Kitaaba Afuraffaa
Yakkoota Faayidaalee UmmataFi
Jireenya Hawaasummaa Irratti Raawwataman
Mata Duree Tokko
Yakkota Amanannaa Ummataa Irratti
Raawwataman
Boqonnaa Tokko
Sanadoota Sobaa Uumuu, Sanadoota sobaatti Jijjiiruufi Balleessuu
Keewwata 375. Soba Qabatamaan
Raawwatamu
Namni kamiyyuu mirga yookiin
faayidaa nama biroo miidhuuf, yookiin mirga yookiin faayidaa hin malle kamiyyuu
ofiif argachuuf yookiin nama biroof argamsiisuuf yaaduun:
(a) falmiileen
seeraa yommuu adeemsifaman ragummaan kan dhihaatan, ijoo dubbii tokko
mirkaneessuu kan dandeessisan yookiin kan mirkaneessan fakkaatan kan akka barreeffamaa, sanadoota
biroo yookiin wantoota qabatamoo fakkaatan kan uumee yoo ta’e;yookiin
(b) sanada
sobaa qopheessuuf mallattoo qubaa nama birootiin, mallattoo qubeessaatiin,
mallattoon yookiin chaappan kan fayyadame yoo ta’e;
(c) barreeffama
dhugaa jijjiiruun yookiin laaquuun mallattoo sobaan, mallattoo harkaan
taasifame yookiin mallattoo qubaan, chaappan, yookiin aangoo yookiin dandeettii
hin qabne akka qabu fakkeessee mallatteessun sanada sobaa kan uume yoo ta’e;
yookiin
(d) sanada
tokko, keessumattu maqaa yookiin mallattoo nama mallatteessee yookiin
qabiyee lakkoofsa, ijoo dubbii yookiin
tarreeffama ibsaa sanadichaa guutummaan yookiin gartokkeen jijjiiruun,
fooyyeessuun hir’isuun yookiin dabaluun yookiin balleessuun sobaatti kan
jijjire yoo ta’e;
Hidhaa salphaa ji’a sadii hin
caalleen, yookiin dubbichi baayyee ulfaataayommuu ta’etti hidhaa cimaa waggaa
kudhan hin caalleen ni adabama.
Keewwata 376. Haala Dhokataa
Ta’een Soba Raawwatamu
Namni Kamiyyuu yaada Yakkaa
armaan olitti keewwata 375 jalatti ibsameen ka’uun sanadni tokko yommuu
qophaa’utti, bu’aa seera qabeessa kan qabu yookiin qabaachuu danda’u ijoo
dubbii sobaa kamiyyuu kan galche yookiin akka galu kan taasise yoo ta’e;
Bu’uura armaan olitti
keewwata 375 jalatti tumameen ni adabama.
Keewwata 377. Haalawwan
Addaa
Namni kamiyyuu yaada yakkaa
armaan olitti keewwata 375 jalatti ibsameen ka’uun:
(a) qabiyyee
sanada tokko ilaalchisee dogoggorsuun namni biroo sanada biroo yookiin sanada
qabiyyeebiroo qabu irratti kan mallatteesse se’ee akka doggoggoru kan taasise
yoo ta’e; yookiin
(b) maqaa
nama hayyama isaa hin taaneen yookiin hin jirreen sanada kan kenne yoo ta’e;
Adabbiin armaan olitti keewwata 375 jalatti tumameen ni adabama.
Keewwata 378. Sanada
Sobaatiin Tajaajilamu
Namni kamiyyuu sanada sobaan
qophaa’een yookiin gara sobaatti jijjiirameen osoo beekuu kan itti tajaajilame
yoo ta’e; adabbii armaan olitti keewwata 375 jalatti tumameen ni adabama.
Keewwata 379.
SanadootaMootummaa Yookiin Loltummaa Fakkeessanii Qopheessuu Yookiin
Sobaatti Jijjiiruu
1. Boqonnaa
kana keessatti armaan olitti yakkoota ibsaman keessaa tokko kan raawwatame:
(a)
galmee mootummaa tokko, sanada beekamaa yookiin sanada
faayidaa ummataa ilaallatu irratti yoo ta’e; yookiin
(b)
sanada galmee mootummaa yookiin ummataatti galmaa’e
yookiin dhaamoo namni du’e offisaa harka isaatiin barreesse irratti yoo ta’e;
yookiin
(c)
sanada ittisa biyyaa, yookiin caasaa,jaarmiyaa, raawwii
hojii yookiin dhimmaaraayyaa ittisaailaallatu irratti yoo ta’e;
Adabbichi hidhaa cimaa waggaa
kudha shan hin caallee ni ta’a.
2.
Yakkichi kan raawwatame hojjetaa mootummaa galmeewwan,
barreeffamoota, sanadoota beekamoo yookiin sanadoota biroo kana fakkaatan akka
qopheessu, akka galmeessuu, akka eegu, yookiin isaan kana keessaa waraabbii
akka kennu itti gaafatamummaan keennameefiin yoo ta’e; Adabbichi hidhaa cimaa
waggaa shanii hanga waggaa digdamii shanii gahu ni ta’a.
Raawwiin
yakkichaa baayyee ulfaataa yommuu ta’etti adabbichi hidhaa cimaa umurii guutuu
ni ta’a.
Keewwata 380. Sanadoota Balleessuu
1.
Namni kamiyyuu, yaada yakkaa keewwata 375 jalatti ibsameen
ka’ee sanada nama biroo irratti ajajuu hin dandeenye irratti miidhaan akka
qaqqabukan taasise, kan tarsaasekan balleesse faayidaa irraa akka hin oollee
kan taasise, yookiin kan fudhate yoo ta’e;
Dubbichi salphaa yoo ta’e
hidhaa salphaa waggaa lama hin caalleen, dubbichi ulfaataa yommuu ta’etti
hidhaa cimaa waggaa shan hin caalleen ni adabama.
2. Balleessichi
yakkicha kan raawwate miseensa maatii isaa, fira dhihoo isaa yookiin nama isaa
waliin faayidaan yookiin jaalalaan walitti hidhame yookiin isa waliin jiraatu
irratti yoo ta’e; adabamuu kan danda’u iyyannoon dhuunfaan yoo dhihaatedha.
Keewwta 381.
SanadootaMootummaa Yookiin Loltummaa Balleessuu.
1. Yakki
armaan olitti keewwata 380 jalatti ibsame kan raawwatame sanadoota mootummaa
yookiinummataa yookiin loltummaa irraatti yoo ta’e adabbichi hidhaa cimaa
waggaa kudhan hin caaleedha.
2.
Yakkichi kan raawwatme hojjetaa mootummaa sanada akkannaa akka qopheessu, akka galmeessu, akka
eegu yookiin akka kennu itti gaafatamummaan kennameefiin yoo ta’e; Adabbichi
hidhaa cimaa waggaa digdamii shan hin caalleedha.
Haalli raawwii yakkichaa
baayyee ulfaataa yeroo ta’etti adabbichi
hidhaa cimaa umurii guutuu ni ta’a.
3. Yakkichi
kan raawwatame dagannoon yoo ta’e adabbichi hidhaa salphaa yookiin adabbii
maallaqaa ta’a.
Keewwata
382.SanadootaDaldalaa Yookiin Wabummaa
Daddarboo Sobaatti Jijjiiruufi
Balleessuu.
1. Yakki
sanada gara sobaatti jijjiiruuyookiin kanumaan tajaajilamuu yookiin namni biroo
akka itti tajaajilanu taasisuu kan raawwatame waraqaa maallaqni ittiin ergamu
(Hawaalaa), cheekiin, sanada waadaa, buukii (dabtara) baankiin yookiin sanada
baankiif ittin dabarsan, kardii ittiin daldalamu yokiin sanada jaarmiyaa
mallaqa kaa’u yookiin liqeessu keessatti argamu yookiin sanda aksiyoonaa
irratti yoo tahe adabbichi hidhaa cimaa waggaa kudhan hin caalle ni ta’a.
2. Gochi
keewwata 380 jalatti ibsame sanadoota
yookiin ragoota kanneen irratti kan raawwatame yoo ta’e; adabbichi
hidhaa cimaa waggaa kudhan hin caalee ni ta’a.
3. Gochi
Keewwata 380 jalatti ibsame sanadoota yookiin ragoota kanneen irratti kan
raawwatame dagannoon yoo ta’e; adabbichi hidhaa salphaa yookiin adabbii
maallaqaan ta’a.
Keewwata
383. Barreeffama Akka Haadhootti (Dhugaatti) Lakkaa’amu yookiin Waraabbii
Sirrii Gochi
gara sobaatti jijjiiruu yookiin balleessuu waraabbii sirrii bakka sanadicha
haadhoo ta’aniiyookiin warabbii sirii akka sanada haadhootti akka lakkaa’amu
mirkanaa’e irratti kan raawwatamubu’uura seerichaatiintumaalee boqonnaa kanaa
ragummaa qabaniin ni adabsiisa.
Keewwata 384. Waraaqaalee
Tajaajila GeejjibaUmmataafi Waraqaalee Geejjibaa Sobaatti Jijjiiruufi Isanuma
Kanatti Tajaajilamuu.
1. Namni
kamiyyuu mirga yookiin faayidaa maallaqaa nama biroo irratti midhaa geesisuuf
yookiin faayidaa hin malle argachuuf yookiin argachiisuuf yaaduun:
(a)
lafarra, gaalaanarra, yookiin qilleensarra namootii,
beenladooti yookiini mi’ooti yookiin shaqaxni kan ittiin deeddebi’an
waraaqaaalee geejjibaa, tikeetota yookiin sanadoota geejjibaa aangoo seeraa
osoo hin qabaatiin kan hojjete yookiin gara sobaatti kan jijjire yookiin
fakkeessee kan hojjete yoo ta’e; yookiin
(b)
dhugaa kan ta’an tikeetota, nagahewwan yookiin sanadoota
gejjibaa, kanneenuma eerga tajaajilanii, haqamani yookiin uramanii booda irra deebiin itti fayyadamuf
yookiin namni biroo akka itti tajaajilamu taasisuuf bifa tikeetii, nagahee yookiin sanada
geejjibaa dhugaa kan kenneef yoo ta’e;
Hidhaa salphaafi adabbii
maallaqaan ni adabama.
2.
Namni kamiyyuu, osoo beekuu tikeetota, nagahewwan yookiin
sanadoota geejjibaa gara sobaatti jijjiiraman yookiin taajaajila kennan kanneen
akka dhugaa taasisee kan itti tajjajilame yoo ta’e; Adabbii maallaqaan, yookiin
akka haala dubbichaatti hidhaa salphaa ji’a sadii hin caalleen ni adabama.
Boqonnaa Lama
Waraqaalee Ragaaa Irratti Soba
Raawwatamu
Keewwata 385. Waraqaalee
Ragaaa Sobaa.
1. Namni
Kamiyyuu faayidaa yookiin fooyya’insa
argachuuf yookiin argachiisuuf yaaduun:
(a)
barreeffamoota mirgaargamsiisuu dandaa’an, ragaaalee haala
dhuunfaa ibsan yookiin waraaqaalee ragaa
yookiin sanadoota mirkaneessaa ragaa dhimma akaakuu kamiiniyyuu illaallatan gara sobaatti jijjiire yookiin
fakkeessee kan hojjete yookiin osoo beekuu sanada kana fakkaatanitti nama biroof
akka itti tajaajilamuf kan kenne yoo ta’e; yookiin
(b)
sanada gara sobaatti jijjiirame yookiin fakkeeffamee
hojjetame yookiin sanada dhugaa tajaajila hin yaadamne yookiin isa kana hin
ilaallanne osoo beekuu kan itti tajaajilame yoo ta’e;
Hidhaa salphaan yookiin
adabbii maallaqaan ni adabama.
Sanadni kun dhimma dhuunfaa
kan qabate yoo ta’e; hidhaa salphaa waggaa tokko hin caalleen ni adabsisa;
yookiin sanadichi amala uummatummaa kan qabu ta’ee akka waraqaa eenyummaa yookiin waraqaa ragaa
dhaloota yookiinragaa mirkaneessa hiyyummaa, aamala gaarii, gahumsa yookiin
gahumsa dhabuu yookiin waraabbii galmee
ummataa yookiin to’annaa yoo ta’e; adabbichi hidhaa salphaa ji’a sadii
gadi hin taane ni ta’a.
2. Yakkichi
kan raawwatame hojjetaa mootummaa sanadoota kannen fakkaatan akka qopheessu,
akka kaa’u, akka eegu yookiin akka kennu itti gaafatamummaan kennameefiin yoo
ta’efi yakka kana kan raawwate mirga namabiroo irratti miidhaa geessisuuf osoo
hin yaadin yoo ta’e/Keewwata 375/; adabbichi hidhaa salphaa ji’a jaha hanga
waggaa shanii gahuun yookiin adabbii maallaqaa, yookiin lamaaninuu ta’a.
3. Yakkichi
kan raawwatame dagannoon yoo ta’e adabbii maallaqaa qarshii kuma tokko hin caallee ni ta’a.
Keewwata 386.Ragaaa
Ofiseelawaa Soba Ta’e Waliin Dha’uun Argachuu
Namni kamiyyuu fayidaa
yookiin fooyaa’iinsa argachuuf yookiin argachiisuuf yaaduun:
(a) hojjetaa
mootummaa yookiin nama ijoo dubii bu’aa seeraa qabu mirkaneessuuf yookiin
hundeessuuf aangoon kennameef kamiyyuu gowwamsuun, sirruummaa guuyaafi baraa,
raga, mallattoo yookiin warrabbii tokko yookiin ijoon dubbii kana fakkaatu
kamiiniyyuu sobaan akka mirkaneessu kan sossobe yoo ta’e; Yookiin
(b) nama
biroo dogongorsuuf sanada akkanan kan tajaajilame yoo ta’e; hidhaa salphaan yookiin adabbii maallaqaan ni
adabama.
Keewwata 387. Waraqaa Ragaa
Yaalaa Sobaa
1.
Hakiimii,haakiimii ilkanii, caareessaa qorichaa
(farmaasistii),hakiimii beelladaa, deesiftuu yookiin nama biroo ogummaa
haakimuummaa isaatiin yaala ilaalchisee waraqaa ragaa kennuuf mirga kana qabu
namni biroo kamiyyuu waraqaan ragaa hojiirra akka ooluu osoo beekuu, nama
fudhatu saanaaf faayidaa hin malle argachiisuu kan danda’u yookiin fayidaa
seera qabeessa namabiroo kan miidhu waraqaa ragaa yaalaa sobaa qopheessee
barreessee kan kenne yoo ta’e;
hidhaa salphaan yookiin adabbii maallaqaan ni
adabama. Yakkichi yeroo irra deddeebi’ametti hojii oguumaa isaa ilaalchise
adabbiin dabalataa murtaa’u kan
raggaa’ee ta’a/Keewwta 123 (c)/.
2. Waraqaaragaa
yaalaa sobaa kennuun kan raawwatame kennaan waadaa kennaan yookiin fayidaa
biroon yoo ta’e; adabbichi hidhaa cimaa waggaa kudhan hin caalleefi adabbii
maallaqaa qarshii kuma shantama hin
caalleen ta’a.
3. Waraqaa
ragaa yaalaa soba sana kan qopheesse hojjetaa mootummaa ta’ee yakkicha kan
raawwate aangoodhuma isaa ofiisalawaa kanaan yoo ta’e; adabbichi yakka keewwata
xiqqaa (1) jalatti ibsameef hidhaa salphaa waggaa sadii gadi hin taane, yookiin
dubbbichi ulfaataa yommuu ta’etti hidhaa cimaa waggaa kudhan hin caalee, yaaka
keewwata xiqqaa (2) jalatti ibsameef hidhaa cimaa waggaa kudha shan hin
caaleefi adabbii maallaqaa qarshii kuma dhibba tokko hin caallee ni ta’a.
4. Namni
kamiyyuu waraqaa ragaa sobaan qoophaa’e ta’uu isaa osoo beekuu nama biroo
gowwomsuuf kan itti tajaajilame yoo ta’e; adabbii keewwata kana keewwata xiqqaa
(1) jalatti tumameen ni adabama.
Keewwata 388. Yakkoota Dachaa
Namnii kamiyyuu waraqaa ragaa
sobaa, jecha ragummaa sobaa yookiin waraqaa ragaa sirrii isa hin ilaallanne
yookiin akka inni itti tajaajilamu hin yaadamne argatee itti yaade kanumatti
fayyadamuun yakka dabalataa raawwachuuf kan itti tajaajilame yoo ta’e;
keessumattuu yakka amantaa hir’isuu yookiin gowwomsuu ta’ee, yakkichi yoo
xiqqaate kan yaalame yoo ta’e;
Manni murtichaa tumaalee
adabbiin yakkoota dacha ittiin cimuu/Keewwta 66/ hordofuun adabbicha ni
murteessa.
Keewwata 389.Kenniinsaafi
Galmeessa Jecha Soba
1. Hojjechiisaan,
abbaan yookiin hoji gaggeessaan hoteelaa yookiin mana ciisichaa kamiiyyuu
yookiin to’annaa abbaa aangoof akka ta’u tarreeffama namoota dhuunfaa yookiin
gochoota akka galmeessu bu’uura seeraatiin dirqamni kan irra kaa’ame namni
biroo kamiyyuu; itti yaadee:
(a)
maqaa namaa, guyyaafi bara, yookiin ibsa namaa yookiin
mi’aa dhugaa hin taane kan galmeesse, kan galmeessise, yookiin akka galmaa’u
kan hayyame yoo ta’e; yookiin
(b)
bu’uura haala dhugummaa isaatiin osoo hin galmeessin yookiin akka galmaa’u osoo hin taasisin kan
hafe yoo ta’e;
Hidhaa salphaan yookiin
adabbii maallaqaan ni adabama.
2. Balleessichi
Yakkicha kan raawwate fedhii faayidaan yoo ta’e; adabbichi hidhaa salphaa
waggaa tokkoo gadi hin taaneefi adabbii maallaqaa ni ta’a.
Keewwata 390. Meeshaaleefi
Mallawwan Hojii Sobaa Raawwachuuf Tajaajilan
1. Namni
kamiyyuu karaa seeraan ala ta’een itti tajaajilamuufyaaduun barreeffamoota
ofiiseelaawaa,waraqaalee ragaa, diippoloomota yookiin sanadoota, gara sobaatti
jijjiiruuf yookiin sobaan uumuuf meeshaaleefi malawwan yookiin wantoota
qabatamaa kan hojjete, harkatti kan
galfate, kan qabate, kan kenne, yookiin gurgurtaaf yookiin kennaaf kan
dhiheesse yoo ta’e; hidhaa cimaa waggaa shan hin caalleefi adabbii maallaqaan
ni adabama.
2. Balleessichi
meeshaalee, malawwan, yookiin wantoot qabatamaa, akaakuu akkanaa tajaajila
akaakuu kamiifuu ooluu isaaniin dura fedhii bilisaa ofiisaatiin kan
balleesseyoo ta’e adabbii kamiyyuurraa bilisa ni ta’a.
Boqonnaa Sadii
Mi’oota Sobatti jijjiiruu
Keewwata 391. Mi’oota Sobatti Jijjiiruufi Qulqullina
Isaanii Gadi Buusuu
Namni kamiyyuu nama biroo
gowwomsuuf yaaduun mi’oota daldalaa sobatti kan jijjire, fakkeessee kan hojjete
yookiin qulqullina isaanii kan gadi buuse yookiin gara birootti kan jijiire yoo
ta’e; Hidhaa cimaa waggaa torba hin caalleefi adabbii maallaqaan ni adabama.
Keewwata 392. Naannessuu
1. Namni
kamiyyuu nama biroo gowwomsuuf yaadee mi’oota daldalaa sobatti jijjiraman,
fakkeffamanii hojjetaman yookiin kan qulqullinni isaanii gadi bu’ee yookiin
kanneen gara birootti jijjiraman akka dhugaatti, akka hin jijjiramnetti,
yookiin hir’ina homaa kan hin qabne fakkeessuun gurgurtaaf kan dhiheesse, kan
gurgure harka ummataatti akka naanna’u kan taasise yoo ta’e; Adabbii armaan
olitti keewwata 391 jalatti tumameen ni adabama.
2. Yakkichi
dagannoon yommuu raawwatamu adabbii maallaqaa qarshii kuma kudhan hin caalleen
kan adabsiisu haalli isaa baayyee cimaa ta’ee raawwatichi eeggannoo adda
taasisuuf ittigaafatamummaa kan qabu yoo ta’e, keessumattu sababa daldaaltummaa
isaatiin eeggannoo akaakuu akkasii raawwachuun kan isarra eegamu ta’ee yoo
argame dha.
Keewwata 393. Mi’oota Biyyaa
keessaa Galchu, Biyyaa Alaatti Erguu, Harka Galfachuufi Kuusuu.
Namni kamiyyuu nama biroo
gowwomsuuf yaaduun yookiin gowwomsaaf kan yaadame ta’uu isaa osoo beekuu
mi’oota daldalaa sobatti jijjiraman yookiin soba kan ta’an yookiin kan manca’an
yookiin qulqullinni isaanii kan gadi bu’e gara biyya keessatti kan galche, gara
biyya alaa tti kan erge, harkatti kan galfate yookiin kan kuuse yoo ta’e;
Hidhaa cimaa waggaa torba hin
caalleefi adabbii maallaqaan ni adabama.
Keewwata 394. Adabbii
Cimsuufi Adabbiilee Dabalataa
1. Raawwatichi
yakkoota armaan olitti ibsaman ogummaa isaa godhatee kan qabate yoo ta’e;
hidhaa cimaa waggaa shanii hanga waggaa kudhanii gahuu danda’uufi akka
ulfaatina dubbichaatti adabbii maallaqaa qarshii kuma shan gadi hin taaneen ni
adabama.
2. Tummaaleen
mi’oota dhaaluufi murtii ibsuu yeroo kamiyyuu akkuma eegamanittidha.
Keewwata 395. Haala Fayyaa
Miidhuun Mi’a Daldalaa Sobatti Jijjiiruufi Qulqullina Isaa Gadi Buusuu.
Nyaatota, shaqaxootaafi
mi’oota daldalaa fayyaaf balaa ta’an yookiin kan saman, fayyaa miidhuu danda’an , hojjechuu, quulqullina isaanii
gad-buusuufi gurguruu tumaaleen ilaallatan ragummaa yeroo qabaatanitti raawwatamoo ta’uun isaanii
akkuma eegamettidha/Keewwata 527/.
Mata Duree Lama
Iccitii Faayidaa Ummataa Ilaallatu
Ibsuu
Keewwata 396. Iccitii
Loltummaa Ibsuu
1.
Loltun Yookiin namni tajaajila humna ittisaa keessatti
argamu kamiyyuu, ganuufi basaasuu ilaalchisee haalawwan adabsiisan /Keewwata
248-252/ ala sababa hojii yookiin dirqama loltummaa isaatiin kan beeke ta’ee,
amala isaatiin iccitii kan ta’e yookiin iccitii ta’ee akka eegamu kan ajajame
yookiin ummataaf akka hin ibsamne kan dhorkame odeeffannoo, sanada yookiin ijoo
dubbii kan ibse yookiin kan dabarse yoo ta’e,
Hojichi yookiin dirqamichi
erga xumurameen booda yoo ta’ellee, hidhaa cimaa waggaa torba hin caalleen ni
adabama.
2. Adabbichi
hidhaa cimaa waggaa kudha shan hin caallee kan ta’u:
(a) yakkichi
kan ilaallatu odeeffannoo yookiin Sanada Koodii iccitiin(lakkoofsaan) kan
qabame yoo ta’e; yookiin raawwatichi icciticha akka eeguuf ifatti imaanaan kan
itti kenname yookiin iccitichsa akka hin ibsineef kakuu waadaa kan kenne yoo
ta’e; yookiin (b) yakkichi
faayidaa adda ta’e irratti miidhaa kan geessise yoo ta’edha.
3. Yakkichi
dagannoon kan raawwatame yoo ta’e, yakka salphaa armaan olitti keewwata xiqqaa
(1) jalatti ibsameef adabbiin isaa hidhaa salphaa waggaa tokko hin caalle
yookiin adabbii maallaqaa, yakka cimaa keewwata xiqqaa (2) jalatti ibsameef immoo
hidhaa salphaa waggaa sadii hin
caalleeni ta’a.
Keewwata 397. Iccitii Hojii
Ibsuu
1. Hojjetaan
mootummaa kamiyyuu /Keewwata 402/ bu’uura tummaa keewwata 396 jalatti ibsameen
iccitii ta’ee eegamuu kan qabuufi sababa hojii isaatiin sanadoota, odeeffannoo
yookiin ijoo dubbii beeke kamiyyuu, hojii yookiin muudama isaa erga
gadilakkisee boodallee kan ibse yoo ta’e; Hidhaa salphaa yookiin adabbii
maallaqaan ni adabama.
2. Balleessichi
dirqama yookiin imaanan iccitii eeguu addaa kan itti kenname yookiin
keessumattuu yakkichi miidhaa olaanaa kan qaqqabsiise yoo ta’e; adabbichi
hidhaa cimaa waggaa kudhan hin caalle ni ta’a.
3. Yakkichi
kan raawwatame dagannoon yoo ta’e, adabbichi yakka salphaa keewwata xiqqaa (1)
jalatti ibsameef adabbii maallaqaa qarshii kuma tokko hin caalle yookiin hidhaa
salphaa waggaa tokko hin caalle; yaaka keewwata xiqaa (2) jalatti ibsameef
immoo hidhaa salphaa waggaa sadii hin caalle ni ta’a.
Keewwata 398. Iccitii Akka
Ibsamu Hayyamame
Faayidaa Ummataaf jedhamee abbaa aangoo
siviilii, bulchiinsaa yookiin loltummaa dhimmi ilaallatuun barreeffamaan
hayyamni erga kennamee booda mana murtitti yookiin mana murtii qorannoo
taasisuuf aangoo qabu kamiyyuu duratti iccitiin ibsame hin adaabsiisu.
Keewwata 399. Iccitii Sababa
Ogummaan Yookiin Hojiin Beekame Ibsuu
1. Tajaajilaan
amantaa, gorsaan seeraa, abukkaattoon, dubbi fixaan (attorney), jaarsolee
murtii (arbtirators), jaarsolee araaraa, ogeessa addaa (expert), naqaashii
(immaanyii), turjumaana, qaama waliigalteen biratti raawwatu (notaries),
daarikteera jaarmiyaa dhuunfaa, gaggeessaa hojii, to’ataa, yookiin bu’uura
tumaalee seera hariiroo hawaasaa yookiin daldaalaatiin hojjetaan iccitii akka
eeguu dirqamni irraa jiru hakiima,
hakiima ilkaanii, carreessaa qorichaa (pharmacist), deessistuu, narsii yookiin
hojjetaa yaalaa gargaaraa biroo yookiin kan biroo kamiyyuu sababa ogummaa
yookiin hojii isaatiin iccitii ibsameef hojii ogummaa isaa irraa yommuu jirus
ta’e erga gadi-lakkisee booda kan ibse yoo ta’e; Iyyannoon dhuunfaa yommuu
irratti dhihaatuu hidhaa salphaan yookiin adabbii maallaqaan ni adabama.
