Saturday, October 17, 2020

Seera Yakkaa Mootummaa-- Kitaaba Lammaffaa

 Kitaaba Lammaffaa

Adabbii Yakkaafi Raawwii Isaa

Mata duree Tokko

Adabbiileefi Tarkaanfilee Eeggannoo, Akkasumas Raawwii Isaanii

Boqonnaa Tokko

Tumaalee Waliigalaa

Seera Yakkaa Mootummaa,

Keewwata 87. Qajeeltoo

Adabbilee fi tarkaanfileen eeggannoo seera kanaan tumaaman kaayyoo seerichi bira gahuuf yaade mirkaneessuuf haala itti danda’amun bu’uura yaada seerichaatiin raawwatamuu qabu /Keewwata 1/. 

Adabbiilee fi tarkaanfileen eeggannoo yoomiyyuu kabaja namoomaa karaa eeguun raawwatamuu qabu. 

Keewwata 88. Akkaataa Murtii Adabbiilee fi Tarkaanfilee Eeggannoo

1.                Manni murtichaa adabbiilee fi tarkaanfilee eeggannoo kan murteessu tumaalee waliigalaa seera kanaa, akkasumas tumaalee kutaa addaa waa’ee yakkootaa fi adabbiilee isaan bu’uura godhachuun ta’a.

2.                Adabbichi murtaa’uu kan qabu, hanga balaafamummaa amala dhuunfaa raawwataa yakkichaa, seenaa  jireenyaa isaa darbe, sababoota yakka akka raawwatu isa kakaasaniifi kaayyoo yaada isaa, haala jireenyaa dhunfaa isaa,  sadarkaa barumsa isaa, akkasumas, cimina yakkichaa fi haalawwan raawwii isaa madaaluudhaan ta’a. 

3.                Tumaaleen kutaa addaa seera kanaa akka eegamanitti ta’ee manni murtichaa adabbii baay’ee salphaa ta’ee irraa eegalee hanga adabbii cimaatti kan jiru of eeggannoodhaan qorachuun tokkoon tokkoon dhimmichaatiif adabbii barbaachisaa ta’e ni murteessa. 

4.                Sirrummaan akkaataa murtii adabbii fi walfakkaatummaa isaa mirkaneessuuf Manni Murtii Waaliigalaa Federaalaa qajeelfama (manual) ni baasa.  

Keewwata 89. Yakkoota Baay’ee Salphaa Ta’an

Yakkoonni baay’ee salphaa ta’an yommuu mudatan manni murtichaa seera kanaan wa’ee akeekkachiisaa yookiin ceephaa’uu /Keewwata 122/ yookiin tumaalee dambiii darbuu  ilaalchisee tumaman hordofuun murteessuu ni danda’a. 

Yakkoonni baay’ee salphaadha jedhaman yakkoota hidhaa salphaa ji’a sadii hin caalleen yookiin adabbii maallaqaa qarshii kuma tokko hin caalleen adabsiisanidha. 

Boqonnaa Lama

Adabbiilee Idilee Namoota Gaa’ilaaf Gahan Irratti Raawwataman

Kutaa Tokko

Adabbiilee Muummee

Kutaa Xiqqaa Tokko

Adabbii Maallaqaa

Kutaa Xiqqaa Gadi Aanaa Tokko

Adabbii Maallaqaa, Qaabeenya Dhaaluu fi Qabuu

Keewwata 90. Adabbii Maallaqaa, Qajeeltoowwan Murtii Adabbii Maallaqaa

1.                Sababa yakkaatiin adabbiin maallaqaa kan kaffalamu qarshiinidha; galiin isaas mootummaafidha. Tumaan faallaa ta’e kan jiru  yoo ta’e malee adabbiin maallaqichaa qarshii kudhanii hanga qarshii kuma kudhanii gahuu ni danda’a. Ta’us, adabamtichi jaarmiyaa namummaa seeraa  qabu yommuu ta’utti; adabbiin maallaqichaa qarshii dhibba tokko irraa hangaa qarshii kuma dhibba shanii kan ga’u ta’a. 

2.                Manni murtichaa nama itti murtaa’e irratti hanga adabbii maallaqichaa kan murteessu cimina yakkichaa, hanga balaafamummaa isaa, haala qabeenya isaa, madda galii isaa, ittigaafatamummamaatii bulchuu isa irra jiru, hojii ogummaa isaafi hanga galii hojicha irraa argatu, umurii isaafi haala fayyaa isaa madaaluun ta’a.

3.                Kutaa addaa seerichaa  keessatti adabbiin hidhaa qofti yommuu tumamee fi adabamtichii jaarmiyaa namummaa seeraa qabu yommuu ta’etti yakka hanga hidhaa salphaa waggaa shanii gahuu adabsiisuuf hanga qarshii kuma kudhanii, yakka hidhaa cimaa hanga waggaa shaniitti adabsiisuuf hanga qarshii kuma digdamii shaniitti, kan hidhaa cimaa waggaa shaniitti adabsiisuuf hanga qarshii kuma digdamaatti, hidhaa cimaahanga waggaa kudhanii adabsiisuf hanga qashii kuma shantama, yakka  hidhaa cimaa waggaa kudhanii oliin adabsiisu yommuu ta’u keewwata kana keewwata xiqqaa (1) jalatti hanga adabbii maallaqaa ibsame daangaa ol’aanaa gahuu danda’uun ni adabama. 

4.                Kutaa addaa seera kanaa keessatti yookiin seera biraa keessatti adabbiin maallaqaa qofti kan tumame yoo ta’ee fi adabamtichi jaarmiyaa namummaa seeraa qabu yommuu ta’etti adabbiin maallaqichaa dachaa shan ta’a.   

Keewwata 91. Adabbii Maallaqaa fi  Hidhaa Walfaana Murteessuu

Kutaan addaa seera kanaa adabbii maallaqaa fi hidhaa filannoodhaan kan tume yoo ta’e, manni murtichaa cimina yakkichaa fi haala yakkamtichaa madaaluun barbaachisaa ta’ee yoo arge lamaanuu walfaana murteessuu ni danda’a. 

Keewwata 92. Jaalalli Maallaqaa Adabbii Cimsuuf Sababa Ta’uu Isaa

1.                Tumaaleen addaa dambiilee adabbii ol’aanaa addatti murteessan akkuma eegamanitti ta’anii, yakkamtichi yakka kan raawwate miira jaalala maallaqaatiin kaka’uudhaan yookiin yakkamtummaa akka hojii ogummaa isaatti lakkaa’uun hojii isaa kanaan haalli mijataan faayidaa itti argachuu danda’u yommuu isa mudatu, gochaa isaa akkanaatiin fayyadamuufii kanuma akka argannaa faayidaatti kan lakkaa’e ta’e haalli jireenya isaafi faayidaan yakkichaan argate gochuma isaa kana ifatti kan agarsiisu sababa gahaa ta’uunsaa kan tilmaamame yoo ta’e manni murtichaa akka haala dubbichaatti adabbicha olkaasuun adabbii maallaqaa hanga qarshii kuma dhibba tokkoo gahuu itti murteessuu ni danda’a.

Yoomiyyuu yoo ta’e adabbiin maallaqichaa sababa gocha yakkichaan bu’aa argame dhaaluu dabalatee kan murtaa’u ta’a.       

2.                Gocha yakkichaa raawwachuuf kan isa kakaase sababa jaalala maallaqaa ta’ee, jaalalli maallaqaa kun yakka ka’umsa ta’e kan hin hundeessine yoo ta’es, adabbii balleessaa akkanaaf malu tumaalee kutaa addaa seerichaa keessattii adabbiin maallaqaa ibsamee kan hin tumamne yoo ta’ellee manni murtichaa adabbii hidhaa yookiin tarkaanfii  eeggannoo murteessu waliin adabbii maallaqichaa murteessuu ni danda’a.   

Keewwata 93. Adabbii Maallaqaa Galii Gochuu

1.                Adabamtichi adabbii maallaqichaa battalumatti kaffaluu qaba. 

2.                Adabamtichi adabbii maallaqichaa battalumatti kaffaluu kan hin dandeenye yoo ta’e manni murtichaa akka haala dubbichaatti kaffaltii maallaqichaatiif yeroo ji’a tokkoo hanga ji’a jahaatti ni kennaaf.

3.                Akkasumas, haalli jireenyaa adabamtichaa sababa gahaa kan argamsiisu ta’uu isaa manni murtichaa yommuu itti amanutti adabbii maallaqichaa muurasa muraasan akka kaffalu hayyamuufii ni danda’a. Dandeettii isaa dhugaa ta’e tilmaamuun yeroo kaffaltiifi hanga maallaqichaa manni murtichaa ni murteessa. Yeroon kaffaltii maallaqichaas waggaa sadii caaluu hin danda’u.

Keewwata 94. Adabbiin Maallaqaa Batalumatti Yommuu Hinkaffalamne Tarkaanfii Manni Murtii Fudhatu 

1.                Adabbiin maallaqaa murtaa’e battalumatti yommuu hinkaffalamne hundatti adabamtichi adabbii maallaqaa itti murtaa’e yeroo murtaa’eef keessatti kaffaluu kan danda’u ta’uu isaa akka mirkanaa’u manni murtichaa wabii namaa gahaa ta’ee yookiin qabsiisa qabatamaa akka kennu ni ajaja. 

Hanga wabii mirkaneessa adabamtichi kennuu qabu manni murtichaa kan murteessu haala dubbichaa fi sadarkaa jireenya adabamtichaa tilmaama keessa galchuu fi haqa bu’uura godhachuudhaan ta’a.   

2.                Adabamtichi yeroo murtaa’e keessatti adabbii maallaqichaa kan hin kaffalle yoo ta’e maallaqani wabiin itti seename yookiin qabeenyi qabatamaan qabsiisan kenname galii akka ta’u manni murtichaa galmee yakkaa qabatee jiru irratti barbaachisaa kan ta’e ni murteessa. 

3.                Adabamtichi dirqama wabummaa galuu yookiin qabsiisa dhiheessuuf dhiyeessuuf hindandeenye yookiin heyyamamaa yommuu hin taanetti qabeenyi isaa bu’uura seeraatiin qabamee akka gurguramuufi maallaqichis galii akka ta’u ni murteessa. Gurgurtaan qabeenyichaas yommuu raawwatamu seera kana keewwata 98 (3) jalatti kan tumame raawwatamaa ni ta’a. 

Keewwata 95. Adabbbii Maallaqichaa Hojiitti Jijjiiruu     

Bu’uura armaan olitti keewwata 93 fi 94 jalatti tumameen adabbiin maallaqichaa galii kan hintaane yoo ta’e namni itti murtaa’e mootummaaf yookiin jaarmiyaa tajaajila hawaasaatiif hojiin tajaajiluun akka kaffalu manni murtichaa ni ajaja.  

Manni murtichaa hanga adabbii maallaqichaa tilmaama keessa galchuun adabbiin maallaqichaa kaffalamee yeroo itti xumuramu ni murteessa. Ta’us, yeroon murtaa’u waggaa lama caaluu hin danda’u. 

Keewwata 96. Adabbii Maallaqichaa Hojii Dirqamaatti Jijjiiruu

Adabamtichi bu’uura armaan olitti keewwata 93-95 jalatti tumameen raawwachuu kan hin dandeenye yoo ta’e; hojii dirqamaa akka hojjatu manni murtii murteessuu qaba.

Bu’uura keewwata kanaatiin hojii dirqamaa akka hojjatu yeroon manni murtii murteessu       waggaa       lama caaluu hin danda’u.  

 

Keewwata 97. Raawwii Adabbii Hojii Dirqamaa Dhaabuu

Adabbiin maallaqichaa hojii dirqamaatti yommuu jijjiiramu, balleessichi seera kana keewwata 105 jalatti haalaibsame irraatti dabalataan hiyyumma  isaatiin, itti gaafatamummamaatiisaa bulchuu qabuun, haala fayyummaa  isaatiin, yookiin sababoota kan biroo barbaachisummaa qabaniin hojicha dirqmaa  hojjachuu kan hin dandeenye yoo ta’e raawwiin adabbii hojicha diqamaa akka addaan citu manni murtichaa ajajuu ni danda’a. 

Keewwata 98. Qabeenya Dhaaluu  

1.                Seericha irratti ifattiyommuu tumametti manni murtichaa tummaalee keewwata kanaa armaan gaditti tumaman hordofuun qabeenyiyakkamtichaa gutummaatti yookiin gar-tokkeen akka dhaalamu murteessuu ni danda’a. 

2.                Gochi yakkaa murtiin balleessummaa itti kennameen yakkamaan kallattiinis ta’e alakallattiin qabeenyi argate ni dhaalama.Akkasumas, ajaji dhaaluu qabeenya karaa seera qabeessa ta’een argames ni dabalata. 

3.                Dhaalli raawwatamu kan hin dandeenye: 

(a)     jireenya adabamtichaafi maatii isaatiif barbaachisaa kan ta’an tajaajila yeroo hundaa manatiif kan fayyadan meeshaalee hojiin itti raawwatamu, meeshaalee ogummaa yookiin hojiin qonnaa itti raawwatamuyommuu ta’an;

(b)     yoo xiqqaate yeroo ji’a jahaatiif yookiin manni murtichaa haalawwan addaa ilaaluun barbaachisaadha jedhee sababa tilmaameen murtii ifa ta’eefi yaada gahaa ta’een yeroo kana caaluuf lubbuumaatii adabamtichaafi kan ittiin jiraatan yookiin nyaata guyya guyyaaf barbaachisaa ta’aniifi galiiwwan adda addaa deeggersa jireenyasaaniitiif oolan yommuu ta’an;

(c)     Qabeenya dhaalaan darbe kamiyyuu ta’ee adabamtichi kennaadhaan, dhaamoodhaan, yookiin karaa akaakuu birootiin itti ajajuu kan hindandeenye yommuu ta’u;

(d)     yakkichaa irraa bilisa kan ta’e haadha warraa yookiin abbaa warraailaalchisee qabeenya waliinii keessaa walakkaa, akkasumas, haadha manaa yookiin abbaa manaa yookiin ijoolleewwan yookiin kannneen biro yakka irraa qulqulluu ta’an qabeenya dhuunfaa isaanii ta’ee,bu’uura seeraatiin yookiin sirna baratameen  dhuunfaan sababa imaanaan fi bulchitummaan, hoji gaggeessumman yookiin ajajummaa guutuun  qabeenya qabiyyee adabamticha jala jiru hunda yoo ta’edha. 

