaa maxxansicha irratti kan ibsame yoo ta’e barreesichi itti gaafatama ni ta’a. Ta’us, bu’aan pireesichaa kan tamsa’e hayyama barreessichaatiin ala yoo ta’e, yookiin maqaansaa  masoo yookiin dhugaa hintaane maxxansicha irratti kan ibsame  hayyama isaatiin ala ta’uun isaa kan mirkanaa’e yoo ta’e barreessichi ittigaafatamaa hin taa’u. Maxxansaalee yeroo yeroon bahan keessatti bu’aalee maxxansaalee hin haammatamne ilaalchisee qorannaa murtii taasifamuun kamiiniyyuu eenyummaan barreessichaa qulqullaa’uu ni dandaa’a;
Maxxansichi barreessitoota lamaa ol ta’aniin barreeffamoota walitti dhufan akka qabaatu ta’uu isaatiin yookiin kan qabate ta’uu isaatiin barreessichi bu’uura keewwata xiqqaa 2(a)tiin itti gaafatamaa ta’uu kan hin dandeenye yoo ta’eefi qopheessaan ol’aanan maxxansichaa bu’uura seeraaatiin kan muudame yoo ta’e qopheessichi itti gaafatamaa ni ta’a;
Hojii maxxansaa keewwata 2(b) jalatti ibsameen ala hojii maxxansaa biroon yoo ta’e qopheessan ol’aananitti gaafatamaa kana ta’u maxxansichi maxxanfamee yeroo bahetti barreessichi lubbuun kan hin jirre yoo ta’e qofadha. Ta’us, maqaan qopheessichaa, maqaan masoosaa yookiin maqaansaa dhugaa hintaane hayyama qopheessichaatiin ala bu’aa pireeessichaa irratti ibsamuun isaa kan mirkanaa’e yoo ta’e qopheessichi ittigaafatamaa hin ta’u;
Maxxansa yeroo yeroon bahuun ala hojii maxxansaa biroo ilaalchisee akka qopheessaa maxxansichaatti kan lakkaawamu barreessaa maxxansichaa yoo ta’uu baates maxxansichi akka maxxansamufi tamsaafamu kan taasise nama kamiyyuudha;
Bu’uura keewwata kan keewwata xiqqaa 2(a), (b), (c) fi (d)tiin maxxansafi tamsaasa pireesichaatiif barreessichi yookiin qopheessichiitti gaafatamaa yoo hin taa’ne yookiin kan du’e yoo ta’e maxxansiisaan itti gaafatamaa ni ta’a, raawwii keewwata xiqqaa kanaatiif jecha akka maxxansiisaatti kan lakkaawamu hojiiwwan maxxansaalee biroofudhachuun maxxansaafi tamsaasaaf qaqqabsiisuf nama hojjatu kamiyyuudha;
Eenyummaa maxxansiisichaa mirkaneessuun kan hindanda’amne yoo ta’e yookiin maxxanssisaan kan hinjirre yoo ta’e maxxansaan itti gaafatamaa ni ta’a;
Hojiin maxxansaa yeroo yeroonmaxxansa bahu keessatti kan hin hammatamne yoo ta’u tumaan keewwta 1(e) nama maxxansicha tamsaasu irratti haala walfakkaatuun kan raawwatamu ta’a. 
Bu’aan sabquunnamticharaadiyoon yookiin televiiziyoonaan yookiin maloota sabquunnamtii kana fakkaataniin kan tamsa’u yoo ta’e hoogganaan sagantichaa, hogganaan sagantichaa kan hin jirre yoo ta’e abbaan hayyamichaa itti gaafatamaa ta’a. 
Bu’uura keewwata kana keewwata xiqqaa (1), (2) yookiin (3)tiin ibsameen bu’aa sabquunnamtichaatiif sadarajaa jalqabaatti ittigaafatamaa namni ta’e bakki jireenya biyya keessaa isaa kan hinbeekamne yoo ta’e yookiin tessoo bakka jireenya isaa mirkaneessuun kan hin danda’amne yoo ta’e namni isatti aanee ibsame itti gaafatamaa ni ta’a. 
keewwata kanaan yakka karaa bu’aalee sabaqunnamtiitiin raawwatameef iitgaafatamumma murteessuuf jecha qabiyyeen bu’icha beekumsaafi hayyamamummaa nama itti gaafatamummaan irra jiruun akka gale, maxxanfame yookiin tamsa’eetti lakkaawama. 
Dhimma kana irratti ragaa faallaan akka dhiyaatu hin hayyamamu. 
Keewwata 44. Itti Gaafatamummaa Yakkaa Addaa Barreessicha, Nama Yaada Burqisiise Yookiin Maxxansiisichaa
Tumaaleen keewwata 43 akkuma eegamanitti ta’ee yakkoota karaa sabquunnamtiitiin raawwataman, meeshaa waraanaa qabachuun finciluu yookiin waraanaa sumaansii kaasuun mootummaarratti yakka raawwatamu /keewwata 240/, ganuun /Keewwata 248-250/, basaasaan /Keewwata 252/, gocha yakkaatiif kakaasuu fi miiltummaan,yaalii kaakaasuuf yookiin miiltummaan /Keewwata 255/, dhidhiibuu fi hojii qopheessuu qabatamaa hin taane raawwachuu /keewwata 257/, yakkoota mirga namoomaa irratti raawatamaniin /Keewwata 269-274/, ajajootni loltummaa akka caban taasisuuf nama biroo kakaasuun /Keewwata-332/,iccitii loltummaa ibsuu /keewwata 336/, iccitii loltummaa fi mootummaa ibsuun /Keewwata 396 fi 397/, oduu sobaa hafarsanii ummata kakaasuun /keewwata 486 (b)/, yookiin ittigaafatamummaa iccitii eeguu seeraan ajajamee ta’e jedhee  darbuun bu’a sabquunnamtiin ibsameen yookiin tamasa’e barreessummaan, yaada burqisiisuun, yookiin maxxansiistummaan hirmaachuun raawwii yakkichaa irratti namni hirmata ta’e kamiyyuu yakkichaaf itti gaafatamaa ni ta’a.  
Yommuu akkas ta’etti namoota akka raawwataa yakkaa muummeetti, akka kakaastummaatti yookiin akka miiltummaatti yakkicha raawwatan irratti tumaaleen seera kanaahirmaattummaa yakkkaa ilaallatan raawwatamoo ni  ta’u. 
Keewwata 45. Madda Odeeffannoo Iccitiin Eeguu
Maxxansiisaan yookiin qopheessan maxxansa pireesii yeroo yeroon bahu hintaanee kamiyyuu maqaa barreessichaa yookiin maqaa masoo isaa bu’aa pireesichaa irratti akka  ibsu dirqisiisuun kan dhorkameedha. 
Maxxnsiisaan yoookin qopheessaan pireesii kamiyyuu madda oduu yookiin odeeffannoo itti fayyadamee akka ibsu hindirqamu.
Keewwata kana keewwata xiqqaa (1) jalatti kan tumame jiraatuyyuu: 
Seeraa kanaan tumaaleebulchiinsa Heera motummaa, humna ittisa biyyaa, tasgabbii mootummaa fi nageenya biyyoolessaa eeguuf bahan darbuun yakkoota raawwataman ilaalchisee balaa ifaa fi dhiyoo ta’e kan hordofsiisu yommuu ta’u;
Himannaa yakkaa  cimaan yommuu mudatuu fi madda odeeffanichaa beekuun filannoo kan hinqabneefi murteessaa ta’ee yommuu argamu;
Maxxansiisaan yookiin qopheessaan pireesichaa madda odeeffanichaa akka ibsu mana murtiin ajajamuu ni danda’a.    
Keewwata 46. Itti gaafatamummaa Dachaa Hambisuu
Bu’uura walduraa duuba seeraan tumameen hooggantoota keessaa tokko yoo adabame sababuma gocha kanaan kanneen biroo itti gaafatamummaan ala ta’anii adabbii irraa bilisa ni ta’u.
Ta’us, jaarmiyaan sabquunnamtii kamiyyuu walduraa duuba kamiiniyyuu raawwataa yakkaa ibsame waliin yookiin dhuunfaan yakkaan gafatamuurraa bilisa hinta’u. 
Keewwata 47. Mirga Addaa
Maloota sabquunnmatiin akka hin ibsamne seeraan yookiin murtii ifatti kennameen kan dhorkame yoo ta’e malee seera baasaan, abbootii aangoo bulchiinsaa yookiin murtii, barreessaa falmiiwwan yookiin murtiiwwaan dhugaa fi sirrii, maxxansiisaa yookiin namni mala sabquunnamtiin dhiyeessaa ta’e yakkaan gaafatamaa hin ta’u.  