2. Barataan,
hojjetaan yaaliirraa jiru yookiin hojjetaa shaakalaa sababa shakkala barumsaa
hojii ogummaatiin iccitii beekuu danda’e kan ibse adabbii keewwata xiqqaa (1)
jalatti ibsameen ni adabama.
3. Yakki
iccitii ibsuu kan raawwatame daagannoon yoo ta’e; iyyannoon dhuunfaa yommuu
dhihaatu adabbichi adabbii maallaqaa qarshii kuma tokko hin caallee yookiin
hidhaa salphaa waggaa tokko hin caalee ni ta’a.
Keewwata 400. Iccitii Akka
Ibsamu Hayyamame
1.
Iccitii ibsuun kan hin adabsiisne:
(a) Namni
iccitiin eegamuufii qabu ifatti hayyamaerga kennee booda yoo ta’e;
(b) Yaadachiisa
yookiin gaaffii nama icciticha qabateen qaamni ogummaa yookiin to’annoo olaanaa
dhimmichi ilaallatu hayyama barreeffamaa kan kenne yoo ta’e;
(c) Dhimma
murtaa’e tokko irratti murtii mana murtii ifatti kenname bu’uura godhachuun kan
ibsame yoo ta’e; yookiin
(d)Hojii
ummataatiif jecha dhaddacha murtiitti akka ragaa bahu yookiin abbaa aangoo
tokkoof ibsa akka kennu tumaan addaa seerichaa kan hayyamu yookiin kan ajaju
yoo ta’edha.
2.
Namni seeraan, mana murtiin yookiin abbaa aangoo dhimmichi
ilaallatuun iccitii akka ibsu ajajame dirqama iccitii eeguu isaa sababa gochuun
icciticha ibsuuf diduu hin danda’u.
Sababa
kammiiniyyuu jechi qalbii jijjirraannaa abbootii amantaa biratti kenname akka
ibsamu dirqisiisun hin danda’amu.
Keewwata 401.
Iccitii Saayinsii, Industirii Yookiin Daldalaa Ibsuu
1. Namni
kamiyyuu abbaa mirgaa yookiin abbaa qabiyyichaa miidhuuf yookiin faayidaa
argachuufis ta’e argamsiisuuf yaadee seeraan yookiin waliigalteedhaan yookiin
sababa itti gaafatamummaa hojii isaan dirqama qabu darbuuun odeeffannoo
iccitiidhaan qabuun isarraa eegamu kan dinagdee, saayinsii yookiin mala ijaarsa
teeknooloojii yookiin odeeffannoo, industirii yookiin daldalaa, saayinsii
/aartii/ yookiin mala haala hojiirra oolmaa isaa nama itti ibsamuu hinqabneef
kan ibse yoo ta’e;
Hidhaa salphaa waggaa tokko hincaalleefi
adabbii maallaqaa qarshii kuma kudhan
hincaalleen ni adabama.
2. ittisa
biyyaatiif faayidaa kan qabu iccitiin saayinsii yookiin aartii kan ibsame yoo
ta’e, tumaan addaa keewwata 396 jalatti ibsame raawwatiinsa ni qabaata.
Mataduree Sadii
Yakkoota Hojii Mootummaa Irratti
Raawwataman
Boqonnaa Tokko
Tumaalee Waliigalaa
Keewwata 402.
Hiika
1. “Hojjataa
Mootummaa” jechuun mana hojii mootummaatti yookiin dhaabbata misoomaa mootummaa
keessatti miindeffamee, muudamee, ramadamee yookiin ummataan filatamee
dhaabbataan yookiin yeroodhaaf nama hojjatu kamiyyuu jechuu dha.
2. “
Mana Hojii Mootummaa” jechuun guutummaa guutuutti yookiin gartokkeen baajata
mootummaatiin kan buluu fi mana hojii hojiiwwan mootummaa federaalaa yookiin
naannoo keessatti hojjatamanu kamiyyuu jechuudha.
3. “Dhaabbata
Misoomaa Mootummaa” jechuun gaheen abbummaa mootummaa guutummaa guutuutti
yookiin gartokkeen kan keessatti argamu dhaabbata misoomaa yookiin waldaa
aksiyoonaa mootummaa federaalaa yookiin naannoo jechuudha.
4. Mataduree
kana jalatti akkaataan jechichaa hiika biroo kan kennisiisuuf yoo ta’e malee:
“faayidaa” jechuun:
a. Kennaa,
liqii, badhaasa yookiin koomishinii maallaqaan yookiin qabsiisa gatii qabu
kamiiniyyuu yookiin qabeenya biraa yookiin faayidaa (mirga) qabeenya irra
jiruuun kan tilmaamu;
b. Muudama,
miindeffama yookiin waligaltee kamiiniyyuu;
c. Liqii,
dirqama yookiin idaakamiiniyyuu guutummaa guutuuttis ta’e gartokkeen kaffaluu,
hambisuu, waldandeessisuu yookiin wantoota kana irraa bilisa taasisuu;
d. Himata
bulchiinsaa, yookiin hariiroo hawaasaa yookiin yakkaa hundeeffame yookiin
hinhundeeffamne, yookiin adabbii himanni
kun qaqqabsiisu yookiin qaqqabsiisuu danada’u kamiyyuu irraa yookiin dandeettii
dhabuu irraa hambisuun yookiin mala kana fakkaatuun tajaajila yookiin tola
taasifamu;
e. Mirga,
gocha yookiin dirqama kamiiniyyuu raawwachuu yookiin raawwachuu irraa of
qusachuu;
f. Haalawwan
armaan olitti ibsamaniin alatti faayidaa yookiin tajaajila maallaqaan hin
tilmaamamneefi;
g. Armaan
olitti qubee “a-f” jalatti faayidaalee tarreeffaman keessaa tokko dhiyeessuu,
haala faayidichi itti argamuu danda’u mijeessuu yookiin kanuma ilaalchisee
waadaa seenuu yookiin fudhachuudha.
5. “Faayidaa
hinmalle” jechuun badhaadhina hinmallee yookiin karaa hin malleen faayidaa
argame jechuudha.
Keewwata 403. Tilmaama
YaadaFaayidaa Argachuu Yookiin Miidhuu
Ragaaan faallaa ta’e yoo
dhihaate malee, yakkoonni malaanmaltummaa kun kan raawwataman faayidaa hinmalle
argachuuf yookiin argamsiisuuf yookiin miidhuuf ta’uun isaa yommuu tumametti,
keewwaticha keessatti ijoon dubbii qabatamaa (gochi) ibsame raawwatamuun isaa
yoo mirkanaa’e, gochichi kan raawwatame faayidaa hinmalle ofii argachuuf
yookiin nama birooargachiisuuf yookiin mirga yookiin faayidaa garee sadafffaa
miidhuuf akka ta’eetti ni tilmaamama.
Keewwata 404.
Qajeeltoo
1. Hojjetaan
mootummaa kamiyyuu yakkoota mata duree kana keessatti ibsaman keessaa tokkoon
yommuu taawwatetti, tumaaleen adabbii armaan gaditti tumaman isa irratti ni
raawwatamu.
2. Hojjataan
mootummaa kamiyyuu itti himatame, gochi yakkamtumaan raawwate yookiin osoo
hinraawwatin dhiisee hojii isaaf kenname osoo hojjatuu kan raawwatame yoo
ta’eefi gochichis seerri idilee kan irratti raawwatamu ta’ee, haata’u malee,
hojii mootummaa irratti ta’uu isaafi amantaa isa irratti gatame irraa kan
ka’een dirqama irra jiru cabsuu isaatiin
adabbichi kan cimu yoo ta’u, seera yakkaa kanaan tumaaleen mata dureewwan biroo
jalatti tumaman raawwatamoo ni ta’u.
3. Hojjataan
mootummaa kamiyyuu kallattiinis ta’eealkallattiin faayidaa hinmalle ofii
argachuuf yookiin nama biroof argamsiisuuf yookiin mirga nama biroo irratti
miidhaa geessisuuf yaaduun itti gaafatamummaa yookiin gahee itti kennameen
wanta raawwachuu qabu akka hinraawwanne yookiin wanta raawwachuu hinqabne akka
raawwatu, nama biroo irraa faayidaa kan fudhate yookiin kan gaafate, yookiin
karaa biroo kamiiniyyuu ofii isaaf yookiin nama birootiif faayidaa argamsiisuuf
aangoo isatti kenname yookiin imaanaa ummataa haala hinmalleen kan itti
tajaajilame yoo ta’e; yookiin
Namni kamiyyuu faayidaa ofii
agachuuf yookiin nama birootiif argamsiisuuf yookiin mirga nama biroo irra
miidhaan akka qaqqabu taasisuuf yaaduun, hojjataa mootummaatiif faayidaa
hinmalle kennuuf waadaa kan seene, dhiyeesse, kan kenne yookiin dhiyeessuuf kan
waliigale yoo ta’e; yookiin
Hojii mootummaa sirnaan
raawwatameef yookiin gara fuula duraatti raawwatamuuf faayidaa hin malle nama
kamiifiyyuu kan kenne yookiin hojjataan mootummaa kamiyyuu kan fudhate yoo ta’e;
Yakkoota malaanmaltummaa mata
duree kana jalatti ibsame raawwateera jedhamee adabbiin tumaalee armaan gadii
jalatti ibsaman isa irratti ni raawwatamu.
4. Yakkoonni
malaanmaltummaa yakkoota mata duree kana, boqonnaa lama, kutaa tokkoofi
boqonnaa sadii, kutaa tokko jalatti
ibsaman kan dabalatuufi sossobbii filannoo irratti kennamu /Keewwata 468/,
sanadoota mootummaa yookiin loltummaa fakkeessuun qopheessuu yookiin sobatti
jijjiiruu /keewwata 379/, amantaa
hir’isuu cimaa /Keewwata 676 (1)/, maallaqa yookiin qabeenya malaammaltumman
argame seera qabeessa fakkeessuun dhiyeessuufi yakkichaan deeggaruu /Keewwata
684/, gowomsaa cimaa hojjataa mootummaan raawwatamu /Keewwata 696 (a)/ ni
haammata.
5. Hojjataan
mootummaa kamiyyuu adabbii tumaa seeraa darbeen itti murtaa’u irraatti
dabalataan faayidaan, maallaqni yookiin qabeenyi karaa seeraan alaan argate
akka dhaalamu yookiin faayidichis ta’ee qabeenyichi kan hin argamne yoo ta’e
gatii walgitu akka kaffalu ni taasifama.
Keewwata 405.
Adabbiin Bulchiinsaafi Itti gaafatamummaan Hariiroo Hawaasaa Dabalataan
Kan Raawwataman ta’uu Isaanii
Bu’uura tumaalee boqonnaa kana jalatti
ibsamaniitiin yakkaan himatamaanii adabamuun yookiin bilisaan gadi lakkifamuun
bulchiinsaan yookiin hariiroo hawasaatiin
itti gaafatamumma jiru hinhambisu.
Keewwata 406.
Himannaa Irraa Bilisa Taasisuu
1. Namni
kamiyyuu yakkoota malaanmaltummaa keessaa tokkotti hirmaataa erga ta’e booda
dhimmichi mana murtiitti dhiyaachuu isaatiin dura,waa’ee gocha raawwatameefi
waa’ee gahee hirmaattotaa odeeffannoo faayidaa qabu yoo kenne qaama seeraan
aangoon kennameefiin bu’uura seera yakkaa kanaatiin akka hinhimatamne
taasifamuu ni danda’ama.
2. haallifaayidaa
qabeessummaaragichaa murteessuufi namni gochicha raawwate akka hin himatamne
itti taasifamu ilaalchisee tarreeffamni raawwii isaa sirina seera rogummaa
qabuunni tumuma.
3. Haala
seera qabeessa ta’eentajaajila argateef yookiin argachuu qabuuf faayidaa
kamiiniyyuukan kenne, kennuu isaa nama saaxileef, matta’aa yookiin kennaa
yookiin wanta gatii baasu kan kenne sababa yakkichaan qabeenya dhaalamu irraa
ni deebi’aaf.
Boqonnaa Lama
Yakkoota Hojjattoonni
Mootummaa Hojii Mootummaa Irratti Raawwatan
Kutaa Tokko
Yakkoota Malaammaltummaa
Qulqullummaafi Amanamummaa Hir’isuun Hojjettoonni
Mootummaa Raawwatan
Keewwat 407. Seeraan Ala Aangootti Fayyadamuu
1.
Hojjataan mootummaa kamiyyuu faayidaa hinmalle argachuuf
yookiin argamsiisuuf yookiin mirga yookiin faayidaa nama biroo irratti miidhaa
qaqqabsiisuuf yaaduun:
(a)
muudama yookiin aangoo kennameef gocha ifa ta’een yookiin
haala hanqina qabuun akkaataa hinmalleen kan itti tajaajilame yoo ta’e;
(b)
aangoo ifatti kennameef irra darbuun kan hojjate yoo ta’e;
yookiin
(c)
dhimma aangoon isaa hin hayyamamneef, keessumattuu osoo aangoo
hinqabaatiin yookiin erga hojii irraa dhorkamee, jijjiiramee, aangoo irraa
bu’ee yookiin aangoo yookiin itti gaafatamummaa isaa erga dhiisee booda kan
ittiin hojjate yoo ta’e;
Tumaan ifatti dhimmicha
ilaallatu kan jiru yoo ta’e, malee akkahaala dubbichaatti hidhaa salphaa waggaa
tokkoo gadi hintaaneen yookiin hidhaa cimaa waggaa kudhan hincaalleefi adabbii
maallaqaan ni adabama.
2.
Kaayyoon Itti gaafatamummichi yookiin dirqamichi akka cabu
barbaadameef, baayyina faayidaa argamee, sadarkaa aangoo yookiin itti
gaafatamummaa balleessicha yookiin cimina miidhaa nama dhuunfaa yookiin ummata
yookiin mootummaa irratti qaqqabsiise akkaataa raawwii yakkichaa cimaa kan
taasise yoo ta’e; adabbichi hidhaa cimaa waggaa torbaa hanga waggaa kudha
shanii gahuu danda’uufi adabbii maallaqaa kuma shantamaa hincaallee ta’a.
3.
Sababoota keewwata xiqqaa (2) jalatti tarreeffaman keessaa
lama yookiin sanaa ol wal irra bu’uunii kan argaman yoo ta’e, adabbichi hidhaa
cimaa waggaa kudhanii hanga waggaa digdamii shaniigahuufi adabbii maallaqaa
qarshii kuma dhibba tokko hincaalle ta’a.
Keewwata 408. Matta’aa Fudhachuu
1.
Hojjetaan mootummaa kamiyyuu itti gaafatamummaa yookiin
dirqama hojii isaatiin waan raawwachuu hin qabne raawwachuuf yookiin waan
raawwachuu qabu akka raawwachuu dhiisuuf kallattiinis ta’eealkallaatiin ofii
isaaf yookiin nama biroof faayidaa akka kennamu kan gaafate, kan fudhate
yookiin jecha waadaa kan fudhate yoo ta’e;
Hidhaa salphaa waggaa tokkoo gadi hintaane
yookiin hidhaa cimaa waggaa kudhan hincaalleefi
adabbii maallaqaa qarshii kuma digdama hincaalleen adabama.
2.
Kaayyoon itti gaafatamummichi yookiin dirqamichi akka
cabu barbaadameef, baayyina faayidaa
argamee, sadarkaa aangoo yookiin itti gaafatamummaa balleessicha yookiin cimina
miidhaa nama dhuunfaa yookiin ummata yookiin mootummaa irratti qaqqabsise
akkaataa raawwii yakkichaa cimaa kan taasise yoo ta’e; adabbichi hidhaa cimaa
waggaa torbaa hanga waggaa kudha shanii gahuu danda’uufi adabbii maallaqaa
qarshii kuma shantamaa hincaallee ta’a.
3.
Sababoota keewwata xiqqaa (2) jalatti tarreeffaman keessaa
lama yookiin sanaa ol wal irra bu’uunii kan argaman yoo ta’e, adabbichi hidhaa
cimaa waggaa kudhanii hanga waggaa digdamii shaniigahuufi adabbii maallaqaa
qarshii kuma dhibba tokko hincaalle ta’a.
4.
Bu’uura keewwata kana keewwata xiqqaa (1) jalatti tumameen
hojjetaan mootummaa kamiyyyuu, dirqama hojii gabaa addunyaalessaa waliin
walqabateen korporeeshinoota daangaa biyyootaa darbuun hojjatan dabalatee
mootummaa biyya biroo, nama yookiin dhaabbata kamiyyuu irraa faayidaa yookiin
kennaa kan gaafate, kan fudhate, fudhachuuf kan waliigale yoo ta’e;
AdabbiileeKeewwatoota xiqqaa
armaan olii jalatti tumaman keessaa tokkoon akka haala dubbichaatti ni
adabama.
Keewwata 409. Faayidaa Hinmalle Fudhachuu
1. Hojjataan
mootummaa kamiyyuu, bu’uura itti gaafatamummaa kennameefiin hojii raawwachuun
irraa eegamu raawwachuuf jecha, hojiidhuma kana raawwachuu isaatiin dura
yookiin erga raawwatee booda faayidaan akka kennamuuf kan gaafate, kan argate
yookiin jecha waadaa kan fudhate yoo ta’e;
Akka haala dubbichaatti
hidhaa salphaa waggaa tokkoo gadi hintaaneen, yookiin hidhaa cimaa waggaa
torbaa hincaalleefi adabbii maallaqaa qarshii kuma kudhan hincaalleen adabama.
2. Ciminni
faayidaa argamee, sadarkaan aangoo yookiin itti gaafatamummaa balleessicha
raawwii yakkichaa cimaa kan taasise yoo ta’e,adabbichi hidhaa cimaa waggaa
shanii hanga waggaa kudha shanii gahuu danda’uufi adabbii maallaqaa qarshii
kuma soddoma hincaallee ta’a.
3. Yakkichi
kan raawwatame qunnamtii daldalaa addunyaalessaa waliin walqabateen itti
gaafatamummaa yookiin dirqama hojii hojjatamuun yoo ta’e, akka haala
dubbichaatti bu’uura keewwatoota xiqqaa armaan olitti ibsamaniin ni adabsiisa.
Keewwata 410.Yakka Matta’aaFudhachuuJaarsoliin
Araaraafi NamootniBirooRaawwatan
1. Jaarsi
araaraa, abbaan seeraa araaraa, immaanyii, eegaan yookiin qulqulleessaan
qabeenyaa, turjumaanni hojii isaa akka raawwatu abbaa aangootiin muudame
yookiin turjumsiisaan yookiin abbaa seerummaan yookiin dhimmaa abbaa seerummaa
waliin walqabatu irratti kallattii ogumma isaan yaada isaa yoookiin jecha
ragumma isaa kan kennu ogeessi addaa kamiyyuu, waan raawwachuu qabu akka
hinraawwanne yookiin waan raawwachuu hinqabne raawwachuuf nama dhimmichi
ilaallatu irraa faayidaa yookiin kennaa akka kennamuuf kan gaafate yookiin kan
fudhate yoo ta’e;
Seera kana keewwata 408
keewwatoota xiqqaa jalqabaa sadii jalatti adabbiilee ibsaman keessaa tokkoon
akka haala dubichaan ni adabama.
2. Keewwata
kana keewwata xiqqaa (1) jalatti namoota ibsaman keessaa tokko bu’uura aangoo
yookiin gahee kennameefiin waan raawwachuu qabu raawwachuu isaan dura yookiin
booda faayidaan yookiin kennaan akka kennamuuf kan gaafate yookiin kan fudhate
yoo ta’e, seera kana keewwata 409 keewwatoota xiqqaa jalqabaa lama
jalattiadabbiilee ibsaman keessaa tokkoon akka haala dubbichaatti ni
adabama.
Keewwata 411. Hojii Mootummaa Haala Mijaawaa
Hintaaneen Geggeessuu
2. Hojjataan
mootummaa kamiyyuu faayidaa hinmalle argachuuf yookiin argamsiisuuf yaaduun,
aangoo yookiin itti gaafatamummaa isaatti fayyadamuun:
(a)
hojii daldalaa yookiin kan biraan, bittaan yookiin
gurgurtaan,yookiin hojii raawwatuun walqabatee qunnamtii hojii kamiiniyyuu
faayidaa dhuunfaa isaaf faayidaa akaakuu kamiiniyyuu kan fudhate yookiin
waligaltee faayidaa kana ittiin argatu kan waliigale yookiin tooftaa biraa kan
uume yoo ta’e;
(b)
gatii qaama aangoo qabuun murtaa’e oliin waliigaltee
meeshaa dhiyeessuu, waliigaltee hojii ijaarsaa yookiin waliigaltee hojii
kamiiniyyuu kan raawwate yoo ta’e;
(c)
bu’uura aangoohojii waliigalaa isaatiin faayidaa ummataa
yookiin mootummaa imaanaan yookiin eeguufi kunuunsuun irraa eegamu gocha miidhu
mala kamiiniyyuu kan raawwate yoo ta’e;
Akkaataa haala dubichaatti
hidhaa salphaa waggaa tokkoo gadi hintaaneen yookiin hidhaa cimaa waggaa kudhan
hincaalleefi adabbii maallaqaa qarshii kuma shantama hincaalle ni adabama.
3. Kaayyoon
itti gaafatammumichi yookiin dirqamichi akkacabu barbaadameef, baayyiinni faayidaa argamee,
sadarkaan aangoo yookiin itti gaafatamummaa balleessicha yookiin cimina miidhaa
nama dhuunfaa yookiin ummata yookiin mootummaa irratti qaqqabsise akkaataa
raawwii yakkichaa cimaa kan taasise yoo ta’e, adabbichi hidhaa cimaa waggaa
torbaa hanga waggaa kudha shanii gahuu danda’uufi adabbii maallaqaa qarshii
kuma dhibba tokko hincaallee ni ta’a.
4. Sababoota
keewwata xiqqaa (2) jalatti tarreeffaman keessaa lama yookiin sanaa ol wal irra
bu’uuniiyommuu argaman, adabbichi hidhaa cimaa waggaa kudhanii hanga waggaa
digdamii shaniiga’uufi adabbii maallaqaa qarshii kuma dhibba lama hincaalle
ta’a.
5. Raawwatichi
yaada faayidaa argachuu yookiin argamsiisuu osoo hinqabaatiin:
(a)
Jaarmiyaa ofii isaa yookiin firri isaa dhihoo yookiin
michuun isaa abbaa faayidaa yookiin abbaa aksiyoonaa keessatti ta’eeyookiin
hundessaa yookiin miseensa dhaabbata tola oolaa itti ta’eefi waajjira isaa
jidduutti daldalaan yookiin hojii biraatiin, bittaan yookiin gurgurtaan,
yookiin qunnamtii biroo raawwii hojii isaa waliin walqunnamtii qaban
kamiiniyyuu waligaltee akka seenu kan taasise yoo ta’e yookiin;
(b)
qabeenyota muraasa akka hinbinne yookiin caalbaasii akka
hinhirmaanne seeraan yookiin dambiin dhorkamee osoo jiruu maqaa isaan yookiin
maqaa nama biraan yookiin nama biraa waliin qabeenya kan bite yookiin
caalbaasii irratti kan hirmaate yoo ta’e;
Hidhaa salphaan, yookiin
hidhaa cimaa waggaa shan hincaallefi adabbii maallaqaan adabama. “Fira” jechuun
bu’uura seera dhimmichi ilaallatuun himatamaa waliinnama firummaa dhiigaa
yookiin ga’iila qabudha.
Keewwata 412. Mi’a Imaanaan Itti Kenname Irratti
Seeraan Ala Ajajuu
1. Hojjataan
mootummaa kamiyyuu seeraan osoo hinhayyamaminiif, ta’us, qabeenya dhuunfaa
gochuuf yaaduun osoo hinta’in:
(a)
wanta saamsamaa fuudhe, poostaa, sanada, wantoota gatii
qaban yookiin imaanaan yookiin meeshaa akka saamsameen fuudhe kamiyyuu kan
bane, kan bansiise, kan fudhate yookiin fudhachiise, yookiin oduu isaa kan ibse
yookiin meeshicha dabarsee kan kenne yoo ta’e;
(b)
mi’oota akka kanaatiin kan itti tajaajilame yookiin namni
biroo akka itti tajaajilamu kan hayyame yoo ta’e;
Gochichi adabbii cimaan kan adabsiisu
ta’uu isaa tumaa biraatiin kan ibsamne yoo ta’e malee, adabbii maallaqaa
qarshii kuma torbaa hincaalleen yookiin hidhaa salphaa waggaa shan hincaalleen
adabama.
2. Yakkichi
kan raawwatame miira faayidaa argachuuf karoorfameen yoo ta’e;adabbichi hidhaa
cimaa waggaa shan hincaalleefi adabbii maallaqaa ta’a.
3. Gochichi
kan raawwatame dagannoon yoo ta’e; adabbichi adabbii maallaqaa qarshii kuma
tokko hincaalle ni ta’a.
Keewwata 413. Yakka Fudhachuufi Miliqsuu Hojii Irratti
Raawwatamu
1. Hojjataan
mootummaa kamiyyuu, faayidaa qabeenya hinmalle argachuuf yookiin argamsiisuuf
yaaduun:
(a)
sakatta’iinsaan, qabiinsaan, sirna dhaalaan, gurgurtaa
caalbaasiin, dhaala karaa seeraa raawwatamuun yookiin murtichi qabeenya irratti
akka raawwatamu murtaa’uu isaan, yookiin hojii kana fakkaatu yommuu kamiyyuu
yommuu raawwatamutti mi’oota, sanadoota, wantoota gatii baasan, maallaqa
callaa, meeshaalee socho’an yookiin dhumataa kan fudhate yoo ta’e; yookiin
(b)
sababa hojiisaan yookiin meeshaalee imaanan fuudhe yookiin
kanneen harka isaa galuu danda’anyookiin meeshaalee kana fakkaatan yookiin
wantoota gatii baasan kan miliqse yoo ta’e;
Akkaataa haala dubbichaattii hidhaa salphaa
waggaa tokkoo gadi hintaaneen yookiin
hidhaa cimaa waggaa kudhan hincaalleefi adabbii maallaqaan ni adabama.