Keewwata 99. Qabeenya Qabuu  

Namni kamiyyuu sirna heera mootummaa biyyattii yookiin nageenya keessaa fi alaa irratti korannaa gochuu isaatiin yookiin sababa gocha miidhaa qaqqabsiisu raawwachuu isaatiin bakka hinjirretti kan itti murtaa’e yoo ta’e manni murtii adabbii itti murteessu kamiyyuu waliin qabeenyi isaa akka qabamu ajajuu ni danda’a.  

Murtiin qabeenya qabuu yommuu kennamu tumaaleen akkaataa murtii keewwata 98 (3) jalatti ibsaman kan raawwataman ta’a. 

Kutaa Xiqqaa Gadiaanaa Lama

Bu’aa Maallaqaa Kan Biroo Yakkichi Hordofsiisu

Keewwata100.  Qabeenya Mootummaaf Galii Ta’uu Qabu

1.                Namni tokko gocha yakkaatiif akka kaka’u yookiin yakkicha raawwachuuf akka isa gargaaru yookiin yakkicha raawwachuu isaatiif gatii akka ta’uuf kan kennameef yookiin faayidan akka kennamuuf karoorfame kamiyyuu mootummaadhaaf galii ta’a. 

Qabeenyaawwan jedhaman akaakuun kan hin argamne yoo ta’e fudhataan gatii isaanii mootummaaf galii gochuu qaba.  

2.                Qabeenyi yakkaan argame kamiyyuu bu’uura dambiiilee beekamaniitiin guyyaa beeksisi bahee eegalee hanga waggaa shaniitti abbaan qabeenyichaa yookiin abbaan mirgaa kan hin argamne yoo ta’e mootummadhaaf galii ta’a.     

Ta’us, qabeenyichi kan badu, yookiin faayidaan ala ni ta’a jedhamee kan tilmaamu yoo ta’e bu’uuradambiichaan gurguramee maallaqichi mana hojii aangoo kennameef hanga waggaa shaniitti imaanaadhaan kaa’amuu ni danda’a.  

Keewwata 101.  Qabeenyaa   Bakka Buusuu Yookiin Beenyaa Miidhaafi Kasaaraa Kaffaluu.

Yakkichi miidhamticha yookiin miidhamtichaa irraa namoota mirga qaban irraatti miidhaa ol’aanaa yommuuqaqqabsiise, miidhamtichi yookiin namootni bakka miidhamtichaa mirga qaban namni miidhe sun miidhaa irraan gaheef beenyaa akka kaffalu, waan balleessee yookiin waan diige sana akka inni duraan turetti akka deebisu akkasumas miidhaa isaan irra ga’eef beenyaan walgitu bifa kasaaraatiin akka kaffalamuuf akka itti murtaa’u gaafachuu ni danda’u. Kana gochuuf himannaa hariiroo hawaasaa himannaa yakkaa waliin dhiyeeffachuu ni danda’u. Kunis bu’uura tumaalee sirna seerayakkaa keessatti tumamaniin ni gaggeeffama.

Keewwata 102 Beenyaa Miidhamaaf kennamu.

1. Yakkamtichi yookiin bakka isaa kanneen gaafatamtoota ta’an akkuma haala  dubichaafi yookiin sababa jireenyaa isaaniitiin miidhaa miidhamticha irraa ga’eef beenyaa kaffaluu kan hindandeenye ta’uun isaanii yommuu beekametti maallaqa mi’a yakkamticha irraa qabame irraa argamu keessaa yookiin maallaqa wabummaaf qabsiise keessaa yookiin adabbii maallaqaa keessaa yookiin galii hojii humnaatti jijjiramee inni argatu keessaa yookiin herreega qabeenya dhaalameekeessaa miidhamtichaaf akka kaffalamu manni murtichaa ajajuu ni danda’a.

1. Mootummaan hanga maallaqa beenyaa miidhamtichaaf kaffale, midhamticha bakka bu’ee yakkamaa miidhaa sana geessise irraa kallattiin gaafachuufi fudhachuu ni danda’a.

 

Kutaa Xiqqaa Lama

Adabbiilee Hojii Dirqamaafi Bilisummaa Dhabsiisan

Kutaa xiqqaa Gadaanaa Tokko

Hojii Dirqamaa

Keewwata 103. Galii Hojii Dirqamaarraa Hir’ifameeMaallaqa Mootummaaf Kaffalamu.

1.                Yakkichi cimina kan hin qabne ta’ee adabbiin inni hordofsiisus adabbii hidhaa salphaa ji’a jaha hincaallee yoo ta’e, balleessichis hojii hojjechuu kan danda’u ta’ee hawaasichaaf balaafamaa kan hin fakkaanne yoo ta’e, bilisummaan dhuuunfaa isaa osoo hindaangeffamin too’atamaa adabbii hojii dirqamaa akka raawwatu manni murtichaa itti murteessuu ni danda’a. Adabbiin kun guyyaa tokko  hanga ji’a jahaagahuu ni danda’a.

2.                Adabbichis kan raawwatamu bakka adabamtichi yeroo hunda hojii isaa itti hojjetutti yookiin iddoo itti qaxarame yookiin dhaabbata ummataatti yookiin bakka hojiin ummataa itti gaggeeffamutti ta’a. Gatii dadhabbii adabamtichaa irraa yookiin faayidaa inni bu’aa hojichaa irraa argatu irraa hanga harka sadii keessaa tokkoo (1/3) herregni hincaalee hir’ifamee mootummaaf galii ni taasifama.

3.                Hangi maallaqa faayidaa adabamtichaa irraa hirifamuu qabuu, bakki adabbichii itti raawatamuufi yeroo adabbichi turu akkasumas akaakuun too’annichaa barbaachisaa ta’e murticha irratti ni murta’a.

Keewwata. 104. Hojii Dirqamaa Bilisummaa Dhuunfaa Dangeessuu Waliin Murtaa’u.

1.                Haalli dubbichaa roga qabeessa yookiin barbaachisaa ta’uu isaa kan agarsiisuu yommuu ta’u, keessumattuubu’uura seera kanaa keewwata 103(1) tiin dirqama isaarraa kaa’ameosoo hin guutin kan hafe yoo ta’e, yookiin naannoo miidhaa qaban yookiin namoota amala badaa qaban irraaadabamticha adda baasuunyommuu barbaachisu adabbichi hojii  dirqamaa adabbii bilisummaa dhuunfaa isaa daangessuu waliin akka raawwatamu manni murticha ajajuu ni danda’a.

2.                Manni murtichaa haala dubbichaa bu’uureffachuun akaakuu adabbii bilisummaa daangeessuufi yeroo adabbicha itti turu ni murteessa.

Adabbiin kunis adabamticha iddoo hojii tokkorraa yookiin hojjechiisaa tokko biraa yookiin dhaabbata hojii tokkorraa osoo hin gadhiisin, yookiin iddoo jireenyaa isaa osoo hingadhiisin, yookiin iddoo murta’aa too’annoo abbootii aangoo mootummaatiin eegamu tokkorraa osoo adda hin ba’in hojii dirqamaa isaa akka raawwatu kan isaa taasisuu ta’uu ni danda’a.

3.                Adabamtichi murtii hojii dirqamaa itti murtaa’e sana cabsee yoo argame adabbichi hanga yeroo hafe sanaatiin haala walgituun gara hidhaa salphaatti ni jijjirama.

Keewwata 105. Yeroo Dhukkubaatti Haala Adabbiin Hojii Dirqamaa Itti Daangeeffamuu

Namni hojiin dirqamaa itti murtaa’e yeroo hojii dirqamaa raawwatutti yoo dhukkubsate haalawwan seera kana keewwata 97 jalatti ibsamaniin alatti hanga dhukkuba isaarraa fayyutti hojii  dirqamaa akka hojjetu hintaasifamu.

Dhukkuba isaarraa yommuu fayyutti hojii dirqamaa akka itti fufu ni taasifama; hojii dirqamaa itti fufuu yoo dadhabe garuu, hojii biraa kan fayyaa dhuunfaa isaafi haala isaa waliin walsimu akka hojjetu ni ajajama. Ajajaakaakuu akkanaa kennuun yookiin raawwatamaa taasisuun yoo dadhabame, manni murtiichaa adabbii biraa akaakuu kamiiniyyuu adabamticha irratti hinmurteessu.

Kutaa Xiqqaa Gadaanaa Lama 

AdabbiileeBilisummaa Dhuunfaa Dhabsiisan

Keewwata 106. Hidhaa Salphaa

1.                Hidhaa salphaan nama yakka ciminni isaa giddugaleessa ta’e raawawateefi balleessichis hawaasichaaf baayyee balaafamaa fakkaatee yeroo hinmul’annetti adabbii bilisummaa dhabsiisuuf murtaa’uudha. Tumaan koroora(sharxii) ilaallatu akkuma jirutti ta’ee, hidhaa salphaan guyyaa kudhan irraa hanga waggaa sadii gahuu ni danda’a.

Ta’us, cimina yakkichaa irraa kan ka’e kutaa addaa seerichaa keessatti tumamee kan jiru yoo ta’e yookiin yakkoonni dachaa adabbii hidhaa salphaadhaan adabsiisan kan jiran yoo ta’e, yookiin yakkamtichi irra deddeebiidhaan yoo adabamu yeroon adabbii hidhaasalphaa hanga waggaa shanii gahuu ni danda’a. Manni murtichaa hidhaan sun yeroo hangamiitiif akka turu murticha keessatti ni murteessa.

2.                Hidhaan sunis manneen sirreessaa dhimmuma kana qofaaf jedhamanii addatti hundeeffaman, yookiin kutaalee manneen sirreessaa keessatti ni raawwatama.

Keewwata 107. Hidhaa Salphaa Hojii Dirqamaaatiin Bakka Buusuu.

Adabbiin hidhaa salphaa hanga ji’a jaha ga’utumaalee kutaa addaa seerichaakeessatti tumameeyommuu argamu hundatti adabbii bilisummaa dhuunfaa dhabsiisu kana raawwachiisuuf, yookiin adeemsa hojii gaarii mana sirreessichaa irratti rakkoo kaan uumu ta’ee kan tilmaamamu yoo ta’e, yookiin amala adabamtichaas fooyyeessuuf yookiin gara jireenya hawaasummaatti deebisanii galchuuf kan hinmijoofne ta’ee kan argame yoo ta’e, manni murtichaa bakka hidhaa sanaa hojii dirqamaa murteessuu ni  danda’a /keewwata 103,104/.

Kutaa addaa seerichaa keessatti bakka hidhaa salphaa tumaan adabbii hojii dirqamaa buusu kan hin jirre yoo ta’ellee kan keewwata kanaan tumame raawwatamaa ni ta’a.

Keewwata 108. Hidhaa Cimaa

1.                Adabbiin hidhaa cimaa kan murtaa’u, kanneen yakka cimaa raawwataniifi keessumattuu yakkamtoota hawaasichaaf balaafamoo ta’an irrattidha.

Galmi adabbii hidhaa cimaa adabamtichi akka sirratuufi gara jireenya hawaasummaatti akka deebi’u gochuu irratti dabalataan keessumattuu nageenya hawaasichaaf to’annoo cimaa jala akka oolu gochuudha.

Yeroon turtii adabbii kanaa waggaa tokko irraa hanga waggaa digdamii shanii gahuu ni danda’a. Seerichaanis ifatti kan tumame yoo ta’e hidhaan umurii guutuu murtaa’uu ni danda’a.Ta’us, tumaaleen koroora (sharxii) ilaallatan akkuma eegamanittidha.

2.                Adabbiin hidhaa cimaa kan raawwatamu manneen sirreessaa adabbii kan raawwachiisuuf akka ta’anitti yaadamanii addatti ijaaramaniifi kanumaaf kan qophaa’an keessatti qofaadha.

Haalli raawwii adabbii hidhaa cimaa haala raawwii adabbii hidhaa salphaa irra caalaa ni ulfaata.

Keewwata 109. Tumaalee Waliinii

Tumaaleen bu’uuraa armaan gadii adabbiilee bilisummaa dhuunfaa dhabsiisanu akaakuu lamaaniifuu raawwatamoo ni ta’u. Kaayyoon tumaalee kanaas bu’aa haalli murtii adaabbiilee bira gahuu barbaade argamsiisuudha.

Haalli raawwii adabbii waliigalatti garamana hidhaatti galchuu, hidhamtoota gargar baasuu, qunnamtii hidhamtoonni namoota alaa (gaafattoota) waliin taasisan, sirna keessoofi hir’ina naamusaa ilaalchiseetarkaanfiilee fudhataman, akkasumas dhimmoota qophilee haala barnootaafi eegumsa hafuuraa hidhamtootaaf barbaachisan, seera raawwii adabbiifi dambiilee bulchiinsaa manneen sirreessaa keessatti adda ba’anii ni ibsamu.

Keewwata 110. Hidhamtoota Gargar Baasuu

1.                Yakkamtoonni saalli isaanii gara gara ta’e adabbii isaanii kan raawwatan, manneen hidhaa gara garaa keessattidha. Dhimmuma kanaaf manneen hidhaa gara garaa kan hin qophoofne yoo ta’e, mana hidhaa jiru keessatti kutaaleen gara garaa akka jiraatantaasifamee dubartoonniifi dhiironni akka walitti hin dhufne ni taasifamu.

2.                Baalleessitoonni adabbii cimaadhaan akka adabaman, yookiin kutaa addaa keessatti adda ba’anii akka hidhaman itti murtaa’e yeroo kamiyyuu yoo ta’e, hidhamtoota gaa’ilaf hin geenye yookiin gaa’ila gahan hidhaa salphaan adabaman waliin gonkumaa akka walitti hin dhufne ni taasifamu.

3.                Hidhamtoonni murtii hinarganne yookiin sababa idaan (daayinaan) qabamanii hidhaman yookiin dirqama hojii mootummaa isaanitiin kan ka’een hidhamtoota waliin walittidhufeenya kan qaban ta’anii sababa yakkaa yookiin sababa idaan (daayinaan) namoonni hidhaman hidhamtoota kanneen biroo waliin walitti hin makaman.

Keewwata 111. Dirqama Hojjechuufi Gatii Hojichaa

1.                Yakkamaa tokko irratti adabbiin bilisummaa dhuunfaa dhabsiisu yeroo itti murtaa’u hundatti adabamtichi dirqamaan akka hojjetu gochuun qaama raawwii adabbichaati. Adabamaan fayya qabeessa ta’e kamiyyuu hojii bulchiinsa mana sirreessaa irraa ajajamefudhachuu qaba. Hojiin kunis hanga danda’ame hundatti dandeetti adabamtichaa waliin kan walsimuufi fayyaa isaa kan hinmiine, amala sirreessuufi muuxannoo hojiifi barumsaanis sammuu isaa gabbisuuf kan isa gargaaru ta’ee yakkamtichi yeroo adabbii isaa yommuu xumuru deebi’ee gara galma jireenya hawaasummaa barbaachisu qabachuuf isa dandeessisuun kan isa gahuu danda’u ta’uu qaba.