Mata duree Sadii

Haalawwan Raawwataa Yakkichaa Adabsiisan
Boqonnaa Tokko
Itti gaafatamummaa Yakkaa

Kutaa Tokko

Itti Gaafatamummaa Idilee
Keewwata 48. Itti Gaafatamummaa Yakkaa fi Guutummaatti Itti Gaafatamummaan Ala Ta’uu
Bu’uura tumaalee idilee seera yakkaatiin kan adabamu, gocha raawwateef raawwataa yakkaaittigaafatamaa ta’e qofadha.
Namni kamiyyuu umuriidhaan, dhukkubaan, qummuuna guddinaan, yookiin jeeqama cimaa dandeettii hubannaa yookiin madaaluu sammuun, yookiin sababoota armaan gadiiti keewwata 49 keewwata xiqqaa (1) jalatti ibsaman keessaa tokkoon yookiin sababa xinlubbuu walfakkaataa biroo kamiiniyyuu gocha yakkaa yommuu raawwatutti akaakuu yookiin bu’aa gochichaa hubachuuf yookiin bu’uura hubannaa kanaatiin gonkumaa of to’achuu kan hin dandeenye yommuu ta’u,gocha raawwateef gonkumaa kan itti hin gaaftamane waan ta’eef hin adabamu.
Manni Murtii raawwataa yakka itti gaafatamaa hin taaneef eeggannoowwan yaalaa yookiin eegumsaa mijaa’aa ta’an kan seeraan tumaman akka taasifamaniif ni ajaja /Keewwata 129-131/.
Keewwata 49. Itti Gaafatamummaa Gar-tokkee 
Sababoota armaan olitti keewwata 48 keewwata xiqqaa (2) jalatti ibsaman keessaa tokkoon yookiin sababa dhukkuba sammuutiin haala sirriidhaan madaaluu yookiin hubachuu dadhabuudhaan, qummuuna guddinni sammuutiin, yookiin haala hinbaratamne yookiin guutuu hintaaneen yookiin sababa xinlubbuu walfakkaataa biroo kamiiniyyurrattii namni argamu gocha yakkaa yommuu raawwatu akaakuu yookiin bu’aa gochichaa hubachuuf yookiin bu’uura hubannaa kanaatiin of to’achuuf dandeettii inni qabu gar-tokkee yoo ta’e,yakka raawwateef adabbii tumame keessaa gar-tokkeen irratti raawwatama ni ta’a. Manni murtichaa adabbicha akka itti fakkaatetti kan murteessu bu’uura keewwata 180 tiindha.
Manni Murtichaa adabbicharratti dabalataan bu’uura seerichi hayyamuun /Keewwata  129-131/yaalii yookiin eegumsi akka taasifamuuf yookiin amalli isaa akka sirraa’u ajaja barbaachisaa kennuu ni danda’a. 

Keewwata 50. Machiidhaan yookiin Haala walfakkaataabiroon Itti Gaafatamummaan AlaTa’uu Uumameen Yakkoota Raawwataman 
Namani kamiyyuu yakka tokko raawwachuuf karoorsuun yookiin raawwachuu akka danda’u osoo beekuu dhugaatii alkoolitiin yookiin wanta sammuu adoochuun yookiin toftaa akaakuu birootiin itti yaadee gara itti gaafatamummaan ala yookiin itti gaafatamummaa gar-tokkeetti  of galchuun yakkicha kan raawwate yoo ta’e; tumaaleen bilisa baasan yookiin adabbii salphisan hin raawwatamaniif.Dhimma akaakuu akkasii irratti tumaaleen waliigalaa yakkaa raawwatamoo ni ta’u.
Raawwatichi yakka raawwachuuf kan isa saaxilu ta’uu isaa osoo beekuu yookiin beekuu osoo danda’uu yookiin beekuu osoo qabuu balleessaa isaatiin gara ittigaafatamummaan alaa guututti yookiin ittigaafatamummaa gar-tokkeetti erga ofgalchee booda haala kanan osoo jiruu yakka kan raawwate yoo ta’e; yakkichi bu’uura dagannoon kan adabasiisu ta’ee yoo argame raawwatichi bu’uura tumaalee idilee  yakka dagannoo ilaalchisee tumamaniin itti gaafatamaa ni ta’a /Keewwata 59/. 
Raawwatichi balleessaa ofisaatiin gara itti gaafatamummaan alaa guutuutti erga of galche booda yakka raawwachuuf hinbarbaadne yookiin hinyaadne raawwate yommuu argamu, tumaan nageenya ummataa irratti miidhaa geessiisuu ilaalchisee kutaa addaa seera kanaa keessatti tumame /keewwata 491/ raawwatamaa ni ta’a.
Balleessaa tokkollee osoo hinqabaatin yookiin nama biraatiin dirqamee haala itti gaafatamummaan ala guutuu keessa yommuu jirutti namni yakka raawwate yakkaan gaafatamaa hin ta’u. 
Keewwata 51. Haalawwan Shakkisiisaan Yommuu Muudatan Ogeessa Addatiin Qorannoo Taasifamu
Itti gaafatamummaan  guutuu yookiin gartokkee himatamtichaa shakkisiisaa ta’ee yommuu argamu hunda manni murtichaa waa’ee dhimma kanaa beekumsa addaa kan qabu yaadaa ogeessaa gaafachuu qaba;barbaachisaa yoo ta’es amala, seenaa jireenyasaa darbee fi haallawwan himatamtichaa irratti  qorannoon akka taasifamu ajaja kennuu ni danda’a.
 Keessumaattuu, himatamtichi dhukkuba sammuu kan qabu yookiin dhukkuba gaggabdoon kan jeeqamu ta’uusaaf, yookiin dhagahuufi dubbachuu kan hindandeenye ta’uusaaf yookiin wanta sammuu adoochuun yookiin dhukkuba yeroo hunda dhugaatii amaleeffachuun kan tuqame ta’uu isaa haalawwan agarsiisan yommuu argamanitti;kanumaaf yaada ogeessa beekumsa addaa qabugaafachuun dirqama. 
Manni Murtichaa bu’uura sirna baratameen ogeessa yookiin ogeessota dandeettii addaa qaban ni filata.
Akkasumas hojii isaanii fi dhimmoota isaan qulqulleessan ibsee  isaan beeksisa.