2. Baayyin
faayidaa argamee, sadarkaan itti gaafatamummaa yookiin aangoo balleesicha,
yookiin ciminni miidhaa faayidaa nama dhuunfaa, ummata yookiin mootummaarratti
qaqqabsiiseen akkaataa raawwii gochichaa cimaa kan taasise yoo ta’e; adabbbichi
hidhaa cimaa waggaa torbaa hanga waggaa kudha shaniiga’uu danda’uufi adabbii
maallaqaa qarshii kuma soddoma hincaalle ni ta’a.
3. Sababootni
Keewwata kana keewwata xiqqaa (2) jalatti tarreeffaman lamaan isaanii yookiin
sanaa ol wal irra bu’uun yoo argaman adabbichi hidhaa cimaa waggaa kudhanii
hanga waggaa digdamii shaniigahuu danda’uufi adabbii maallaqaa qarshii kuma
shanatama hincaalle ni ta’a.
Keewwata 414. Aangoon Daldaluu
1. Hojjataan
mootummaa kamiyyuu dhagahamummaa sababa hojii isaan qabuun yookiin fakkeessee
dhiyeesseen:
(a)
sadarkaa hojii, muudama, hojii, badhaasa, gatii
tajaajilaa, kennaa addaa qaama aangoo qabuun murtaa’ee kennamu;
(b)
waliigaltee, walta’iinsa daldalaa, caalbaasii hojii,
dhiyeessa meeshaa yookiin faayidaa biroo abbootii aangoo yookiin kutaalee
bulchiinsaa to’annoo isa jala jiraaniin
waliigaltee godhamu;yookiin
(c)
akka waliigalaatti faayidaa yookiin murtii deeggarsaa
qaama aangoo yookiin kutaa bulchiinsaan kennamu tokko irraa;
Nama biraatiif argamsiisuuf,
kennaa yookiin faayidaa biroo kan gaafate yookiin kan fudhate yoo ta’e;
akkaataa haala dubichaatti hidhaa salphaa waggaa tokkoo gadi hintaaneen,
yookiin hidhaa cimaa waggaa kudhan hincaalleefi adabbii maallaqaa qarshii kuma
soddomaa hin caalleen ni adabama.
2. Kaayyoon
itti gaafatamummichi yookiin dirqamichi akka cabu barbaadameef, bayyiinni faayidaa argamee,
sadarkaan aangoo yookiin itti gaafatamummaa balleessicha yookiin ciminni
miidhaa nama dhuunfaa yookiin ummata yookiin mootummaa irratti qaqqabsise
akkaataa raawwii yakkichaa cimaa kan taasise yoo ta’e; adabbichi hidhaa cimaa
waggaa torbaa hanga waggaa kudha shanii gahuu danda’uufi adabbii maallaqaa
qarshii kuma shantama hincaallee ni ta’a.
3. Sababoonni
Keewwata kana keewwata xiqqaa (2) jalatti tarreeffaman lamaan isaanii yookiin
sanaa ol wal irra bu’uunii yommuu argaman, adabbichi hidhaa cimaa waggaa
kudhanii hanga waggaa digdamii shaniigahuu danda’uufi adabbii maallaqaa qarshii
kuma dhibba tokko hincaalle ta’a.
Keewwata 415. Seeraan Ala Walitti Qabuu yookiin
Dabarsanii Kennuu
1. Hojjataan
mootumma kamiyyuu faayidaa hinmalle ofii isaaf argamsiisuuf yaaduun:
(a) Kaffalamuu
kan hinqabne ta’uu isaa yookiin taarifa seeraan murtaa’ee ol ta’uu isaa beekaa
ashuura, gibira, galii addaddaa yookiin faayidaa galii addaddaa, kaffaltii
hojii guyyaa (wage),miindaa, beenyaa, yookiin baasii biroo kan walitti qabe
yookiin akka walitti qabamu kan ajaje yoo ta’e;
(b) mi’a
yookiin kaffaltii kamiiniyyuuyommuu raawwatu yookiin kennutti galchuu yookiin
kaffaluu kan irraa eegamu irraa xiqqeessuun kan galii taasise yookiin kan
kaffale yoo ta’e;
Akkaataa haala dubichaatti hidhaa salphaa waggaa
tokkoo gadi hintaanen yookiin hidhaa
cimaa waggaa kudhan hincaalleefi adabbii maallaqaa qarshii kuma kudha shan hincaalleen ni adabama.
2. Yakkichi
kan raawwatame armaan olitti keewwata 414 jalatti haalawwan tumaman keessaa
tokkoon yoo ta’e; adabbichi hidhaa cimaa
waggaa torbaa hanga waggaa kudha shanii gahuu danda’uufi adabbii maallaqaa
qarshii kuma soddoma hincaalle ni
ta’a.
3. Yakkichi
kan raawwatame armaan olitti keewwata 414 (3) jalatti haalawwan tumaman keessaa
tokkoon yoo ta’e; adabbichi isaa hidhaa cimaa waggaa kudhanii hanga waggaa
digdamii shanii gahuu danda’uufi adabbii maallaqaa qarshii kuma shantama
hincaalle ni ta’a.
4. Yakkichi
kan raawwatame dagannoon yoo ta’e; hidhaa salphaafi adabbii maallaqaan
adabsiisa.
Keewwata 416. Seeraan Ala
DhimmaLafa Irra Harkisuu
Hojjataan mootummaa kamiyyuu
sababa itti gaafatamummaa yookiin hojii isaan dhimma dhiyaateef irratti
faayidaa nama qabu kamiyyuurraa kallattiin yookiin alkallattiin faayidaa
argachuuf, dhimmicha irratti faayidaa nama qabu kamiyyuu fayyaduuf yookiin
miidhuuf jecha seeraan yookiin dambii yookiinqajeelfama hojii yookiin hojmaata
baratameen ala sababa gahaa malee kan hinmurteessine yookiin kan turse yookiin
abbaa dhimmaa kan dhamaase yoo ta’e;
Haalawwan dambiii darbuun kan
isa adabsiisaniin ala yommuu ta’u, akka haala dubbichaatti adabbii maallaqaan,
yookiin hidhaa salphaan yookiin hidhaa cimaa waggaa shan hincaalleen ni
adabama.
Keewwata 417. Wanta Gatii
Qabu Kafaltii Malee Yookiin Kaffaltii Gahaa Hintaaneen Argachuu
1.
Hojjataan mootummaa kamiyyuu sababa gahaa osoo hinqabaatin
kaffaltii malee yookiin kafaltii gahaa malee wanata gatii qabu kamiyyuu kan
fuudhe yoo ta’e hidhaa salphaa waggaa shan hincaalleen adabama.
2.
Qabeenya, humna faayinaansii yookiin kennaa fudhachuu galmeessisuu
akka qabu seeraan yookiin dambiiidhaan kan tumame yoo ta’e beeksisuu dhiisuun
yookiin galmeessisuu dhiisuun bu’uura keewwata kana keewwata xiqqaa (1) tiin ni
adabsiisa.
3.
Bu’uura aadaa
yookiin haala baratamaa biyyichaa yookiin naannichaatiin kennaa gatii qabuufi
akka mallattoo michummaa salphaatti ilaalamu fudhachuun yookiin fira dhiigaa
dhiyoo yookiin fira gaa’ilaa yookiin michuu dhiyoo ta’e irraa kennaadhaan
argachuun yakka keewwata kana jalatti ibsame kan hundeessu miti.
Keewwata 418. Seeraan Ala Hayyama Kennuufi
Raggaasisuu
Hojjataan mootummaa kamiyyuu
itti yaadee nama gahumsa hinqabneef yookiin seeraan nama kennamuufii hinqabne
kamiifiyyuu hayyama daldalaa yookiin hojii kan kenne yookiin kan raggaase yoo
ta’e yookiin iddoo waanti tokko itti raawwatamu seeraan ala kan hayyame yookiin
kan kenne yoo ta’e akka haala dubbichaatti hidhaa salphaadhaan, yookiin hidhaa
cimaa waggaa kudhan hincaalleen ni adabama.
Keewwata 419. Qabeenyafi Maallaqa Maddi Isaa
Hinbeekamne
1. Namni
hojjataa mootummaa ta’e yookiin ture kamiyyuu:
a.
Galii sadarkaan jireenya isaa, kan amma irra jiru yookiin
hojii mootummaa duraan keessa ture yookiin karaa biraa kan argatuun yookiin
seeraan argachaa turee kan caalu yoo ta’e;
yookiin
b.
Qabeenyi inni qabu yookiin maddi maallaqaa isaa hojii
mootummaa amma irra jiru yookiin duraan keessa ture yookiin karaa biraa kan
argatuun yookiin karaa seera qabeeessa ta’een argachaa kan ture waliin kan wal
hinmadaalle yoo ta’e;
Haala sadarkaa jireenya
akkasii akkamiin qabaachuu akka danda’e yookiin qabeenyi yookiin maddi
maallaqichaa haala kamiin harka isaa akka gale mana murtiitiif kan ibse yoo
ta’e malee, akka haala isaatti
dhaalamuun qabeenyichaa yookiin abbaa mirgaatiif deebi’uun isaa akkuma
eegametti ta’ee; hidhaa salphaa yookiin adabbii maallaqaa yookiin dhimmichi
cimaa yoo ta’e hidhaa cimaa waggaa shan hincaalleefi adabbii maallaqaatiin ni
adabama.
2. Armaan
olitti keewwata xiqqaa (1) jalatti yakki ibsame mana murtiitti ilaalaa yommuu
jirutti namni tokko walitti dhiyeenya himatamaa waliin qabuun yookiin haalawwan
biroo irraa ka’uun himatamaadhaaf abbaa imaanaa ta’uun qabeenya tokko yookiin
madda maallaqaa akka qabate yookiin himatamaa irraa kennaadhaan akka argate manni
murtii yoo itti amane dhimmicha ragaa biraatiin kan fashaleesse yoo ta’e malee,
qabeenyichi yookiin maddi maallaqichaa abba qabiyyummaa himatamtichaa jala akka
jirutti ni lakkaawama.
Kutaa Lama
Yakkoota Dirqama Hojii Cabsuun
Raawwataman
Keewwata 420. Dirqama Hojii Bahuu Dhabuun Yakka
Raawwatamu
1. Hojjataan
mootummaa kamiyyuu dirqama gahee hojii isaa akkaataa barbaadamuun raawwachuu
hafuu isaatiin faayidaa mootummaa, ummataa yookiin nama dhuunfaa irratti
miidhaa geessiseera yoo ta’e adabbii
maallaqaa qarshii kuma tokko hincaalleen yookiin hidhaa salphaa ji’a jaha
hincaalleen ni adabama.
2. Sababa
yakkichaatiin miidhaa cimaan kan qaqqabe yoo ta’e hidhaan salphaafi adabbiin
maallaqichaa hanga adabbii isaa ol’aanaa seeraan murtaa’ee qaqqabuu ni
danda’a.
Keewwata 421.
Korannaan /Sadoon/ Seeraan Alaa Hojii Dhaabuu
Hojjetaan mootummaa kamiyyuu
haala faallaa seeraa ta’een yookiin faallaa ogummaa isaa ta’een hayyama
isaatiin korannan /sadoon/ gocha hojii dhaabuu kan raawwate yoo ta’e yookiin
gochi hojii dhaabuu akka raawwatamu kanneen biroo kan tuttuqe yoo ta’e;
adabbiin keewwata 420 jalatti ibsame irratti ni raawwatama.
Keewwata 422. Aangoo Qabeenya Nama Biroo Sakatta’uu
Yookiin QabuuttiSeeraan Ala Tajaajilamuu
1. Hojjataan
mootummaa kamiyyuu seeraan aangoo osoo hinqabaatiin qabeenya namaa kan
sakatta’e, kan qabe yookiin qabeenyicha kan fudhate yoo ta’e; hidhaa cimaa
waggaa torba hincaalleen ni adabama.
2. Hojjataan
mootummaa kamiyyuu sakatta’uufi qabuuf seeraan aangoon kan kennameef yoo ta’es
humna barbaachisaa ol ta’e fayyadamuun gara mana yookiinmooraa nama biroo kan
seene yoo ta’e, yookiin sirna seeraan ajajame yookiin hayyamameen ala qabeenya
namaa kan sakatta’e, kan qabe yookiin kan fudhate yoo ta’e; hidhaa cimaa waggaa shan hincaalleefi adabbii
maallaqaatiin ni adabama.
Keewwata 423. Karaa Seeraan Ala Ta’een Nama Qabuu
Yookiin Hidhuu
Hojjataan mootummaa kamiyyuu
haala seeraan ibsameen ala yookiin sirnaafi of eeggannoo seeraa osoo hin
hordofiin nama biroo qabuun, hidhuun, yookiin haala kamiiniyyuu bilisummaa isaa
kan dhabsiise yoo ta’e; hidhaa cimaa waggaa kudhan hincaalleefi adabbii
maallaqaatiin adabama.
Keewwata 424. Mala Hojmaataa Hinmalleen Fayyadamuu
1.
Hojjetaan mootummaa kamiyyuu gahee hojii qabuu, eeguu,
to’achuu,dabaaluu, yookiin qorachuu yommuu gaggeessutti nama shakkame,
qabame, ragummaan dhiyaate, mana murtiitti akka dhiyaate kan waamame, qabamee
mana turmaataa yookiin hidhaa jiru, yookiin adabbii hidhaa raawwataa jiru ibsa
tokko akka isaaf kennuufis ta’ee balleessaa isaa akka amanu, yookiin waan kana
fakkaatu akka ibsuuf yookiin karaa inni barbaaduun jecha ragummaa akka kennuuf
kan sossobe, jecha waadaa kan kenneef yookiin kan sodaachise yookiin nama kana
irratti haala hinbarbaachisneen yookiin haala gara laafummaa namummaa qabuun ala yookiin gocha kabaja ilma
namaatiif yookiin aangoo hojii isaa waliin walfaallessu kan irratti raawwate
yoo ta’e, keessumattuu, reebicha, gocha gara jabummaa yookiin darara qaamaa
yookiin sammuu kan irratti qaqqabsiise yoo ta’e;
Hidhaa salphaan, yookiin
adabbii maallaqaan, yookiin dubbichi cimaa yoo ta’e, hidhaa cimaa waggaa kudhan
hincaalleefi adabbii maallaqaatiin ni adabama.
Gochichi yakka biroo kan
hordofsiise yommuu hordofsiisetti tumaan rogummaa qabu dabalataan akka irratti
hinraawwatamne tumaan keewwata kanaa hindhorku.
2.
Yakkichi kan raawwatame ajaja abbaa aangootiin yoo ta’e;
abbaan aangoo kun hidhaa cimaa waggaa kudha shan hincaalleefi adabbii
maallaqaatiin adabama.
Keewwata 425. Hidhamaa Karaa Seeraan Ala Ta’een
Hiikuufi Akka Miliqu gargaaruu
1. Hojjataan
mootummaa kamiyyuu:
(a)
Karaa faallaa seeraa yookiin ajaja kennameefiitiin ala
ta’een nama akkaataa seeraatiin hidhame yookiin qabameefi akka eegu itti
kenname kan hiike yoo ta’e; yookiin
(b)
Namni akkanaa kun akka miliqu kan taasise, kan hayyame
yookiin akka miliqu kan gargaare yoo ta’e;
Hidhaa salphaa waggaa sadii
hincaalleefi adabbii maallaqaa qarshii kuma sadii hincaallen ni adabama.
2.
Malli yookiin haalli seeraan ala
hiikuu yookiin miliquun ittiin raawwatame, miidhaan inni qaqqabsiise, ciminni
sababa akka qabamu itti ajajame, yookiin balaafamummaan nama qabamee yommuu
ilaalamu haalli isaaaddatti cimaa yoo ta’e;
adabbiin isaa adabbii maallaqaa hanga fiixee ol’aanaa adabbii idilee
gahuu danda’uufi hidhaa cimaa waggaa shan hincaalle ni ta’a.
3.
Yakkichi dagannoon kan raawwatame yoo
ta’e; adabbichi adabbii maallaqaa qarshii kuma tokkoofi dhibba shan
hincaalleefi hidhaa salphaa waggaa tokko hincaalle ni ta’a.
Keewwata 426. Booji’amtoota
Waraanaafi To’atamtoota Loltuu Hiikuufi Akka Miliqan Gargaaruu
1. Hojjataan
mootummaa kamiyyuu booji’amtoota waraanaa yookiinto’atamtoota loltuu to’annaa
isaa jala jiran haala faallaa seeraa yookiin ajajaatiin kan hiike yookiin akka miliqan kan gargaare
yoo ta’e; hidhaa cimaa waggaa kudha shan hincaalleen ni adabama.
2. Yakkichi
kan raawwatame dagannoon yoo ta’e; hidhaa salphaa waggaa lama hincaalleen ni
adabsiisa.
Boqonnaa Sadii
Yakkoota Namoonni Biroo Hojii
Mootummaarratti Raawwatan
Kutaa Tokko
Yakkoota Malaamaltummaa Namoonni
Biroo Haala Hojii Mootummaatiin walqabateen Raawwatan
Keewwata 427. Matta’aa Kennuu
1. Namni
kamiyyuu hojjetaan mootummaa tokko itti gaafatamummaa isaatiin yookiin dirqama
hojii isaatiin wanta raaawwachuu hinqabne akka raawwatu yookiin wanta
raawwachuu qabu akka hinraawwanne faayidaa yookiin kennaa kan kenne yookiin kan
dhiyeesse yoo ta’e; hidhaa salphaan, yookiin akka haala dubbichaatti hidhaa
cimaa waggaa torbaa hincaalleefi adabbii maallaqaa qarshii kuma kudha shan hincaallenni
adabama.
2. Namni
kamiyyuu dhimma daldala gabaa addunyaalessaa waliin walqabteen abbaa aangoo
yookiin hojjataa mootummaa biyya biroo yookiindhaabbataaddunyaalessaa
kamifiyyuu dirqama hojii isaatiin wanta raawwachuu hinqabne akka raawwatu
yookiin wanta raawwachuu qabu akka hinraawwanne faayidaa yookiin kennaa kan
kenne yookiin kan dhiyeesse yoo ta’e;
bu’uura keewwata xiqqaa (1) jalatti ibsameen ni adabama.
3. Faayidaan
yookiin kennaan raawwataan yakkichaa dhiyeesse ol’anaa yoo ta’e; yookiin gochichi mootummaa, ummata yookiin
nama dhuunfaa irratti miidhaa cimaa kan qaqqabsiise yoo ta’e; adabbichi hidhaa
cimaa waggaa shanii hanga waggaa kudha shaniigahuu danda’uufi adabbii maallaqaa
qarshii kuma shantama hincaalle ni ta’a.
4. Hojjetaan
mootummaa tokko bu’uura itti gaafatamummaa kennameefiin wanta raawwachuu qabu
akka raawwatuuf jecha hojii isaa kanaraawwachuun dura yookiin erga raawwatee
booda hojjataadhuma kanaaf faayidaa yookiin kennaa kan kenne yookiin kan
dhiyeesse namni kamiyyuu; akka haala
dubbichaatti adabbii maallaqaatiin yookiin hidhaa salphaan yookiin hidhaa cimaa
waggaa shan hincaallen ni adabama.
5. Yakki
armaan olitti keewwatoota xixiqqaa jalatti ibsame kan raawwatame dhaabbata
namumman seeraa kennameefiin yoo ta’e; bu’uura keewwata 90 (3) tiin adabbii
maallaqqaatiin ni adabama.
6. Adabbii
keewwta kana jalatti ibsame irratti dabalataan manni murtichaa balleessichi
mootummaa waliin waliigaltee yookiin bittaafi gurgurtaaakaakuukamiiniyyuu
dhaabbataan yookiin yeroo murtaa’eef akka hin raawwanne ajaja dhorku kennuu ni
danda’a.
Keewwata 428. Wanta Gatii Qabu Kaffaltii Malee Yookiin
Kaffaltii Gahaa Hintaaneen Kennuu
Namni kamiyyuu haalawwan
keewwata 417 jalatti ibsamaniin hojjetaa mootummaa kamiifiyyuu yookiin nama
biroo isa waliin qunnamtii qabu kamiifiyyuu kaffaltii malee yookiin kaffaltii
gahaa malee wanat gatii qabu kamiyyuu kan dhiyeesse, kan kenne yookiin kennuuf
kan waliigale yoo ta’e; hidhaa salphaa
waggaa shan hincaallen ni adabama.
Keewwata 429. Daddabarsuu
Namni kamiyyuu ofii isaatiiffaayidaa
akaakuukamiiniyyuu argachuu yoo baates nama hojii mootummaa hojjatuuf matta’aa
kennuuf maallaqa, wanta gatii qabu, tajaajila yookiin faayidaa akaakuu kan
biroo nama biraa irraa kan fudhate yoo ta’e yookiin herreega baankii isaa
matta’aa akkasii daddabarsuuf kan oolche yoo ta’e; akka haala dubbichaatti hidhaa salphaan,
yookiin hidhaa cimaa waggaa kudhan hincaallee fi adabbbii maallaqaatiin ni
adabama. Keewwata 430. Aangoo Hinqabnetti
Fayyadamuu Namni kamiyyuu:
a. Hojii
mootummaarraa erga dhorkamee, jijjiiramee, haqamee, geggeeffamee yookiin aangoo
yookiin itti gaafatamummaa isaa erga dhiisee booda hojii isaa irra kan jiru
fakkeessuun;
b. Gara
fuula duraatti hojjataa mootummaa nan ta’a jedhee amanuun; yookiin
c. Hojjataa
mootummaa osoo hinta’iin fakkaatee dhiyaachuun;kana nin raawwadha jechuun jecha
waadaa galuun faayidaa yookiin kennaa hinmalle nama biroorraa yoo gaafate
yookiin kan fudhate yoo ta’e ;
Akka haala dubbichaatti
hidhaa salphaadhaan, yookiin hidhaa cimaa waggaa kudhan hincaalleen ni
adabama.
Keewwata 431. Dhagahamummaa Duunfaan Daldaluu
Namni kamiyyuu hojjetaa
mootummaa ta’uu dhabuu isaatiin hojjetaa mootummaatiif kan tumame (keewwata
414) kan isa hin ilaallanne yoo ta’es, kan qabu yookiin dhgahamummaa qabu
yookiin akka qabu fakkeesse fayyadamuun mirga addaa yookiin faayidaa biroo
hojjetaa mootummaa qofaan kennamuu danda’u
nama biroof argamsiisuuf jecha maallaqa, kennaa, harka fuudhaa, yookiin
faayidaa biraa kan gaafate, kan fudhate, yookiin kanuma ilaalchisee jecha
waadaa kan fudhate yoo ta’e ;
Hidhaa salphaa waggaa tokkoo
gadi hintaanen yookiin adabbii maallaqaa qarshii kuma lamaa gadi hintaaneen ni
adabama.
Kutaa Lama
Yakkoota Namoonni Biroo Hojii
Mootummaarratti Raawwatan
Keewwata 432. Beeksisootaafi Seerota Mootummaa Sarbuu
Namni kamiyyuu aangoo yookiin
mirga osoo hinqabaatin itti yaadee beeksisoota abbootiin aangoo iddowwan
waltajjii uummataatti maxxansan, seerota yookiin murtiiwwan bakka isaaniitii
kan kaase, kan balleesse, kan tarsaase, yookiin akka hin dubbifamne kan taasise
yoo ta’e;
Hidhaa salpha ji’a jaha
hincaalleen, yookiin adabbii maallaqaa qarshii kuma tokko hincaallaeen ni
adabama.
Keewwata 433. Hayyamaan Ala Yookiin Hayyama Kennameen
Ala Hojjachuu
Namni kamiyyuu hojiiwwanbu’uura
seeraan yookiin dambiitiin hayyamni itti
kennamuu qabu kamiyyuu hayyama malee yookiin hayyama kennameefiin ala kan
hojjete yoo ta’e;
Akka haala dubbichaatti
hidhaa salphaan yookiin adabbii maallaqaatiin yookiin hidhaa cimaa hanga waggaa
shaniigahuu danda’uufi adabbii maallaqaatiin ni adabama.
Keewwata 434. Tumaalee Dirqama Galmeessisuu Ilaallatan
Darbuu
1. Namni
kamiyyuu fuudhaafi heeruma, du’a, qabeenya, hojiiwwan daldalaa yookiin kan
biroo yookiin qabeenya hinsochoone kan namoota dhuunfaa, hundeeffamuu yookiin
hojmaata kubbaaniyyootaa yookiin ijoowwan dubbii gochoota kana fakkaatanii
yookiin mirkaneessaawwan kan galmeewwan mootummaa keessatti galmaa’uu
qaqban yeroo murtaa’e keessatti abbootii
aangoo dhimmi ilaallatutti osoo hin beeksisiin kan hafe yookiin kanuma sobaan
kan galmeessise yoo ta’e ;
Hidhaa salphaa ji’a sadii
hincaalleen, yookiin adabbii maallaqaa qarshii kuma tokko hincaalleen ni
adabama.
2. Beeksisuu
hafuun akkasii yookiin hojiin sobaan galmeessiisuu kun irra deddeebi’amee kan
raawwatame yookiin akka amaleeffannaatti kan qabatame yoo ta’e; yookiin ,
ajaja,yookiin waraqaa waamichaa seera qabeessa abbaan aangoo dhimmi ilaallatu
kenne mormuudhaan yoo ta’e adabbichi hidhaa salphaa ji’a jaha hincaalle yookiin
adabbii maallaqaa qarshii kuma lama hincaalle ni ta’a.
3.
Daa’ima godhachuu beeksisuu dhiisuu ilaalchisee tumaan
jiru kan eegame dha. (Keewwata 656) Keewwata
435. Mariiwwan Yookiin Sanadoota Mootummaa Akka Hinibsamne Dhorkaman
Ibsuu
Namni kamiyyuu mirga osoo
hinqabaatin yookiin ifatti osoo hin hayyamaminiif akkaataa seeraatiin yookiin
bu’uura murtii ifa ta’e kan qaama aangoo qabuun kennameefiitiin sanada,
gabaasa, qajeelfama, qaboo yaa’ii yookiin murtii iccitii ta’ee eegamuu qabu
guutummaa guutuutti yookiin gartokkeedhaan sabqunnamtiiwwaniif kan ibse yoo
ta’e;
Hidhaa salphaa waggaa sadii
hincaalleen yookiin adabbii maallaqaatiin ni adabama.