2.                Hidhamaan hojii dirqamaa kana akka raawwatu dirqisiifame kamiyyuu hojichaaf kan malu yoo ta’eefi amalli isaas gaarii yoo ta’e, dandeettii hojii isaafi tajaajila inni kennuuf kaffaltiin guyyaa walmadaalaa ta’e ni heerregamaaf.

Hangi maallaqaa heerregamuufii qabu qabiinsi herreega maallaqaa yerooinni hidhamee turuufi haalli kenniinsa maallaqaa yeroo inni hidhaa irra bilisaan gadhiifamuu bu’uura dambiilee keessoo mana sirreessaatiin ni raawatama

Keewwata 112. Haala Hidhaa Jijijjiiruu

Adabbichi adabamticha irratti miira sirreeffama amalaa fideefi yommuu adabamtichi hiikamu jireenya hawaasummaa baratame qabachuuf kan malu ta’uu danda’uu isaa mirkaneeffachuun yaadota bu’uuraa armaan gaditti ibsaman hordofuun haalli raawwii adabbii adabamtichaa yeroo yeroon jijijiiramaa akka deemuu ni taasifama. Haalli raawwiifi hojmaata kanaas seera raawwii adabbiifi dambii keessoo mana sirreessaa keessatti ni ibsama.

1.                Bulchiinsi mana sirreessichaa barbaachisaa ta’ee yoo itti mul’ate,  adabamtichi akkuma galeen battalumatti yookiin adabbicha raawwachaaosoo jiruu, yoo daran baay’ate, yeroo ji’a sadii hincaalleef kophaa isaatti adda ba’ee akka hidhamu taasisuu ni danda’a.

Bulchiinsi mana sirreessichaa hidhamtichi kophaa isaatti adda ba’ee akka hidhamu gochuu isaatiin dura, ogeessa fayyaa, barbaachisaa yoo ta’es, ogeessa xin-sammuu mari’achiisuudhaan hanga eeggannoofi yerichaa ni murteessa.

2.                Yeroon adabbii muummeen kan raawwatamuu akka barbaachisummaafi faayidaa isaatti, akka haala yerichaatti, hojii dirqamaa gamtaan yookiin dhuunfaanhojjetamu hojjechuun ta’a.

Dhimmi hidhamticha kophaa isaatti adda baasuu hanga danda’ametti yeroo hojiitiin alafi akkasumas halkan ni raawatama.

3.                Hidhamtoonni amala isaanii haala fooyya’een waan sirreeffataniifi kan fooyya’an waan ta’aniif, hidhaa irraas yeroon isaan itti hiikaman waan dhiyaateef faayidaa nyaata fooyya’aa argachuu, namni isaan gaafatu akka irraa hindhorkamnee,hojii salphaa hojjechuu yeroo boqonnaa argachuufi haalakanneen biroo kan kana fakkaatanitti fayyadamuu, haalli faayidaahidhaa salphisuufi foyyessuu gaggeessaa hojii mana sirreessichaatiin hayyamamuufii ni danda’a.

Kanneen namusa hin qabne yookiin amalli isaanii kan nama hin gammachiifne yoo ta’e garuu faayidaaleen isaaniif kennaman akka jalaa hafan gochuuf, yookiin xiiqi qabeessummaan adabamtootaa kun akka taasifamu barbaachisaa ta’uu isaa kan agarsiise yoo ta’e, faayidalee yeroo hindaangoofneef yookiin daanga’eef hambisuun ni danda’ama.

Keewwata 113. Daangaa Murtaa’een Korooraan(Sharxiin) Gadhiifamuu.

1.                Amalli adabamtichaa quubsaa yoo ta’eefi haalawwan seeraan tumaman guutamanii yoo argaman/Keewwata 212/, adabamtichi yeroon hidhaa isatti murtaa’e dhumuu isaatiin dura Korooraan

(sharxiidhaan) dursee gadlakkifamuu ni danda’a

Korooraan (sharxiidhaan) gadlakkifamuu isaatiin dura bakka adabbiif murtaa’e tokko yookiin iddoo hojii yookiin jaarmiyaa hojii kan kana fakkaatan keessatti yeroo qormaataa akka dabarsu taasisuun ni danda’ama.

2.                Seerri rawwii adabbiilee ilaallatuufi dambiileen bulchiinsa manneen sirreessaa haalawwan raawwii, hojmaataafi tarreeffama isaanii ni murteessu.

Keewwata 114. Raawwii Adabbii Loltoota Irratti Murtaa’u

Adabbiin bilisummaa dhabsiisu loltoota irratti yommuu murtaa’e, mana hidhaa loltootaa keessatti, bakka buufata loltootaatti, yookiin bakka da’annoonlooltootaa itti argamutti ni raawwatama. Dambiiin bulchiinsaafi sirni raawwii adabbii loltoota irratti murtaa’e ittiin raawwatamuu akkuma eegamettidha.

Raawwiin hojmaatichaas dambiii keessootiin kan murtaa’een ta’a.

Keewwata 115.  Murtii Hanga ArgatuttiYeroo Qabame Ture Lakkaa’uu

1.                Murtiin bilisummaa dhabsiisu yommuu kennamu, murtiin adabbii osoo hin kennamin dura adabamtichi sababa yakkichaatiin yeroo inni qabamee too’annaa jala ture manni murtichaa adabbii isaa muummeewaliin ni lakkaa’aaf.

Ta’us, balleessichi bal’eessaa ofii isaatiin eegumsaanakka hidhamu, yookiin yeroon hidhaa isaa akka dheeratu taasisee yoo jiraate, murtiin osoo itti hinmurtaa’in eegumsaaf yeroon inni  qabamee turee hin lakkaa’amuuf.

2.                Dhimmi, haalli, hojmaanniifi raawwiin eegumsaaf qabamanii turuu bu’uura Seera Sirna Falmii Yakkaatiin ni raawwatama.

Keewwata 116. Hidhamaan Dhukkubsatee Mana Yaalaa Gale Yeroo Inni Hospitaala Ture Lakkaa’uu

1.                Yakkamaan tokko adabbii itti murtaa’e raawwachaaosoo jiruu dhukkubsachuu isaatiin yaalamuu akka danda’uufhospitaala yoo gale, yeroon inni mana yaalaa ture sun adabbii raawwachuu qabu waliin ni lakkaa’amaaf.

Akkasumas sababni hospitaala akka galu isa taasise, hidhamuu issaatiin dura dhukkuba isarra ga’een yookiin sabababiroon yoo ta’es keewwata kana keewwata xiqqaa (2) jalatti tumame akkuma eegametti ta’ee, yeroon inni hospitaala ture sun hundi yeroo adabbichaa keessa galee ni lakkaa’amaaf.

2.                Adabamtichi ofumaa ittiyaadee dhukkubichi akka isarra ga’u taasisuun, yookiin gowwoomsuun hospitaala galee kan ciisee yoo ta’e, haala kanaan yeroon inni hospitaala ture yeroo adabbichaa keessa galee hinlakkaa’amuuf.

3.                Yakkamtichi adabbii isaa raawwachaaosoo jiruu, sababa dhukkuba sammuutiin gocha isaatiif ittigaafatamaa ta’uu dhabuu isaa ogeessonni addaa kan mirkaneessan yoo ta’e, adabbichiyeroof akka addaan citu taasifamee gara mana yaalaa yookiin iddoo itti kunuunfamu birootti akka jijjiramu ni taasifama.

Dhukkubichi dhukkuba sammuu fayyuu hindandeenye yoo ta’e, yeroon adabbii hafe isa irratti hin raawwatamu.

Kutaa Xiqqaa Sadii

Adabbii Du’aa

Keewwata 117. Qajeeltoo

1.                Adabbiin du’aa kan murtaa’u, yakkichixumura kan argate ta’ee, daran baay’ee cimaa ta’uu isaafi yakkamtichis balaafamaa addaa ta’uu isaatiin, yakkichaaf adaba akka ta’utti seerichaan ifatti tumamee yoo jiraate, akkasumas yakkamtichaaf sababni adabbii salphisuu kan hin jiree yoo ta’eefi yakkamtichi yeroo yakkicha raawwatetti yoo xinnaate umuriin isaa waggaa kudhasaddeet kan guute yoo ta’e qofadha.

2.                Adabbiin du’aa, murtiin isaa duree biyyaatiin kan ragga’e yoo ta’e malee raawwatamu hin danda’u.  Adabbichi dhiifamaan yookiin baraarsaan kan hinmulqamne yookiin kan hin jijjiiramne ta’uun isaa qoratamuufi beekamuu isaatiin dura raawwatiinsa hinqabaatu.

3.                Adabbiin du’aa ummataa duratti, bakka ifa ta’ettifannisuun yookiin karaa biroo kabaja namoomaa isaa tuqukamiiniyyuu hinraawwatamu. Adabbichi haala kabaja namoomaa isaa eegeen mooraa mana sirreessichaa keessatti akka raawwatamu ni ajajama. Tooftaan raawwii isaas qaama ol’aanaa seera raawwachisaa bulchiinsa mana sirreessaa federaalaa yookiin naannoo dhimmichi ilaallatuun ni murta’a.

 Adabbiin du’aa raawwatamuun dura adabamticha irratti tarkaanfiindararuu,haaloo bahuu yookiin miidhaa qaamaa kamiyyuu akka ga’u gochuun dhorkamaadha.

4.                Adabbiin du’aa erga raawwatamee booda, maatiin isaa reeffa isaa yoo gaafate ni kennamaaf. Maatiin gaafatu kan hin argamne yoo ta’e garuu reeffichi sirna awwaalchaa maluun ni awwaalama.

Keewwata 118. Namni Adabbiin Du’aa Itti Murtaa’e Hamma Adabbiin RaawwatamuttiHaala Itti

Turu

Namni adabbiin du’aa itti murtaa’e hanga adabbichi raggahuufi raawwatamutti, haala hidhamaan adabbiin hidhaa cimaa itti murtaa’e adabbii isaa raawwatuutiin hidhamee tura.

Bulchiinsi mana sirreessichaa nageenya hidhamtichaaf eegumsa eeggannoo barbaachisaa ta’e ni taasisaaf.

Hidhamtichi yoo fedheefi kan danda’amu yoo ta’e, kutaa itti hidhame keessatti hojii akka hojjetu ni taasifama.

Keewwata 119. Raawwiin Adabbii Murtii Du’aaHaalaDhorkamee Itti Turu

Namoota guutummaan Yookiin gar-tokkeedhaan itti gaafatamummaa hinqabne, yookiin nama baay’ee dhukkubsate, yookiin dubartii ulfaa irratti hanga haala akkasii keessa jiranitti adabbiin du’aa isaan irratti murtaa’e dhorkamee ni tura.

Keewwata 120. Adabbii Du’aa Jijjiiruu

1.    Dubartiin ulfaa daa’ima lubbuu qabu yoo deesseefi daa’ima kanas sooruufi guddisuun yoo ishee irra jiraate, adabbichi du’aa kun hidhaa cimaa umurii gutuutti ni jijjiramaaf.

2.    Bu’uura seera kana keessatti /Keewwata 229 fi 230/ jalatti tumameen, adabbiin du’aa dhiifamaan, yookiin baraarsaan jijjiramuu, yookiin hafaa ta’uu ni danda’a.

 

 

 

 

Kutaa Lama

Adabbiilee Dabalataa

Keewwata 121. Qajeeltoo

Adabbiileen dabalataa kan murta’an, adabbii muummeef dabalata yookiin itti guutii ta’un ta’a. Adabbiileen kun kan raawwataman, manni murtii murticha irratti ifatti yoo ajaje qofaadha.

Adabbiileen dabalataa tokkoon tokkoon yakkaatiif tumamanii jiraachuu baatanillee, haalawwan kutaa waliigalaa seera kanaa keessatti tumaman guutamanii yeroo argaman hundatti raawwatamuu ni danda’u.

Manni murtichaa adabbiilee dabalataa kan murteessu, kaayyoo adabbiifi keessumattuu, adabamticha irratti eegumsaafi jijjirama amalaa geessisuu danda’aan hordofuufi yaada kanaan gaggeeffamuun ta’a.

Keewwata 122. Akeekkachiisa, Dheekkamsa, CeephooBalleessicha Irratti Taasifamu,Dhiifama Balleessichi Gaafatu.

1.                Manni murtii Kabaja balleessichaa ibsee hubachiisuun bu’aa garii balleessicha irratti, yookiin haawaasicha biratti kan argamsiisu ta’uu isaa yoo tilmaame, adabbii muummeerratti dabaluun, dhaddacha yookiin murtiirratti akeekkachiisa, dheekkamsa, ceephoo cimaa murteessuu ni danda’a. Akkasumas, balleessichi badiisaa amanee miidhamaa yookiin abbootii mirgaa miidhamticha bakka bu’an ifatti dhiifama akka gaafatu ajajuu ni danda’a.

2.                Yakkichi baay’ee salphaa ta’uu isaa seerichaan ifatti kan tumame yoo ta’e yookiin sababoonni adabbii salphisan yommuu argaman /keewwata 82 fi 83/, yookiin haala addaatiin adabbii salphisuun kan danda’amu yoo ta’e /Keewwata 180/, Yookiin adabbichi osoo hinraawatamin akka turu yommuu taasifamu /Keewwata 192/, manni murtichaa adabbii kana bakka adabbii muumee buusee murteessuu ni danda’a.

Keewwata 123. Mirga Irraa Mulquu

Akaakuufi haalli badii sanaa sababagahaa kan argamsiisu yoo ta’eefi yakkamtichi mirga isaatiin hojjechuuf nama hin malle ta’uun isaa yoo beekame, manni murtichaa:

(a)              mirga hawaasummaa isaa, keessumattuu mirga filachuu isaa, mirga filannoo tokko keessatti hirmaataa ta’uufi hojii tajaajila ummatatiif filatamuu irraa yookiin gonfaaf filatamuu irraa, sanada yookiin waliigaltee irratti ragaa yookiin wabii ta’uu irraa, hojii murtiitiif ogeessa adda yookiin ragaaa ta’ee mirga hojjechuu irraa; yookiin

(b)              mirga maatiirratti qabu irraa, keessumattuu, dandeettii aangoo warrummaaqabachuu irraa, guddiftummaa yookiin mirga bulchaa (eegduu) ta’uu irraa; yookiin

(c)              ogummaa, industrii yookiin daldalaa eeyyama hojii yookiin daldalaa barbaachisu mirga hojjechuu irraa mulquu ni danda’a.