Qorannichi himatamatichi yommuu yakkicha raawwatee fi murtiif yommuu dhiyaatetti haala jiru, dandeettii madaaluu fi murteessuu isaarra bu’aa geessisuu danda’u mirkaneessuu qaba.Dabalataanis, akaakuu yaalaa fayyadan yookiin tarkaanfilee mirkaneessa nageenya mana murtichaaf ibsuu qaba. 
Manni Murtichaa bu’uura ibsa argame kanaatiin  itti gaafatamummaa himatamaa ilaalchisee murtii seera qabeessa barbaachisaa ta’e ni kenna. Manni murtichaa dhimmicha irratti bu’uura godhatee qabachuu kan qabuyaada ogeesichi addaaakkaata seeraatiin dhiheessuuf osoo hintaan gama saayinsiitiin sirriitti qo’atamee bu’aa ibsa dhiyaatef irratti bu’uureffachuun ta’a.

Kutaa lama

Daa’immanii fi  Dargaggoo Gaa’ila Hingeenye RaawwattootaYakkaa Ta’an
Keewwata 52. Seerri Yakkaa Daa’imman Irratti Raawwatiinsa Kan Hinqabaanne Ta’uu Isaa
Daa’imman umuriin isaanii waggaa sagal hinguunne seera yakkaatiin ittigaafatamtoota ta’anii hin lakkaawwaman. Isaan kana irrattis tumaaleen seera yakkaa kanaa raawwatamoo hin ta’an. 
Daa’imman yakka yommuu raawwatanmaatiin, barsiisonni, bulchitoonni isaanii yookiin qaamoleebirooneeggannoowwan barbaachisaa ta’an ni taasisuuf. 
Keewwata 53. Tumaalee Addaa Dargaggoo Raawwattoota Yakkaa Ta’an Irratti Raawwataman
Dargaggoonni umuriin isaanii waggaa sagalii hanga kudha shanii guute yakka yommuu raawwatan adabbiifi tarkaanfileen eeggannoo isaan irratti murtaa’an keewwata 157-188 jalatti kanneen tumaman qofadha.
Tumaaleen adabbiilee idilee balleessitoota ga’eessotaaf tumaman rawwatttota yakkaa dargaggootaf raawwatiinsa  hin qaban; ga’eessota waliinis hin hidhaman.
Dargaggoonni raawwattoota yakkaa ta’an yakka raawwataniif balleessaa ta’anii kan argaman yoo ta’e malee seera kanaa keewwata 158-168 jalatti tumaaleen jiran raawwatamoo hin ta’an. 
Ta’us, dargaggichi itti gaafatamummaa kan hinqabne yommuu ta’etti tumaaleen  seera kanaa keewwati 129133 raawwatiinsa ni qabaatu. 
Keewwata 54. Ragummaa fi Qulqulleessa Ogeessa Addaa
Manni murtichaa murtii kennuuf barbaachisaa ta’ee yommuu itti mul’atutti, amala dargaggoo gaa’ilaaf hingeenyee, haala guddisa isaa, haala jiruu fi jireenya isaa odeeffannoo beekuu barbaadu ni gaafata. Warra, barsiisota, bulchitoota isaa fi dhaabbilee dhimmi ilaallaturraa yaada fudhahuu ni danda’a. 
Nammonnii fi jaarmiyaaleen armaan olitti ibsaman dargaggoo gaa’ilaaf hingeenye, akkasumas maatiisaa kan ilaallatanii fi galmeelee dhuunfaa harka isaaniitti argaman, keessumaattuu odeeffannoowwan barreeffamaa waa’ee fayyaa fi jireenya hawaasummaa isaa tarreeffamaan qabatan akka dhiyeessan manni murtichaa ajajuu ni danda’a.  
Manni Murtii adabbii yookiin tarkaanfileen eeggannoo murteessuu isaatiin dura dargaggoon gaa’ilaaf hingeenye  wiirtuu fayyaa yookiin barnootaa  tokkotti, mana keessatti yookiin iddoo mijaa’aa birootti hordoffiin irratti taaasifamaa akka turu ajajuu ni danda’a. 
Manni Murtichaa haala qaamaa fi sammuu dargaggoo balleessaa raawwatee ilaalchisee ragaa ogeessaa gaafachuu ni danda’a. Akkasummas, haala qaamaa fi sammuu dargaggichaa beeekuu fi tarkaanfii barumsaa, sirreeffamaa fi eegumsaa mijaa’aa ta’e murteessuuf akka isa gargaaruuf ogeessichaaf gaaffiiwwan barbachisaa ta’an dhiyeessuu ni danda’a. 
Manni murtichaa yommuu murtii kennu bu’uura taasisee qabachuu kan qabu yaada ogeessichi addaa gama seeraatiin dhiheessuuf osoo hinta’in bu’aa gama saayinsiitiin sirriitti qoratamee isaaf dhiyaatudha.   
Keewwata 55. Haala Murtii Adabbichaa Yookkiin Tarkaanfii Eeggannoo  
Manni murtii dargaggeecha balleessaa raawwate irratti adabbii yookiin tarkaanfii eeggannoo yommuu murteessutti umurii, amala, haala guddina sammuufi hamilee isaa, akkasumas adabbichi yookiin tarkaanfichi eeggannoo balleessicha irratti jijjiirama gaarii fiduu danda’uu tilmaamma keessa galchuudhan ta’a. 
Manni murtichaa bu’aa fooyya’aa argamsiisa jedhee yommuu itti amanu ajajicha jijijjiiruu ni danda’a /Keewwata 164/. 
Keewwata 56. Raawwattoota Yakkaa Dargaggoota Waggaa 15 ol, Waggaa 18 Gadi Ta’an   
Rawwatichi yakka yommuu raawwatetti umurii waggaa kudha shan caalu qabaatee, garuu ammoo waggaa kudha saddeet kan hin guunne yoo ta’e; dhimmichi kan ilaalamu bu’uura tumaalee idilee seericha keessatti ibsamaniin ta’a. 
Ta’us manni murtichaa adabbicha kan murteessu haala dubbichaa madaaluun keessumattuu, hanga umurii dargaggummaa himatamtichaa, sirraa’uu kan hindandeenye ta’uu isaa fi balaafamummaa isaa, carraan amalli isaa fooyya’uu danda’u kana isa qunnamuta’uufi ta’uu dhabuu isaa hubachuun tumaalee idilee adabbii salphisan /Keewwta 179/ bu’uura godhatee qabachuun yookiin fooyya’aa ta’ee yoo itti mul’ate sirna murtii adabbii addaa yakkamtoota gaa’ilaaf hingeenyeef ramadame /Keewwata 166-168/ hordofuudhaan ta’a. 