Keewwata 436. Karaa Seeraan Ala Ta’een Mirga
Kabachiisuu
Namni kamiyyuu osoo mirga
hinqabaatiin yookiin karaa faallaa seeraa ta’een:
(a)
meeshaa qabsiisaan yookiin wabummaan kenne osoo namni
harkaa fuudhe hin hayyamiiniif yookiin sababuma meeshaa kanaan himanni
dhiyaatee falmiirra osoo jiruu kan
fudhate yoo ta’e;
(b)
kaffaltii kaffalamuufii qabu argachuuf jecha qabeenya
abbaa idaa ta’e mi’a socho’aa kamiyyuu kan irraa fudhate yoo ta’e; yookiin
(c)
Akkuma walligalaatti mirga hin qabne yookiin bu’uura
seeraatiin ittiin hojjachuu hin
dandeenye kan itti fayyadame yoo ta’e;
Hidhaa salphaa waggaa tokko hincaalleen
yookiin adabbii maallaqaa qarshii kuma shan hin caalleen adabama.
Keewwata 437. Aangoo Seeraan Ala Qabachuu
1.
Namni kamiyyuu, kaayyoo seeraan ala ta’eef, yookiin
faayidaa argachuuf yookiin argamsiisuuf yaaduun aanggoo abbaa aangoo yookiin
koomishinii tokkoo, mallattoo addaa, gonfa yookiin ajaja ofiseelaa ta’e kennuu
aangoosaa gochuun kan itti tajaajilame yoo ta’e;
Hidhaa salphaa waggaa tokko hincaalleen
yookiin adabbii maallaqaa qarshii kuma
tokko hin caalleen ni
adabama.
2.
Yakkichi kan raawwatame nama biroorra badii raawwachuuf,
yookiin miidhaan akka irra qaqqabu taasisuuf yoo ta’e, adabbichi hidhaa salphaa
yookiin adabbii maallaqaa ni ta’a.
Keewwata 438. Hojii Mootummaa Gufachiisuufi Dirqama
Deeggarsaa Cabsuu
Namni kamiyyuu haala hojii
mootummaa waliin walqabteen, bu’uura seeraan hayyamameen yookiin ajaja mana
murtiitiin kennameen hojjataa mootummaan yommuu gaafatamu dhiyaatee ibsuuf, deebii barbaachisaa kennuuf, sanadoota
dhiyeessuuf yookiin qorachiisuuf yookiin manneen, iddoowwan yookiin wantoota
adda addaa sakattaasisuuf kan dide yoo ta’e; walumaagalatti qorannaf kan hin
attoomne yoo ta’e yookiin karaa biroo
kamiinuu hojii mootumma kan gufachiise yoo ta’e; hidhaa salphaa waggaa shan
hincaalleen yookiin adabbii maallaqaan ni adabama.
Keewwata 439. Samsama Tarsaasu, Cabsufi Mi’oota
Fudhachuu Namni kamiyyuu aangoo seeraa osoo hin qabaatiin itti
yaadee:
(a)
mi’a, barreeffama yookiin sanada tokko eeguuf, kaa’uuf,
addaan baasuuf yookiin haguuguufyookiin gara iddoo kamiittuu galuu dhorkuuf
chaappaa, mallattoo yookiin mallattoo addaa ofiseelaa taasifame kan kaase, kan
balleesse yookiin kan cabse yookiin karaa kamiiniyyuu chaappaan, mallattoon,
yookiin mallattoon addaa akkasii bu’aa akka hin arganne kan taasise yoo ta’e;
yookiin
(b)
mi’a, barreeffama yookiin sanada qabame, dhaalame yookiin
sababa kamiiniyyuu abbaa aangoo yookiin nama biraatiin of eeggannoon akka
qabamu yokiin eegamu itti kenname kan hate, faayidaa dhuunfaa isaa irra kan
oolche, kan mancaasee yookiin kan balleesse yoo ta’e;
Hidhaa cimaa waggaa shan hin
caalleen yookiin adabbii maallaqaa qarshii kuma kudhan hin caalleen ni adabama.
Keewwata 440. Mormuufi Ajajamuu Diduu
1. Namni
kamiyyuu sababa gahaa osoo hinqbaatiin:
(a)
hojjataan mootummaa dirqama hojii ofiseelaa ta’e raawwatu
hojii isaa akka hin raawwanne kan morme yoo ta’e;
(b)
walgahii seeraan alaa irraa akka bittinnaa’u yookiin iddoo
dhorkamaa tokkoorraa akka gadi lakkisu, yookiin gubaatiin, dambaliin yookiin
sababa tatee biroo kan fakkaatuun ummata irra balaan akka hin geenyeittisuuf
tarkaanfii fudhatamu irratti akka hirmaatu hojjataan mootummaa hojii isaa
raawwachaa jiruun yommuu gaafatamu hin ajajamu kan jedhe yoo ta’e; yookiin
(c)
bu’uura seeraanmurtii abbaa aangoo dhimmi ilaallatuun
kennamee raawwachuu yoo baate, keewwata kana jalattiadabbiin tumamee kan itti
murtaa’u ta’uun isaa of eeggannoon barbaachisaa kennameefii osoo hin raawwatiin
kan hafe yoo ta’e;
Hidhaa salphaa waggaa tokko
hin caalleen yookiin adabbii maallaqa qarshii kuma tokko hin caalleen ni adabama.
2. Mormichi
yookiin ajajamuu diduun humna, dhaadannaa, hojii humnaa yookiin harka darbuu
kan hordofsiise yoo ta’e; tumaan Keewwata 441
jalatti ibsame raawwatamaa ni ta’a.
Keewwata 441. Gocha Humnaafi Dirqisiisuu
1. Namni
kamiyyuu:
(a)
hojjataan mootummaa tokko gocha dirqama hojii isaa ta’e
akka hin raawwanne dhadannaan, dirqisiisuun, yookiin gocha humnaan kan
gufachiise yookiin dirqama isaa kana akka hinraawwanne yookiin wanta raawwachuu
hin qabne akka raawwatu kan dirqisiise yoo ta’e; yookiin
(b)
hojjataa mootummaa yookiin nama hojiin isa deeggaru kan
reebe yookiin gocha humnaa yookiin dirqisiisuu yookiin gocha humnaa kan biroo
kan irratti raawwate yoo ta’e;
Hidhaa salphaa waggaa sadii
hin caalleen yookiin adabbii maallaqaa qarshii kuma shan hin caalleen ni
adabama.
2. Akka
cimina badichaafi sadarkaa hojii miidhamtichaatti,miidhamtichi meeshaa
waraanaan yookiin meeshaa kan biroon itti dhaadatame, dirqisiifame yookiin
tumame yoo ta’e; adabbichi hidhaa cimaa waggaa shan hin caalle ni ta’a.
3. Harka
darbuun yookiin gochichi humnaa miidhamticharratti miidhaa qaamaa yookiin
hir’ina fayyaa kan hordofsiise yoo ta’e;tumaanroga qabeessi yakkoota
dachaailaallatu raawwatamaa ni ta’a.
Keewwata 442. Gocha Gamtaan Raawwatamu
Dhaadannaan, dirqisiisuun,
yookiin gochi humnaa waltajjii ummataa
dhorkametti yookiin jeequmsaan kan raawwatame yoo ta’e; tumaaleen dhimmi
ilaallatu dabalataan ni raawwatamu /Keewwata 484 fi 488/.
Mata Duree Afur
Yakkoota Bulchiinsa Haqaarratti
Raawwataman
Boqonnaa Tokko
Yakkoota Adeemsa Hojii Abbaa Seerummaa
Irratti Raawwataman
Keewwata 443. Yakka Beeksisuu Dhabuu
1.
Namni kamiyyuu sababa gahaa osoo hin qabaatiin:
(a) yakki
du’aan yookiin hidhaa cimaa umuriiguutuun adabiisu raawwatamuu isaa yookiin
eenyummaa yakkamtichaa osoo beekuu abbootii aangoo dhimmi ilaallatutti osoo hin
beeksisiin kan hafe yoo ta’e; yookiin
(b) seeraan
yookiin dambiilee ogummaan tasgabbii ummataa yookiin nageenyaafi sirnaaf jecha yakkoota tokko
tokko yookiin haalawwan ciccimoo tokko tokko abbootii aangoo dhimmi
ilaallatutti beeksisuuf dirqama osoo qabuu dirqama isaa osoo hin raawwatiin kan hafe yoo ta’e;
Adabbiimaallaqaa qarshii kuma
tokko hin caalleen yookiin hidhaa salphaa ji’a jaha hincaalleen ni
adabama.
2.
Seera kana keewwata 254 fi 335 jalatti kan tumaman kan
eegamanittidha.
Keewwata 444. Yakka Eertotaafi Ragaa Baatota Irratti
Raawwatamu
1. Namni
kamiyyuu, yakka ilaalchisee qaamota haqaaf nama eeruu yookiin odeeffannoo
kennerratti yookiin nama ragummaaf dhiyaate irratti hubaatii, dhiibba yookiin
miidhaa kamiiniyyuu kan qaqqabsiise yoo ta’e; hidhaa salphaan yookiin adabbii
maallaqaan ni adabama.
2. Yakkichi
miidhamaarra miidhaa qaamaafi fayyaa cimaa ta’e yookiin du’a kan hordofsiise
yoo ta’e; tumaaleen rugummaa qaban dhimma kana ilaallatan dabalataan
raawwatamoo ni ta’u.
Keewwata 445. Dhoksuufi Garqaaruu
Namni kamiyyuu beekaa nama
yakkaan himatamu dursee akeekkachiisuunis ta’e dhoksuun yookiin meeshaa
yakkicha ittiin raawwate yookiin faana isaa dhoksuun yookiin balleessuun
qorannoo taasifamu dogongorsiisuun yookiin karaa biraa kamiiniyyuu himatamee
akka hin dhiyaanne kan gargaare yoo ta’e; Hidhaa salphaan yookiin adabbii
maallaqaan ni adabama.
Keewwata 446. Hojii Haqaa Dogongorsuu
Namni kamiyyuu:
(a)
kan hin raawwatamne ta’uu isaa osoo beekuu yakki tokko
raawwatameera jechuun sobaan abbootii aaangootti kan beeksise yookiin sababa
kamiiniyyuu yoo ta’e yakka ofii isaatiif hin raawwanne raawwadheera jechuun kan
of himate yoo ta’e;yookiin
(b)
qorannoo yakkaa yookiin adeemsa himannaa ilaalchisee osoo
beekuu odeeffanoo sirrii hin taane abbootii aangootiif kan kenne yoo ta’e;
Hidhaa salphaa ji’a jaha hin caalleen yookiin
adabbii maallaqaa qarshii kuma tokko
hincaalleen ni adabama.
Keewwata 447. Sobaan Yakkuu Yookiin Himachuu
Namni kamiyyuu:
(a)
qulqullummaa nama biraa osoo beekuu yakka inni hin
raawwanneen abbaa aangoo biratti kan isa yakke yoo ta’e; yookiin
(b)
mala biraa kamiinuu, keessumattuu, nama qulqulluu ta’e
yakka hin raawwanneen akka himatamu karoorsee yakki kan raawwatame fakkeessuun
yookiin maqaa isaa osoo hin ibsiin gocha yakkaa sirrii hintaaneen nama biraa
kan himate yoo ta’e;
Hidhaa cimaa waggaa shan
hincaalleefi adabbii maallaqaatiin ni adabama. Ta’us, yakkuun sobaan dhiyaate
nama sobaan yakkame irratti adabbii armaan olitti ibsame caalu kan hordofsiise
yoo ta’e, hanga adabbii nama qulqulluu irratti murata’een ni adabama.
Keewwata 448. Haqaaf Deeggarsa Kennuu Diduu
1. Manni
murtii yookiin qaamni aangoo abbaa seerummaa waliin walfakkaatu qabu dhimma
qabate irratti himatamtummaan, ragummaan yookiin raga ogeessaa addaa ta’uun
yookiin turjumaanummaan, naqaashummaan yookiin qeeqxummaan akka gargaaru
bu’uura seeraan kan waamame yookiin himatamaa yookiin ragaa akka dhiyeessu
yookiin akka ergu kan ajajame namni kamiyyuu:
(a)
sababa gahaa osoo hinqabaatiin osoo hin dhiyaatiin kan
hafe yookiin dhiyaachuu kan dide yoo ta’e;
(b)
himatamaa yookiin ragaa kan hindhiyeessine yookiin kan hin
ergine yoo ta’e; yookiin
(c)
dhiyaatee haala faallaa seeraa ta’een gaaffii gaafatameef
deebii kennuu yookiin akka ajajameetti raawwachuuf hayyamamaa kan hin taane yoo
ta’e;
Hidhaa salphaa ji’a lama
hincaalleen yookiin adabbii maallaqaa qarshii kuma tokko hin caalleen
adabama.
2. Balleessichi
haala keewwata xiqqaa 1 jalatti ibsameen yakka raawwaten ilaalchisee sababni
inni dhiyeesse soba ta’ee kan argame yoo ta’e; hidhaa salphaa ji’a sadii
hincaalleefi adabbii maallaqaan adabama.
3. Namumti
kun sababa sobaa dhiyeessuun dirqama isaa irraa kan of hambise yoo ta’e, yakka
waliin dhahuu raawwateen adabbiin hidhaa salphaa irra gahuu qabu hanga fiixee
adabbii idilee gahuu kan danda’u yoo ta’u,keessumattuu, sanda yookiin waraqaa
ragaa sobaan yommuu fayyadamettidambiiin adabbii murtaa’u akkuma eegamettidha.
4. Yakkichi
kan raawwatame mana murtiitti yookiin qaama aangoon abbaa seerummaa kennameef
kan biroo duratti yoo ta’e, manni murtichaa yookiin qaamni aangoon abbaa
seerummaa kennameef kan biro sun beellama osoo hin kennin battalumatti adabbii
armaan oliitti ibsame murteessuu ni danda’a.
Keewwata 449. Mana Murtii Jeequu
2. Namni
kamiyyuu yommuu mana murtiitti qorannoon gaggeeffamu yookiin hojiin murtii yommuu geggeeffamutti :
(a) mana
murtichaa yookiin abbaa seeraa hojii abbaa seerummaa raawwataa jiru haala
kamiiniyyuu kan arrabse, kan jeeqe yookiin isaan irratti kan baace yookiin kan
dhaadate yoo ta’e; yookiin
(b) hojii
mana murtichaa karaa kamiiniyyuu kan jeeqe yoo ta’e;
Hidhaa salphaa waggaa tokko
hincaalleen yookiin adabbii maallaqaa qarshii kuma sadii hincaalleen ni
adabama.
Manni Murtichaa beellama osoo
hin kennin battalumatti adabbii murteessuu ni danda’a.
3. Yakkichi
kan raawwatame dhaddachaan ala ta’ee yommuu abbaan seerichaa hojii isaa
raawwachaa yommuu jirutti yoo ta’e, adabbichi hidhaa salphaa ji’a jaha
hincaalle yookiin adabbii maallaqaa qarshii kuma tokko hin caalle ni ta’a.
4. Yakkichi
kan raawwatame dhaddacha irratti yookiin iddoo kamittiyyuu yeroo hojiin abbaa
seerummaa raawwatamuttita’ee humnaan yookiin dirqisiisuun yoo ta’e, tumaan
rogummaa qabu /Keewwata 441/ dabalataan ni raawwatama.
Keewwata 450. Iccitii Adeemsa
Murtii Ibsuu
1. Namni
kamiyyuu hayyama seeraa yookiin sababa dhiifama kennisiisuu danda’u osoo hin
qabaatiin ijoo dubbii haala isaatiin iccitii ta’e yookiin manni murtii
dhimmichi dhiyaateef dhimmichi iccitii ta’ee akka eegamu kan murteesseefi
adeemsa murtii dhimmichaa irratti sababa argameef beeke kamiyyuu kan ibse yoo
ta’e;
Hidhaa salphaa ji’a jaha
hincaalleen yookiin adabbii maallaqaa qarshii dhibba shan hin caalleen ni
adabama.
2. Baleessichi
yakkicha kan raawwate hojii ogummaa dhuunfaa isaan yookiin sababa hojjataa
ta’uu isaan iccitii argate ibsuun yoo ta’e; tumaaleen rogummaa qaban /Keewwata
397399/raawwatamoo ni ta’u.
Keewwata 451. Adeemsa Murtii
Ilaalchisee Gabaasa Sirrii Hin Taanee Yookiin Dhorkamee Ibsuu.
1. Namni
kamiyyuu, dhimmoota mana murtiitti beellamarraa yookiin dhagahamaa jiran
yookiin murtii hin argannee ilaalchisee odeeffannoo, yaadannoo, ijoo dubbii
yookiin gabaasa sirrii hin taane yookiin kan dabe kan ibse yoo tae;
Adabbii maallaqaa qarshii
dhibbaa shan hin caalleen yookiin dubbichi ulfaataa yommuu ta’etti,
keessumattuu yaadi hawaasichaa akka jeeqamu yookiin nama biroo irratti miidhaan
akka gahu taasisuuf kan danda’u yommuu ta’u; hidhaa salphaa ji’a jaha hin
caalleen ni adabama.
2.
Dhimma seeraan yookiin ajaja mana murtiin dhorkame ibsuun
kan adabsiisu tumaa rogummaa qabuun ta’a/Keewwata 435/.
Akkaataan
ibsi itti raawwatame seeraa alaafi dogoggora yoo ta’eefi gochichi yaadamee kan
raawwatame yommuu ta’u, manni murtichaa bu’uura yakkoota dacha ilaalchisee
tumameen adabbicha ni cimsa/Keewwata 184/.
Boqonnaa Lama
Hojii
Dhugummaa fi Amanamummaa Adeemsa Hojii Haqaaf Taasifamuu Qabu Irratti Yakka
Raawwatamu
Keewwata 452. Jecha Sobaa
Gareen Falmaa Tokko Kennuu
1.
Gareen falmii kamiyyuu mana murtiitti yookiin qaama aangoo
abbaa seerummaa fakkaatu qaban biratti dhihaatee dhugaa akka dubbatu ajajamee
mana murtichaan yookiin qaama aangoo abbaa seerummaa fakkaatu qabuun ijoo
murtaa’u irratti ijoowwan dubbii rogummaa qaban ilaalchisee osoo beekuu jecha
sobaa kan kenne yoo ta’e;
Bu’aa inni barbaadu osoo hin
argamin yoo hafellee, hidhaa salphaa waggaa tokko hin caalleen; yookiin jecha
sobaa kan kenne adeemsa himannaa yakkaa irratti ta’ee murtii haqadhabeessa ta’e
kan hordofsiisuu danda’u yoo ta’e; hidhaa cimaa waggaa sadii hin caalleen ni
adabama.
2. Gareen
falmataan sun dhugaa dubbachuuf kakatee yookiin mirkaneessa kan kennee yoo
ta’e, keessumattuu bu’aan barbaadame gartokkeen yookiin guutummaatti kan argame
yoo ta’e; Addabbichi hidhaa cimaa waggaa
shan hin caallee ni ta’a.
3. Gareen
falmataan faayidaa isaa eegsisuuf jecha falmii sirrii hin taane dhiyeessuuf
tumaaleen keewwata kanaa raawwatamoo hin ta’anu.
Keewwata 453. Ragummaa, Yaada
Yookiin Hiika Sobaa.
1. Sirni
abbaa seerummaa yookiin abbaa seerummaa fakkaatu yommuu gaggeeffamu namni ragaa
ta’ee dhiyaate kamiyyuu garee falmataa kamiyyuu fayyaduuf yookiin miidhuuf
yaadee ragummaa sobaa yookiin yaada ogummaa addaa kan kenne yoo ta’e, yookiin
dhugaa kan dhokse yoo ta’e; Yadni
inni karoorfate galma kan hin
geenyeef yoo ta’ellee; hidhaa salphaan
yookiin; dubbichi ulfaataa yommuu ta’etti hidhaa cimaa waggaa shan
hincaalleen ni adabama.
2.
Ragichi dhugaa dubbachuuf kakatee yookiin mirkaneessa
kennee yoo ta’e, keessumattuu bu’aan barbaadame gartokkeen yookiin guutummaan
kan argame yoo ta’e; adabbichi hidhaa
cimaa waggaa kudhan hin caallee ni ta’a.
Ta’us, sababa gocha ragichaan
himatamaa dhimmaa yakkaa irratti murtiin balleessummaa kan kenname yoo ta’e;
yookiin hidhaa cimaan waggaa kudhanii olii kan itti murtaa’e yoo ta’e hangi
adabbii dogongoraan nama ragaaan irratti ba’ame irratti murtaa’e sun ragicha
ragummaa sobaa kenne irratti murtaa’uu ni danda’a.
3. Qaama
aangoo abbaa seerummaa yookiin aangoo
abbaa seerummaa fakkaatu qabuun ijoo murtaa’uun ijoo dubbii rogummaa qabu
irratti turjumaanni yookiin turjumsiisaan hiika sobaa kennuu kamiyyuu akkuma
dhimmichaatti adabbiin armaan olitti keewwata xiqqaaa(1) yookiin (2) jalatti
ibsame itti murta’a.
4. Ragummaan
yookiin yaadni ogummaa addaa soba, sobaan hiikuun yookiin hiiksisuun isa irra
ga’amee murtii manni murtii yookiin qaamni aangoo abbaa seerummaa fakkaatu qabu
kennu irratti dhiibbaa geessisuu kan hin dandeenye yoo ta’e, adabbichi hidhaa
salphaa waggaa lama hin caalleen ni ta’a.
Keewwata 454. Jecha
Sirreessuu Yookiin Jijjiiruu
Ragummaan yookiin yaadni
ogummaa addaa soba, sobaan hiikamuun yookiin hiiksisuun nama biroo irratti
miidhaa geesisuu fi murtiin dhumaa kennamuun dura balleessichi fedhii isaatiin
jecha isaa kan sirreesse yookiin kan jijjiree yoo ta’e, manni murtichaa haala
addaatiin adabbicha ni salphisaaf /Keewwata 180/.
Yakkichi yookiin balaan
yakkichi hordofsisuu salphaa ta’ee gochi sirreessuu yookiin jijjiiruu kan
raawwatame yaada qulqullinaatiin yoo ta’e, akkuma haala dubbbichaatti
balleessicha dheekkamuu fi akkeekkachiisa kennuufiin manni murtichaa adabbii
biroo kamiyyuu irra bilisa isa taasisuu ni danda’a.
Keewwata 455. Kakaasuu fi Sossobuu
1.
Namni kamiyyuu kennaan, abdiin, dhaadannaan, dabaan
yookiin gowwomsuun, dhaga’amummaa isan sossobuun yookiin tooftaa biroo
kamiiniyyuu nama biroo qaama dhimmi ilaallatu biratti, adeemsa abbaa seerummaa
yookiin abbaa seerummaa fakkaatu irratti sobaan akka yakkuu,ragaa akka ba’u,
yookiin gabaasa, hiikaa yookiin iyyannoo sobaa akka dhiyeessu kan kakaase
yookiin kan sosoobe yoo ta’e;
Haalli raawwannaafi amala
isaa yakka kakaasuu ilaalchisee kutaa waliigalaatiin /keewwata 36/ bu’uura
tumameen kan isa adabsiisu yoo ta’e malee hojiin inni karoorfate kan hin
raawwatamne yoo ta’ellee hidhaa salphaan ni adabama.
2.
Namni kamiyyuu gocha humnaa hojjechuun, gocha dhaadannaa
yookiin sodaachisuu raawwachuun, yookiin faayidaa hin mallee kennuun yookiin
dhiyeessuun yakkota hidhaa cimaa waggaa lamaa olin adabsiisan irratti himannaan
sobaa akka dhiyaatu yookiin ragummaan sobaa akka kennamuu kan taasise yookiin
kenniinsa ragummaa yookiin ragaa walitti qabuu irratti gidduu seenuun kan
gufachiise yoo ta’e; yookiinhojjetaa mootummaa hojii seera kabachiisuu yookiin
hojii idileeisaarratti bobba’egidduu seenuun kan jeeqe yoo ta’e;
Hidhaa cimaa waggaa torba hin
caalleen ni adabama.
Keewwata 456.Waliin
Dha’uuYeroo Falmii
Namni Kamiyyuu, dhimmoota
armaan olitti ibsamaniin ala adeemsa hojii abbaa seerummaa yookiin kan abbaa
seerummaa fakkaatu irratti faayidaa qabatamaa yookiin kan miiraa (moral)
argachuuf; haala fayyadu yookiin miidhuun kenniinsa murtii irratti dhiibbaa uumuuf
karoorfatee, mana murtii yookiin qaama aangoo abbaa seerummaa fakkaatu qabu
dogongorsuuf, ragaa gufachiisuuf, yookiin adeemsa murtii sirri dabsuu yaaduun:
(a) sanada
mirkaneessa abbaa qabeenyummaa nama biroo ta’e, sanda yookiin ciraa yookiin
ragaa balleessitummaa akaakuu kamiiniyyuu kan dhokse, hate, balleesse,
mancaasee yookiin gartokkeenis ta’e guutummaan akka hin taajaajille kan taasise
yoo ta’e; yookiin
(b) haala
bakkawwanii, mi’ootaa yookiin namootaa kan dhokse, kan fooyyeesse, kan mancaase
yookiin kan jijjiire yoo ta’e;
Yakkichi tumaa biroon adabbii
ol’aanaa ta’e kan adabsiisu yoo ta’e malee;
Hidhaa salphaa, yookiin
yakkichi cimaa yommuu ta’etti hidhaa cimaa waggaa torba hin caalleen ni
adabama.
Keewwata 457. Gocha Oduu
IbsuuAdeemsa Haqaa Dabsuuf Dabaan Raawwatamu
Namni kamiyyuu, dhimma mana
murtiitti dhihaatu yookiin mana murtiitti ilaalamaa jiru irratti himatamticha
yookiin miiltoo isaa akeekkachiisuunis ta’ee abbaa seeraa, ragaa namaa, ragaa
ogeessa addaa, yookiin walumaagalatti gargaaraa hojii mana murtii irratti miira
dogoggora geessisuuf karaa dogongora ta’een murtii akka kennuuf dhiibbaa
geessisuuf yaaduun, sirrii kan hintaane yookiin kan dogoggorsu ijoo dubbii kan
dabsu oduu, yaadannoo, yaada ijoo, qeeqa, gabaasa yookiin paampileetii
(barreeffamoota xixiqqoo) karaa
kamiiniyyuu kan ibse yookiin kan tamsaase yoo ta’e;
Adabbii maallaqaa qarshii
kuma tokko hincaalleen; yookiin hidhaa salphaa ji’a jaha hincaalleen ni
adabama.
Keewwata 458. Faayidaa Garee
Falmataa Tokko Irratti Gocha Ganuu Raawwatamu
1. Abukaatoon,
dubbi fixaan yookiin gorsaan seeraa kamiyyuu mana murtiitti yookiin qaama
aangoo abbaa seerummaa fakkaatu qabu duratti dhiyaatee falmii akaakuu kamiyyuu
akkafalmu karaa seera qabeessa (ooffiseelaa) ta’een yookiin dhimma abbaa
dhimmichaan bakka itti buufame fayidaa garee bakka isaa buufatee aarsaa gochuun
yookiin dhimma tokko irratti dhimma garee wal faalmitootaa lamaanii walitti
qabee hojjechuun osoo beekuu dhimmicha kan jalaa balleesse yoo ta’e; Hidhaa
salphaafi adabbii maallaqaan ni adabama.