Keewwata 124. Akkaataa Murtiifi Bara Turmaata Adabbii 

1.                Adabbiin mirga irraa mulqamuu kamiyyuu (Keewwata 123) yeroodhaaf yookiin dhaabbiidhaan ta’uu ni danda’a. Yeroof qofa yoo ta’e, ji’a jahaa gadi hinta’u, waggaa shan hincaalu.

Cimina yakkaa balleessichi raawate, balleessitummaa isaa kan duraa, balaafamummaa yookiin gadhummaa amala isaa, yakkicha irra deddeebi’a jedhamee kan yaaddessu ta’uu fi ta’uu dhabuu isaa, barbaachisummaa fi faayidaa adabbii mirga irraa mulquu yookiin bu’aa adabbichi adabamticha irratti  qaqqabsiisu, akkasumas jireenya hawaasummaa isaa eeguuf barbaachisaa ta’uu isaa tilmaamuu fi bu’uura godhatee qabachuun,  tokkoon tokkoon dhimmootaa irratti yeroo turtii adabbii mirga irraa mulquu manni murtichaa ni murteessa.

2.                Murtiin adabbii du’aa yookiin hidhaa cimaa dhimma mirga hawaasummaa irraa mulqamuu dirqamaan hordofsiisuu qaba. Adabbiin hidhaa cimaa yommuu murtaa’u, yeroo turtii bu’aa mirga irraa mulqamuu manni murtichaa ni murteessa. Murtii adabbii du’aa yookiin hidhaa umurii guutuu yommuu murtaa’e waa’ee dhiifamaa (keewwata 229) waa’ee baraarsaa (keewwata 230) fi waa’ee moggaafamuu (keewwata 232-237) jalatti kan tumamee akkuma eegametti ta’ee adabbiin mirga irraa mulquu hanga dhumaattii ragga’ee nitura.

Keewwata  125 Adabbiin Mirga Irraa Mulquu Yeroo Itti Ragga’u

1.                Adabbiin mirga irraa mulquu kan raawwatamaa kan ta’u  guyyaa murtiin kenname irraa eegalee ta’a.

2.                Adabbiin mirga irraa mulquu kennameyeroof yoo ta’e guyyaa murtichi kenname irraa eegalee dhimmi adabbichi raawwatamaa ta’uu isaa akkuma eegametti ta’ee yarichi murtaa’e lakkaa’amuu kan eegalu guyyaa adabbiin muumee itti raawwatame yookiin adabbichi dhiifamaan itti haqame yookiin darbiinsa yerootiin hafaa itti ta’e irraa eegalee ta’a.

Yakkamticha irratti adabbiin bilisummaa dhabsiisuu itti murtaa’ee korooraan (sharxiin) erga gadhiifamee booda, korooraan (sharxiin) gadhiifamee yeroo ture hundatti amala gaarii kan agarsiise yoo ta’e yeroon turtii adabbii mirga irraa mulquu kan herreegamu guyyaa korooraan (sharxiin) hidhaa irraa gadlakkifame irraa eegalee ta’a.

Yakkamaan mirgi hojii ogummaa isaa hojjechuu murtiidhaan jalaa mulqamee/Keewwata 123 (c)/korooraan (sharxiin) akka hiikamu yoo taasifamu /Keewwata 205/yeroo karoorichaatti (sharxiichaatti) hojii ogummaa isaa qormaataaf akka itti fufu manni murtichaa eeyyamuufii  ni danda’a.

Keewwata 126. Mirgaafi Kabaja Deebisuufi Moggaasuu

Akkuma haala dubbichaatti bu’uura sericha keessatti tumameen mirga adabbiidhaan irraa mulqamanii turan kamiyyuu balleessichi gocha yakkichaatiin adabamuu isaatiin dura akkuma turetti deebifamuu fi moggaafamuu ni danda’a /keewwata   232-237/

Keewwata 127 Raayyaa Ittisaa Keessaa Gaggeessuu, Sadarkaa Irraa Gadbuusuu

1.                Baallessichi yakka dhimma raayyaa ittisaa raawwateen salphoo, saragee, yookiin balaafamaa ta’uu isaa yoo agarsiise mannimurtii loltummaa adabbii muummee itti murteessuu waliin sadarkaa isaa irraa akka gadbu’u yookiin miseensummaa raayyaa ittisaa keessaa akka geggeeffamu itti murteesuu ni danda’a.

Adabbiileen kunis kan murta’anu abbaa aangoo raayyaa ittisaa dhimmi isa ilaallatu  waliin dursanii mariyachuu fi yaada duraa kennamuu hubachuudhaan ta’a

2.                Murtaa’uun adabbiilee kanaa adabbiilee dabalataa biroo armaan olitti ibsaman murteessuu hin dhowwu.

Keewwata 128. Haala Murtichi Itti Ragga’u.

Murtiin adabbii miseensummaa raayyaa ittisaa keessaa gaggeeffamuu yookiin sadarkaa irraa gadbu’uu kan ragga’u bu’uura dambiii bulchiinsa loltummaa ilaallatuun ta’a.

Boqonnaa Sadii

Tarkanfilee Eeggannoo Balleessitoota Gaa’ilaaf Gahan Irratti Raawwataman

Kutaa Tokkoo

Tarkaanfilee Eeggannoo Raawwattoota Yakkaa Itti Gaafatamummaa Hinqabnee fi Itti

Gaafatamummaa Gartokkee Qaban Irratti Haala Addaatiin Taasifaman

Keewwata 129. Qajeeltoo

Manni Murtichaa qorannoo Idilee fi qorannoo ogeessa addaa bu’uura godhachuun (Keewwata 51) raawwataan yakkichaa itti gaafatamummaa akka hin qabne (keewwata 48) yookiin itti gaafatamummaa gar tokkee (keewwata 49) yommuu mirkaneeffatu haala dubbichaatiin bu’uura tumaalee armaan gaditti ibsamaniitiin ni murteessa.

Keewwata 130 Eeggannoof Bakka Murtaa’e Akka Turuufi Akka Yaalamu Taasisuu

1.                Raawwataan yakkaa haala irra jiru irraa kan ka’een nagaa fi tasgabbii hawaasichaa irratti rakkoo kan geesssisu yookiin namoota waliin jiraatan irratti balaa geessisa jekdhamee yoo amaname, dhaabbata mijaa’aa ta’e keessa addatti ba’ee akka turu manni murtichaa ajajuu qaba.

2.                Raawwataan yakkichaa yaala kan isa barbaachisu ta’ee yoo argame, dhaabbata keessa jirutti akka yaalamu, kunis kan hindanda’amne yoo ta’e bu’uuraa keewwata 131 n tumameen gara dhaabbata yaala gahaa itti argachuu danda’uutti jijjiramee akka yaalamu ni ajaja.

Eegumsa gaarii isaatiifis tarkaanfileen eeggannoo barbaachisaa ta’an ni raawwatamu.

Keewwata 131. Yaala

1.                Raawwataan yakkaa dhukkuba yookiin hir’ina sammuu kan qabu yookiin dhagahuu fi dubbachuu kan hindandeenye yoo ta’e yookiin dhukkuba gaggabdoo kan qabu yoo ta’e yookiin araada dhugaatii alkooliitiin yookiin qorichoota balaafamootiin yookiin baalawwan sammuu adoochanuun kan summaa’e yookiin dhukkuboota kana fakkaatan kamiiniyyuu sammuun isaa kan tuqame ta’ee akka yaalamu yookiin gargaarsa biroo gahaa ta’e akka argatu kan barbaachisu yoo ta’e mana yaalaa yookiin dhaabbata mijaa’aa ta’e seenee akka yaalamu manni murtichaa ni ajaja.

2.                Akka yaada ogeessi addaa dhiyeessuutti raawwataan yaakka balaafamaa kan hintaanee fi hospitaala turee yaalamuun isaa kan hin barbaachifne ta’uun isaa kan beekame yoo ta’e deddeebiin qofa akka yaalamu manni murtichaa ni ajaja.

Yeroo kanatti ogeessaa yaalaa gabaasa dhiyeessuufii danda’uun yookiin qaama aangoon kennameef birootiin eegumsii fi too’annoon akka irratti taasifamu manni murtichaa ni ajaja. Eegumsi kunis amansiisaa yoo hintaaneefi bu’aa gaarii kan hin argamsiifne ta’uun isaa yoo mirkanaa’e yeroo kamiyyuu  yoo ta’e haqamuu ni danda’a.

Manni murtichaa ajaja eegumsaa haquun dura yookiin tarkaanfii malu biroo fudhachuun dura gabaasa barbaachisaadha jedhu akka dhiyeessuuf ogeessa yaalaa yookiin qaama aangoon kennameef ajajuu ni danda’a.

 

 

Keewwata 132. Yaaroo Turmaataa Murtii Yaalaafi Eegumsaa

1.                Raawwataan yakkaa akka yaalamu yookiin bakka murtaa’e tokko akka turu murtii mannimurtichaa kenne abbaan aangoo bulchiinsaa dhimmichi ilaallatu ni raawwachiisa.

Raawwatichi kan yaalamu yookiin bakka murtaa’e kan turu yeroohinmurtoofneefidha. Haata’u malee, manni murtichaa waggaa lama lamaan murticha irraa deebi’ee ni qorata.

Sababni murtichi itti kenname baduu isaa oggeessichi addaa yoo mirkaneesse abbaan aangoo bulchiinsaa haaluma kana mana murtichaaf yoo dhiyeessu, tarkaanfiin eeggannoo adabamticha irratti akka raawwatamu ajajamee ture akka hafu manni murticha ni ajaja.

2.                Sababni tarkaanfiin eeggannoo itti fudhatame guutummaatti kan hin badne yoo ta’ellee yeroof qofa akka gadlakkifamu kanmalu ta’uu isaa ogeessichi addaa kan mirkaneesse yoo ta’e, gabaasa abbaan aangoo bulchiinsa dhimmichi ilaallatu dhiyeesseef irratti hundaa’uudhaan raawwatichi akka yaalamu yookiin bakka murtaa’e akka turu ajajni kennamee ture dhorkamee akka turu manni murtichaa ni ajaja.

Namni tarkaanfiin eegannoo dhorkameef yeroo waggaa tokkoo gad hintaaneef eegduu filatame tokkoon too’annoon akka irratti taasifamuufi barbaachisaa ta’ee yommuu  argamus bu’uura keewwata 205 tiin tarkaanfileen qajeelcha amalaa akka irratti fudhataman manni murtichaa ajaja ni kenna.

3.                Eegumsa nageenya waliigalaatiif yookiin haala gaarii nama gadlakkifameef barbaachisaa ta’ee yoo argame balleessichi akka gadlakkifamu ajajni kennamee ture ni haqama.

Yerooqormaatichaa haala quubsaa ta’een kan xumure yoo ta’e; tarkaanfiin eeggannoo ni hafaaf.

 

 

 

Keewwata 133. Bu’aa Itti Gaafatamummaan Gar-tokkee Adabbii Irratti Qabu.

1.     Akkaataan murtii adabbii namoota Itti gaafatamummaa gar-tokkee qaban ilaalchisee tumame akkuma jirutti ta’ee /Keewwata 49/ barbaachisaa ta’ee yoo argame manni murtichaa adabbicha yeroof dhorkee raawwatichi bakka eeggannoon itti raawwatamufiitti daangeeffamee akka turu /keewwata 130/ yookiin hospitaala akka seenu /keewwata 131/ ni ajaja.

2.     Tarkaanfiin eeggannoo ajajame yoo raawwatamu, gabaasni bulchiinsi dhaabbatichaa yookiin miseensi eegummsaa itti gaafatamummaan kennameef dhiyeese adabbiin balleessicha irratti murtaa’ee ture ammas akka raawwatamu barbaachisaa ta’uu isaa yoo mirkaneesse, balleessichi eegumsaaf bakka tokkotti daangeffamee kan itti ture yookiin yeroon inni yaalamuuf dabarse, adabbii yeroof dhorkamee ture irraa akka hir’ifamuuf kan malu yookiin kan hin malle ta’uu isaa bu’uura seera kana keewwata 116 tiin manni murtichaa ni murteessa.

Murtii kanas keennuuf manni mirtichaa bu’uura godhatee kan hordofu, cimina yakka raawwatichi raawwate, seenaa isaa duriifi haala amala isaa,bu’aa bakka tokkootti daangeeffamee turuun isaa yookiin  yaaliin isaaf taasifame argamsiise akkasumas gara fuulduraatti amala isaa fooyyeffachuu kan danda’u  ta’uu isaa yookiin nama nagaa ta’uuf haala inni agarsiisu madaaluudhaan ta’a.

3.     Raawwataan yakkaa adabbii hafe akka raawwatu taasisuun faayidaa kan hin qabne ta’uu isaa manni murtichaa yoo itti amane rawwatamuu adabbichaa ni hambisaaf.

Kutaa Lama

TarkaanfiileeEeggannoo WaliigalaaIttisaafi Eegumsaa

Keewwata 134. Qajeeltoo

Tarkaanfileen eeggannoo waliigalaa ittisaafi eegumsaa boqonnaa kana keessatti tumaman haala naannoo dubbiichaaf kan fayyadaniifi barbaachisaa ta’uu isaanii manni murtichaa yoo itti amane adabbii muummee waliin yookiin adabbiin muummee erga raawwatamee booda, dabalata ta’anii akka raawwataman murtaa’uu ni danda’u.

Tarkaanfileen eeggannoo ittisaafi eegumsaa akkanaa tokkoon tokkoon yakkaatiif kutaa addaa seerichaa keessatti tumamanii yoo jiraachuu baatanillee, haalawwan kutaa waliigalaa seerichaa keessatti tumaman guutamanii yommuu argaman hunda raawwatamaa akka ta’an manni murtichaa ifatti ajajuu qaba.

Kutaa Xiqqaa Tokko

Tarkaanfilee Eeggannoo Qabeenya Ilaallatan

Keewwata 135.Wabummaa Amala Gaarii; Qajeeltoo

1.     Namni itti murtaa’e irradeebiin yakka raawwachuuf yaaduu isaa yoo ibse yookiin yakka haaraa akka raawwatu dhugumaan kan yaaddeessu ta’ee yoo argame,  keessumattuu irra deebi’ee yakka raawwachuuf kan yaade diinummaa ifa ta’een yookiin doorsisuun kan ta’e yoo  ta’e yakkamaan kun amalaa gaariidhaan akka gaggeeffamu waadaa mirkaneessu akka galuufi wabii gahaa ta’e akka kennu manni murtichaa dirqisiisuu ni danda’a.