Boqonnaa Lama

Yakkaan Balleessaa Ta’uu

Kutaa Tokko

Yaada, Dagannoo fi Wanta Tasaa
Keewwata 57. Qajeeltoo, Balleessaa Yakkaa fi Wanta Tasaa
Bu’uura seerichaatiin balleessummaan isaa kan mirkanaa’e yoo ta’e malee namni kamiyyuu adabamuu hindanda’u. 
Namni gocha isaatiif ittigaafatamaa ta’uu qabu itti yaadee yookiin dagannoodhaan yakka tokko kan raawwate yoo ta’e malee yakkaan balleessaa hin ta’u. 
Namni kamiyyuu gochi inni raawwate seeraan kan adabsiisu yoo ta’ellee balleessaa tokko osoo hin raawwatin yookiin sababa humnaa ol ta’een yookiin wantatasamudateen kan raawwatame yookiin kan qaqqabe ta’ee yommuu argamu seera yakkaatiin itti murtaa’uu hinqabu.  

Kutaa Xiqqaa Tokko

Yakka Qeenxeen Balleessaa Ta’uu
Keewwata 58. Itti Yaaduun Yakka Raawwachuu
Namni kamiyyuu itti yaadee yakka raawwateera kan jedhamu: 
Bu’aa murtaa’e tokko argachuuf jedhee gocha seeraan alaa fi adabsiisuu beekaa fedhii isaatiin kan raawwate yoo ta’e; yookiin
Gochichi seeraan alaa fi bu’aa adabsiisu kan hordofsiisu ta’uu isaa osoo beekuu kan ta’e haa ta’u jedhee bu’aa isaa fudhachuun gochicha kan raawwate yoo ta’edha.
Gochi yakkaa itti yaadamee raawwatame bu’uura seeraatiin /Keewwata 68-81/ kan hin adabsiisne yookiin dhiifama kan kennisiisu yoo ta’e malee yoomiyyuu ni adabsiisa. 
Tumaaleen dagannoo ilaalchisanii tumaman akkuma eegamanitti ta’ee namni kamiiyyuu waan hin beekneen, waan hinbarbaadneen yookiin kallattiidhaan yookiin tasaan wanta yaada isaatiin ol ta’een itti murtaa’uu hin danda’u.
Keewwata 59. Dagannoon Yakka Raawwachuu 
Namni kamiyyuu dagannoon gocha yakkaa raawwateera kan jedhamu:
gochichi yakkaan bu’aa adabasiisu kan hordofsiisu ta’uu isaa osoo beekuu hin qaqqabu tilmaama jedhuun yookiin madaaluu dhiisuun;yookiin
gochichi yakkaan bu’aan adabsiisu kan hordofsiisu ta’uu isaa beekuu osoo qabuu yookiin beekuu osoo danda’uu, tilmamuu dadhabuun yookiin yaaduu dhiisuun; gochicha kan raawwate yoo ta’edha. 
Dagannoon yakkaas jira kan jedhamu haalli dhuunfaa raawwataa yakkichaa, keessumattuuumuriin isaa, muuxannoo jireenyaa inni qabu, sadarkaa barumsaa isaa, hojiin isaafi sadarkaan jireenya hawaasummaa isaa yommuu madaalamu haalawwan dhimmichaatiin raawwatamuu qabu jedhamee eeggannoowwan isaarraa barbaadaman kan hintaasisne yoo ta’edha.
Akaakuu yookiin cimina balleessaa raawwatameen yookiin sababa balaa hawaasarraan gahuu danda’uun seera keessatti addatti ni adabsiisa jedhamee kan tumame yoo ta’e malee gochi dagannoon raawwatame hin adabsiisu.
Manni murtichaa raawwataa yakkichaa irratti adabbii kan murteessu, bu’aa gochichi hordofsiisuu danada’u, raawwataan yakkichaa sammuu isaatiin osoo hubatuu yookiin hubachuu osoo qabuu madaaluu dhabuu isaa irraan kan ka’e sadarkaa balleessaa raawwatee fi amala balaafamummaa isaa qorachuun ta’a.