2.
Balleessichi yakkicha kan raawwate garee mormaan walii
galuun yoo ta’e, adabbiin hidhaa sanaa hidhaa salphaa waggaa tokko gadii ta’uu
hindanda’u. Yakkicha kan raawwate jaalala maallaqaan yookiin faayidaa qabatamaa
argachuuf yoo ta’e; adabbiin maallaqaa hanga qarshii kuma dhibba tokkoo gahuu
ni danda’a.
Yaakkichi kan raawwatame
adabbii du’aa yookiin hidhaa cimaan umurii guutuutiin yakka adabsiisuun nama
himatame irratti haala miidhaa geessisuun yoo ta’e; adabbichi hidhaa cimaa
waggaa kudhan hin caalle ni ta’a.
3. Yakki
keewwata xiqqaa(1) jalatti ibsame kan raawwatame dagannoon yoo ta’e;
Hidhaa salphaa ji’a sadii
hincaalleen yookiin adabbii maallaqaa qarshii kuma shan hincaalleen ni
adabsiisa.
Boqonaa sadii
Raawwii Murtii Yakkaa
IrrattiYakkoota Raawwataman
Keewwata 459.Adabbiilee
Dabalataa,Tarkaanfilee Eeggannoo Ittisaafi Eeggumsa Kabajuu Dhabuu.
Namni Kamiyyuu adabbii
dabalataa mirgaa irraa mulqamu /Keewwata 123/ yookiin tarkaanfii
eegannoo/Keewwata 141-154/ erga itti murtaa’ee booda osoo beekuu dhorkaa yookiin
dirqama seeraan itti murtaa’e kan cabse yoo ta’e;
Keewwata biroon adabbii
ol’aanaa kan adabamu yoo ta’e malee/Keewwata 465/;
adabbii maallaqaa qarshii
dhibba tokko hin caalleen yookiin badichi ulfaataa yommuu ta’u hidhaa salphaa
ji’a tokko hin caalleen ni adabama.
Keewwata 460. Adabbiifi Tarkaanfilee Eeggannoo Gufachiisuu
Namni kamiyyuu adabbiifi
tarkaanfii eeggannoo mana murtiitiin yakkamaa tokko irratti murtaa’e haala
kamiiniyyuu akka hinraawwatamne kan taasise yoo ta’e;
Hidhaa salphaan yookiin
adabbii maallaqaan ni adabama.
Keewwata 461. Miliquu
Hidhamaa
1. Namni
Kamiyyuu akkaataa seeraan qabamee yookiin hidhamee iddoo jiruu kan miliqe yoo
ta’e; Hidhaa salphaa ji’a jaha hincaalleen ni adabama.
2.
Yakkichi kan raawwatame namoota irratti gocha dhaadachuu
yookiin humnaa raawwachuun yookiin qabeenya irratti miidhaa geessisuun yoo
ta’e;
Hedhaa salphaa waggaa sadii
hincaalleen ni adabsiisa.
3. Balleessichi
yakka duraatiin kan itti murtaa’e yookiin murtaa’u yoo ta’e waa’ee yakkoota
dacha yookiin irra deddeebii tumaaleen ilaallatan akkuma haala isaatti
raawwatamoo ni ta’u.
Keewwata 462. Hidhamaan Akka
Miliqu Mijeessuufi Gargaaruu
1. Namni
kamiyyuu hojjetaa mootummaa osoo hin ta’in/Keewwata 402/ namni akkaataa seeraatiin qabame yookiin hidhame akka
miliquuf gocha humnaan, dirqisiisuun, dhaadannaan, dabaan, fudhatamummaa
dhuunfaa isaatiin garmalee tajaajilamuun yookiin tooftaa biroo kamiiniyyuu
karaa kan mijeessee yookiin kan gargaare yoo ta’e; Hidhaa salphaan ni adabama.
2. Adabbichi
hidhaa salphaa ji’a sadii gad hin taane, yookiin dubbichi ulfaataa yommuu
ta’utti hidhaa cimaa waggaa torbaa hincaalle kan ta’u:
(a)
miliquun kan raawwatame, kan yaalame; yookiin kan mijaa’e
hojii gamtaa gareen, meeshaa waraanaan yookiin meeshaa biroo kamiiniyyuu yoo
ta’e; yookiin
(b)
namni akka miliquuf gargaarsi taasifameef siviilii yookiin
miseensa raayyaa ittisaa yoo ta’ellee yoo xiqqaate yakkamaa hidhaa cimaan
waggaa digdamaa itti murtaa’e yoo ta’edha.
3. Yakkamtichi
karoora isaa milkeessuuf jeequmsa kaase, gocha humna nama yookiin qabeenya
irratti raawatee, yookiin hojjetaa yookiin eegduu faayiidaan sossobee, yookiin
yakka dachaabiroo kamiiniiyyuu raawwatee yoo ta’e, yakkoonni dachaa yommuu
raawwatamanitti tumaaleen adabbii cimsuu ilaalchisee tumaman raawwatamoo ni
ta’u/Keewwata 62 fi 66/.
Keewwata 463. Miliquu
Booji’amtoota Waraanaafi Too’atamtoota Loltummaa fi Akka Miliqan Gargaaruu
Tumaan Keewwata 426 akka eegametti
ta’ee, bakka yookiin idoo loltootni itti too’ataman addatti qophaa’e keessatti
booji’amtoota waraanaa yookiin too’atama loltootaa argaman ilaalchisee adabbii
yakkaa itti murtaa’een kan qabaman yoo ta’uu baataniillee tumaaleen armaan
olitti keewwata 461 fi 462 jalatti ibsaman haala wal fakkaatuun raawwatamoo ni
ta’u.
Keewwata 464. Fincila
Hidhamtoota
1. Namni
kamiyyuu akka seeraatti qabamee akka turu yommuu taasifametti:
(a)
abbaa aangoo bulchiinsa mana hidhaa, eegduu yookiin
bulchiinsa mana hidhaa yookiin nama too’annoo gaggeessuuf itti gaafatamummaan
kennameef kamiyyuu gocha humnaatiin yookiin dhaadannaan dirqama hojii isaa akka
hinraawwannee yookiin gocha faallaa dirqama hojii isaa ta’e akka raawwatu
dirqisiisuuf;
(b)
namootuma kana keessaa kan dirqama hojii isaa raawwachaa
jiru tokko irraa balaa geessisuuf; yookiin
(c)
namoota yookiin qabeenya irratti gocha humna raawwachuun
miliquuf yaaduun fincila yookiin jeequmsa keessatti kan hirmaate yoo ta’e;
Adabbii itti murtaa’uu qabu
yookiin itti murtaa’ee inni raawwataa jiru waliin dabalataa kan ta’u hidhaa
salphaa ji’a sadii irraa hanga waggaa shanii gahuun ni adabama.
2. Namni
fincila qopheesse yookiin hooggane:
(a)
gochi humnaa yookiin dirqisiisuu yoo hin raawwatamin
hidhaa cimaa waggaa shan hin caalleen;
(b)
gochi humnaa yookiin dirqisiisuun kan raawwatamee yoo
ta’e; tumaaleen adabbii kana caalu hordofsiisan akkuma eegamanitti ta’ee,
hidhaa cimaa waggaa kudhan hin caalleen ni adabama.
3. Namoota
Yookiin qabeenya irra miidhaan kan ga’e yoo ta’e tumaaleen waliigalaa adabbii
yakkoota dacha cimsuu ilaalchisee tumaman raawwatamoo ni ta’u/Keewwata 63,66/.
Keewwata 465. Dhorkaa
Naannawaa Tokkoo Cabsuu
Namni kamiyyuu iddoo yookiin
naanna’aa tokkotti daangeeffamee akka jiraatu yookiin iddoo murtaa’e tokko
jiraachuu yookiin oolee buluu kan dhorku yookiin biyyaa akka ba’u murtiin itti
murtaa’ee osoo jiruu sababa humanaa ol ta’e osoo hin qabaatin murtii kana kan
cabse yoo ta’e;
Barbaachisaa yoo ta’u
tarkaanfii eeggannoo itti murtaa’ee inni cabse ol kaasuu danda’uun akkuma
eegametti ta’ee, hidhaa salphaa waggaa tokko hin caalleen ni adabama.
Yeroon murtiin adabbbichaa
itti turu tarkaanfilee eeggannoo bilisummaa dhuunfaa hir’isan waliin hin
heerregamu.
Mata duree Shan
Yakkota Filannooleefi Kenniinsa
Sagalee Ummataarratti Raawwatamanu
Keewwata 466. Walga’ii
Flannoof Taasifamuu fi Adeemsa Filannoo Jeequu fi Gufachiisuu
1.
Namni Kamiyyuu Walga’ii ummataa filannoo wajjin wal qabate
kan seeraan hayyamame yookiin kenniinsaa sagalee yookiin filannoo too’annoo
abbootii aangoo dhimmichi ilaallatuun seeraan taasifamu karaa seera-qabeessa
hin taane kamiiniyyuu kan jeeqe, kan dhorke, kan gufachiise yookiin akka addaan
citu kan taasise yoo ta’e;
Hidhaa salphaa waggaa tokko
hincaaleefi adabbii maallaqaa qarshii kuma tokko hincaalleen ni adabama.
2. Namoota
yookiin qabeenyarratti gochi humnaa kan raawwatame yoo ta’e; yookiin
dhaadannaan amala lolaa yookiin jeequmsaa qabu kan ka’e yoo ta’e; tumaaleen
rogummaa qabanu dabalataan raawwatamoo ni ta’u.
Keewwata 467. Mirga Sagalee
Filannoo Kennuu yookiin Filatamuu Tuquu
1. Namni
kamiyyuu dhaadannoon, dirqisiisuun, aangoo isaatti seeraan ala fayyadamuun
yookiin gocha humnaatiin, waliin dha’uun keessumattu maqaa jijjiiruun, beeksisa
yookiin waamicha dhoksuun yookiin hambisuun yookiin tooftaa biroo kamiiniyyuu:
(a)
Namni biroo mirga filuu yookiin filatamuu isaatti akka hin
fayyadamne kan dhorke yoo ta’e; yookiin
(b)
Tooftaa kana fakkaatuun namni biroo mirga isaatti karaa
murta’aa ta’e tokkoon akka itti fayyadamu yookiin mirgumaa isaa kanatti osoo
hinfayyadamin hafuuf dirqama akka seenu kan taasie yookiin kan sossobe yoo
ta’e; hidhaa salphaa waggaa tokko hincaalleen yookiin adabbii maallaqaatiin ni
adabama.
2.
Namni kamiyyuu akka
fedhii isaatti fayyadamuuf
bu’uura mirga kennameefiitiin mirga filachuu isaa karaa murtaa’e tokkoon nama
itti fayyadame yookiin osoo itti hin fayyadamin dhiise irratti miidhaa kan
geesise yoo ta’e;
Adabbii armaan olitti
ibsameen ni adabama.
Keewwata 468.Fayyidaa
Sossobuu Filannoo Irratti Kennamu
1.
Namni kamiyyuu nama biroo mirga filachuu yookiin filatamuu
qabu mirga isaatti karaa murtaa’een akka fayyadamu yookiin mirga isaa akka
dhiisu taasisuuf karaa kallattii yookiin alkallattiidhaan mallaqa, yookiin
faayidaa akaakuubiroo kamiyyuu kan kenne, yookiin kennuuf waadaa kan gale yoo
ta’e;
Hidhaa cimaa waggaa shan
hincaallee fi adabbii maallaqaatiin ni adabama.
2. Namni
mirga filachuu yookiin filatamuu qabu kamiyyuu mirga isaa kanatti akka
fayyadamu, yookiin karaa murtaa’e tokkoon akka itti fayyadamu yookiin osoo itti
hinfayyadamin akka hafu maallaqa yookiin faayidaa akaakuubiroo kamiyyuu kan
fudhate yookiin fudhachuuf kan waliigale yoo ta’e; adabbii armaan olitti
ibsameen ni adabama.
Keewwata 469. Hojmaata
Hinmale
1.
Filatamaa kaadhimamaan kamiyyuu seeraan kan hayyamameen
ala maallaqa duula filannoof ta’u nama, garee yookiin jaarmiyaa kamiyyuu irraa kara kallattiinis
ta’ee al kallattiin kan walitti qabe yookiin kan fuudhe yoo ta’e; yookiin
dambiiilee heerregaa dorgommii filannoo murtaaa’an kan hin kabajne yoo ta’e,
yookiin herreega dorgommii filannoo keessatti baasii isaa itti yaadee
xiqqeessee kan agarsiise yoo ta’e;
Hidhaa salphaa waggaa tokko
hin caalleen yookiin adabbii maallaqaatiin ni adabama.
2. Namni
kamiyyuu filatamticha kaadhimamaa irraa hayyama osoo hinargatin baasii filannoo
filatamaa kaadhimamaa tokko uwwisuuf maallaqa kan walitti qabe, kan kenne,
yookiin karaa kamiiniyyuu gumaacha kan
taasise yoo ta’e; Adabbiin armaan olitti ibsame irratti ni raawwatama.
3. Namni
kamiyyuu kallattiin yookiin karaa nama birootiin:
(a)
Namaan himsiisuun, walii barreessuun,
paamfileetiin/barreeffamoota xixiqqoon/, barreeffama maxxanfamuun yookiin
fakkiidhaan, barreeffama maxxanfamee bahuun, radiyoon, mala sabquunnamtii biroo
kamiiniyyuu tamsasuun oduu yookiin haasaa sobaatti gargaaramuun; yookiin
(b)
Karaa biroo waliindha’uu, dabsuu yookiin hojmaata
haqaqabeessa ta’een ala ta’e kamiiniyyuu gargaaramuudhaan, waliindha’ee sagalee
filataa kan argate yookiin sagalee filataatiin garmalee kan fayyadame yookiin
sagaleen isaa nama filatichi filateef akka hin tajaajille kan taasise yoo ta’e;
Hidhaa salphaa waggaa tokko
hincaalleen yookiin adabbii maallaqaa qarshii kuma shan hin caalleen ni
adabama.
Keewwata 470. Waliindha’uuGalmeessuurratti Raawwatamu
1. Namni
Kamiyyuu:
(a)
Tarreeffama filannoo yookiin galmee filannoo keessatti
maqaa yookiin gonfa sobaan yookiin dandeetti hinqabneen akka galmaa’u kan
taasise yookiin dhabiinsa dandeetti seeraan beekame qabachuu isaa osoo hin
ibsin kan galmaa’e yoo ta’e;
(b)
Yeroo tokkotti tarreeffama yookiin galmeewwan filannoo
lama yookiin lamaa ol ta’an keessatti maqaa isaa kan galmeessise yookiin
seeraan ala waraqaalee sagaleen ittin kennamu yookiin kan filannoo kan fudhe
yookiin akka kennamaniif kan taasise yoo ta’e; Yookiin
(c)
Seeraan ala namoota lubbuun jiran, kan du’an, kan badan,
yookiin kan lubbuun jiraatanii hin
beekne kan galmeessise yookiin maqaa isaaniitiin waraqaa sagaleen ittiin
kennamu kan fudhate yoo ta’e;
Hidhaa salphaa waggaa tokko
hin caalleen yookiin adabbii maallaqaa qarshii kuma tokko hin caalleen ni
adabama.
2. Yakki
keewwata kana keewwata xiqqaa (1) jalatti ibsame filatamaa kaadhimamaa dhaan
yommuu raawwatamu adabbichi hidhaa cimaa waggaa lama hincaallee yookiin adabbii
maallaqaa qarshii kuma kudhan hin caalee ni ta’a.
Keewwata 471. Gocha waliin
Dha’uu Yeroo Kenniinsa Sagalee Raawwatamu
Nani kamiyyuu filannoon
beekamaa ta’e akaakuu kamiyyuu yommuu geggeeffamu; filannichaan dura, yeroo
filannichaa, yookiin filannichaan booda gocha raawwatamu akaakuu kamiiniyyuu
keessumattuu:
(a) Galmee
filannoo, tarreeffama filannoo xumurame, yookiin sagaleen kan ittiin kenname
waraqaa sagaleen ittiin kennamu fakkeessee hojjechuudhaan, Kan sobaa
taasisuudhaan, jijjiiruudhaan, tooftaa nama dogoggorsuun irra isaatti
maxxansuudhaan, yookiin hambisuudhaan, balleessuudhaan yookiin fudhachuudhaan;
(b) Yeroo
filannoo tokkotti yeroo tokko ol sagalee kennuudhaan;
(c) Waraqaa
sagaleen ittiin kennamu sanduuqa filannoo keessa buusuudhaan yookiin sandduuqa
filannoo keessaa baasee fudhachuun, yookiin karaa kamiiniyyuu nama seeraan ala
iddoon jireenyaa seera qabeessi isaa naannoo filannoon itti gaggeeffamuun ala
ta’e, dandeettii kan hin qabne, dandeetti kan dhabe, sagalee akka kennu, yookiin maqaa nama du’ee
yookiin jireenya qabaatee hin beekneetiin sagalee akka kennu taasisuudhaan
yookiin waraqaa sagaleen ittiin kennamu kan sagalee kennuuf akka hin tajaajille taasifame, kan
gara sobbaatti jijjirame, yookiin sobaan kan hojjetame osoo beekuu sanduuqa
filannoo keessa galchuudhaan; yookiin akka galu hayyamuudhaan; yookiin
(d) Waraqaa
sagaleen ittiin kennamu sirritti lakka’uu dhabuudhaan yookiin itti yaadee
sagalee kenname, waraqaa sagaleen ittiin kenname, maqaa yookiin mallatoo
dhiisuudhaan, yookiin mallattoo yookiin maqaa barraa’een ala dubbiisuudhaan,
yookiin qaboo yaa’ii adeemsa filannichaa yookiin bu’aa filannoo ofiiseelaawaa
irratti waan dhugaan alaa galmeessuudhaan; yookiin
(e) Bu’aa
yookiin sanadafilannoo hambiisuudhaan, dhoksuudhaan, jijjiiruudhaan yookiin
balleessuudhaan yookiin namoota isaan
kana fudhachuuf aangoo hin qabnetti seeraan ala kennuudhaan;
Bu’aa filannoo sirrii ta’e
kan dogoggorse yoo ta’e; hidhaa salphaan yookiin adabbii maallaqaatiin ni
adabama.
Keewwata 472. Wal Irra Bu’uu
Yakkoota
Yakki waliindha’uu yookiin
gara sobaatti jijjiiruu kan raawwatame mala qabatamaan yookiin qabatamaa
hintaaneen dhoksaan yoo ta’e; tumaan adabbiin ittin murtaa’u dhimmuma kana kan ilaallatu
dabalataan raawwatamaa ni ta’a./Keewwata 375,376/.
Keewwata 473. Eegumsa Iccitii
Kenniinsa Sagalee Cabsuu Namni Kamiyyuu:
(a) Filataan
tokko mirga qabu haala kamiin akka itti tajaajilame yookiin sagalee isaa akka
kenne karaa seeraa ala ta’een beekuu kan danda’e yoo ta’e; yookiin
(b) Dhimma
akaakuu akkanaa akka carraa erga beekee booda jechaanis ta’ee gaazeexaadhaan
yookiin tooftaa akaakuubirootiin itti yaadee ummataaf kan ibse yookiin odicha
kan tamsaase yoo ta’e; Hidhaa salphaan yookiin adabbii maallaqaatiin ni
adabama.
Keewwata 474. Waraqaalee
Sagaleen Ittiin kennamuu fi Sanduuqota Filannoo Fudhachuufi Balleessuu:
1. Namni
Kamiyyuu sanduuqa filannoo waraqaaleen sagalee ittiin kennamee hin lakkaa’amne
qabatee jiru, Yookiin waraqaalee sagaleen ittiin kennamu kan sanduuqicha keessa
jiran hunda yookiin gar tokkee isaa iddoodhaa kan kaase, akka miliqan kan
taasise yookiin kan balleesse yoo ta’e; Hidhaa salphaan yookiin adabbii
maallaqaatiin ni adabama.
2. Yakkichi
kan raawwatame namoota tokko ol ta’aniin yookiin gocha humnaan yoo ta’e
hoogantootaaf yookiin geggeesitootaaf waa’ee adabbii cimsuu kan tumamee akkuma
eegametti ta’ee/Keewwata 84(d)/ adabbichi hidhaa cimaa waggaa kudhan hin caalle
ni ta’a.
3. Gochi
dirqisiisuu buufata filannoo yookiin miseensota buufata filannoo irratti
raawwatamuu bu’uura tumaalee seera kanaa keewwata 440 irraa hanga 442 tti
ibsamaniin ni adabsiisa.
Keewwata 475. Adabbiilee
Dabalataa
Yakki filannoo ilaalchisee
raawwatame adabbii hidhaa kan murteessise yoo ta’e; manni murtichaa adabbii
mirga hawaasummaa irraa yeroo murtaa’eef dhorkamuu yeroo kamiyyuu dabalataan
murteessuu qaba /Keewwata 123(a)/.
Keewwata 476. Sababoota
Adabbii Cimsan
Yakkoota mata duree kana
keessatti ibsaman keessaa tokko kan raawwate hojjetaa mootummaa yookiin bakka
filannoo yookiin buufata sagaleen itti kennamutti nama miseensummaa
ooffiiseelaan yookiin too’attummaan
hojjetu yoo ta’e;gochiichi aangoon seera ala fayyadamuun /Keewwata 407/
yookiin iccitii mootummaa ibsuun /Keewwata 397/, yookiin yakka kana fakkaatuun
kan adabsiisu yoo ta’e malee adabbichi baayyee yoo xiqqaate hidhaa salphaa ji’a
tokko ta’ee fiixeen adabbichaa adabbii yakkichaaf tumame irratti walakkaa isaa
dabaluun bu’aa argamuudha.
Haallawwan isaa baayyee cimaa
yommuu ta’an yookiin yakkichi daddabalamee yommuu raawwatamu manni murtichaa
adabbicha hidhaa waliin adabbii maallaqaa dabalataan murteessuu ni danda’a.
Mata duree Jaha.
Yakkota Nageenya Ummataa, Nagaafi
Tasgabbaa’anii Jirachuu Irratti Raawwataman
Boqonnaa Tokko
Yakkoota Nageenya Ummataa Irratti
Raawwataman
Kutaa Tokko
Yakkoota Yakkoonni Biroon Akka
Raawataman Kakaasan Yookiin Kakaasuu Danda’an
Keewwata 477.
HojihiiktummaaBalaafamaa Ta’e
1.
Namni kamiyyuu qaama guutuu osoo qabuu bakka jireenyaa
murtaa’e yookiin hojii idilee yookiin madda galii idilee yookiin beekama
jireenya isaatiif barbaachisaa ta’e kan hinqabne ta’ee, amala hojihiiktummaa
yookiin haala jireenya badaan maallaqa argachuuf jedhee mala badaa
balaaleffatamaa ta’e yaadee amaleeffatee kan qabateefi jireenyuma isaa
kanaan nageenyaafi tasgabbii ummataaf
balaafamaa kan ta’e yoo ta’e;
Hojii dirqamaa bilisummaa
dhuunfaa hir’isuu waliin kan murtaa’u/Keewwata 104/, yookiin hidhaa salphaa
ji’a jaha hincaalleen ni adabama.
2. Balleessichi
meeshaa waraanaa yookiin meeshaalee uumama isaaniin yakka raawwachuuf
tajaajilan qabatee kan argame yoo ta’e; hidhaa salphaan kan adabamu yoo ta’u,
gocha dhaadannaa yookiin dirqisiisuu, yookiin namoota dhuunfaa irratti gocha
humna yookiin harka darbuu kan raawwate yoo ta’e; tumaan yakkoota dachaa
ilaalchisee tumame raawwatamaa ni ta’a.
3. Haalawwan
yommuu madaalaman barbaachisaa ta’anii yeroo argamanitti manni murtichaa
tarkaanfilee eeggannoo bilisummaa hir’isan /Keewwata 144,149/ adabbii isa
muummee irratti dabalee murteessuu ni danda’a.
Keewwata 478. Miseensa
Raawwattoota Gocha Hamaa Ta’uu
1.
Namni kamiyyuu namoota tokko yookiin tokko ol ta’an waliin
ta’uun nageenya yookiin fayyaa ummataa irratti yookiin nama irratti yookiin
qabeenya irratti yakka cimaa raawachuuf yookiin yakkuma kana qopheessuuf kan
sade yookiin namni biroo sadoo kana keessatti akka hirmaatu kan kakaase yoo
ta’eefi sadichi gochaan kan ibsame yoo ta’e;
Hidhaa salphaa ji’a jaha gadi
hin taaneefi adabbii maallaqaan ni adabama.
Kaayyoo tumaa kanaaf ”yakaka
cimaa” jechuun yoo xiqqaate yakka hidhaa cimaa waggaa shaniin adabsiisuudha.
2. Yakkamtoonni
sun baayyee kan ta’an yoo ta’e yookiin meeshaalee waraanaa yookiin meeshaalee
biroo yakka raawwachuuf tajaajilan hidhatanii yookiin qabatani kan argaman yoo
ta’e; adabbichi hidhaa salphaa waggaa tokkoo gadi hintaaneefi adabbii maallaqaa
ni ta’a.
3. Yakka
cimaa biroo lubbuu yookiin qaama namaa,
nageenya ummataa yookiin qabeenyaa irratti raawwatame, yakkoota cimaa
akaakuu tokko yookiin addaddaa ta’an kan walitti aananii raawwataman, yookiin
yakkoota cimoo meeshaa waraanaan, baalota sammuu adoochaniin yookiin daldala
namaa kan fakkaataniin balaafamuummaan adda yakkichaa kan ibsame yoo ta’e;
manni murtichaa tumaalee yakkoota dachaa bu’uureeffachuun adabbii olaanaa
seeraan tumame ni murteessa /Keewwata. 63, fi 66/.
Keewwata 479. Da’oofi
Gargaaraa Rawwattoota Gocha Hamaa Ta’uu
1. Namni
Kamiyyuu bu’uura haalawwan seera kanaan waa’ee miiltummaa(keewwata 37)
tumamaniin adabsiisaniin ala:
(a)
hawaasa irratti, namoota dhuunfaa yookiin qabeenya irratti
yakka raawwachuuf miseensota gareewwan yookiin waldaalee gocha hamaatiin osoo
hindirqamin osoo beekuu da’oo yookiin nyaatakan kenne, yookiin karaa biroo
kamiiniyyuu kan gargaare, yookiin iddoo jireenyaa yookiin walga’ii kan kenne
yoo ta’e;
Hidhaa salphaa ji’a jaha gadi
hintaaneefi adabbii maallaqaan ni adabama.