2.     Waadaan mirkaneessa amala gaariin akka gaggeeffamuuf inni seene kun ragga’ee kan turu waggaa tokko hanga waggaa shanii ta’a.

 Wabummaan kun kan kennamu akka haala dubbichaatti wabummaa ofii yookiin namaatiin yookiin qabsiisaan ta’a.

3.     Yeroon turtii waadaa mirkaneessaafi hanga qabsiisichaafi wabichaa manni murtichaa kan murteessu, akaakuu doorsisichaa, ciminaafi balaafamummaa isaa, akkasumas sadarkaa jireenya dhuunfaa, haala qabeenyaa raawwatichaafi wabiiwwan isaa bu’uura godhachuun ta’a

Waada mirkaneessaafi wabummaan kenname murtiicha irratti ibsamee ni barrreeffama.

Keewwata 136. Waadaa Mirkaneessaa Yookiin Wabummaa Kennuu Diduu

1.     Namni yakka ni raawwata jedhamee yaaddessu dirqama mirkaneessaa akka kennu gaafatame, kennuuf kan hinbarbaanne yoo ta’e yookiin yaada badaafi yaada-jal’ina irratti hundaa’uun wabummaa ofii yookiin kan namaa kan hinkennine yoo ta’e yookiin yeroo itti murtaa’eef wabummaa mirkanneessaa barbaachisaa ta’e kan hin kennine yoo ta’e, mana turmaataa buufata Poolisii baratametti qabamee akka turu manni murtichaa dirqisiisuu ni danda’a.

2.     Manni murtichaa yeroo balleessichi kun mana turmaataa keessa turu battalumatti ni murteessa. Balleessichi doorsisa isaa irradeddeebiin yoo haaromsuu baateefi amala isaa kan hinfooyyeeffanne yoo ta’e  yookiin yaada badaa isaa kan itti hinfufneefi haala addaa kan kana fakkaatu yoo geessisuu baate, qabamee yeroo inni mana turmaataa keessa turu ji’a sadii caaluu hin danda’u

Manni murtichaa gaaffiin yoo dhiyaateef sababoota gahaa ta’aniin murtii yerichaa dheereessuu ni danda’a. Bu’uura gaaffichaatiinis yakkamtichi gadlakkifamee too’annoon akka irratti taasifamu

/Keewwata 148/ yookiin dhimma ittisuufi eeguu cimsuun barbaachisaa ta’ee yoo itti mul’ate daran

yoo baay’ate murtiin hidhaa hanga ji’a sadiitti haaromfamee akka raawwatamu manni murtichaa ajajuu ni danda’a.

Ta’us yeroo inni qabamee mana turmaataa itti turu ida’amaan ji’a jaha darbuu hindanda’u.

3.     Kana gidduutti balleessichi mirkaneessa gaafatame kan kenne yookiin wabii gahaa ta’e kan dhiyeesse yoo ta’e ni gadhiifama.

Keewwata 137. Bu’aa Murtichaa

Balleessichi yerooqormaataa kennameef keessatti yakka kan hinraawwanne yoo ta’e waadaan mirkaneessaa inni kenne ni hafaaf. Wabummaan isaafi kan wabiilee isaas irraa ni bu’a. Qabsiisi yookiin maallaqi wabuummaaf qabsiises ni deebi’aaf.Yerooqormaataaf kennameef keessatti yakka kan raawwate yoo ta’e garuu maallaqni wabummaaf qabsiifame mootummaaf galii ni ta’a, yookiin wabiin isaa ni dirqisiifama. Yakka raawwateefis adabbiileen idileefi tarkaanfiileen eeggannoo akkuma eegamanitiidha.

 

 

Keewwata 138. Wabummaa yookiin Qabsiisa Kennuu Dadhabuu.

Namni yakka ni raawwata jedhamee yaaddessaa ta’e qabsiisa wabummaa wal-amansiisaaf akka qabsiisu gaafatame sababa kansaa hintaaneen dhiyeessuu kan hindandeenye yoo ta’e, yakkamtichi mana turmaataa irraa gadhiifamee yookiin mana turmaataa turuun isaa hafeefii too’annoon akka irratti taasifamu /keewwata 148/ manni murtichawa ni ajaja.

Keewwata 139. Murtii Tarkaanfii Eeggannoo Irradeddeebi’uu

1.     Namni tokko wabummaa amala gaarii akka kennu erga taasiifamee booda, haalawwan naannootiin keessumattuu sababa irradeebi’ee dhadachuu isaatiinYookiin amala balaafamummaa agarsiisuu isaatiin, barbachisaa ta’ee yoo mul’ate, balleessichi irra deebiidhaan waada mirkaneessaa akka seenuufi wabummaa akka kennuu manni murtichaa murteessuu ni danda’a /Keewwata 135/.

2.     Ta’us, namni jedhame kun keewwata 136(2) keeyyata lammaffaa jalatti tumameen yeroo hidhaa ol’aanaa  mana turmaataa ji’a  jaha dursee kan xumure yoo ta’e, fuulduraaf waadaa mirikaneessaa akka seenu yookiin wabummaa akka kennu gaafatamee yaada badaan kan dide yoo ta’e, maana turmaataa akka turu osoo hintaasifamin to’annoon akka irratti taasifamu manni murtichaa ajajuu qaba /Keewwata 148/.

Akaakuun dhaadannichaa keewwata 580 jalatti kan kufu yoo ta’e,raawwatichi bu’uura tumaa kanatiin himatamuuirraa hin oolu.

Keewwata 140. Wantoota Balaafamoo Ta’an Dhaaluu.

1.     Wantoonni yakka raawwachuuf tajaajiluu danda’an yookiin gocha yakkaatiif tajaajilan yookiin bu’aa gocha yakka ta’an kamiyyuu jireenya, tasgabbii, fayyaa yookiin amala gaarii ummataa miidhuu kan danda’an yoo ta’an akka dhaalaman manni murtichaa ni ajaja.

Wantoonni dhaalaman akka maqfaman, tajaajilaan ala akka ta’an yookiin Poolisiif yookiin kutaa qorannoo  yakkaaf akka kennaman manni murtichaa ajajuu ni danda’a.

2.     Wantoonni yookiin meeshaaleen balaafamummaa hin qabneyookiin seeraan hin dhorkamnekamiyyuu qabeenya qulqulluu qaama sadaffaa yoo ta’an mirgi namoota kanaa kan eegameedha.

Keewwata 141. Tumaalee Waliinii,Raawwii Waliigalaa Eeggannoof Taasifamu 

Namni kamiyyuu himatamuu isaatiin dura yookiin himatamee dhimmi isaa mana murtiitti yommuu ilaalamu nageenya waliinii yookiin dhuunfaa irratti balaa geessisuuf dhadatee yoo argame dirqama wabummaa mirkaneessa amala gaarii akka seenu taasifamuu ni danda’a.

Yeroo barbaachisaa ta’ee argametti namni kamiyyuu himatamuu yookiin itti murtaa’uu kan hindanda’amne yoo ta’ellee wanti balaafamaan harka isaatti argame hundi akka dhaalamu bu’uura keewwata 140 jalatti tumameen manni murtichaa ajajuu ni danda’a.

Kutaa xiqqaa Lama

Sochii Hojii Daangessuun Tarkaanfilee Eeggannoo Taasifaman

Keewwata 142. Eeyyama Dhorkuufi Deebisanii Fudhachuu

Hojii yookiin gocha adda addaa akka raawwatu namni yookiin jaarmiyaan namummaa seeraa qabu eeyyama ifatti kennameefiin fayyadamu kamiyyuu hojii isaa kanaan balaa ol’aanaa kan geesssisu yookiin yakka cimaa irradeddeebi’ee kan raawwate yoo ta’e; manni murtichaa sababa yakka muummeetiin adabbii murteessu waliin dabalata gochuun eeyyamni kenname kun yeroo ji’a tokko hanga waggaa tokkoo gahuuf akka jalaa qabamu murteessuu ni danda’a.Yakkamtichi yeroo hedduu yakka irradeddeebii yookiin cimaa ta’e kan raawwate yoo ta’e, hayyamni isaa hanga dhummaatti akka irraa fudhatamu taasifamuu ni danda’a.

Adabbiin mirga hojii tokko hojjechuurraa mulquu akka eegamettidha /Keewwata 123/.

Keewwata 143. Jaarmiyaa Dhorkuufi Cufuu

1. Jaarmiyaan daldalaa, industirii, amantaa Yookiin siyaasaa yookiinakaakuubiroo kamiyyuu tokko yakka raawwachuuf yookiin adeemsisuuf faayidaarra yoo ooleefi yakkichis nageenya ummataa irratti miidhaa kan geessisu yoo ta’e, adabbii yakkamticha irratti murta’e irratti dabalataan  jaarmiyaan kun hojii akka dhabuufi akka cufamu manni murtichaa murteessuu ni danda’a.

Akkasumas yakki raawwatame hidhaa cimaa waggaa tokkoo oliin kan adabisisuu yoo ta’u, jaarmiyichi akka diigamu, qabeenyi isaas akka qulqullaa’u manni murtichaa ajajuu ni danda’a.

Keewwata 144. Murticha kabaju Dhabuun Bu’aa Hordofsiisu.

1.     Ajajni dhorkuu, ittisuu yookiin cufuu kan waliigalafi dhumaa ta’uu ni danda’a;yookiin yeroo murtaa’eef yookiin iddo murtaa’eef yookiin kutaa adda ta’e tokko keessa ta’ee murticha  keessatti murtaa’uu ni dandaa’a.

Murtichimaqaa yakkamtichaan yookiin nama birootiin yoo ta’ellee, yookiin jaarmiyichatooftaa bulchiinsaa akaakuubirootiin geggeessuun yoo ta’es yookiin haala kamiiniyyuu hojii dhorkame akka itti hinfufne isa taasisa.

2.     Murtii dhorkichaa darbuun bu’uura seerichaatiin ni adabsiisa /Keewwata 459/. Jaarmiyaan dhorkames deebi’ee kan baname yoo ta’e, irradeebiin ni cufama; jaarmiyaa haaraa ni diigama, qabeenyi isaas bu’uura seerichaatiin ni qulqullaa’a.

Kutaa Xiqqaa Sadii

Bilisummaa Dhuunfaa Daangeessun Tarkaanfilee Eeggannoo Raawwataman

Keewwata 145. Balleessichi Bakka Tokko Tokko Akka Hin Geenye Dhorkuu

1.     Adabbii muummee irratti dabalataan yakkamaan tokko badii raawwachuuf sababa kan ta’e yookiinbadii haaraa raawwachuuf kan isa gargaaru bakka tokko tokko keessumattuu, mana dhugaatii, mana hoteelaa, bakkawwan bashannanaa, bakka gabaa yookiin bakka uummanni itti walgahu kamiyyuu akka hingeenye manni murtichaa itti murteessuu ni danda’a.

2.     Manni murtichaa murtii kennu keessattidaangaa bakka dhorkameefi yeroo dhorkichi itti turu ni murteessa.Yeroon dhorkaa kunis ji’a sadii hanga waggaa tokkoo gahuu ni dandaa’a.

Keewwata 146. Iddoo Murtaa’e Tokko Jiraachuu Yookiin Oolanii Buluu Irraa Dhorkuu.

1.     Kewwata 145 jalatti akkuma ibsametti sababni walfakkaataan eegumsichaaf baayyee barbaachisaa ta’e yoo argamu, dhimmi dhorkaa kun yakkamtichi magaalaa tokko, ganda yookiin naannoo murtaa’e tokko akka hin jiraannee yookiin oolee akka hinbulle murtii dhorku hordofsiisuu ni danda’a.

2.     Murtiin kunis yeroo murtaa’eef ta’a, yeroon isaas akka cimina yakkichaatti, akka amala yakkamtichaafi akka haala naannoo dubbichaatti waggaa tokkoo hanga waggaa kudhanii gahuu ni danda’a.

Manni murtichaa sababa dhorkichaa ibsuu qaba, daangaa iddoo dhorkameefi yeroo dhorkichi itti turu ni murteessa.

Keewwata 147. Dirqama Iddoo Yookiin Naannoo Tokkotti Daangeeffami Jiraachuu.

1.     Yakkamtichi jequmsa dabalataa akka uumu yookiin fuulduratti yakkamtummaan kan itti fufu fakkaatee yoo mul’ate, carraa yakka raawwachuu isaaa akka hir’isuf iddoo yookiin naannoo murtaa’e tokkotti daangeeffamee akka jiraatu manni murtichaa murteessuu ni dandaa’a.

2.     Iddoo yookiin naannoo yakkamtichi jiraatu akkasumas haala kanaan dirqama daangeffamee jiraachuun isaa yeroo itti turu manni murtichaa ni murteessa. Yeroon  isaas waggaa tokkoo gadifi waggaa  shanii ol ta’uu hin danda’u.

3.     Wabummaan amala gaarii Keewwata 135 jalatti tumameyakkamticha irratti yoo  murtaa’eefi dhimmichaaf tarkaanfiin eeggannoo gahaa yoo ta’e, tarkaanfiin eeggannoo  murtaa’e kun qoft akka irratti raawwatamu manni murtichaa ni ajaja.

Keewwata 148. Balleessicha Irratti To’annoo Gochuu.

1.     Barbaachisaa ta’ee yoo argame hidhamaan gadilakkifame to’annoon Poolisiin irratti taasifamaa akka eegamu manni murtichaa ajajuu ni danda’a.

Seerichaarra tumaan faallaa ta’e kan hin jirree yoo ta’e, keessumattuu dhimma keewwata138 jalatti tumame yoo ta’e malee, balleessichi irradeeddebiin yakkoota raawwatuuf yookiin cimina yakka raawwateen keessumattuu balaafamaa ta’uun isaa kan mirkana’eefi sababuma kanaan yoo xiqqaatee hidhaa salphaa waggaa tokkoo kan itti  murtaa’e yoo ta’e malee murtiin kun irratti hin raawwatamu.

2.     Yeroon to’annichaa waggaa tokkoo hanga waggaa shanii gahuu ni danda’a. Manni murtichaa yeroo itti turu ni murteessa.