Kutaa Xiqqaa Lama

Yakkoota Dachaa fi Irra deddeeddebi’ummaan Balleessaa Ta’uu
Keewwata 60. Yakkoota Dachaa
Namni kamiyyuu yakkootadachaa raawwateera kan jedhamu:
yakkoota qabatamoo akaakuu tokko yookiin addaddaa lama yookiin lama kan caalan kamiyyuu walitti aansuudhaan kan rawwate yoo ta’e; yookiin
gocha tokkoon yeroo tokkotti tumaalee seeraa lamaa yookiin lamaa ol ta’an darbuun yookiin gocha tokkoon yakkoota bu’aa qabatamaa addaddaa hordofsiisan raawwachuun yakkoota dachaa kan raawwate yoo ta’e; yookiin
yaada yakka tokko raawwachuun yookiin dagannoon yakki inni raawwate tumaa seeraa tokko kan darbu ta’ee mirga yookiin faayidaa namoota lakkoofsi isaanii lamaa ol ta’erratti miidhaa akaakuu tokko qabu kan hordofsiise yoo ta’edha. 
Keewwata 61. Balleessaa Tokkoof Adabbiin Tokko Ta’uu Isaa
Mirga seeraan eeagame tokko irratti gochoonni yakkaa walitti makaman tokko yookiin tokkoo ol ta’an kan raawwataman yaada yakka tokko raawwachuuf  yookiin dagannoon yommuu ta’uu fi gochoonni kun hundi tumaa seeraa tokkoon kan hammataman yommuu ta’u raawwataan yakkichaa tumaalee adabbii dachaa amala walfakkaataa qaban lamaa fi lamaa ol caalaniin hinadabamu.
Mirga seeraan eegame  tokko sanarratti irra deddeebi’amanii yookiin walitti aananii gochoonni yakkaa raawwataman yaada yakka tokko raawwachuuf yookiin dagannoon yommuu raawwataman akka yakka tokkootti lakkaawamu. Raawwataan yakkichaa yakka akka yakka tokkootti lakkaawameef yookiin walitti aanuun raawwatameef kanaan malee tokkoon tokkooon gochichaa walitti aanee raawwatameef hinadabamu.
Akkasumas, raawwataan yakkichaa gochoota yakkaa irra deddeebi’ee yookiin walitti aansee rawwachuun isaa; yookiin yakka akka amaleeffannaatti yookin ogummaatti qabachuun  isaa yakka salphaa yookiin  yakka adabbii cimsuu danda’u tokko kan hundeessu ta’uun isaa yookiin gochi yakkichaa yeroo murtaa’eef dheeratee yommuu turu akka gocha yakka qeentee raawwateetti malee yakkoota dachaa  akka raawwatetti hin lakkaawamu.
Raawwatichi yakka murtaa’e raawwachuuf yaada qaba jedhamee yommuu tilmaamamutti;keessumattuu badhaadhina hinmalleef argachuuf qabeenya irratti yakka kan raawwate yoo ta’e yookiin maallaqa sobaa kan hojjate yoo ta’e yookiin maallaqni kun akka naanneffamu taasiseera yoo ta’e yookiin sanada sobaa qopheessee yookiin itti fayyadameera yoo ta’e kaayyoo balleessaa isaa isa jalqabaa galmaan gahuuf jecha yakka bu’uura ta’e booda walitti aansuudhaan gochi inni raawwate yaada isaa duraanii fi galma bira gahuuf karoorfate waliin hariiroo kan qabu  ta’ee yakkicha muummee keessatti ni hammatama. 
Keewwata 62. Yakka Adabbii Haaraa Hordofsiisu Irradeddeebi’uu
Raawwatichi armaan olitti yakka amala keewwata 61 jalatti ibsame qabu erga raawwatee booda yakka duraan raawwatee ture waliin amala walfakkaataa kan qabu yaadaa haarawaan yookiin dagannoon yakka biraa irradeebi’uun yoo raawwate, yakkicha kan raawwate nama duraan miidhee ture yookiin mirga seeraan eegame sana irratti ta’uyyuu yakki kun yakka haaraa waan ta’eef manni murtichaa keewwata 184 jalatti waa’ee yakkoota dachaa ilaalchisee bu’uura tumameen adabbicha ni cimsa. 
Keewwata 63. Yakkoonni Hariiroo Qaban Yommuu Raawwtaman Balleessummaa Jiraatu   
Raawwatichi yakka biroo raawwachuuf akka isaaf mijatu yookiin yakka duraan raawwateef dawoo akka isaaf ta’u yakka biroo kan raawwate yoo ta’ee fi yakka muummee raawwachuuf yaade kanaaf yoo xiqqaate kan yaale yoo ta’e, seerichi akka yakka cimaa tokkootti kan lakkaa’u yoo ta’e malee dambiin raawwii adabbii waa’ee adabbii yakkoota dachaa /Keewwata 184/ jalatti kan tumame irratti ni raawwatama. 
Keewwata 64. Yakkoonni Qabatamoo  Dachaa Biroon Yommuu Raawwataman Balleessummaa Jiru  
Keewwata 62 fi 63 jalatti kan ibsameen alatti yakkoota walfakkaataa yookiin     adda addaa raawwataan yakkichaa walitti aansee kan raawwate yoo ta’e, yakkoota dacha qabatamoo raawwachuu isaatiin tumaan keewwata 184 irratti ni raawwatama. 

Keewwata 65. Tumaalee Seeraa Darbuun Yakkoota Walitti Hidhaamiinsa Qaban Raawwachuun Balleessuumma Jiru
Raawwataan yakkichaa gocha tokkoon yeroo tokkotti tumaalee seeraa dachaan kan darbe yoo ta’e yakka dachaa raawwachuu isaatiin adabbiin kan murtaa’u bu’uura keewwata 187 (1) tiin ta’a.  
Keewwata 66. Yakkoota Dachaa Bu’aa Qabatamaa Hordofsiisan Ilaalchisee Balleessummaa Jiru
1. Meeshaa waraanaatiin, meeshaa balaafamaatiin, ibiddaan, wanta dhohuun, summiidhaan, yookiin qoricha adoochu fayyadamuun nama yookiin qabeenya irratti miidhaa qaqqabsiisuun yakki tokko yommuu raawwatamu yakki biroo kan akka lubbuu namaa dabarsuu yookiin qaama namaa yookiin qabeenya namaarratti miidhaa  qaqqabsiisuu kan fakkaatu raawwatamee yommuu argamu manni murtichaa balleessummaa fi adabbii raawwataa yakkichaa kan murteessuu bu’uura qajeeltoowwan armaan gadiitiin ta’a. 
raawwatichi yakka jalqabaa kan raawwate bu’aa yakkichi argamsiisuu yookiin hordofsiisuu danda’u karoorfachuun yookiin dursee beekee fudhachuun yoo ta’e/Keewwwta 58(1)/,yakkoota ittiyaadee raawwate tokkoo ol ta’an hundeessuuf haallawwan isaaniif ta’an guutamuu isaanii mirkaneessuun bu’uura tumaalee dhimmicha ilaallataniin /Keewwata 184 fi 187(2)(a)/manni mutichaa yakkoota dachaa sanaaf adabbicha cimsuun ni murteessa. 
yakki raawwatichi itti yaadee raawwate yakka dagannoon adabsiisu yommuu hordofsiise /Keewwata 59(1)/yakkoonni inni ittiyaadee fi dagannoon raawwate dachaa waan ta’aniif, manni murtichaa bu’uuruma kanaan adabbicha ni cimsa /Keewwta 187(2)(b)/. 
yakki raawwatichi jalqaba raawwate yakka dagannoon adabsiisu kan biroo yommuu hordofsiise yakkoonni dagannoon raawwataman dachaa waan ta’aniif manni murtichaa bu’uuruma kanaan adabbicha ni cimsa /Keewwta 187 (2) (b)/.
2. keessumattuu nageenya hawaasaa irratti balaa qaqqabsiisaniin;kan akka balaa ibiddaa, wantoota dhohanitti fayyadamuun, quunnamtii ummataa yookiin fayyaa ummataa irratti balaa kan geessisu akkasumas, namoota balaaf saaxiluu, dhamaasuu, jeequmsa, dubartii ulfarraa ulfa baasuu, yookiin  dirqiisiisanii gudeeduu raawwachuu ilaalchisee yakki muummee yommuu raawwatamuu fi  yakkichi dachaan bu’aa sababa kanaa yommuu ta’u, dambiin adabbii cimsuu tilmaama keessa galuu qaba /Keewwta 187 (2) (c)/ fi /keewwta 184/. 
Keewwata 67. Irradeddeebii Ilaalchisee Balleessummaa Jiru
Raawwataan yakkichaa irra deddeebi’uun yakka raawwateera jechuun manni murtii adabbii kan cimsu /Keewwata 188/ adabbii hidhaa itti murtaa’e guutummaan yookiin gar tokkeen guyyaaxumure yookiin adabbiin kun dhiifamaan guyyaa hafeefirraa eegalee  yeroo waggaa shanii keessatti yakka haaraa ka’umsi adabbii isaa hidhaa salphaa ji’a jaha ta’en adabsiisuu danda’u itti yaadee kan raawwate yoo ta’edha.