(b)
dhaaddannaan yookiin haala kamiiniyyuu osoo hindirqamin
jiraachuu, karoora, iddoo itti argaman, yookiin idoo itti walgahii gareewwan
yookiin waldaalee kanaa osoo beekuu abbaa aangoo dhimmichi ilaallatutti osoo
hinbeeksisin kan hafe yoo ta’e; hidhaa salphaafi adabbii maallaqaan ni adabama.
2. Garichi
yookiin waldichi baayyee balaafamaa yoo ta’e yookiin dawoo kennuun yookiin
gargaaruun kan raawwatame amaleeffannaan yoo ta’e; adabbichi hidhaa salphaa
waggaa tokko gadi hin taane ni ta’a.
3. Namni
kamiyyuu haalawwan bu’uura tumaalee seeraa kanaan waa’eemiiltummaa/Keewwata
37/tumamaniin adabsiisaniin ala maallaqichi yookiin qabeenyi biroon:
(a)
yakka keewwata 262(1) yookiin (2), 481(2) yookiin (3),
499(2), yookiin 585 (3) jalatti tumaman
raawwachuuf; yookiin
(b)
meeshaalee waraanaa fayyadamuun walitti bu’iinsa
taasifamuu keessatti nama hirmaanaa hin qabne yookiin siviilota ajjeesuuf
yookiin qaama isaarra miidhaa geesisuuf yookiin qabeenya irratti miidhaa cimaa
geesisuuf yookiin mootummaan yookiin jaarmiyaan addunyaalessaa gocha tokko akka
raawwatu yookiin raawwachuu irraa akka ofqusatu dirqisiisuuf yookiin ummata
dorsisuuf karoora qabame raawwachuuf;
Guutummaan
yookiin gar-tokkeen akka oolu osoo beekuu, karaa kamiiniyyuu kallattiinis ta’e
alkallattiin maallaqa yookiin qabeenya akaakuubirookamiiniyyuu kan walitti
qabe, gocha raawwattootaaf kan kenne, yookiin kan dhiheesse yoo ta’e;
Qabeenyichi hojiirra oolus,
ooluu baatus hidhaa cimaa waggaa shanii hanga waggaa kudhanii gahuun ni
adabama.
4. Namni
kamiyyuu seera kanaan waa’ee miiltummaa bu’uura tumameen /keewwata 37/
haalawwan adabsiisaniin ala gareen tokko yakka keewwata 262(1) (2), 481 (2)(3)
, 499 (2), 585(3) yookiin keewwata kana keewwata xiqqaa (3) jalatti ibsameen
yakka akka raawwatu yookiin kaayyoon seeraan alaa garichaa hojiirraa akka
ooluuf gummacha kamiyyuu kan taasise,
yookiin yakka ibsame irratti bobbaasuuf nama kan file, yookiin deeggerssi isaa
yakkoota ibsaman keessaa tokko raawwachuuf akka tajaajilu osoo beekuu raawwataa
gochichaaf sanada deemsaa yookiin waraqaa eenyummaa sobaa kan qopheesse yookiin
meeshaa waraanaa dabalatee deggersa kamiiyyuu kan taasise yookiin tajaajila kan
kenne yoo ta’e; adabbii keewwata kana keewwata xiqqaa (3) jalatti ibsameen ni
adabama.
Keewwata 480. Yakki Akka
Raawwatamu Ifatti kakaasuu yookiin Yakkaan Ni Tole Jechuu
Namni kamiyyuu jechaan,
barreeffamaan, fakkiin, sochii qaamaan yookiin gocha biroon ifatti:
(a)
hawaasarratti, nama dhuunfaa yookiin qabeenya irratti
gocha humna yookiin yakka cimaaakka raawwatu nama biroo kan kakaase yoo ta’e;
(b)
yakka akaakuu akkanaa yookiin raawwaticha kan faarse
yookiin ni tole kan jedhe yoo ta’e; yookiin
(c)
kaayyoo isaa nama
adabame waliin tokko taasisuun, gocha balleeessichaa deggeruun yookiin abbootii
aangoo balaaleffachuun adabbii maallaqaa akka kaffalu seeraan nama itti
murtaa’eef kaffaltii adabichaaf kan ta’u buusii maallaqaa kan gaafate yookiin
kan walitti qabe yoota’e; Hidhaa salphaan yookiin adabbii maallaqan ni adabama.
Keewwata 481. Meeshaa
Waraanaa Daldaluu
1. Namni
kamiyyuu mootummaa balaa irraa buusuu ilaalchisee tumaalee tumamaniin
alatti/Keewwata 256/:
(a)
hayyama osoo hin qabaatiin yookiin karaa faallaa seeraa
ta’een meeshaalee waraanaa, wantoota dhohan, yookiin rasaasota akaakuu kamiyyuu
kaayyoo daldaluutiin kan hojjete, biyyaa alaa irraa kan fichisiise, gara biyya
alaatti kan erge, kan geejiibe, kan bite, kan fudhate, kan kaa’e, kan kuuse,
kan dhokse, gurgurtaaf kan dhiheesse yookiin akka naanna’an kan taasise yookiin
kan raabse yoo ta’e; yookiin
(b)
kaayyoo daldalaaf osoo hin ta’iin namoota shakkaman
yookiin balaafamoo ta’aniif osoo beekuu meshaa waraanaa akaakuu kamiyyuu kan
gurgure, kan dabarsee kenne, yookiin kan kenne yoo ta’e;
Mi’oonni jedhaman kun
dhaalamuun isaanii osoo hin hafin adabbii maallaqaafi hidhaa cimaa waggaa shan
hin caalleen, yookiin haalli isaa ulfaataa yommuu ta’etti hidhaa cimaa waggaa kudhan
hin caalleen ni adabama.
2. Yakkichi
kan raawwatame lubbuu namaa, qaama, qabeenya, qabeenya uumamaa, naannoo irratti
balaa kan hordofsiisu yookiin hordofsiisuu kan danda’u waahiyyoo niwukilaraa
qabiiyyee isaa jala gochuun, fudhaachuun, gara wanta birootti jijjiiruun,
naannessuun, raabsuun, yookiin maqsuun, hatuun yookiin waahiyicha waliin dhahee
harka offiitti galfachuun yookiin akka harka isaa gahu gocha humnaa, dhaadannaa
yookiin kan biroo kamiyyuu raawwachuun
yookiin gochoota kana raawwachuuf dhadannaan kan raawwatame yoo ta’e;
Hidhaa cimaa waggaa shanii
hanga waggaa kudhanii gahuun ni adabsiisa.
3.
Gochichi kan raawwatame, meeshaa waraanaa yommuu hojjetu
adda bahee akka beekamu sirna moggaasaa barbaachisu yookiin mootummaan dhimmi
ilaallatu osoo hin hayyamin, balleessichi biyya meeshichi wraanaa yookiin
rasaasichi itti hojjetame yookiin warshaalame irraa abbaa aangoo dhimmi
ilaallatu irraa hayyama osoo hin argatiin yookiin bu’uura seeraan meeshicha
irratti maallattoon addummaa osoo hin taasifamin meeshaalee jijjirraa fi
qaamolee addaddaa meeshaa daldala meeshaa seeraan alaatiin argamaniin
fayyadamee meeshaa waraanaa yommuu hojjete yookiin warshaale;
Adabbichi hidhaa cimaa waggaa
shanii hanga waggaa kudha lamaa gahu ni ta’a.
4. Balleessichi
gochoowwan ibsaman kan raawwate jaalala maallaqaan yookiin hojii ogummaa isaa
taasisuun yoo ta’e; adabbichi hidhaa cimaa waggaa shanii hanga waggaa kudha
shanii gahuu danda’u ni ta’a.
5. Seeronni
waa’ee hojimaata, qabannaafi itti fayyadama meeshaaf bahan kan darbiinsa dambiitiin
adabsiisan akkuma eegamanitti ta’u /Keewwata 808 fi 809/.
Kutaa Lama
Yakkoota Jeequmsa Ummataa kakaasan
yookiin Kakaasuu Danda’an
Keewwata 482. Waldaaleefi
Walgahiiwwan Dhorkaman
1. Namni
Kamiyyuu:
(a)
waldaa, garee, walgahii yookiin yaa’ii seeraan, mootummaan
yookiin abbaa aangoo dhimmi ilaallatuun waliigalatti yookiin yeroo murtaa’eef
dhorkame keessatti osoo beekuu kan hirmaate yoo ta’e; yookiin
(b)
osoo beeekuu waldaa, garee, walgahii yookiin yaa’ii akkanaatiif
manneen, iddoowwan yookiin mooraa
maallaqaan yookiin tolaan akka itti tajaajilamu kan taasise yoo ta’e; Adabbii
maallaqaa qarshii kuma tokko hin caalleen ni adabama.
2. Hogganaan,
gurmeessaan yookiin ajajaan yakkichaa kan adabamu hidhaa salphaa waggaa tokko
hin caalleen ta’a.
Keewwata 483. Waldaalee
Dhoksaa yookiin Gareewwan Meeshaa Hidhatan
Hojjiin yookiin walgahiin
isaanii dhoksaa kan ta’e waldaalee seeraan alaa, yookiin gareewwan yookiin
waldaalee seeraa ala ta’aniifi meeshaa hidhatan, keessumattuu leenjii
loltummaaf yookiin dhukaasa didhoofyookiin ispoortiif akka hundaa’anfakkeessuun
gareewwan yookiin waldaaleen beekaman yakka keewwata 479 jalatti ibsame yommuu
raawwatannamnihirmaataa ta’e; hidhaa salphaafi adabbii maallaqaan ni adabama.
Gaggeessaa, gurmeessaa
yookiin miseensa beekamaa waldaa yookiin garee kanaa irratti adabbiin murtaa’u
hidhaa salphaa ji’a jaha gadi hin taaneefi adabbii maallaqaa qarshii kuma tokko
gadi hin taane ta’a.
Keewwata 484.
WalgahiiwwanDhorkaman
1. Namni
kamiyyuu daandii ummataa yookiin iddoo walgahii ummataa irratti walgahii
seeraan dhorkame kamiyyuu irratti fedhaa isaan kan hirmaate yoo ta’e; Adabbii
maallaqaa qarshii kuma lama hin caalleen ni adabama.
2. Gaggeessaan,
qopheessaan yookiin ajajaan yakkichaa kan adabamu hidhaa salphaa waggaa lama
hin caalleen ta’a.
3. Walgahii
seeraan alaa namoota meeshaa qabataniin taasifame irratti yaadee namni hirmaate
kamiyyuu hidhaa salphaa hanga waggaa shanii gahuu danda’uun ni adabama.
4. Haala
armaan olitti keewwata xiqqaa (3) jalatti ibsameen yakkichi yommuu raawwatamu,
gaggeessaa, qopheessaa yookiin ajajaa yakkichaa kan ta’e yookiin namni meeshaa
qabate; hidhaa salphaa waggaa tokkoo hanga waggaa shan gahuu danda’uun ni
adabama.
5. Jaarmiyaan
namummaan seeraa kennameef walgahii seeraan dhorkame kan gurmeesse yookiin kan
gaggeesse yoo ta’e; adabbii maallaqaa
qarshii kuma kudhan hin caalleen ni adabama. Keewwata 485. Ooduun Ummata Shororkeessuu
1. Namni
kam iyyuu:
(a)
nageenya ummataa
yookiin lubbuu, fayyaa yookiin qabeenya namoota dhunfaaf balaa
yaaddeessaa ta’e keessumattuu balaa weeraraa, ajjeechaa namaa, gubiinsa
abiddaa, badiisa yookiin saamicha akka gahu soodaachisuun; yookiin
(b)
waa’ee haalawwan kanaa yookiin walumagalatti waa’ee
jeequmsa gahuu yookiin waa’ee badiisa dhiheenyatti gahuu yookiin wa’ee balaa
uumamaa oduu sobaa facaasuun; itti yaadee ummata kan shororkeesseyoo tahe;
Hidhaa
salphaa waggaa sadii hin caalleen yookiin adabbii maallaqaan ni adabama.
2. Adabbii
olaanaa kan murteessisan tumaaleen rogummaa qaban akkuma eegamanitti ta’ee,
haalawwan jeequmsa fi unkuramni hamaa baay’ee ulfaataa ta’e fiduu danda’an
yookiin kan fidan yoo ta’e; adabbichi hidha cimaa waggaa sadii hin caallee ni
ta’a.
Keewwata 486. Oduu Sobaa
Odeessuun Ummata Kakaasuu
Namni kamiyyuu haala yakkoota
nageenya biyyaa irratti raawwatameen ala ta’een/Keewwata 240,257 (e), fi
261(1)/:
(a) namni
mootummaa, abbootii aangoo ummataa yookiin hojii isaanii irratti oduu sobaa,
shakkii, yookiin hamii sobaa kan uumuu yookiin facaasu kanarraa kan ka’eenis
yaada ummataa kan jeeqe, kakaase, yookiin jeequuf kan danda’u yoo ta’e; yookiin
(b) sobaan
yakkuuyookiin tooftaa birooakaakuu kaminiyyuu shakkii kan baballise, jibiinsa
kan kakaase yookiin jeequmsa gocha humnaa yookiin kan siyaasaa, kan sanyii
yookiin kan amantii kan kakaase yoo ta’e;
Hedhaa salphaan yookiin
adabbii maallaqaan, yookiin yakkicha ulfaataayommuu ta’etti hidhaa cimaa waggaa
sadii hin caalleen ni adabama. Keewwata
487. Ibsoota Yaadaa Amala Kakaasuu Qaban Namni kamiyyuu:
(a) iddoo
ummanni walitti qabamu yookiin walgahii kam irrattiyyuu gocha seeraan ala
ta’eef kan kakaasu yookiin ibsa haasaa amala dhaadannaa qabu yookiin fakkii kan
qopheesse, kan baballise, kan tamsaase, yookiin dhageessisee yoo ta’e; Yookiin
(b) abbaa
aangoo rogummaa qabuun ajajawwan seeraan kennaman yookiin seerotaafi dambiilee
bahan ummanni akka mormu taasisuuf ifatti kan kakaase yoo tahe;
Hidhaa salphaa ji’a jaha hin
caalleen yookiin adabbii maallaqaa qarshii dhibba shan hin caalleen ni adabama.
Keewwata 488. Jeequmsa
1.
Namni kamiyyuu walgahii seeraan alaa nama yookiin qabeenya
irratti; gocha humnaa gamtaan raawwatame irratti fedha isaan kan hirmaate yoo
tahe;
Hidhaa salphaa ji’a tokkoo
gadii hin taaneen yookiin adabbii maallaqaan ni adabama.
2. Gurmeessaan,
kakaasaan yookiin gaggeessaan yakkichaa hidhaa salphaa ji’a jahaa gadi hin
taaneefi adabbii maallaqaan, yakkichi ulfaataa yeroo ta’etti hidhaa cimaa
waggaa shan hin caalleefi adabbii maallaqaan ni adabama.
3. Nama
yookiin qabeenya irratti gocha humnaa dhuunfaa isaatiin namni raawwate kam
iyyuu; yakki inni raawwate tumaa seeraa addaan adabbii olaanaa kan adabsiisu
yoo ta’e malee, hidhaa cimaa waggaa sadii hin caalleen ni adabama.
Keewwata 489. Dhimmoota
Ilaalchi Addaa Isaaniif Taasifamu.
Gocha humnaa osoo hin
raawwatiin yookiin akka raawwatamu osoo hin kakaasiin walgahii dhorkame,
hiriira, ibsa yaadaa amala kakaasuu
qabu, yaa’ii seeraan ala ta’e irraa yookiin dhaadannaa gamtaa irraa fedha
isaaniin yookiin ajaja abbaa aangoon hirmaattonni bahanii adeeman barbaachisaa
yommuu tahe ceepha’amanii, yookiin dheekkamamanii/Keewwata 122/adabbii biroo
irraa bilisa akka ta’aniif murteessuun ni dandaa’ama.
Boqonnaa Lama
Yakkoota Nageenya Ummataafi Tasgabbiin Jiraachuu Irratti Raawwataman
Keewwata 490. Walga’ii Yookiin Yaa’ii Jeequu
1.
Namni kamiyyuu seeraan kan hayyamame walgahii yookiin
yaa’ii kamiiniyyuu jechaan, doorsisuun, gocha humnaan, humnaan yookiin karaa
birookamiiniyyuu seera mormuun kan weerare, kan jeeqe, kan dhorke yookiin kan
bittinse yoo ta’e;
Hidhaa salphaa ji’a jaha hin
caalleen yookiin adabbii maallaqaa qarshii kuma tokko hin caalleen ni adabama.
2. Yakkichi
kan ilaallatu abbootii aangoo, boordii yookiin komishinii ofiseelaa (official)
ta’e yookiin kan filannoo, gurgurtaa caalbaasii yookiin hojii ummataa seera
qabeessa ta’e kamiiniyyuu raawwachuuf walgahii yookiin yaa’ii taasifame yoo
ta’e; walgahichi yookiin yaa’ichi kan siyaasaa, bulchiinsaa, amala seera
raawwachiistummaa yookiin abbaa seerummaa kan qabu yoo ta’ellee; adabbichi
hidhaa salphaa ji’a sadii gadi hin taaneefi adabbii maallaqaa qarshii dhiibba
shanii gadi hin taane ni ta’a.
3. Badichi
kan raawwatame gareen yookiin meeshaa waraanaa yookiin meeshaa biroo qabachuun
yoo ta’e’ adabbichi hidhaa cimaa waggaa torba hin caalle ni ta’a
Keewwata 491. BadiiOfiin
Ittigaafatamummaa Ala Ta’uun Gocha Jeequmsaa Rawwatamu
Badii ofiin machaa’uun
yookiin haala biroon namni guutummaan ittigaafatamummaan ala of galche yoo
xiqqaate yakka hidha waggaa tokkoon adabsiisu kan raawwate yoo ta’e.
Akka ulfaatinaafi guddina
yookiin xiqqeenya balleessaa gocha raawwatameetti adabbii maallaqaan yookiin
hidhaa salphaa waggaa tokko hin caalleen ni adabama. Keewwata 492. Nageenyaafi Miira
Amantii Tuquu
Namni kamiyyuu itti yaadee
ifatti:
(a) sirna
amantaa, adeemsa ayyaaneffannaa yookiin gochaa amantii hayyamame akka hin
raawwatamne kan dhorke, kan jeeqe, yookiin kan itti qoose yoo ta’e;yookiin
(b) iddoo,
fakkii yookiin mi’a sirna amantaaf tajaajilu kan xureesse yoo ta’e; adabbii
maallaqaa qarshii kuma tokko hin caalleen yookiin hidhaa salphaa waggaa lama
hin caalleen ni adabama.
Keewwata 493. Nageenyaafi
Kabaja Namoota Du’anii Tuquu.
Namni kamiyyuu:
(a) gaggeessa
reeffaa yookiin sirna awwaalaa kan jeeqe
yookiin kan salphise yoo ta’e;
(b) iddoo
namni du’e itti boqote kan sarbe, xureesse, siidaa yookiin mallattoo
awwaalichaa kan diige yookiin kan xureesse yookiin reeffa awwaalames ta’ee kan hin awwaalamiin
kan salphise yookiin qaama isa kukkute yoo ta’e;
(c) reeffa
ifatti kan xureesse yookiin kan rukute yoo ta’e; yookiin
(d) reeffa
yookiin kutaa yookiin hamba qaama reeffaa kamiin iyyuu kan fudhate, akka badu
kan taasise yookiin kan bittinneesse yoo ta’e;
Hidhaa salphaan yookiin
adabbii maallaqaan ni adabama.
Mata Dure Torba
Yakkoota NageenyaUmmataa,
Quunnamtiifi Geejjiba Irratti Raawwataman
Boqonnaa Tokko
Yakkoota Tasgabbiifi Naggeenya
Ummataa Irratti Raawwataman
Keewwata 494. Gubiinsa
Abiddaa Qaqqabsiisuu
1.
Namni Kamiyyuu namoota yookiin qabeenyaa irratti balaa
waliigalaa geessisuu yaadee gamoo yookiin hojii qabatamaa (mullatu) akaakuu
kamiyyuu, miidhaan, oomishaalee qonnaa, bosona, mukeen yookiin mi’oota biroo
kan isaa yookiin nama biroo kamiiniyyuu abidda kan itti qabsiise yoo ta’e;
Hidhaa cimaa waggaa kudhan
hin caalleen ni adabama.
2. Yakkichi
balaa olaanaa kan hordofsiise yookiin namoota yookiin qabeenya irra miidhaan
gahe kan babal’ate yoo ta’e; keessumattuu kan miidhaman gamoowwanummataa,
gamoowwan tajaajilaa ummataa, manneen jiraattonni keessa jiran
yookiinjireenyaaf tajaajilan, mankuusaa nyaataa, wantoota boba’an yookiin
mankuusaalee dhohaa, bosonoota, albuudota, boollota boba’a yookiin calaltoota
boba’aa, dooniilee xiyyaarootaayookiinkeessumattuu balaaf mijaawaa kan ta’an
mi’oota biroo kamiyyuu yommuu ta’an; adabbichi hidha cimaa waggaa kudhashan hin caallee ni ta’a.
Keewwata 495. Balaa Uummamaa
Geessisuu
Namni Kam iyyuu namoota
yookiin qabeenya irratti balaa geessisuufyaadee balaa lolaa yookiin bishaaniin
nyaatamuu, foxoqiinsa lafaa, diigama yookiin kan kana fakkaatan biroo kamiyyuu
akka qaqqabu kan taasise yoo ta’e;
Bu’uura armaan olitti
keewwata 494 jalatti tumameen ni adabama.
Keewwata 496. Hojiilee
Qabatamoo Yookiin Hojiilee Egumsaa Miidhuu
Namni Kam iyyuu namoota
yookiin qabeenya irratti balaa geessisuuf yaadee gamoowwan elektirikii, yookiin bishaan
ilaallatan yookiin humna uumamaa ittisuuf hojiilee hojjetaman keessumattuu ujumoo, bo’olee, kuusaalee, Ittisa bishaanii,
gadhiisa bishaanii yookiin itisaalee dambalii bishaanii kan mancaase yookiin
kan diige yoo ta’e;
Bu’uura armaan olitti
keewwata 494 jalatti tumameen ni adabama.
Keewwata 497. Dhoosuu
Namni kamiyyuu namoota yookiin
qabeenya irratti balaa qaqqabsiisuuf yaadee wantoota balaafamoo boba’aa,
baaruda, dimaamitii yookiin kana kan fakkaatan birookamiiniyyuu akka dhohu kan
taasise yoo ta’e; Bu’uura armaan olitti keewwata 494 jalatti tumameen ni
adabama.
Keewwata 498. Yakkoota
Dagannoon Raawwataman
Namni kamiyyuu armaan olitti
keewwata 494 hanga 497 keessatti ibsaman keessaa tokko dagannoon kan raawwate
yoo ta’e;
Akka cimina yakkichaatti
hidhaa salphaan yookiin adabbii maallaqaan ni adabama.
Balleessichi namoota yookiin
qabeenya balaa ulfaataa ta’eef saaxilee kan argame yoo ta’e; manni murtichaa
hidhaa salphaa murteessuu qaba.
Keewwata 499. Wantoota
Dhohaniin, Boba’aniin Yookiin Summeessaniin Balaa Qaqqabsisuu
1.
Namni Kamiyyuu nageenya ummataa irratti balaa qaqqabsiisuuf
karoorfachuun wantoota dhohaniin, yookiin salphaatti boba’aniin yookiin gaazota summeessaniin osoo beekuu lubbuu,
fayyaa yookiin qaama namaa yookiin qabeenya nama biroo balaaf kan saaxile yoo
ta’e; Hidhaa cimaa waggaa kudhan hin caalleen ni adabama.
Balleessichi balaaf kan
saaxile qabeenya qofa yoo ta’eefi miidhaan inni qaqqabsiise salphaa yoo ta’e
adabbichi hidhaa salphaa ji’a jahaa gadi hin taane ni ta’a.
2. Yakkichi
hidhaa cimaa waggaa shanii hanga waggaa kudhashanii gahuun kan adabsiisu;
gochichi lubbuu yookiin qaama namaa irratti miidhaa qaqqabsiisuuf yookiin
dinagdee irratti miidhaa cimaakan qaqqabsiisu yookiin qaqqabsiisuu danda’uun
gochaa ifatti, iddoo taajaajila ummataatti, dhaabbata mootummaa, dhaabbata
tajaajilli itti kennamuu yookiin sirna irratti miidhaa qaqqabsiisuuf yaadamee
dhaabbilee, tajaajiloota yookiin sirnoota eeraman irratti wantoota
baayolojikaalaa, wantoota summummaa qaban dhangalaasuun, gadhiisuun, facaasuun,
yookiin lubbuu, yookiin qaama yookiin qabeenya namaa irratti miidhaa
qaqqabsiisuuf humna kan qaban yookiin gocha kanaaf kan hojjetaman boba’ootaafi
wantoota dhihan kaa’uun, darbachuun, dhoosuun
kan raawwatame yoo ta’edha.
3.
Namni kamiyyuu nageenya ummataa irratti balaa
qaqqabsiisuuf karoorsuun osoo hin ta’iin haala armaan olitti ibsameen lubbuu,
qaama, fayyaa yookiin qabeenya nama biroo itti yaadee balaaf kan saaxile yoo
ta’e;
Hidhaa salphaan ni adabama.
4. Namni
kamiyyuu haala keewwata xiqqaa(1) jalatti ibsameen lubbuu, qaama, fayyaa
yookiin qabeenya nama biroo dagannoon balaaf kan saaxile yoo ta’e; Hidhaa
salphaan ni adabama.
5. Keewwata
kana keewwata xiqqaa (1) yookiin keewwata xiqqaa (3)n yakki raawwatame salphaa
ta’ee yommuu argamu manni murtichaa bakka hidhaa salphaa hojii dirqamaa yookiin
adabbii maallaqaa murteessuu ni danda’a.
Keewwata 500.Wantoota Dhohan,
Boba’an, Yookiin Summeessan, Karaa Seeraan Ala Ta’een Hojjachuu, Qabachuu,
Dhoksuu, Yookiin Geejjibuu
1.
Namni kamiyyuu kaayyoo seeraan ala ta’eef karoorfamuu
isaanii osoo beekuu wantoota dhohan, boba’an, yookiin summeessan kan hojjeteyoo
ta’e;
hidhaa salphaa ji’a jahaa gadi hin taane,
yookiin dubbichi ulfaataa yommuu ta’etti hidhaa cimaa waggaa kudhan hin
caalleen ni adabama.
2.