To’annichis, jireenya hawaasummaa eegamaan itti deebi’uu barbaadu, hojmaata raawwii hordofuufi jireenya baratamaa hordofuu qabu irratti haala rakkina hin geessisneen raawwatamuu qaba. Namni to’annoon irratti taasifamu yeroo murtaa’e keessatti yookiin akkuma waamameen abbaa aangoo tokko biratti akka dhihaatu manni murtichaa ajajuu ni danda’a.

3.     Haala dubbichaafi haala amala balleessichaa hubachuun to’annaan adabamticha irratti taasifamu miseensa eegumsaa tokko qofaan yoo raawwatame kan gahu ta’uun isaa yoo amaname manni murtichaa kanuma qofaa murteessuu ni danda’a/keewwata 208/.

keewwata 149.  Waraqaalee Hayyamamanii KennamanYeroof Deebisanii Fudhachuu.

Dhimmooti addaa to’annoofi nageenyaaf barbaachisaa ta’an yommuu mudatan murtiilee armaan olitti bilisummaa dhuunfaa hir’isuuf tumaman dabalata gochuun waraqaaleen adabamtichaaf hayyamamanii kennaman yookiin paaspoortiin yeroof akka jalaa qabaman manni murtichaa ajajuu ni danda’a.

Murtichis adabbiin itti murtaa’e kun sababni isaafi adabbichis ragga’ee yeroo itti turu ibsee agarsiisuu qaba.

Keewwata 150. Yakkamticha Biyyaa Baasuu.

1.     Adabamtichi lammii biyya alaa yoo ta’eefi keessumattuu biyya keessa akka jiraatu kan hin barbaachifne yookiin keessumattuu balaafamaa ta’uun isaa yoo ibsame yeroof yookiin hanga dhumaatti Itoophiyaa keessaa akka ba’u manni murtichaa ajajuu ni danda’a.

Tarkaanfiin eeggannoo kun waggaa sadiif yookiin kanaa oliin hidhaadhaan kan adabame yookiin yaada ogeessa addaatiin nageenya ummataaf balaafamaa ta’uun isaa kan itti mirkanaa’e yookiin nama ittigaafatamummaa hin qabne yookiin ittigafatamummaan isaa hir’ifame irratti ajajamuu ni danda’a.

Manni murtichaa yeroo ajajichi ragga’ee itti turu murticha keessatti ibsuu qaba.

2.     Manni murtichaa murtii kana murteessuun dura qaama mootummaa dhimmichi ilaallatu mari’achiisuu qaba.

Waliigalteewwan addunyaalessaa rogummaa qaban kan eegamandha.

3.     Murtiin tarkaanfii eeggannoo biroo kamiyyuu ajaja biyyaa baasuu hin hambisan.

Keewwata 151.  Raawwii Isaa.

1.     Murtiin biyyaa baasuu kan raawwatamu karaa abbaa aangoo mootummaafi bu’uura dambii bulchiinsaatiin ta’a.

2.     Yakkamticha irratti adabbiin bilisummaa dhabsiisu itti murtaa’ee yoo jiraate murtiin biyyaa baasuu kan irratti raawwatamu adabbii itti murtaa’e erga raawwatee yookiin adabbichi dhiifamaan yookiin baraarsaan erga hafeefi booda ta’a.

3.     Murtiin kun kan ilaallatu balleessaa ittigaafatamummaa gar-tokkee qabu yoo ta’eefi haalawwan dubbichaa sababa gahaa kan argamsiisan yoo ta’e, adabbichi dursee irratti raawwatamuu ni danda’a;sanaanboodas, eeggannoodhaaf iddoo murtaa’e tokko akka turu /keewwata 130/ yookiin akka yaalamu /keewwata 131/, tarkaanfiin eeggannoo taasifamu murtii biyyaa baasuutiin bakka bu’uu ni danda’a.

Raawwatichi ittigaafatamummaa kan hin qabne yoo ta’e eeggannoodhaaf iddoo murtaa’e akka turu yookiin akka yaalamu tarkaanfileen eeggannoo taasifamu, haalli dubbichaa barbaachisaa ta’ee yoo argame murtii biyyaa baasuutiin bakka bu’uu ni danda’a.

Keewwata 152.  Tarkaanfii Eeggannoo Yaaliif Yeroof Dhorkuu.

Yakkamticharratti adabbiin bilisummaa dhuunfaa dhabsiisu kan itti murtaa’e yoo ta’eefi korooraan (sharxiin) akka gadilakkifamu ajajni kan kenname yoo ta’e bakka tokko tokko gahuu, jiraachuu, yookiin oolee buluurraa dhorkuu, iddoo yookiin naannoo tokkotti daangeffamee yookiin murtiin biyya baasuu yaaliifi mirgi murticha haquu osoo hin tuqamin bu’uura haalawwan waliigalaafi wabiiwwan seerichaan hayyamamaniin dhorkamee akka turu manni murtichaa ajajuu ni danda’a /keewwata 207/.

Keewwata 153.  Murtiileen Tarkaanfii Eeggannoo yommuu Caban Adabbii Murtaa’u.

Iddoo Murtaa’e tokko tokko akka hin geenye, akka hin jiraannee yookiin oolee akka hin bulle, iddoo yookiin naannoo murtaa’e tokko dirqamaan akka jiraatu yookiin to’annoon akka irratti taasifamu ajaja dirqamaa kenname cabsuun akkasumas biyyaa akka bahu itti murtaa’ee erga bahee booda gara Itoophiyaatti akka hin galle murtii dhorkaa itti murtaa’e cabsuunnamni seene bu’uura seera kana keewwata 459 fi 465 tiin ni adabama.

Kutaa xiqqaa Afur

Tarkaanfilee Beeksisuu

Keewwata 154.  Abbaa Aangoo Dhimmichi Ilaallatutti Beeksisuu

Bu’uura kutaalee darban keessatti tumameen murtii adabbii dabalataa tokko yookiin eeggannoo duraa yookiin akkaataa eegumsaa ilaallatu yommuu kennu hundatti abbaa aangoo dhimmichi ilaallatu murticha akka beeku, akka raawwachiisu, yookiin akka to’atu barbaachisaa yoo ta’u, murtichi kenname raawwatamaa akka ta’uufi eegamuu isaa to’achuuf akka danda’amutti abbaa aangoo bulchiinsaa, kan raayyaa, kan Poolisii yookiin qaama biroo dhimmichi ilaallatutti osoo hinturin ni beeksisa.

Tokkoon tokkoon dhimmootaa irratti murtichi bu’aa argamsiisuu isaa mirkaneeffachuun akka danda’amutti manni murtichaa akkaataa ummataaf itti ibsamu ni ajaja.

Keewwata 155.  Murtii Ummataaf Ibsuu

1.     Ummata, himatamaa yookiin miidhamaa kan fayyadu ta’uun isaa yoo itti amaname murtichi guutummaan yookiin gar-tokkeen ummataaf akka ibsamu manni murtichaa ni ajaja.

Ibsamuun murtichaa ummataaf faayidaa kan qabu yoo ta’e manni murtichaa malawwan sabqunnamtiin akka ibsaman ni ajaja. Faayidaan isaa abbaa dhimmaa dhuunfaaf yoo ta’e garuu abbaan dhimmaa yoo iyyate malee akka ibsaman hin taasifaman.

2.     Manni murtichaa sirna baratamaa beeksisni ittiin bahu hordofuun akka haala dubbichaafi hamma barbhaachisummaa isaatti mala murtichi ummataaf ittiin ibsamuufi qabiyyee fi baay’ina ibsichaa ni murteessa.

Beeksisichas iddoo waltajjii uummanni walgahutti maxxansuudhaan, yookiin malawwan sabquunnamtii ummataa biroo kamiiniyyuu tamsaasuun raawwachuun ni danda’ama.

Keewwata 156.  Galmee Murtii irratti Galmeessuu

1.     Adabbiifi tarkaanfileen eeggannoo murtiin kennaman bu’uura seerichi ajajuufi dambii riikoordii yakkamtootaa ilaallatuun galmee yakkamtootaa irratti ni galmeeffama.

Yeroo murtichi galmaa’ee itti turuufi akkaataa itti galmaa’u, abbaa mirgaa kan ta’eefis hangi ibsamu, akkasumaas haqamuu yakkichaa, moggaafamuu yakkamtichaafi bu’aa isaa tumaaleen dambichaa ni murteessu.

2.     Walumaagalatti adabbiileen yakkaa galmeelee yakkamtootaa irratti kan galma’an balleessitummaa duraa adabamtichaa abbootiin aangoo murtii dhimmichi ilaallatu akka beekaniifidha. Adabamtichi moggaafamee kallattii qajeelaa jireenya hawaasummaatti deebi’uu danda’u akka jalaa hin gufachifne yaaduun garee sadaffaa yookiin namoota dhimmichi hin ilaallanneef hin ibsamu.

Boqonnaa Afur

Namoota Gaa’ilaaf Hingeenye Irratti Tarkaanfilee Eeggannoofi Adabbiilee Raawwatamu.

Kutaa Tokko

Bara Umurii Waggaa Sagaliifi Kudha Shan Gidduu Jiru

Kutaa Xiqqaa Tokko

Tarkaanfilee Eeggannoo Idilee

 Keewwata 157.  Qajeeltoo

Dargaggoon umuriin isaa waggaa sagalii hanga kudha shanii ta’e, yakkoota seera yakkichaatiin tumaman keessaa tokko raawwatee yommuu argametti/Keewwata 53/ manni murtichaa tumaalee waliigalaa seerichaa hordofuufigalma addaa dubbichaa bira gahuuf/keewwata 55/ barbaachisaa yoo ta’es dubbicha hubachuuf qorannoon barbaachisaa ta’e akka taasifamu erga ajajee booda/Keewwata 54/ tarkaanfilee eeggannoo armaan gaditti ibsaman keessaa tokko ni ajaja.

Keewwata 158.Dhaabbata Yaalli Itti Taasifamutti Eerguu

Raawwataan yakkaa gaa’ila hin geenye yaala kan isa barbaachisu yoo ta’e keessumattuu sammuun dadhabaa, guddinni sammuu isaa kan qummuune, sammuun isaa kan dhukkubsate, dhukkuba gaggabdoo kan qabu, araada dhugaatii alkooliitiin kan qabame yookiin wantoota naarkootikiifi saayikotiroppikiitiin yookiin baalawwan sammuu adoochaniin ssummaawee yoo argame dhaabbata yaalaa barbaachisaa ta’etti akka yaalamu manni murtichaa ni ajaja.

Kan danda’amu yommuu ta’etti, yaalli kennamu barumsaafi leenjii kan hammate ta’uu qaba.

Keewwata 159. To’annoo GochuunBarumsa Kennamu

1.     Raawwataan yakkaa gaa’ila hingeenye guddisa gaariin kan hin guddanne yookiin maaldhibdummaan kan dhiifame yookiin amalli isaa gara hojii badaatti kan duufe yookiin kan duufu yoo ta’e, eegduun to’annoon irratti gaggeeffamaa barumsaafi guddisa akka argatu ni ajajamaaf. Firoota eegduu ta’uu danda’an kan hinqabne yoo ta’e, yookiin qabaates dandeettii kan hin qabne yoo ta’an, nama gahumsa qabuuf yookiin jaarmiyaa daa’imman eeguufi barsiisuuf hunda’aniif akka kennamu ni ajajama.

Eegdonni armaan olitti tarreeffaman amala gaarii dargaggoo gaa’ila hingeenye imaanaan isaanitti kenname kan hordofan ta’uu isaanii mana murtiitti dhihaatanii itti gaafatamummaa isaanii barreeffamaan ni mirkaneessu.

Eegdonni haala gaarii dargaggoo gaa’eela hin geenye amaanaan isaanitti kenname hordofuu isaanii miseensonni eeguumsaa dhiheenya isaaniitti argaman /Keewwata 208/ ni to’atu.

2.     Mana barumsa yeroo mara akka deemu, yookiin hojii ogummaa akka shaakalu, namoota tokko tokko qunnamuu irraa yookiin bakka tokko tokko gahuu irraa akka dhorkamu, yeroowwan murta’anitti abbootii aangoo eegumsaa duratti akka dhihaatu yookiin gabaasa akka dhiheessu, dirqamoota kanaafi kana fakkaatan irratti ajajamuu ni danda’u.

Akka haalafi galma dubbichaatti raawwataan yakkaa gaa’ila hin geenye yookiin namoota eegduu amala isaa ta’an irratti daangaleen kun raawwatamoo akka ta’an ajajamuu ni danda’a.

3.     Barbaachisaa ta’ee yoo argame manni murtichaa yookiin miseensichi eegumsaa namoota yookiin jaarmiyaalee eegduu amala dargaggichaa ta’an hubachisuufi akekkachiisuu ni danda’a.

Eegdonni sababa kamiiniyyuu itti gaafatamummaa guddisuufi barsiisuu isaanii bahuu yoo dadhaban manni murtichaa aangoo eegdummaa isaanii irraa kaasuu ni danda’a.

Keewwata 160 Ceephoofi Qeeqa

1.     Barbaachisaafi bu’aa gaarii kan argamsiisu ta’ee yoo isatti mul’ate manni murtichaa raawwataa yakkaa gaa’ila hin geenye ni ceepha’a yookiin ni qeeqa.

Qeeqni kunis raawwataa yakkaa gaa’ila hin geenye kun bu’aa gochichaa akka hubatuufi fuulduraafis miira gocha gaariifi amala gaarii akka qabaatu kan isa taasisu ta’uu qaba.

2.     Raawwataan yakkaa gaa’ila hingeenye dandeetti hubannaa isaafi salphina yakka inni raawwate yookiin haala raawwii isaa tilmaama keessa galchuun dargaggicha sirreessuuf gahaadha jedhee yoo itti amane manni murtichaa qeeqaan yookiin ceephoo qofaan irra darbuu ni danda’a.

Faayidaa kan qabu yommuu ta’u tarkaanfilee eeggannoo biroo yookiin adabbii kamiyyuu irratti qeeqni dabalamuu ni danda’a.

Keewwata 161. Mana Barumsaatti Yookiin Mana Jireenyaatti Daangeeffamee Akka Turu Taasisuu.

Balleessaan isaa cimaa yoo hin taaneefi raawwataan yakkichaa gaa’ila hin geenyes salphaatti kan sirraa’u yoo fakkaate dargaggichi mana barumsaa yookiin mana jireenyaa isaatii osoo hin ba’iin sa’aatti yookiin guyyaa boqonnaa isaatti hojii umurii isaatiin walgituufi bakka murtaa’e tokkotti akka hojjatu manni murtichaa ni ajaja.