Kutaa Lama

Gochoota Seeraan Hayyamaman,Haallawwan  Hinadabsiisneefi Dhiifama Kennisiisan
Kutaa Xiqqaa Tokko
Gochoota Seeraan  Hayyamaman
Keewwata 68. Gochoota Seeraan Ajajaman yookiin Hayyamaman 
Gochoonni seeraan ajajaman yookiin hayyamaman keessumattuu:
daangaa seeraa osoo hindarbiin hojii tajaajila ummataa raawwatame yookiin raawwii hojii mootummaa yookiin loltummaa gochoota ilaallatan yommuu ta’an;
daangaa tilmaama sammuu idilaawaa baratame keessaa kan hin baane  mirga sirreessa amalaa yookiin mirga aangoo raawwachiisa naamusaa gochoota hojiirra oolchan yommuu ta’an; yookiin
mirga dhuunfaa seeraan beekamtii argate hojiirra oolchuuf gochoota raawwataman yommuu ta’anii fi raawwiin isaanii daangaa seeraa kan hin dabarre yoo ta’e;akka yakkaatti kan hin lakkaawamnee fi kan hin adabsiisnedha. 
Keewwata 69. Dirqama Hojii Ogummaa
  Dirqama hojii ogummaa bahuuf gochoonni raawwataman dambii fi hojmaata baratmaa ogummichaatiin ala yoo ta’uu baatanii fi balleessaa ogummaa cimaadhaan yoo raawwataman malee hin adabsiisan.  

Kutaa Xiqqaa Lama

Haalawwan Hin Adabsiisneefi Dhiifama Kennisiisan
Keewwata 70. Hayyama Miidhamaa
Yakki raawwatichi raawwate iyyannoo dhuunfaan kan adabsiisu fi gocha miidhamtichi yookiin bakka bu’aan seeraa isaa hayyame yoo ta’e hin adabsiisu.
Tumaan seera kanaa Keewwatin 573 akkuma eegametti ta’ee, namni kamiyyuu kaayyoo daldalaa osoo hinqabaatin waliigaltee fedhii isaatiin taasisun, namni biraa faayidaa dhuunfaa isaatiif akka oolchu yookiin jaarmiyaan namummaan seeraa kennameef qorannoo yookiin yaalii saayinsawaa  rogummaa fi barbaachisummaa qabu akka irratti gaggeessu qaama isaa, kutaa qaama isaa yookiin qaama isaa keessaa tokko lubbuun osoo jiruu yommuu kennuutti yookiin erga du’ee booda akka kennamu yommuu taasisu fudhataan yakkaan itti hin gaafatamu.   