Namni biroon kaayyoo seeraan ala ta’eef ittifayyadamuuf
ta’uu isaa osoo beekuu keewwata xiqqaa(1) jalatti wantoota ibsaman oomishanii
baasuuf meeshaalee yookiin qajeelfamoota tajaajilan nama kanaaf kan kenne namni
kamiyyuu;
Hidhaa salphaa ji’a jahaa
gadi hin taane, yookiin dubbichi ulfaataa yommuu ta’etti hidhaa cimaa waggaa
torba hin caalleen ni adabama.
3.
Namni kamiyyuu kaayyoo seeraan ala ta’aniif karoorfamuu
isaanii osoo beekuu wantoota dhohan, boba’an yookiin summeessan yookiin mi’oota
dheedhii isaan kana oomishuuf tajaajilan biyyaa alaarraa kan fichisiise
harkatti kan galfate, kan bite, yookiin kan biroof dabarsee kan kenne, kan
biroo irraa kan fudhate kan kuuse, kan dhokse yookiin kan geejjibe yoo
ta’e;
Gochicha kan raawwate gatiin
yookiin tolas ta’us, hidhaa salphaa ji’a jahaa gadi hin taaneen, yookiin
dubbichi ulfaataa yommuu ta’etti; hidhaa cimaa waggaa shan hin caalleen ni
adabama.
Keewwata 501. Dambiilee Hojii
Gamoo Cabsuu
1. Namni
kamiyyuu hojii gamoo yookiin diigiinsa gamoo akaakuu kamiyyuu yommuu to’atu,
gaggeessu, yookiin raawwatu dambiilee eeggannoo seeraan tumaman yookiin ogummaa
yookiin muuxannoo hojii gamoo ittiin hojjetaman itti yaadee cabsuun nageenya
ummataa yookiin lubbuu, fayyaa yookiin qaama namootaa, yookiin qabeenya nama
biroo balaarraa kan buusee yoo ta’e; Hidhaa salphaa ji’a sadii gadi hin
taaneefi adabbii maallaqaan ni adabama.
2. Yakkichi
kan raawwatame dagannoon yoo ta’e;
Adabbichi hidhaa salphaa
waggaa tokko hin caallee yookiin adabbii maallaqaa ni ta’a.
Keewwata 502. Meeshaalee
Yookiin Mi’oota Ittisa Balaa Kaasuu Yookiin Gurmeessuu Dhabuu
1. Namni
Kamiyyuu itti yaadee:
(a)
jaarmiyaa yookiin warshaa, iddoo albuudaa, kamittuu
yookiin iddoo hojii biroo kamiyyuu keessatti akka balaan hin qaqqabne ittisuuf
meeshaa kaa’ame kan balleesse, kan kaase, kan mancaase, faayida qabeessuummaa
isaa kan hambise, yookiin hojiin ala kan taasise yoo ta’e; yookiin
(b)
bu’uura seeraa yookiin ajaja abbaa aangoo dhimmi
ilaallatuun dirqama meeshaa hojii eegumsaaf tajaajiluu qopheessuu dhiisuun
nageenya nama biroo balaarraa kan buuse yoo ta’e; hidhaa salphaafi adabbii
maallaqaan ni adabama.
2. Yakkichi
kan raawwatame dagannoon yoo ta’e; adabbichi hidhaa salphaa waggaa tokko hin
caalle yookiin adabbii maallaqaa qarshii kuma shan hin caalle ni ta’a.
Keewwata 503. Balaa Ulfaataa
Ummatarra Gahu Beeksisuu Dhabuu
Namni kamiyyuu ofiisaa
yookiin kanneen biroo irratti miidhaa osoo hin fidiin beeksisuu yookiin
tarkanfilee eeggannoo fudhachuu osoo danda’uu balaa gubiinsaa, dhohiinsaa,
lolaayookiin balaa uumamaa kan ta’e yookiin kan hin taane lubbuu, fayyaa
yookiin qabeenya namaa irratti miidhaa fiduu danda’u abbaa aangoo yookiin
qaamolee ittigaafatamummaa eegumsaa qabanitti kan hin beeksisne yookiin haala
kamiiniyyuu balaan kun akka hin qaqqabne ittisuuf yeroosaatti tarkaanfilee
eeggannoo barbaachisaa ta’an kan hin taasifne yoo ta’e;
Hidhaa salphaa waggaa tokko
hin caalleen yookiin adabbii maallaqaan ni adabama.
Keewwata 504. Haalawwan
Qusataman
Tumaaleen boqonnaa kanaa
iddoowwan hojiifi hojiiwwan tajaajilaa ittisa biyyaaf yookiin loltummaaf
dhaabbatan miidhuu yookiin mancaasuu, keessumattuu diiguu yookiin gufachiisuu
raawwatiinsa tumaalee miidhaarra buusuu ilaalatan /keewwata 247(a),308,309 fi
327(a)/ hin hambisan.
Boqonnaa Lama
Yakkoota Bilisummaafi
Tasgabbii Geejjibafi Qunnamtiilee Irratti Raawwataman
Keewwata 505.Hojiiwwan
Qabatamoofi Tajaajiloota Faayidaa Ummataaf Hundaa’an Irratti Miidhaa
Qaqqabsiisuu
1. Namni
kamiyyuu itti yaadee:
(a)
ummataaf tajaajila kan kennan yookiin faayidaa ummataaf
hojiirraa kan oolan geejjiboota yookiin qunnamtiilee lafaa, bishaanii, galaanaa
yookiin qilleensa irra, isaanuma kana haaromsuuf, suphuuf, irra deebiin
hojjechuuf yookiin tajaajila akka kennan taasisuuf hojiilee ijaarsaa fayyadan
dabalatee; yookiin
(b)
dhaabbilee yookiin tajaajilawwan Poostaaf, teelegrafaaf,
walqunnamtii bilbilaaf yookiin telekominikeshinaaf walumaagalatti yookiin
tajaajila bishaanii, ibsaa, gaazii, humnaa, yookiin ho’ina ummataaf dhiheessuuf
yookiin raabsuuf kan hundaa’an;
Hojmaata idileen kan dhorke,
jeeqe, yookiin gufachiise yoo ta’e; hidhaa salphaafi adabbii maallaqaa, yookiin
dubbichi ulfaataa yommuu ta’etti hidhaa cimaa waggaa shan hin caalleen ni
adabama.
2.
Yakkichi kan raawwatame nama seeraan yookiin waliigalteen
dirqamni irra jiruun yoo tahe, keessumattuu hojiin yookiin dirqamoonni isaa kan
addaan citan haallawwan humnaa ol hin taane yookiin seeraan, yookiin
waligalteen kan eyyamamaniin ala yoo ta’e;
Adabbichi hidhaa salphaa ji’a
sadii gadi hin taaneefi adabbii maallaqaa yookiin dubbichi ulfaataa yommuu
ta’etti hidhaa cimaa waggaa torba hin caalle ni taa’e.
3. Yakkichi
kan raawwatame dagannoon yoo ta’e adabbichi adabbii maallaqaa qarshii kuma
tokko hin caalle, yookiin yakkichi ulfaataa yommuu ta’etti hidhaa salphaa ji’a
jaaha hin caalle ni ta’a.
Keewwata 506. Qunnamtiileefi
Geejjibaalee Balaa Ulfaataarra Buusuufi Balleessuu
1. Namni
kamiyyuu tajaajila ummataa yookiin mi’a daandii geejjiba, hadiida baaburaa,
bishaan yookiin qilleensa irra taasifamu walitti bu’isaaf, daandii baburaa irra
baasuuf, akka liqimfamu, yookiin balaa biroo namoota yookiin qabeenya irratti
miidhaa geessisuu kamiifuu saaxiluuf keessumattuu:
(a)
riqicha, hidha, ittisa dambalii, hojii qabatamaa
hundeeffame, yookiin meeshaa to’annaa, ittisaa, maallattoo agarsisiftuu,
yookiingeejjiba balleessuun, iddoodhaa jijjiiruun, diiguun ykn akka hin
tajaajille taasisuun;
(b)
karaa, daandii baaburaa, bo’oo guddaa (kanalii) yookiin
karaa walqunnamtiibiroo kamiiyyuu irratti balaa fiduu kan danda’u gocha yookiin
hojii raawwachuun yookiin gufuu kaa’uun;
(c)
ajaja, mallattoo yookiin agarsiftuu sobaa kennuun;yookiin
(d)
dirqama, dambii, yookiin eeggannoof tumaalee barbaachisaa
ta’an haala kamiin iyyuu cabsuun; Geejjiba ummataa akka hin hojjenne itti
yaadee kan taasise, kan gufachiise, yookin haala balaan irra gahuu danda’utti
akka argamu kan taasise;
Hidhaa cimaa waggaa shan hin
caalleen ni adabama.
2. Yakki
keewwata xiqqaa (1) jalatti ibsame dagannoon kan raawwatame yoo ta’e;adabbichi
hidhaa salphaa yookiin adabbii maallaqaan ta’a.
3. Adabbiin
hidhaa cimaa hangaa wagga kudhanii kan gahu balleessichi osoo beekuu:
(a)
dirqama waliigaltee yookiin ogummaa irra jiru cabsuun
gochicha kan raawwate yoo ta’e; yookiin
(b)
lubbu, qaama yookiin fayyaa kanneen biroo balaa irra kan
buuse yoo ta’e yookiin qabeenya irratti balaa hedduu olaanaa ta’e kan
qaqqabsiise yoo ta’edha.
4. Yakkichi
dagannoon kan raawwatame dirqama hojii ogummaa yookiin waliigalte cabsuun yoo ta’e;
Adabbichi hidhaa salphaa ji’a tokkoo gadi hin taane ta’a.
5. Gochi
yakkichaa dhaabbilee yookiin meeshaalee nageenya adeemsa qilleensa irraayookiin
galaana irraa tajaajilan barbadeessuun, mancaasuun yookiin hojmaata isaanii
gufachiisuuf jidduu seenuun kan raawwatame ta’ee xiyyaara balali’aa jiru
yookiin doonii imalarra jiru balaaf kan
saaxilu yoo ta’e;
Adabbichi hidhaa cimaa waggaa
kudha shanii hanga waggaa digdamii shanii gahuu ni danda’a.
6. Gochi
keewwata xiqqaa shan (5) jalatti ibsame kan raawwatame dagannoon yoo ta’e;
adabbichi hidhaa cimaa waggaa shanii hanga waggaa kudha shanii gahuni ta’a.
Keewwata 507.Bakka
Dhaabbataafi DaangeffamaakontiineentaalShalfiitti Argamu, Xiyyaaraafi Doonii
Seeraan Ala Qabuu.
1.
Namni kamiyyuu humnaan, dhaadannaan yookiin mala
sodaachisuu birookamiiniyyuu, dabaan yookiin karaa seeraan alaa kamiiniyyuu
bakka dhaabbataafi daangeffamaa kontiinentaal shalfiitti argamu, xiyyaara tajaajila yookiin balali’a
irra jiru yookiin bakka qubannaa isaa dhaabbatee jiru, yookiin doonii tajaajila
yookiin imala irra jiru yookiin buufata galaanaa irra dhaabbate itti yaadee kan
qabe yookiin to’annoo jala kan oolche yoo ta’e;
Hidhaa cimaa waggaa kudha
shanii hanga waggaa digdamii shanii gahuu danda’uun ni adabama.
2. Kaayyoo
keewwata kanaa fi keewwatoota arfan armaan gadii jiraniif:
(a) “Xiyyaaraa
tajaajilarra jiru” jechuun hojjettoonni geejjiba qilleensaa yookiin xiyyaara
balali’aaf murtaa’eef qophii dursaa taasisan irraa eegalee xayyaarichi erga
qubatee booda hanga sa’atii digdamii afuriitti yeroo jiru kan ilaallatudha.
(b) “Xiyyaara
balali’aa jiru” jechuun yeroo balballi xiyyaarichaa inni alaa cufame irrraa
eegalee balballi isaa hanga banamutti yeroo jiru kan ilaallatu yommuu ta’u,
xiyyaarichi dirqisiifamee kan qubate yoo ta’e yeroon kun xiyyaaricha, namootaa
fi qabeenya hunda gadhiisisuuf yeroo inni fudhatu ni dabalata.
Keewwata 508. Bakka Dhaabbataafi
Daangeffamaa KontiinentaalShalfiitti Argamu, Xiyyaara Yookiin Doonii Haala
Yaaddeessaarra Buusuu.
1.
Namni kamiyyuu bakka dhaabbataafi
daangeffamaakontiinentaalshalfiitti argamu, xiyyaaraa tajaajila yookiin
balali’a irra jiru yookiin bakka qubannaa dhaabbate, doonii tajaajila yookiin
imalarraa jiru yookiin bakka buufataa dhaabbate keessatti nama argamu irratti
itti yaadee karaa seeraan alaatiin gocha humnaa kan raawwate yoo ta’eefi
gochichi nageenya bakkichaa, xiyyaarichaa yookiin doonichaa balaarra buusuu kan
danda’u yoo ta’e;
Hidhaa cimaa waggaa kudha
shanii hanga waggaa digdamii shanii gahuu danda’uun ni adabama.
2.
Namni kamiyyuu bakka dhaabbataafi daangeffamaa
kontiinenntaalaashalfiittiargamu ,xiyyaara tajaajila yookiin balali’a irra jiru
yookiin bakka qubannaa isaa dhaabbate, yookiin doonii tajaajila yookiin imala
irra jiru, yookiin buufata galaanaa dhaabbate keessatti nama argamu irratti
dagannoon gocha humnaa kan raawwate yoo ta’eefi gochichis nageenya bakkichaa,
xiyyaarichaa yookiin doonichaa balaa irra buusuu kan danda’u yoo ta’e;
Hidhaa cimaa waggaa shanii
hanga waggaa kudha shanii gahuu danda’uun ni adabama.
Keewwaa 509. Bakka
Dhaabbataafi DangeeffamaaKontiinentaalShalfiitti Argamu, Xiyyaara Xookiin DooniiIrratti Balaa
Qaqqabsiisuu.
1.
Namni kamiyyuu bakka dhaabbataafi
daangeffamaakoontiinentaalshalfiittiargamu yookiin xiyyaara tajaajila yookiin
balali’a irra jiru yookiin bakka qubannaa isaattiargamu yookiin doonii
tajaajila yookiin imala irra jiru yookiin buufata galaanaa keessatti argamu
itti yaadee karaa seeraan alaatiin kan barbadeesse yoo ta’e, yookiin wantoota
kanneen keessaa tokko irratti miidhaa geessiseen tajaajilaaf, balali’aaf
yookiin imalaaf gahaa akka hintaane kan taasise yoo ta’e, yookiin nageenyi tajaajilaa, balali’aa yookiin imalaa
balaaf akka saaxilamu miidhaa taasisuu danda’u kan geessiseyoo ta’e;
Hidhaa
cimaa waggaa kudha shanii hanga waggaa digdamii shanii gahuu danda’uun ni
adabama.
2.
Namni kamiyyuu bakka dhaabbataafi
daangeeffamaakontiinentaalishalfiittiargamu yookiin xiyyaara tajaajila yookiin
balali’a irra jiru yookiin buufata isaatti argamu yookiin doonii tajaajila
yookiin imala irra jiru yookiin buufata galaanaa keessatti argame dagannoodhaan
kan barbadeesse yoo ta’e, yookiin wantoota kana keessaa tokko irratti miidhaa
dagannoodhaan geessiseen tajaajilli, balala’iinsi yookiin imalli isaa gahaa
akka hin taane kan taasise yoo ta’e, yookiin nageenyi tajaajilaa, balali’aa
yookiin imalaa balaaf akka saaxilamu miidhaa taasisuu danda’u kan
qaqqabsiiseyoo ta’e;
Hidhaa cimaa waggaa shanii
hanga waggaa kudha shanii gahuu danda’uun ni adabsiisa.
Keewwata 510. Mallattooleefi
Waamicha Gargaarsaatti Seeraan AlaTaasisuu
1. Namni
kamiyyuu dabaan yookiin sababa gahaa osoo hin qabaatin qunnamtiiwwan irratti
jeequmsi akka ka’u yookiin qunnamtiin akka addaan citu yaaduun mallattoo balaa
yookiin gaaffii gargaarsaa yookiin ergaa baratame yookiin waliigaltee
addunyaalessaatiin beekame kan dabarse, meeshaa nageenyaa yookiin
akeekkachiisaatiin fayyadamuun ergaa akeekkachiisaa kan dabarse yookiin
akeekkachiisa balaa teelekoominkeeshinaatiinseeraan ala kan fayyadame yoo ta’e;
2. Yakkichi
xiyyaarabalali’arra jiru yookiin doonii imalarra jiru balaaf saaxiluuf
odeeffannoo sobaa dabarsuun kan raawwatme yoo ta’e; adabbichi hidhaa cimaa
waggaa kudha shanii hanga waggaa digdamii shanii gahu ni ta’a.
3. Gochi
keewwata xiqqaa (2) jalatti ibsame kan rawwatame dagannoon yommuu ta’etti
adabbichi hidhaa cimaa waggaa shanii hanga waggaa kudha shanii gahu ni ta’a.
Keewwata 511. Wantoota
Yookiin Meeshaalee Balaafamoo Ta’an Karaa Seeraan Alaatiin kaa’uu Yookiin
Fe’uu.
1.
Namni kamiyyuu balaa geessisuuf yaadee geejjiboota ummataa
kan lafaa, qilleensaa, yookiin bishaanii irratti wantoota yookiin meeshaalee
boba’an, dhoo’an, yookiin kallattiin kan summeessan,yookiin tuttuqaan,
dhukkeessuun (emanations) yookiin bittinsuu fi urkuudhaan kan balleessan
yookiin miidhaan kan kaa’e yookiin akka kaa’aman kan taasise, kan fe’e yookiin
kan feesise, qabatee kan imale yoo ta’e;
Hidhaa cimaa waggaa shanii
hanga waggaa kudha shanii gahuu danda’auun ni adabama.
2. Namni
kamiyyuu itti yaadee:
(a) Nageenya
bakka dhaabbataafi
dangeeffamaakontiinental shalfiitti argamu irratti balaa buusuuf;
(b) Xiyyaara
tajaajila irra jiru barbadeessuuf yookiin balali’aaf gahaa akka hin taane
yookiin nageenyi balali’a isaa balaaf akka saaxilamu taasisuuf; yookiin
(c) Doonii
barbadeessuuf yookiin fe’isa isaa yookiin doonicha irratti miidhaa geessisuuf
yookiin nageenyi imala isaa balaaf akka saaxilamu taasisuuf,
meeshaa yookiin mi’a dandeessisu kamiyyuu
tooftaa kamiiniyyuu xiyyaaricha yookiin doonicha yokiin bakka dhaabbataafi
daangeffamaa kontinteentaal shalfiittiargamu irra kan kaa’e yookiin akka
kaa’amu kan taasise yoo ta’e;
Hidhaa cimaa waggaa kudhanii
hanga waggaa kudha shanii gahuun ni adabama.
3. Namni
kamiyyuu balaa buusuuf yookiin miidhaa geessisuuf yaadee osoo hin ta’in osoo
beekuu dambiiilee yookiin qajeelfamoota nageenya eegumsa tiraafiikaa
ilaalchisee bahan darbuungochoota keewwata xiqqaa (1) jalatti ibsaman keessaa
tokko kan raawwate yoo ta’e; Hidhaa cimaa waggaa torba hin caalleen ni adabama.
4.
Namni kamiyyuu geejjiboota ummataa kan lafaa, qilleensaa
yookiin bishaanii irratti yakkoota raawwatamanu ittisuufi too’achuuf itti
gafatamummaan kan irra kaa’ame ta’ee osoo jiruu, dirqama hojii isaa dagannoon
osoo hin ba’iin hafee geejjiboota kanneen yookkiin bu’uuraalee tajaajilaa
isaanii irratti wantoonni yookiin meeshaaleen balaa geessisuu danda’an
kaa’amanii yookiin fe’amanii kan argaman yoo ta’e;
Hidhaa cimaa waggaa shan hin
caalleen ni adabama.
5. Gochi
keewwata xiqqaa (2) jalatti ibsame dagannoon kan raawwatame yoo ta’e; adabbichi
hidhaa cimaa waggaa shanii hanga waggaa kudha shanii gahu ni ta’a.
Keewwata 512. Haala Ulfaataa
1.
Yakkoota keewwata 505 hanga 511 jalatti ibsaman keessaa
tokko itti yaadamee yommuu raawwatamu lubbuu, qaama yookiin fayyaa namaarratti
miidhaan kan gahe yoo ta’e;
Hidhaa cimaa waggaa kudhanii
hanga waggaa digdamii shanii gahuu danda’uun, yookiin dubbichi ulfaataa yommuu
ta’utti hidhaa cimaa umurii guutuun yookiin du’aan ni adabsiisa.
2. Yakkichi
kan raawwatame dagannoon yoo ta’e, adabbichi hidhaa cimaa waggaa shanii hanga
waggaa kudha shanii gahu ni ta’a.
Keewwata 513. Hirmaannaa
Yakkaa Jaarmiyaa Namummaan Seeraa Kennameefii
Jaarmiyaan namummaan seeraa
kennameef kamiyyuu bu’uura seera kana keewwata 34 tiin tumameen yakkoota
boqonnaa kana keessatti ibsaman keessaa tokkorratti hirmaataa yommuu ta’u;
bu’uura seera kana keewwata 90 tiin ni adabama.
Mata Duree Saddeet
Yakkoota Fayyaa Irratti Raawwataman
Boqonnaa Tokko
Tumaalee Waliigalaa Eegumsaa Cabsuu
Kutaa Tokko
Yakkoota Dhukkuboota Daddabarsuufi
Naannoo Faaluun Raawwataman
Keewwata 514. Dhukkuba Namaa
Daddabarsuu
1. Namni
kamiyyuu itti yaadee dhukkuba daddarbaanamatti kan tamsaase yookiin kan dabarse
yoo
ta’e;
Hidhaa cimaa waggaa kudhan
hin caalleen ni adabama.
2. Balleessichi:
(a)
Yaada jibbiinsaan, haaloon, hammeenyaan yookiinsalphinaan
dhukkuba miidhaa ulfaataa yookiin du’a hordofsiisuunama biroorratti kan
tamsaase yookiin dabarse yoo ta’e; yookiin
(b)
Yaadni keewwata kana qubee (a) jalatti ibsame yoo
jiraachuu baatelleedhukkuba miidhaa ulfaataa yookiin du’a hordofsiisunama
biroorratti kan tamsaase yookiin kan dabarse yoo ta’e; yookiin
(c)
Dhukkuba golfaa/epidemic/ ta’e kan dabarse yoo ta’e;
Hidhaa cimaa waggaa digdama
hin caalleen yookiin dubbichi ulfaataa yommuu ta’etti hidhaa cimaa umurii
guutuun yookiin du’aan ni adabama.
3. Yakkichi
kan raawwatame dagannoon yoo ta’e, adabbichi hidhaa salphaa yookiin adabbii
maallaqaa ni ta’a.
Keewwata 515. Dhukkuba Beelladaa Tamsaasuu
1. Namni
kamiyyuu itti yaadee beelladoota manaa, lukkuuwwanii fi simbirroowwan madaqan
kan lukkuu fakkaatan, bineensota bosonaa adamsaman, qurxummii, kanniisota
yookiin bineensota bosonaa seeraan eegaman gidduutti dhukkuba kan tamsaase yoo
ta’e; Hidhaa salphaa yookiin adabbii maallaqaan ni adabama.
2. Balleessichi:
(a)
Yakkicha kan raawwate hammeenyaan yoo ta’e; yookiin
(b)
Itti yaadee miidhaa olaanaa kan geessise yoo ta’e,
Adabbichi hidhaa salphaa ji’a
sadii gadi hin taane ni ta’a.
3. Yakkichi
kan raawwatame dagannoon yoo ta’e;
Adabbichi hidhaa salphaa ji’a
jaha hin caalle yookiin adabbii maallaqaa ni ta’a.
Keewwata 516. Ilbiisota Miiddhaanii Yookiin Bosonaa Baayyisuu
Namni kamiyyuu itti yaadee
yookiin dagannoon ilbiisota yookiin jermoota oomisha qonnaa ykn bosonaa irratti
miidhaa kan geessiisan /immii/germ/kan baayyise yoo ta’e; bu’uura adabbii
keewwata 515 jalatti tumameen ni adabama.
Keewwata 517. Bishaan Faaluu
1.
Namni Kamiyyuu itti yaadee bishaan dhugaatii namaaf
yookiin beelladootaaf tajaajilu wantoota fayyaa miidhaniin kan faale yoo ta’e;
Akka haala dubbichaafi akka
hamma miidhichaatiin adabbii maallaqaan yookiin hidhaa salphaa ji’a tokkoo gadi
hin taaneen, yookiin yakkichi cimaa yommuu ta’etti hidhaa cimaa waggaa torba
hin caalleen ni adabama.
2. Yakkichi
kan raawwatame boollawwan bishaanii, kuusaalee,
burqaawwan, galoowwan bishaanii/Water Holes/, laggeen, yookiin haroowwan itti
yaadee sumeessuun yoo ta’e; adabbichi hidhaa cimaa waggaa kudha shan hin caalle
ni ta’a.
3. Gochi
armaan olitti keewwata xiqqaa (1) yookiin (2) jalatti ibsame kan raawwatame
dagannoon yoo ta’e; adabbichi hidhaa salphaa, yookiin dubbichi salphaa yoo ta’e
adabbii maallaqaa ni ta’a.
Keewwata 518. Bakka
Dheedichaa Faaluu
1.
Namni Kamiyyuu lubbuu yookiin fayyaa beelladootaa
balaarraa buusuuf yaadee wantoota summaa’aa yookiin miidhaa geessisaniin
dheedichaa yookiin dirree kan faale yoo ta’e;
Adabbii maallaqaan yookiin
hidhaa salpaan, yookiin dubbichi ulfaataa yommuu ta’etti hidhaa cimaa waggaa
torba hincaalleen ni adabama.
2. Yakkichi
kan raawwatame dagannoon yoo ta’e, adabbichi hidhaa salphaa ji’a jaha hincaalle
yookiin adabbii maallaqaa ni ta’a.
Keewwata 519. Naannoo Faaluu
1. Namni
kamiyyuu seera rogummaa qabu darbuun wantoota faalan gara naannootti kan
gadhiise yoo
ta’e;
Adabbii maallaqaa qarshii
kuma kudhan hincaalleen yookiin hidhaa cimaa waggaa shan hincaalleen ni
adabama.
2. Faalumsichi
lubbuu yookiin fayyaa namoota yookiin naannoorratti miidhaa ol’aanaa kan
geessise yoo ta’e; adabbichi hidhaa cimaa waggaa kudhan hincaalle ni ta’a.
3. Balleessichi
gocha kanaan tumaa seera yakkaa adabbii ol’aanaa hordofsiisu kan cabse yoo
ta’e; tumaaleen waa’ee yakkoota dachaaf tumaman raawwatamoo ni ta’u.