Akka haala dubbichaafi akka cimina balleessaa isaatti raawwataan yakkaa gaa’ila hingeenye mana barumsaatti yookiin mana jireenyaa isaatti yeroo inni daangeeffamee itti turu manni murtichaa ni murteessa.

Raawwataan yakkaa eegduu isaa jala ta’ee murticha sirriitti raawwachuu isaa mirkaneessuuf tarkaanfileen dandeessisan akka fudhataman manni murtichaa ni jajaja.

Keewwata 162. Jaarmiyaa Amala Sirreessaatti Erguu.

Amala yookiin seenaa badaa durii dargaggoo raawwataa yakkaa, akkasumas ciminaafi haala raawwii yakkichaa tilmaama keessa galchuun gara jaarmiyaa addaa raawwattoota yakkaadargaggoo sirreessuufi barsiisuuf hundeeffamanitti akka seenan manni murtichaa ajajuu ni danda’a.

Kanaanis, dargaggichi sirna naamusa rogummaa qabuun eegamaa barumsa waliigalaa, safuufi barumsa ogummaa addaddaa ittiin jiraatu /shaakala hojii/, akkasumas gara jireenyaa hawaasummaatti akka deebi’uufi amanamtummaan hojjechaa akka jiraatuuf kan barbaachisan hunda akka baratu ni taasifama.

Keewwata 163.Yeroo Turmaataa Tarkaanfilee Eeggannoo.

1.     Akka waliigalatti, yeroon yaalaa/Keewwata 158/fi tarkanfileen eeggannoo eegamanii barachuu/Keewwata 159/ragga’anii kan turan hangayeroo abbaan aangoo yaalaa yookiin eegumsaa ni barbaachisa jedhee murteessee dhiheesseen yoo ta’u, raawwataan yakkaa hanga gaa’ila ga’uttis itti fufuu ni danda’u. Tarkaanfileen eeggannichaa kaayyoo isaanii galmaan kan gahan ta’uu isaanii ibsuudhaan abbootiin aangoo itti gaafatamummaan kennameef yaada dhiheessanitti manni murtichaa yoo amane tarkaanfileen eeggannichaa hafaa akka ta’an ni murteessa.

2.     Murtiin gara jaarmiyaa amala sirreessaatti erguu/Keewwata 162/ kan ajajamu akka waliigalaatti yoo xiqqaate waggaa tokko yoo baayyate waggaa shan yeroo ta’uufidha. Haala kamiiniyyuu yoo ta’e bara dargaggichi gaa’ilaaf ga’u seeraan murtaa’e darbuu hin danda’u.

Murtiin akaakuu akkanaa yoo kennamu yeroo ragga’ee itti turu murtii irratti ibsamuu qaba. Dargaggichi yeroo waggaa tokkoo armaan olitti ibsame erga xumuree booda, bu’uura dirqamoota waliigalaa seerichaa keessatti tumamaniin/Keewwata 205/ hanga yeroon yaalii murtichaan itti murtaa’e xumuramutti dambiilee amala gaarii hordofuufi raawwachuu qabu akka eeguufi to’annoo miseensa eegumsaa jala akka turu taasifamee/keewwata 208/yeroo itti murtaa’e hunda osoo hin xumuriin qormaataafkorooraan (sharxiin) gadilakkifamuu ni danda’a.

Keewwata 164.  Tarkaanfilee Eeggannoo Jijjiiruu.

Manni murtichaa raawwataa yakkaa dargaggichaaf kan fayyadu ta’ee yoo arge yaada bulchiinsi dhaabbatichaa dhiheessu ka’umsa godhachuun bu’uura keewwatootaa armaan olitti ibsamaniin ajaja kenname jijjiiruu ni danda’a.

Keewwata 165. Bu’aa Seeraa Tarkaanfilee Eeggannoo.

Tarkaanfileen eeggannoo yaalaa, barumsaa yookiin sirreessaa armaan olitti ibsaman keessaa tokko raawwataa yakkadargaggoon itti murtaa’ee akka adabametti hin lakkaawamu.

Kutaa Xiqqaa Lama

Adabbiilee

Keewwata 166.  Qajeeltoo

Tarkaanfileen eeggannoo keewwatoota 158 hanga 162 tti tumaman bu’aa osoo hin argamsiisin yoo hafan, manni murtichaa badii raawwataa yakkaa gaa’ilaaf hin geenye raawwate madaaluudhaan barbaachisaa yoo ta’es, ragummaafi qorannoon ogeessa addaatiin akka taasifamu erga ajajee booda /Keewwata 54/ adabbiilee armaan gadii tumaman keessaa tokko itti murteessuu ni danda’a.

Keewwata 167.  Adabbii Maallaqaa

1.     Raawwataan yakkaa gaa’ila hin geenye adabbii maallaqaa  kaffaluun isaa adabbii ta’ee kan itti dhagahamu, kan isa barsiisuufi balleessaa isaa irraa kan isa deebisu fakkaatee yoo itti mul’ateefi adabbii maallaqichaa kaffaluuf kan danda’u ta’uu isaa yommuu  hubate manni murtichaa akka cimina balleessichaafi dandeettii qabeenya maallaqaa isaatti maallaqa adabbii akka kaffalu itti murteessuu ni danda’a.

Adabbiin maallaqaas adabbiilee biroo waliin dabalataan murtaa’uu ni danda’a.

2.     Tumaaleen adabbii maallaqaa kaffaluufi adabbii maallaqichaa adabbii akaakuubirootti jijjiiruu ilaallatan /Keewwata 94 fi 95/ balleessitoota gaa’ila hingeenye irratti raawwatiinsa hin qabaatan. Raawwataan yakka gaa’ila hin geenye ittiyaadee maallaqicha adabbii yeroo kennameef keessatti kan hin kaffalle yoo ta’e, bakka adabbii maallaqichaa hanga yeroo manni murtichaa murteessuun mana barumsaatti yookiin mana jireenyaatti daangeffamee akka turu taasisuun ni danda’ama /Keewwata 161/.

Keewwata 168. Hidhaa

1.                Raawwataan yakkaa gaa’ila hin geenye akkaataa seerichaatti yakka cimaa adabbii hidhaa cimaa waggaa kudhan yookiin isaa ol ta’een yookiin adabbii du’aa hordofsiisu kan raawwate yoota’e, manni murtichaa:

(a)  faayidaa waliigalaatiif jecha tarkaanfiin eeggannoo mirkanneessa nageenyaa, namarraa adda bahee jiraachuu yookiin sirna addaa raawwachiisa eegumsaa akka irratti raawwatamaniif gara jaarmiyaa amala sirreessaatti akka ergamu ni ajaja/Keewwata 162/; yookiin

(b)  balleessichi balaafamaafi nageenya kan jeequ yookiin tasgabbii kan booressuufi namoota birootiif fakkeenya badaa ta’uu isaa yommuu hubate, dhimma akkasii kana dambiilee bu’uuraa namarraa adda baasanii jiraachisuu hordofuun gara mana hidhaa adabbiin itti raawwatamutti kallattiidhaan akka ergamu ni ajaja /Keewwata 110(2)/.

2.                Cimina yakkaa dargaggichi raawwateefi haala umurii yeroo badii sana raawwate bu’uura godhachuun hanga yeroo hidhamee itti turumanni murtichaa ni murteessa. Yeroon isaas waggaa tokkoo gadi osoo hin ta’in hanga waggaa kudhanii gahuu ni danda’a.

Dargaggichi gara jaarmiyaa amala sirreessaatti erga ergamee booda, sababa haala amala isaatiin yookiin balaa inni geessisuu danda’uun gara mana  hidhaatti erguun barbaachisaa ta’uu isaa kan itti amaname yoo ta’e, yookiin umurii isaa  waggaa kudha saddeeti (18) kan guute ta’ee yoo argameefi adabbiin itti murtaa’es yeroo inni gaa’ila itti gahu caaluun kan hiisisu yoo ta’e, gara mana hidhaatti ni ergama. Yeroo akkana ta’es manni murtichaa yeroo dargaggichi hidhamee itti turu murteessuuf, balleessichi yeroo jaarmiyaa amala sirreessaa itti tureefi bu’aa fooyya’iinsaa turtiin isaa hordofsiise tilmaama keessa ni galcha.

3.                Adabbiin qabamanii mana hidhaa keessa turuu kan raawwatamuu dambii akaakuu seera  hidhaa salphaan ittiin raawwatamuun ta’a /Keewwata  106/. Akkasumas amalli dargaggichaa kan fooyya’e ta’uun isaa yoo tilmaamame bu’uura baratameefi seericha keessatti tumameen dambiinkorooraan (sharxiin) dursanii gadidhifamuu raawwatamaa ni ta’a/Keewwata 113/.

Kutaa  Xiqqaa Sadii

Tumaalee Waliinii

Keewwata 169. Haalawwan  Salphaa; Sababa Gahaan Adabbii Hambisuu.

Yakkichi salphaa ta’eraawwatamee yoo xinnaate ji’a jaha erga darbee booda manni murtichaa barbaachisaa yookiin kan fayyadu ta’ee yoo itti hinmul’anne tarkanfii eeggannoo yookiin adabbii itti hin murteessu.

Akkasumas, tarkaanfileen eeggannoo barsiisuufi amala sirreessuu yookiin adabbii warra isaatiin yookiin firootaan dursee kan irratti raawwate yoo ta’e, yookiin dargaggichi ga’ila hin geenye amala gaarii yoo horateefi kan sirraa’e fakkaatee yoo mullateefi amala yakka irraa deebi’ee raawwachuu kan hin agarsiifne ta’ee yoo argame manni murtichaa tarkaanfii eeggannichaa yookiin adabicha itti hin murteessu.

Keewwata 170. DambiiDarbiinsa Yeroo Addaa

1.     Yakkichi yeroo raawwatame irraa eegalee akkaataa dhiheessuu himannaa yakkaatiif kan tumame darbiinsi yeroo idilee yookiin adda walakkaan isaa yoo darbe /Keewwata 217,218/ haalli naannoo dubbichaa sababa gahaa kan argamsiisu ta’ee yoo itti amaname yakkoota ciccimoo keewwata 168 jalatti tumaman yoo ta’an malee, manni murtichaa gocha raawwii eeggannoofi adabbii kamiiyyuu hafaa ni taasisa.

2.     Yakkoota ciccimoo keewwata 168 jalatti tumaman gama ilaallatuun akkaataa dhiheessa himannaafi adabbiif kan tumame darbiinsi yeroo waliigalaa raawwatamaa ni ta’a.

Keewwata 171. Murticha Daangaan Dhorkuu

Yakkoota ciccimoo ilaalchisee keewwata 168 jalatti kan tumaman akkuma eegamanitti ta’ee, haalawwan bu’aa gaarii argamsiisan raawwatamanii yoo argaman, to’annoo miseensa eegumsaa  jala ta’ee yeroo murtaa’eef qormaataan turee, murtii adabbii kenuu  yookiin raawwachuu dhorkuuf kan tumaman /Keewwata 190-200/ raawwattoota yakkaa ga’ila hin geenye irratti yeroo hundaa raawwatamoo ni ta’u.

Yeroon qormaatichaa waggaa tokkoo hanga waggaa sadii nita’a.

Keewwata 172. Bu’aa Tarkaanfii Eeggannoofi Adabbichi Mirga Hawaasummaa Irratti Hordofsisuu.

Ciminni yakkaa raawwataan yakkichaa raawwate keewwata 168 jalatti kan kufu yoo ta’e, mirga hawwaasummaa irraa mulquun baayyee barbaachisaa ta’uu isaa manni murtichaa haala adda ta’een yoo hubate malee, tarkaanfiin eeggannoofi adabbii balleessaa dargaggoo gaa’ila hin geenye irratti murtaa’e kamiyyuu, dargaggicha irratti bu’aa mirga hawaasummaa dhabuu hordofsisuu hin danda’u.

Keewwata 173.  Tarkaanfilee Ittisaafi Eegumsaa Waliigala Ta’an.

Qabeenya mootummaaf galii ta’uu qabu/Keewwata 100/ fi wantoota balaafamoo dhaaluu/Keewwata 140/ akkasumas bakkawwan tokko tokko akka hin turre dhorkuu/Keewwata 145/ tumaaleen ilaallatan raawwattoota yakkaa gaa’ila hin geenye irratti raawwatamoo ni ta’u.

Akkaasumas, amala isaa fooyyessuun kan hin danda’amneefi hawaasichaaf balaafamaa fakkaatee kan mul’ate raawwataan yakkaa gaa’ila hingeenye lammii biyya alaa ta’e adabbii amala sirreessuu yookiin hidhaan turuu itti murtaa’e erga raawwatee booda biyyaa akka bahu manni murtichaa ajajuu ni danda’a/Keewwata 150/.

Dhimmiadabbiifi tarkaanfii eeggannoo raawwattoota yakkaa gaa’ila hingeenye irratti  murtaa’e raawwachisuu,abbootii aangoo mootummaafi namoota yookiin jaarmiyaaleeaangoon guddistummaa kennameef dhimmichi ilaallatuuf /Keewwata 154/ ibsamuu qaba.

Keewwata 174.  Murtii Ibsuufi Galmee Murtii Irratti Galmeessuu.

Murtiin raawwataa Yakkaa gaa’ila hingeenye ilaallatu yeroo kamiyyuu malawwan sabqunnamtiinhin ibsamu/Keewwata 155/.

Murtiin adabbiifi tarkaanfiin eeggannoo galmee yakkamtootaa irratti kan galmaa’u/Keewwata 156/ abbootii aangoo bulchiinsaafi murtii mootummaa dhimmi isaan ilaallatuuf odeeffannoo barbaachisaa kennuuf akka tajaajilu qofaaf waan ta’eef, sababa kamiiniyyuu waraabbii galmee kanaa namoota biroo dhimmichaaf alagaa ta’aniif ibsuun gonkumaa kan dhorkamedha.

Keewwata 175. Murtii Haquufi Moggaasuu

Ijoolleen gaa’ila hingeenyee yookiin namoonni bu’uura seeraatiin isaanirratti aangoo qaban yoo gaafatan adabbii hidhaarraa kan hafe, raawwataa yakkaa gaa’ilahin geenye irratti murtiin tarkaanfii eegannoofi adabbiileen biroo raawwatamanii waggaa lama keessatti moggaafamuuf haalawwan barbaachisan kan guutaman yoo ta’e, manni murtichaa murtiileen galmee yakkamtootaa irraa akka haqaman ni ajaja /Keewwata 232-237/.