Keewwata 71. Guutummaan Dirqisiifamuu
Karaa ofirraa ittisuu hin dandeenyeen miidhaa guutummaan dirqisiifamee irra gahuuuf ture haala hin caalleen namni yakka raawwate yakka dirqamee raawwateef hin adabamu /keewwata 32(1) (c)/. 
Manni murtichaa haalli guutummaan dirqisiifamuu jiraachuu isaa kan murteessu haala dubichaa, keessumattuu, akaakuu dirqisifamichaa, hanga cimina isaas, akkasumas haala sadarkaa jireenyaa dirqisiifamaa fi umurii isaa keessumattuu hanga humna lamaan isaanii fi haala gadaantummaa fi olaantummaa dirqisifamaa fi dirqisiisaa gidduu jiru tilmaama keessa galchuunidha.
Keewwata 72. Dirqisiifama Moo’achuuf Danda’amu
Dirqisiifamni irra qaqqabe dhorkamuu kan danada’amu ta’ee moo’achuuf yookiin gochicha raawwachuu jalaa miliquuf dandeettii osoo qabuu nama yakka raawwate irratti manni murtii akka itti fakkaatetti adabbicha ni salphisa /Keewwata 180/. 
Keewwata 73. Itti Gaafatamummaa Ajaja Kennaa
Namani ajajamaa ta’e muudamaa bulchiinsaa yookiin loltummaa olaanaa mirga ajajuu qaburraa ajaja ifatti kennameefiin gocha tokko yommuu raawwatutti, gochichi yakka yoo ta’ee fi ajaja kennameefiin ala yoo hin taane /keewwata 58(3)/ yakka raawwatameef itti gaafaatamaa kan ta’uu fi yakkaan adabamu nama ajajicha kennedha.
Keewwata 74. Itti Gaafatamummaa Raawwataa Ajajicha 
Raawwataan ajajichaa ajajichi seeraan ala ta’uu isaa, keessumattuu, ajajaan ajajicha kennuuf aangoo kan hin qabne ta’uu yookiin gochichi yakka ta’uu isaa osoo beekuu, gochi raawwates ajjeechaa lubbuu yookiin gubiinsa yookiin namoota yookiin qabeenya yookiin nageenya biyyaa fi faayidaalee gurguddoo hawaasaa yookiin seera addunyaalessaa irraatti balaa cimaa qaqqabe yommuu ta’u badii isaaf itti gaafatamaa ta’ee ni adabama. 
Raawwataan ajajichaa miirri naamusa eeguu yookiin ajajamummaa itti dhagahamee ajajicha kan raawwate yoo ta’e manni murtichaa akka itti fakkaatetti adabbicha salphisuu fi ni danda’a;keessumattuu, ajajichi dirqisiisaa yoo ta’e manni murtichaa akka itti fakkaatetti adabbicha ni salphisaaf /Keewwata 180/. 
Raawwataan ajajichaa balleessaa kan raawwate hojii mootumma yookiin gocha naamusa hojii loltummaa raawwachisuuf dirqamni kan irra jiru ta’ee ajajicha mormuu fi falmuuf kan hindandeenye ta’uu isaatiin kallattiin raawwachuu malee karaa wayya’aa biroo argachuu kan hin daandeenye ta’u isaa manni murtichaa ifatti yommuu hubate adabbicha guutummaan hambisuufii ni danda’a.  
Raawwataan ajajichaa ajaja kennameen ala darbuun itti yaadee yakka raawwateef inni qofti itti gaafatamaa ta’uun ni adabama. 
Keewwata 75. Haala Dirqisiisaa 
Mirga ofii yookiin nama biroo balaa cimaa dhiyeenyatti qaqqabu iraa oolchuuf gochi raawwatame, balaa kana karaa biraa dhabamsiisuun kan hin danda’amne yoo ta’ee fi raawwatichi tooftaalee haalicha waliin wal madaalutti kan fayyadame yoo ta’e hin adabsiisu. 
Lubbuu yookiin nageenya namaa eeguuf namni dirqama ogummaa adda ta’e qabu gochi walfakkaataan inni raawwatu keewwata kana jalatti adabbii irraa bilisa isa hintaasisu;ta’us, manni murtichaa akka itti fakkaatetti adabbicha ni salphisaaf /keewwata 180/
Keewwata 76. Daangaa Haala Dirqisiisaa Darbuu 
Bu’uura haalawwan naannoo dubbichaatiin mirga balaaf saaxilamee jiru aarsaa taasisuun barbaachisaa ta’ee yoo argame yookiin miidhaan nama biraa irratti raawwatame hanga barbaadamuu ol yoo ta’e; yookiin haalli dirqisiisaan raawwataan gochichaa keessa jiru yookiin haalli balaa sanaa badii isaatiin kan dhufe yoo ta’e; manni murtichaa akka itti fakkaatetti adabbicha ni salphisaaf /Keewwata 180/.   
Keewwata 77. Haala Dirqisiisaa Loltummaa
Yeroo balaa loltummaa, keessumattuu, jeequmsa korannaa yoo ta’e yookiin adda waraanaa irratti ajajaan loltuu tokko yookiin muudamaan ol’aanaa ta’e hojii tajaajila isaa irra yommuu jirutti naamusa kabachiisuuf yookiin gocha ajajamummaa barbaachisaa hojiirra oolchuuf yeroowwan tarreeffaman kana keessatti  tasgabbii barbaachisaa argamsiisuuf tooftaan biraa dhabamuu isaatiin gochi raawwate hin adabsiisu.
Raawwatichi haalli dubbichaa kan dirqisiisuu irra darbee raawwatee yoo argame manni murtichaa akka itti fakkaateen adabbicha ni salphisaaf /Keewwata 180/, yookiin haalli dubbichaa addatti kan dirqisiisu ta’ee yommuu argamu adabbicha irraa bilisa taasisuu ni danda’a. 
Keewwata 78. Of Irraa Ittisuu Seera Qabeessa
Mirga isaa yookiin kan nama biroo miidhaa seeraan alaa irraa yookiin miidhaa seeraan alaa dhiyeenyatti qaqqabu irraa oolchuuf miidhaan sun akka hinqaqqabne taasisuuf karaa biroonyoo hin jiraannee hanga haalichaa osoo hindarbin gochi raawwatame hin adabsiisu. 
Keewwata 79. Hanga Of Irraa Ittisuu Seera Qabeessa Darbuu
Tooftaa yookiin meeshaa walmadaalaa hin taaneen fayyadamuun yookiin miidhaa seeraan alaa yookiin miidhaa seeraan alaa dhiyeenyatti qaqqabuun isaa hin oolle ittisuuf gocha barbaachisu ol darbee raawwachuun hanga of irraa ittisuu seera qabeessa ta’e nama darbeef manni murtichaa akka itti fakkaatetti adabbichaa ni salphisaaf /Keewwata 180/. 
Miidhaa of irraa ittisuuf jecha badiin qaqqabsiise hanga isaa kan darbe sababa sodaa, naasuu tasaa yookiin aarii miidhaan sun hordofsiiseen dhiifama argamsiisuu danda’uun yoo ta’e manni murtichaa adabbicha irraa gutummaan hanga bilisa ta’uutti isa geessisuu ni dand’a.  
Keewwata 80. Ijoo Dubbii Dogoggoruu
Haala sirrummaa ijoo dubbichaa hubannoo dogoggoraa qabatee namni tokko gocha yakkaa kan raawwate yoo ta’e dhimmichi hubannoo dogoggoraa raawwatichaa bu’uura godhachuun ni ilaalama. 
Yakka raawwachuuf yaadee kan hin raawwanne ta’uun isaa kan ibsame yoo ta’e adabbiin isa irra hin gahu. Ta’us, gochichi dagannoodhaan kan isa adabsiisu yoo ta’u,bu’uura keewwata 59tiin gaafatama ni ta’a. 
Ijoo dubbii dogoggoruun namni yakka raawwate gochi dogoggoraa inni raawwate kun yakka adabsiisu biroo kan hordofsiise yoo ta’e badii isaa kanaan adabamuu irraa hin oolu. 
Dogoggorri eenyummaa miidhamaa yookiin wanta yakki irratti raawwatame irratti taasifamee gochicha yakka ta’uu isaa hin hambisu. 
Keewwata 81. Seera Dogoggoruu fi Seera Wallaaluu
Seera wallaaluun yookiin seera dogoggoruun ittisa ta’uu hin danda’u. 
Gochicha raawwachuuf mirga kan qabu ta’uu isaa yaada gaariin amanuu fi amantaa dogoggoraa akkasii irratti argamuufis yakkamaa sababa gahaa fi mirkanaa’e qabuuf manni murtichaa akka itti fakkaatetti adabbicha ni salphisaaf /Keewwata 180/.  
Manni Murtichaa adabbii kan murteessu sababa dogoggora irra isa geessise, keessumattuu, haala naannoo dogoggorichaa fi dubbichaa tilmaamuundha. 
sababin gahaan kan itti argamuu danda’uu fi Beekuu dhabuufi yaada gaarii guutuu ta’e, akkasumas yakkicha raawwachuuf yaadni jiraachuun isaa haalawwan ifatti hin mul’anne addaatiin manni murtichaa adabbii irraa bilisa taasisuu ni danda’a.