Keewwata 520. Balfa/Kosii/fi
Wanta Biroo Balaafamaa Ta’e Sirnaan Qabuu Dhabuu
Namni Kamiyyuu:
(a) Balfa/Kosii/yookiin
wanta balaafamaa bu’uura seerota rogummaa qabaniin kan hinqabne yoo ta’e;
yookiin
(b) Kosii
yookiin wanta balaafamaa ilaalchisee tarreeffaman maxxanfamuu qabu kan hin
maxxansine yoo ta’e; yookiin
(c) Kosii/balfa/yookiin
wanta balaafamaa kan naannesse yoo ta’e;
Adabbii maallaqaa qarshii
kuma shan hin caalleen yookiin hidhaa cimaa waggaa sadii hincaalleen yookiin
lamaaniinuu ni adabama.
Keewwata 521. Gochoota
Sakatta’a Dhiibbaa Naannoo Waliin Wal Falleessan Raawwachuu
Namni Kamiyyuu Sakatta’iinsi
dhiibbaa naannoo akka irratti taasifamu piroojektii seeraan ajajame kamiyyuu
hayyama osoo hin argatiin hojii irra kan oolche yoo ta’e; yookiin kanuma kan
ilaallatu ibsa sobaa kan dhiyeesse yoo ta’e;
Hidhaa salphaa waggaa tokko
hincaalleen ni adabama.
Keewwata 522. Tarkaanfilee
Eeggannoo Fayyaa Eeguufi Kunuunsuuf Seeraan Tumaman Cabsuu
1.
Namni Kamiyyuu tarkaanfilee eeggannoo dhukkuba namaa
daddarboo ittisuuf, daangessuuf yookiin dhaabuuf seeraan tumamaan itti yaadee
kan cabse yoo ta’e;
Hidhaa salphaa waggaa lama
hincaalleen yookiin adabbii maallaqaan ni adabama.
2. Yakkichi
kan raawwatame dagannoon yoo ta’e; adabbichi hidhaa salphaa ji’a jaha hincaalle
yookiin adabbii maallaqaa qarshii kuma sadii hincaallee ni ta’a.
3. Tarkaanfii
eeggannoo tamsa’ina dhukkuba beelladootaa yookiin minaanii yookiin ilbiisa
bosonaa yookiin imii (germ) yookiin faalama naannoo ittisuuf, daangeessuuf
yookiin dhaabuuf tumame itti yaadamee kan cabe yoo ta’e; adabbichi hidhaa
salphaa waggaa tokko hincaalle yookiin adabbii maallaqaa ni ta’a.
4. Gochi
keewwata xiqqaa (3) jalatti ibsame kan raawwatame dagannoon yoo ta’e; adabbichi
hidhaa salphaa ji’a sadii hincaalle yookiin adabbii maallaqaa qarshii kuma
tokko hin caalle ni ta’a.
Keewwata 523. Rakkoon Yookiin
Beelli Akka Qaqqabu Taasisuu
1. Namni
kamiyyuu itti yaadee karaa Kallattiin Yookiin alkallattiin keessumattuu
dhoksuun, seeraan ala kuusuun, balleessuun yookiin lubbuu yookiin fayyaa namaaf
yookiin beelladaaf barbaachisaa ta’an minaan, nyaata, galaa /soorata/,
qoricha/dawaa/ yookiin wantoota barbaachisoo biroo deddeebisuu yookiin raabsuu
dhorkuudhaan biyya keessatti gidiraan/dararri/, dhabiinsi, beelli, dhukkubni
daddarboon, dhukkubni beelladootaa yookiin rakkoon akka ga’u kan taasise yoo
ta’e; Hidhaa cimaa waggaa kudha shan hincaalleen ni adabama.
2. Namni
kamiyyuu rakkoon akkanaa yommuu gahetti rakkicha ittisuuf, daangeessuuf yookiin
dhabamsiisuuf kan barbaachisu nyaata, qorichaa/dawaa/ yookiin mi’oota biroo
kamiiniyyuu dhiyeessuuf dhiyeessitummaan, qunnamsiistummaan, dhiyeessaa muummee
waliin garee waliigale ta’uudhaan, deddeebistummaadhaan, bakka bu’ummaan,
yookiin haala biroo kamiiniyyuu dirqamoota yookiin itti gaafatamummaa irra jiru sababni humnaa ol ta’e osoo isa
hinmudatiin kan hin raawwanne yookiin hojii irra kan hin oolchine yoo ta’e;
Bu’uura keewwata xiqqaa (1) tiin ni adabama.
3. Yakkichi
kan raawwatame jaalala maallaqan yoo ta’e, adabichi hidhaa cimaa waggaa digdama
hin caalleefi adabbii maallaqaa qarshii kuma dhibba tokko hin caalle ni ta’a.
Keewwata 524. Hirmaannaa
Yakkaa Jaarmiyaa NmummaanSeeraaKennameefii
Yakkoota kutaa kanaan ibsaman
keessaa tokkotti jaarmiyaan namummaan seeraa kennameef yoo hirmaatebu’uura
seera kana keewwata 90n tumameen ni
adabama.
Kutaa Lama
Wantoota
Fayyaa Namaafi Beelladootaa Irratti Miidhaa Geessisuu Danda’an Oomishuufi
TamsaasuunYakkoota Raawwataman
Keewwata 525. Qorichoota
Yookiin Baalaawwan Summaa’aa yookiin Naarkotikiifi Saayikotiroppikii
Oomishuu, Hojjechu,
Naannessuu Yookiin Fayyadamuu
1. Namni
kamiyyuu hayyama addaa Osoo hin qabatiin:
(a)
Wantoota summaa’aa yookiin qorichoota yookiin baalawwan
naarkotikii yookiin saayikotiroppikii kan biqilchee, omishe, hojjete, jijjiire
yookiin warshaan kan tolche;
(b)
Wantoota armaan olitti qubee (a) jalatti trreeffaman
keessaa tokko qabatee kan argame, gara biyyaatti kan galche, biyya alatti kan
erge, kan geejjibe, kan kuuse, kan dallaale, kan bite, gurgurtaaf kan
dhiheesse, kan tamsaase, kan naannesse, dabarsee kan kenne yookiin kan biroof
kan argamsiise;
(c)
Wantoota armaan olitti qubee (a) jalatti tarreeffaman
keessaa tokko, ooomishuuf, qopheessuuf yookiin tolchuuf meeshaalee tajaajilan
kan hojjete, qabatee kan argame, gara biyya keessatti kan galche, biyya alaatti
kan erge; yookiin
(d)
Wantoota qubee (a) jalatti ibsaman hojjechuuf, qopheessuf,
oomishuuf, gurguruuf yookiin raabsuuf, mana, mooraa, yookiin iddoo isaa abbaa
qabeenyaa yookiin abbaa qabiyyee itti ta’e kan kenne, kan kireesse yookiin kan
hayyame yoo ta’e, hidhaa cimaa waggaa shanii gadi hin taaneefi adabbii
maallaqaa qarshii kuma dhibba tokko hin caalleen ni adabama.
2. Adabbichi
hidhaa cimaa waggaa kudhanii gadi hin taaneefi adabbii maallaqaa qarshii kuma
dhibba lama hin caallee kan ta’u:
(a)
Yakkichi kan raawwatame daldala kanaaf yookiin sadarkaa
addunyaalessaatis ta’e biyyaatti yakka raawwachuuf garee yookiin waldaa
gurmaa’etti nama miseensa ta’een yookiin gocha seeraan alaa kan ogummaa isaa
godhatee qabateen yoo ta’e;
(b)
Balleessichi wanta seeraan alaa dhorkame yookiin iddoo
wanta akaakuu akkanaaf fayyadu osoo beekuu kan kenne yookiin kan hayyame
jaalala maallaqaan, kaayyoo salphummaan yookiin hin malleen yoo ta’e; yookiin
fayyadamtichi daa’ima, dargaggoo gaa’ila hin geenye yookiin sammuun isaa sirrii
hin taane, yookiin araada baala sammuu adoochuun kan qabame yoo ta’e;
(c)
Yakkamtichi yakkicha kan raawwate gocha yakkichaaf
daa’imman yookiin nama sammuun isaa sirrii hin taanetti fayyadamuun yoo ta’e;
(d)
Yakkichi kan raawwatame mana sirreessaa mooraa mana
barumsaa, yookiin dhaabbata tajaajila hawaasummaa biroo keessatti, iddoo
daa’imman yookiin barattoonni dargaggoon barumsaaf, ispoortiif yookiin
sossochiiwwan hawaasummaa biroof itti fayyadamanitti yoo ta’e; yookiin
(e)
Yakkamtichi Sababa yakka walfakkaatu duraan raawwateen
murtiin balleessummaa irratti kennamee kan ture yoo ta’edha.
3.
Namni kamiyyuu wantoota summaa’aa yookiin qorichoota
yookiin baalawwan naarkotikii yookiin sayikotiroppikii kan argaman gochoota
yakkaa keewwata kana keewwata xiqqaa (1) yookiin (2) jalatti tarreeffaman
keessaa sababa isa tokkoon ta’uun isaa yookiin gochoota yakkaa tarreeffaman
keessaa tokko raawwachuuf kan karoorfaman ta’uu isaa osoo beekuu, wantoota kana
qabatee kan argame, kan geejjibe, kan kuuse yookiin dabarsee kan kenne yoo
ta’e;
Hidhaa cimaa waggaa shanii
gadii hin taaneefi adabbii maallaqaa qarshii kuma dhibba tokko hin caalleen ni
adabama.
4. Namni
kamiyyuu:
(a)
Ofiisaa yookiin namni biroo dhuunfaatti akka itti
fayyadamu yaadee wantoota armaan olitti keewwata xiqqaa (1) jalatti ibsaman
keessaa tokko kan biqilche, kan bite, kan fuudhe, kan hojjete, qabatee kan
argame, kan gurgure, kan kenne; yookiin
(b)
Wantoota kana keessaa tokkotti hayyama hakiimaa malee
yookiin karaa seeraan alaa birookamiiniyyuu kan fayyaadame yookiin namni biroo
akka itti fayyadamu kan taasise yoo ta’e;
Hidhaa cimaa waggaa torba hin
caallee fi adabbii maallaqaa qarshii kuma shantama hin caalleen ni adabama.
5. Wantoota
naarkotikii yookiin saayikotiroppikii kaayyoo seeraa alaatiif oolchuuf yaaduun
ogeessa yaalaa dogoggorsuun waraqaa qorichi ittiin ajajamu akka kennamuuf kan
taasise yookiin karaa seeraatiinis ta’ee, seeraan alaatiin waraqaa qorichi ittiin
ajajamu argate sana garee sadaffaa hin hayyamamneef namni dabarse; yookiin
waraqaa wantoonni naarkotikii yookiin saayikotiroppikii ittiin ajajaman itti
yaadee ogeessi yaalaa karaa seeraan alaatiin barreesse; Hidhaa cimaa waggaa
shan hin caalleefi adabbii maallaqaan ni adabama.
6. Seera
kanaan tumaaleen qabeenya mootummaaf galii ta’uu qabu /Keewwta 140/ fi maallaqa
yookiin qabeenya gocha yakkaatiin argame fakkeessee dhiheessuufi yakkicharratti
gargaaruu/Keewwata 684/ Jalatti ibsaman akkuma eegamanitti ta’u.
Keewwata 526. Qoricha Humna Kennan (Dopping)
1. Namni
kamiyyuu itti yaadee:
(a)
Gahumsa qaamaa , uumamaa fi leenjiin argame yeroof
caalmaatti akka dabalu taasisuun yeroo dorgommii ispoortii olaantumaa qaamaafi
xinsammuu argachuuf kan gargaaran wantoota namtolchee seeraan dhorkamaniifi
miidhaa geessisan kan omishe, gara biyya keessatti kan galche, kan gurgure,
ogummaa isaatiin kan ajaje, kan raabse; yookiin
(b)
Wantoota qubee (a) jalatti ibsamanitti karaa seeraa alaatiin kan fayyadame yookiin
namni biroo akka itti fayyadamu kan taasise yoo ta’e;
Hidhaa salphaan yookiin
adabbii maallaqaan yookiin gochichi miidhaa ulfaataa yommuu geessise, hidhaa
cimaa waggaa shan hin caalleen ni adabama.
2.
Namni kamiyyuu kaayyoo keewwata xiqqaa(1) jalatti ibsameef
oolchuuf yaaduun, qoricha/dawaa/seeraan hayyamame haala hin malleen yookiin
kaayyoo hojjetameef ala kan ajaje, kan kenne, yookiin kan fayyadame yoo ta’e;
Hidhaa salphaan yookiin
adabbii maallaqaan ni adabama.
3. Gochoota
armaan olitti keewwata xiqqaa (1) yookiin (2) jalatti ibsaman keessa tokko kan
raawwatame dagannoon yoo ta’e; adabbichi hidhaa salphaa ji’a sadii hin caalle,
yookiin adabbii maallaqaa qarshii kuma shan hin caalle ni ta’a.
Keewwata 527. Mi’oota Yookiin
Nyaatawwan Miidhaa Geessisan Yookiin Badan Hojjechuufi Gurguruu, Akkasumas
Qulqullina Isaanii Gadi Buusuu
2. Namni
Kamiyyuu:
(a)
Nyaatawwan, soorata, wantoota biroo nyaataaf tajaajilan
itti fayyadama namaaf akka hin taane gochuun yookiin wantoota nyaata
qopheessuuf/hojjechuuf/tajaajilan qabiyyee miidhuu akka qabaatan taasisuun kan
hojjete yoo ta’e; yookiin fayyaa ummataa haala miidhuun qulqullina nyaatawwanii
yookiin mi’oota kan gadi-buusee yoo ta’e; yookiin
(b)
Bu’aalee oomishaa miidhaa qaban akaakuu akkanaa kan kuuse,
gurgurtaaf kan dhiheesse, biyya alaatti kan erge, biyya keessa kan galche, kan
fuudhe, yookiin kan raabse yoo ta’e;
Hidhaa salphaa ji’a jahaa
gadi hin taaneen yookiin dubbichi ulfaataa yommuu ta’etti, hidhaa cimaa waggaa
shanii gadi hin taaneefi adabbii maallaqaan ni adabama.
3. Adabbichi
hidhaa cimaa waggaa torbaa gadi hin taane kan ta’u, balleessichi:
(a)
Faayidaa ummataaf jecha jaarmiyaa mootummaan kan qabame
yookiin mootummaa irraa konseeshiniin kenname dirqama addaa to’achuu yookiin
qorachuu kan qabu ta’ee yommuu argamu; yookiin
(b)
Dhukkuba kan fayyisan, fayyummaa kan cimsan,
uumama/qabiyyee/ nyaataa kan qaban yookiin toonikii kan ta’an summaa’ina kan
hin qabnee fi ajaja ogeessa yaalaa malee kennamuu kan danda’an qorichoota/dawaalee/
addaddaa haala badaan oomishamuu isaaniin yookiin qulqullinni isaanii gadi
bu’uu isaan miidhaa beekamaa kan fidan ta’uun isaanii yommuu beekamu yookiin
beekuun yommuu danda’amu, qorichoota/dawaalee/ kana itti yaadee kan oomishe,
qulqullina isaanii kan gadi buuse, kan gurgure, yookiin kan raabse yoo ta’edha.
4. Yakkichi
kan raawwatame dagannoon yoo ta’e; adabbichi hidhaa salphaa ji’a jaha hin
caalle, yookiin adabbii maallaqaa ni ta’a.
Keewwata 528. Hokaafi
NayaataBeelladaa Biroo Midhaa Akka Geessisu Taasisuun Hojjechuu;
Qulqullina Gadi Buusuufi
Gurguruu
1. Namni
kamiyyuu itti yaadee:
(a)
Qulqullina hokaa yookiin nyaata uumamaa beelladaa kan gadi
buuse yookiin fayyaa yookiin lubbuu beelladootaa, irratti miidhaa
qaqqabsiisuuakka danda’u taasisee kan oomishe yoo ta’e; yookiin
(b)
Hokaa yookiin
nyaata akaakuubiroo miidhaadhuma kana kan qaqqabsiisu biyya alaarraa kan
fichisiise, gara biyya alaatti kan erge, kan kuuse, kan gurgure, gurgurtaaf kan
dhiheesse yookiin kan raabse yoo ta’e;
Hidhaa salphaafi adabbii
maallaqaan ni adabama.
2. Yakkichi
kan raawwatame dagannoon yoo ta’e; adabbichi hidhaa salphaa waggaa sadii hin
caallee yookiin adabbii maallaqaa ni ta’a.
Keewwata 529. Haalawwan
Adabbii Cimsan.
Balleessichi Yakkoota armaan
olitti keewwatoota 527 fi 528 jalatti ibsaman ogummaa isaa godhatee kan qabate
yoo ta’e/keewwata 92/ yookiin yakkicha kan raawwate mi’oota baay’ina olaanaa
qaban irratti yoo ta’eefi miidhaan ga’es
ulfaataa yommuu ta’u, adabbichi tumaalee kana jalatti kan ibsame adabbii
olaanaa bilisummaa dhabsiisuufi adabbii maallaqaa qarshii kuma dhibba lama hin
caalle ni ta’a.
Keewwata 530. Hirmaannaa Yakkaa Jaarmiyaa Namummaan Seeraa
Kennameefii
Jaarmiyaan namummaan seeraa
kennameef kamiyyuu yakkoota keewwata 525 hanga 529 keessatti ibsaman keessaa
tokkotti hirmaataa yoo ta’e;
Bu’uura seera kana keewwata
90 tiin ni adabama.
Keewwata 531. Dhugaatiiwwan
Alkoolii Yookiin IspiirtoonFayyaa Nama Biroo Balaaf Saaxiluu
1.
Namni kamiyyuu itti yaadee akaakuun yookiin baayyinni
dhugaatiiwwanii kan miidhu ta’uu isaa kan mirkanaa’e yookiin dhugaatiiwwan
alkoolii yookiin Ispiirtooqabanmiidhaa geessisuu danda’an dargaggoo gaa’ila
hingeenyeef yookiin humnaa ol dhuguun isaa nama beekameef dhugaatii alkoolii
yookiin ispiirtoota dhiyeessuun yookiin kennuun yookiin akka dhiyaatu yookiin
akka kennamu taasisuun fayyaa nama biroo balaaf kan saaxile yoo ta’e;
Hidhaa salphaa waggaa tokko
hincaalleefi adabbii maallaqaan ni adabama.
2. Yakkichi
irra deddeebiin kan raawwatame yoo ta’e; hojii ogummaa isaa dhorkuun akkuma
eegametti ta’ee hidhaa salphaa ji’a jaha gadi hintaaneen ni adabsiisa.
3. Yakkichi
kan raawwatame dagannoon yoo ta’e; hidhaa salphaa ji’a sadii hin caalleen ni
adabsiisa.
Keewwata 532. Gochoota Sammuu
Tuqaniin Nama Balaaf Saaxiluu
Namni kamiyyuu itti yaadee
fajaajessuuun(Hypnosis), of wallaalchisuun yookiin adoochuun yookiin mala biroo
kamiiniyyuu dandeetti sammuu namabiroo yeroof balleessuun balaaf kan isa
saaxile yoo ta’e; Adabbii armaan olitti keewwata 531 jalatti ibsameen ni
adabama.
Keewwata 533. Tolchaan,
Falfalaan Yookiin Wantoota Kana Fakkaataniin Nama Irratti Balaa Geessisuu
Namni Kamiyyuu amalli isaanii
balaa yookiin miidhaa hordofsiisuu danda’uu osoo beekuu fayyaa miidhuu kan
danda’an daakuuwwan bittinnaa’an, wantoota dhukkuba qalbii dadhabsiissn fidan,
dhugaatiiwwan, yookiin wantoota kana fakkaatan biroo nama biroof kan qopheesse,
kan kenne, kan gurgure, kan raabse yookiin kan obaase yoo ta’e;
Tumaa armaan olitti keewwata 531 jalatti ibsameen ni adabama.
Keewwata 534. Haalawwan
Ulfaaataa
1. Balleessichi
yakkoota armaan olitti keewwatoota 532 fi 533 jatti ibsaman ogumma isaa
godhatee kan qabate yoo ta’e, hidhaa salphaa waggaa tokkoo gadi hin taaneefi
adabbii maallaqaan ni adabaama.
2. Miidhamaan
osoo hin hayyamiin yakkichi kan raawwatame yoo ta’e, barbachisaa ta’e yoo
argame dandeettii yaaduu dhaabsiisuu, keessattuu tumaaleen /keewwataa 583/
dabalataan raawwatamaa ni ta’a.
Boqonnaa: Lama
Tumaalee Yaalaafi Eegumsa Fayyaa
Ilaallatan Cabsuu
Keewwata 535. Ogummaa
Yaalaafi Eegumsa Fayyaan Karaa Seeraan Ala Ta’een Hojjechuu
1.
Namni Kamiyyuu dandeettii ogummaa abbaa aangoo rogummaa
qabuun kan murtaa’eefi to’annaan irratti taasifamu osoo hin qabaatiin yookiin
bu’uura dambiiilee rogummaa qabaniin ifatti akka hojjetu hayyamni osoo
hinkennaminiif yookiin kan hayyamameefiin ala haala kamiiniyyuu dhukkubsattoota
yaaluu ogummaa isaa taasifatee kan qabate, yookiin maallaqa fudhachuun kan
qorate, kan yaale, gorsa kan kenne, dawaa/qoricha/ kan gurguure yookiin
hojiilee yaalaa akaakuu kamiiniyyuu kan raawwate yoo ta’e;
Hidhaa salphaa waggaa tokkoo
gadi hin taane yookiin hidhaa cimaa waggaa shan hin caalleefi adabbii
maallaqaan ni adabama.
2. Haala
armaan olitti keewwata xiqqaa (1) jalatti tumameen hojii beelladoota yaaluu
namni hojjetu hidhaa salphaan yookiin adabbii maallaqaan ni adabama.
3. Namni
kamiyyuu dawaaa /qoricha/ yookiin meeshaa tajaajila yaalaa kan oomishe,
gurgurtaaf kan dhiyeesse, kan gurgure, kan raabse yookiin tajaajila irra kan
oolche:
(a)
Nageenyummaan isaa,
fayyisummaan isaafi qulqullummaan isaa mirkanaa’ee qaama rogummaa qabuun
kan hin hayyamamne;
(b)
Kan fakkeeffame yookiin kan walitti makame yookiin
mannee/Saamsa/ isaa irratti barreeffamni ibsa sobaa kan itti taasifame, kan
itti maxxanfame yookiin kan keessa galfame;
(c)
Yeroon tajaajilaa isaa kan itti darbe; yookiin
(d)
Kan dhorkame, kan manca’e, kan waliin dha’ame, kan faalame
yookiin sababa biroo kamiiniyyuu fayyadamaa irratti miidhaa kan geessisu ta’uun
isaa kan mirkanaa’e yoo ta’e; Hidhaa cimaa waggaa shanii gad hintaaneefi
adabbii maallaqaa qarshii kuma digdamaa hanga kuma shantamaa gahuu danda’uun ni
adabama.
4. Ariifachiisaa
yookiin barbaachisaa kan ta’e yookiin garalaafinaan yookiin naamusa ogummaa
isaa kabajuun gorsa, gargaarsa yookiin tajaajila yookiin haalawwan kana fakkaataniin
dawaalee/qorichoota/ uumamaa yookiin barataman fayyisuun isaanii kan
mirkanaa’eefi balaa kan hin hordofsiifne darbee darbee bilisaan kennuun
gargaarsi taasifamu hin adabsiisu.
5. Naannoo
jiraatanitti muuxannoo gahaa qabu jedhamuunnamoonni beekaman bu’uura
barmaatilee naannichaatiin hojiilee yaalaa raawwatan irratti tumaan kun
raawwatamummaa hin qabu. Kunis kan ta’u, namoonni kun hojii isaanii kan
raawwatan naannoo jiraatanitti qofa yoo
ta’eefi gochi isaaniis lubbuu, qaama yookiin fayyaa miseensota hawaasa naannoo
sanaa balaa irra kan hinbuusne yookiin kan hinmiine yoo ta’eedha.
Keewwata 536. Wantoota
Summaa’aafi Balaafamoo Ta’an Seeraa AlaDhiyeessuu.
Hakiimni,
Carreessaan/Pharamacist/, hakiimni ilkaanii, hakiimni beelladootaa, narsiin
kamiiyyuu yookiin wantoota naarkotikii yookiin saayikotiroppikii summa’aa ta’an
yookiin wantoota biroo fayyaa irratti miidhaa ulfaataa geessisuu danda’aniin
yaala kennuuf yookiin isaanumaa kana kaa’uuf yookiin gurguruuf namni
hayyamameef biroo kamiyyuu, haalawwan hojmaatni yaalaa idileen hayyamuun alaafi
hayyama addaa osoo hin qabaatiin wantootuma kanaan kan hojjete, ummataaf kan
kenne yookiin kan gurgure yoo ta’e;
Hidhaa salphaa waggaa sadii
hin caalleefi adabbii maallaqaatiin, yookiin badichi ulfaataa yoo ta’e; hidhaa
cimaa waggaa torba hin caalleefi adabbii maallaqaan ni adabama.
Balleessichi yakkicha kan
raawwate jaalala maallaqaan yoo ta’e; adabbiin maallaqichaa hanga qarshii kuma
dhibba tokko gahuu ni danda’a.
Keewwata 537. Gargaarsa
Yaalaa Sababa Malee Dhorkuu
1.
Hakiimni, carreessaan/Pharamacist/, hakiimni ilkaanii,
hakiimni beelladaa, deessistuun, narsiin yookiin namni biroon tajaajila yaalaa
kennuun hojii isaa ta’uu isaa seeraan beekameef kamiyyuu karaa hojii isaatiin
walfaallessuufi sababa gahaa hin taaneen maalnadhibdeen, ofjaallachuun,
maallaqa garmalee barbaaduun, jibbaan, tuffiin yookiin sababa kana fakkaatu
kamiiniyyuu tajaajila barbaachisaa ta’eefi hojii ogummaa isaatiin raawwachuu
qabu osoo hin raawwatin kan hafe yoo ta’e;
Adabbii maallaqaan, yookiin
yakkichi kan irra deddeebi’ame yoo ta’e hidhaa salphaa ji’a jahaa hin caalleen
ni adabama.
2. Namni
tokko lubbuu, qaama yookiin fayyaa isaarra miidhaa cimaan kan gahu ta’ee osoo
jiruu gargaarsa kan hin goone namni kamiyyuu kan ittiin adabamu tumaan adabbii
olaanaa/Keewwata 575 (2)/ akka eegametti ta’a.
No comments:
Post a Comment