Kutaa Sadii

Sababoota Adabbii Salphisanii fi Cimsan
Keewwata 82. Sababoota Waliigalaa Adabbii Salphisan
1. Manni Murtichaa murtii seeraan tumame osoo hin darbin adabbii kan salphisu /Keewwata 179/:
Yakkamtichi hanga yeroo yakkicha raawwateetti amalli isaa yeroo hundaa gaarii yoo ta’ee fi kan balleesses xiqqaachuu beekumsaan, beekuu dhabuun,  garraamuummaan, yookiin mudannaa hin yaadamnee fi tasaan yoo ta’e;
Yakkamtichi yakkicha kan raawwate fedhii kabajamaa fi faayidaa dhuunfaa irratti hin hundoofneen yookiin amantaa ol’aanaa amantiin, safuun yookiin hawaasummaan kaka’ee yoo ta’e;
Yakkamtichi yakkicha kan raawwate dhabiinsa ol’aanaan yookiin dararama hamileeirra gaheen, wanti balaaa cimaa fiduu dada’u kan itti aggaamame se’ee, sodaan qabatamummaaqabuirra gahee yookiin sababa dhiibbaa nama aangoo isaa jalatti inni ajajamuufiin yookiin isa bulchuun yoo ta’e;
Yakkamtichi yakkicha kan raawwate amalli nama miidhamee qorumsa cimaarra isa buusee, kakaastummaa jeequmsa cimaatiin yookiin sababa arrabsoo saalfachiisuun yookiin aarii cimaaf, dararama yookiin dallansuuf kan isa saaxile yoo ta’e; yookiin haala dirqamsiisa ol’aanaa qabuun  miira jijjiiruun yookiin  jeequmsa miiraa sababa qabu keessa seenuun yoo ta’e; yookiin
Yakkamtichi yakkicha erga raawwatee booda dhugummaan kan gaabbe ta’uu isaa, keessumattuu, nama miidhaa irratti qaqqabsiiseef gargaarsa barbaachisaa kennuun,yookiin balleessaa isaa hubachuun qaamolee haqaatti of kennuun yookiin hanga danda’ametti miidhaa badiin yakkichaa qaqqabsiiseef beenyaa kaffaluun gaabbuu isaa gochaan kan agarsiise yoo ta’e; yookiin himatamee yommuu mana murtiitti dhiyaate tarreeffama yakkaa himannaa irratti ibsame hunda kan amane yoo ta’edha.
2. Kutaa addaa seerichaa keessatti tumaa addaatiin haalawwan yookiin sababoonni kun adabbii salphisuuf yommuu tumamanitti manni murtichaa sababootuma kana adabbii salphisuuf irra deebi’uun itti fayyadamuu hin danda’u.
Keewwata 83. Sababoota Addaa Adabbii Salphisan; Firummaa fi Michummaa Cimaa   
Bu’uura keewwata 180tiin sababa addaa adabbii salphisan ta’uun isaanii haallawwan tumaalee adda addaa kutaa addaa seera kanaa keessatti ibsaman irratti dabalataan yakkamtichi gocha faallaa seeraa kan rawwaate, keessumattuu, yakka raawwachuu isaafi yakkamticha osoo beekuu abbaa aangoo murtiitti dirqama beeksisuuf qabu kan hin raawwanne yookiin gargaarsa kennuuf qabu kan hin kennine, ibsa, ragummaa, yookiin odeeffannoo sobaa kan kenne yookiin yakkamtichi himannaa yookiin raawwii adabbii jalaa akka miliqu kan gargaare ofii isaa, fira dhiigaa yookiin fira gaa’ilaa isaa dhihoo yookiin michooma cimaa addaan nama isatti dhihaatu adabbiif, salphinaaf, yookiin balaa cimaaf akka hin saaxilleef yoo ta’e manni murtichaa akka itti fakkaatetti adabbicha ni salphisaaf /Keewwata 180/. 
Manni murtichaa firummaa dhiigaa yookiin gaa’ilaa yookiin walitti dhufeenya michooma cimaa isaaf dhiyaate sababa gahaa ta’uu isaa mirkaneessuu qaba.  
Badiin yakkamtichiitti gaafatamu baayyee cimaa kan hintaanee fi walitti dhufeenyi firummaa yookiin michoomaa jedhame kun baay’ee cimaa ta’uu isaatiin haalli dubbichaa miira dhiphisu isarraan kan gahe ta’uu isaatiin yoo ta’e; manni murtichaa yakkamticha akeekkachisuun yookiin dheekkamsa qofaan bira darbuun adabbii murtaa’uu danda’u biro irraa bilisa isa taasisuu ni danda’a /Keewwata 122/. 
Tumaaleen yakkoota balaa cimaa fi ol’aanaa qaqqabsiisuu danda’an ilaallatan akkuma eeggamanitti dha /Keewwata254 (4/, /Keewwata 335(3) fi 682(4)/.
Keewwata 84. Sababoota Waliigalaa Adabbii Cimsan            
1. Manni Murtichaa murtii seeraan tumame osoo hin darbin adabbiilee kan cimsu (183):
yakkamtichi yakkicha kan raawwate gantummaan yookiin saragummaan, salphummaan yookiin amala badaa goomannaa, jibbiinsa, ofittummaa agarsiisuun,wanta gadhee raawwachuuf yookiin nama miidhuuf fedhii guutuu qabaachuun yookiin hammeenya yookiin garajabina addaatiin yoo ta’e;
yakkicha kan raawwate aangoo isaa, hojii isaa, yookiin amantaa yookiin ittigaafatamummmaa isarra kaa’ame haala hin malleen itti tajaajilamuun yoo ta’e;
yakkamtichi balleessummaa isaa duraatiin, yakka raawwachuu ogummaa yookiin barsiifata godhatee qabachuun isaa yookiin tooftaan, yeroon, iddoo fi haalli  raawwii yakkichaa,keessumattuu halkaniin yookiin shororkaadhaan yookiin jeequmsaan, balaa dawoo godhachuun, meeshaa waraanaatiin yookiin meeshaa balaafamaa birootiin yakkicha raawwachuun balaafamaa addaa ta’uu isaa kan agarsiise yoo ta’e;
yakkamtichi yakkicha kan raawwate bu’uura waliigaltee yakka raawwachuuf taasifameen yookiin  kanneen biroo waliin ta’uun yookin garee yakka raawwachuuf hundeeffame waliin waliigaluun yookiin miseensa ta’uun keessumattuu akka hoogganaa, gurmeessaa yookiin gaggeessaa garee yakkaa ta’uun yoo ta’e; yookiin
yakkamtichi yakkicha kan raawwate umurii isaatiin, haala fayyaa isaatiin, haala jireenya yookiin hojii isaatiin nama eegumsa addaa isa barnaachisu irratti keessumattuu, ofirraa ittisuuf nama humna hin qabne, dadhabina sammuu, dhukkubsataa yookiin qaama midhamaa, hidhamaa, yookiin fira isaa dhiyoo irratti yookiin nama ol’aanaa isaa yookiin gadi aanaa isaa ta’e irratti yoo ta’e, abbaa aangoo seeraan hundeeffame yookiin hojjataa tajaajilaa ummataa dirqama hojii isaa raawwataa jiru irratti yoo ta’edha.
2. Haalawwan kun kutaa addaa seerichaa keessatti yakka hundeessuuf yookiin adabbii cimsuuf sababoota akka ta’an yommuu tumametti adabbii yakkichaa cimsuuf jecha manni murtichaa haaluma kana irra deebi’uun sababa gochuu hin danda’u.      
Keewwata 85. Sababoota Addaa Adabbii Cimsan; Yakkoota Dachaa fi Irradeddeebii 
Yakkoonni dachaa fi irra deddeebi’uun yommuu  mudatu    adabbichi kan cimu bu’uura seera kana /Keewwata 184-188/ jalatti tumameen ni ta’a. 
Keewwata 86. Sababoota WaliigalaaBiroo Adabbii Salphisaniifi Cimsan
Adabbii salphisuuf /Keewwata 179/ yookiin cimsuuf /Keewwata 182/ kan   dandeessisu, sababni gahaa biroon seeraan ifatti hin tumamne yommuu argamuufi kanuma manni    murtichaa kan fudhatu yommuu ta’u maaliif akka fudhate ibsuun barreessuu qaba. 

No comments:

Post a Comment

Featured Post

Procedure for Obtaining of Telecommunication Resale Services License in Ethiopia

Procedure for Obtaining of Telecommunication Resale Services License in Ethiopia The Standardization and Regulation Directorate of the...