Kutaa Lama

Raawwataa YakkaaDargaggoo Waggaa Kudha Shanii Ol, Waggaa Kudha Sadeetii Gadi  Jiru

Keewwata 176. Haala Idilee

Raawwataa yakkaadargaggoo waggaa kudha shanii ol,waggaa kudha sadeetii gadi ta’e yommuu yakka rawwate manni murtichaa bu’uura tumaalee seeraa idileetiin /keewwata 56/yommuu murteessu haalli naannoo dubbichaa sababa gahaa kan argamsiisu tahuu isaa kan tilmaame yoo ta’e, bu’uura seerichi hayyamuun /keewwata 179/ adabbii salphisuufii ni danda’a.

Raawwatichi waggaa kudha sadeeti osoo hin guutiinsababaakaakuu yakkaa raawwate kamiiniyyuu adabbiin du’aa itti murtaa’uu hin danda’u /keewwata 117/.

Adabbiin bilisummaa dhabsiisuu yommuu raawwatamu, yakkamtoota gaa’ila gahan irraa adda bahee hanga gaa’ila gahuutti dambiin hidhamuu ciminaan raawwatamuu qaba/Keewwata 110(2)/.

Keewwata 177.  Haala Addaa

1.     Balleessichi guddina qaama isaatiin yookiin sammuu isaatiin akka dargaggoo umurii waggaa kudha shanii gadi jiru ta’eetti yoo tilmaame yookiin yakki inni raawwate cimaa yommuu hin taaneettifi akka yaada ogeessi adda dhiheessetti balleessitoota dargaggoo waggaa sagalii hanga kudha shanii ta’aniif boqonnaa kan kutaa tokko keessatti kan murta’an kan yaalaa, barnootaa yookiin tarkaanfileen amala sirreessuu irratti raawwatamuun barbaachisaa ta’ee yommuu argame,manni murtichaa bu’uura armaan olitti tumameen adabbii salphisuurra tarkaanfilee eeggannoo kanneen keessaa tokko akka irratti raawwatamu, keessumattuu gara mana yaalaa yookiin gara jaarmiyaa amala sirreessaatti akka ergamu sababa ifaafi  gahaa ta’een ajajuu ni danda’a.

2.     Haalakamiiniyyuu taanaan yeroon yaalchisuu, barumsaan leenjisuu yookiin iddoo amala sirreessaa tursiisuun yeroo gaa’ila ga’iinsa seera qabeessa ta’e darbuu hin danda’u/Keewwata 163/.

Yeroon kun darbuun dura manni murtichaa barbaachisaa ta’ee yoo itti mul’ateefi keessumattuu dargaggichi amala sirreessaa irraa yoo gadhiifamu mana hidhaa akka turu /Keewwata 168(2)/ ajajuun barbaachisaa ta’ee yoo argame, yeroo jaarmiyaa amala sirreessaa ture keessaa hammamtu adabbii hidhaa itti murtaa’u keessatti lakkaawwamuuakka qabu murteessuuf durseemurtii tarkaanfii eeggannoo dargaggichaa irratti dabarsee ture qorachuu ni danda’a. Mata Duree Lama

Adabbii Murteessuufi Dhorkuu, Himannaafi Adabbii Addaan Kutuufi Hambisuu. Boqonnaa Tokko

Adabbii Murteessuufi Dhorkuu

Kutaa Tokko Adabbii Murteessuu

Keewwata 178.  AkkaataaMurtii AdabbiiSalphisuu yookiin Cimsuu.

Qajeeltoowwan waliigalaa murtii adabbii ilaalchisee tumaman/Keewwata 88/ akkuma eegamanitti ta’anii, dabalataan adabbicha salphisuuf yookiin cimsuuf seerichi kan hayyame yookiin  dirqisiisaayommuu taasise hunda manni murtichaa tumaalee armaan gaditti ibsaman hordofuun ni murteessa.

Kutaa Xiqqaa Tokko

Dambii Adabbii Salphisuufi Adabbiirraa Bilisa Taasisuu

Keewwata 179. Dambii Idilee Adabbii Salphisan

Manni murtichaa bu’uura keewwata kanaatiin adabbii salphisuu akka danda’u seeraan kan tumame yommuu ta’u hunda adabbii salphiisuun barbaachisaa ta’ee yomuu argu:

(a)  bakka adabbii du’aa, hidhaa cimaa waggaa digdamaa hanga umurii guutuu gahu;

(b)  bakka hidhaa cimaa umurii guutuu, adabbii hidhaa cimaa waggaa kudhanii hanga waggaa digdamaa gahu;

(c)   kutaa addaa seerichaa keessatti ka’umsi adabbii hidhaa cimaa olka’ee tumamee yoo jiraate, bakka adabbii kanaa kutaa waliigalaa seerichaa keessatti ka’umsa ta’ee kan tumame waggaa tokko irraa eegalee adabbii hidhaa cimaa;

(d)  bakka hidhaa cimaa ka’umsi isaa waggaa tokko ta’e, adabbii hidhaa salphaa ji’a jahaa hanga waggaa shanii gahu;

(e)  kutaa addaa seerichaa keessatti ka’umsi adabbii hidhaa salphaa ol-ka’ee tumamee kan jiru yoo ta’e, bakka adabbii kanaa adabbii hidhaa salphaa guyyaa kudhanii gadi hin taane;

(f)    bakka adabbii hidhaa salphaa guyyaa kudhanii gadi hin taane, hojii dirqamaa yookiin adabbii maallaqaa ni murteessa.

Keewwata 180.  Akkaataa Itti Fakkaatetti Adabbii salphisuu

Manni murtichaa akka itti fakkaatetti adabbiisalphisuu qaba yookiin ni danda’a jedhamee seeraan tumamee yommuu argamu, bu’uura armaan gaditti ibsameen adabbii murteessuuf aangoo ni qaba.

Manni murtichaa bu’uura keewwata kanaatiin adabbii salphisuu qaba yookiin ni danda’a jedhamee seeraan yoo tumame,akaakuu adabbii kutaa addaa seera kanaan tumame yookiin ka’umsa adabbiitiin osoo hindaangeffamin ka’umsa adabbii sanarraa gadibuusee yookiin akaakuu adabbii biroo salphaa ta’e bakka buusee murteessuuf aangoo ni qaba. Ta’us,akaakuuadabbiimanni murtichaamurteesssu kamiyyuu kutaa waliigalaa seera kanaatiin tokkoon tokkoon akaakuu adabbiifka’umsa tumamerraa gadi bu’uu hin danda’u/Keewwata 106 fi 108/.

Keewwata 181 Tumaalee Waliinii 

Hanga seerichi hayyameen manni murtichaa adabbii salphisuun yommuu murteessu, qajeeltoo waliigalaa balleessummaa ilaallatu bu’uureffachuun hanga adabbichaa ni murteessa /Keewwata 57/.

Manni murtichaa adabbii/Keewwata 179/tiin yookiin /keewwata 180/tiinyommuu salphisu hunda beenyaan akka kaffalamu murteessuu ni danda’a/Keewwata101/. Barbaachisaa ta’ee yoo argames adabbiilee dabalataa /Keewwata 121-128/ fi tarkaanfilee eeggannoowaliigalaa ittisaafi eegumsa ilaalchisee tumaman/ keewwata 134-153/ walitti dabalee murteessuu ni danda’a.

 

Keewwata 182.  Adabbiirraa Bilisa Taasisuufi Adabbii Dhiisuu.

Manni murtichaa balleessicha adabbii kamiyyuurraa bilisa taasisuufi guutummaan yookiin gartokkeen adabbii dhiisuu kan danda’u seericha irratti ifatti tumamee yoo argame  qofadha.

Kutaa Xiqqaa Lama

Dambii Adabbii Cimisu

Keewwata 183.  Dambii Idilee Adabbii Cimsu

Adabbiin akka cimu seerichi yoo tume/Keewwata 84/akaakuufi baay’ina sababoota adabbicha cimsuuf ta’an akkasumas, cimina badii yakkamtichi raawwate madaaluun manni murtichaa tumaarogummaa qabu kutaa addaa seera kanaan tumameenfiixeeadabbii murtaa’e osoo hin darbiin adabbicha ni murteessa.

Keewwata 184. Yakkoonni QabatamooYommuu Dachaa  Ta’an Adabbii Cimsuu.

1. Dhimmi yakka qabatamaa dachaata’e Yoo mudatu/ keewwata 85/ manni murtichaa cimina badii yakkamtichaa madaaluun bu’uuraa dambiilee armaan gadiittin adabbicha cimsee ni murteessa.

(a) yakkoota dachaa bilisummaa yookiin lubbuu dhabsiisuun adabsiisan keessaa sababa isa tokkootiin du’a yookiin hidhaa umurii guutuu yookiin yakkoonni kun adabbii hidhaa akaakuu wal-fakkaataa kan adabsiisan ta’ee, sababa isa tokkoonadabbii olaanaan kutaa waliigalaa seerichaa keessatti tumame/Keewwata 106 fi 108/ yoo murtaa’u, keewwata xiqqaa kana (c) fi (e) tiin kan tumame akkuma eegametti ta’ee, murtiin kun adabbii yakkoota dachaa biroo ilaalchisee murtaa’u hunda walitti haammatee ni qabatani qabata.

Ta’us, sababa yakka isa cimaatiin, adabbilee armaan olitti ibsaman keessaa tokko murtaa’uun hafee adabbii olaanaa kutaa waliigalaa seerichaan tumame irraa gadi buufamee adabbiin hidhaa kan murtaa’e yoo ta’e, sababa yakkoota dachaabirootiin manni murtichaa bu’uuraa keewwata kana keewwata xiqqaa 1 (b) tiin adabbicha olkaasa.

(b) Yakkoonni dachaa lamaa yookiin isaa ol ta’aniifi adabbilee bilisummaa dhabsisan  hordofsiisan yoo mudatan, tokkoon tokkoon yakkoota dachaan raawwatamaniif adabbiin barbaachisaa  ta’e murtaa’ee hundumtuu ni ida’ama. Ta’us,akaakuu adabbichaaf kutaa waliigalaa seerichaan adabbii olaanaa tumame caaluu hindanda’u.

Yakkoonni hidhaa cimaafi hidhaa salphaatiin adabsiisan dachaa ta’anii yoo argaman raawwii keewwata kanaatiif adabiin hidhaa salphaa waggaa lamaa akka hidhaa cimaa waggaa tokkootti ni lakkaawama.

(c)  yakkoonni hidhaafi adabbii maallaqaatiin adabsiisan dachaa ta’anii yoo mudatan, adabbiileen lamaanu walitti dabalamani ni murtaa’u. Akkaataan murtii isaas, gama hidhaa ilaallatuun tumaa keewwata xiqqaa kana (1) (b), gama adabbii maallaqaa ilaallatuun immoo tumaa keewwata xiqqaa kana (1) (d) bu’uura godhachuun ta’a.

(d) yakkoonni dachaa lama yookiin isaa ol ta’an adabbii maallaqaa hordofsiisan yommuu mudatan, tokkoon tokkoon yakkaa dachaan raawwatameef adabbiin barbaachisaa ta’e  murtaa’ee hundumtuu ni ida’ama. Yakkamtichi miira jaalala maallaqaatiin kaka’ee kan raawwate yoo ta’e malee /Keewwata 92/, adabbii maallaqichaa daangaa adabbii maallaqaa olaanaa kutaa waliigalaa seerichaa keessatti tumame dabarsuun hin danda’amu.

(e) manni murtichaa sababa yakkoota dachaa ta’an keessaa tokkoon qabeenyi adabamtichaa akka dhaalamu kan murteesse yoo ta’e, sababa yakkaa birrotiin adabbii maallaaqaa dabalataan murteessuu hin danda’u.

(f)   bu’uura seera kana keewwata 60(c) jalatti tumameen yakkoonni dachaa yoo mudatan, haala birootiin kan tumame yoo ta’e malee, adabbichi bu’uura keewwata kana keewwata xiqqaa1 tiin ni murta’a.

(g) adabbiin dabalataa yookiin tarkaanfiin eeggannoo ittisaafi eegumsaa yookiin amala sirreessuu yookiin nageenyaa kamiyyuu, tumaa rogummaa qabu tokko irratti yookiin yakkoota dachaa ta’anii raawwataman keessaa yakka tokko qofaaf murtaa’ee yoo argamellee adabbii waliigalaa waliin raawwatamaa taasisuun ni danda’ama.

 

Keewwata 185.  Haala Addaa

1.     Yakkoonnihariiroo qabanyommuu raawwataman, isaan keessaa tokko kan raawwatame yakkibiroo akka raawwatamu taasisuuf yookiin mijeessuuf yookiin kan biroof dahoo akka ta’u taasisuuf yaadamee yoo ta’e, bu’uura keewwata armaan olitti tumameen manni murtichaa adabbicha hanga sadarkaa olaanaatti cimsee murteessuu qaba.

2.     Yakkoonni qabatamoodachaahariiroo qabankan akka ajjeechaa cimaa yookiin wanbadummaa cimaa kan fakkaatan adabbii kan cimsu yakka addaa tokko kan hundeessan ta’uun isaanii kutaa addaa seerichaa keessatti yoo tumame, tumaaleen yakkoota akkanaaf ibsaman raawwatamoo ni ta’u.

Keewwata 186.Yakki Dachaa Duraan Raawwatame Murtii Booda Beekamuu Isaa

1.     Balleessichi yakkaan itti murtaa’ee adabbicha raawwachaa osoo jiruu yookiin erga xumuree booda, murtiin kennamuun dura yakka dachaa biroo raawwate jiraachuun isaa yoo beekame, manni murtichaa yakkoota dachaa balleessichi raawwateen yeroo tokkotti osoo itti murtaa’ee jiraatee adabbii  olaanaa silaa itti murtaa’uu danda’u osoo hin darbin ni murteessa.

2.     Manni murtichaaadabbii dursee murtaa’e tilmaama keessa galchuun, bu’uura keewwatoota armaan olitti ibsamaniin murtii barbaachisaa ta’e ni kenna.

3.     Himannaan yakkaa walitti dabalamanii ilaalamuun isaan irra ture, manneen murtii yookiin  dhaddachoota addaddaatti kophaa kophaatti ilaalamanii adabbiileen addaddaa yoo murta’an, akkaataan murtii adabbii waliigalaa bu’uuraa tumaalee armaan olitti ibsamaniin ta’a.

Keewwata 187.  Gocha Tokkoon Yakkoonni Dachaa yommuu Raawwataman Haala Adabbiin Itti Cimu

1.     Yakkamtichi gocha tokkoon yeroo tokkotti tumaalee seeraa dachaan darbee yoo argame/keewwata 65/,manni murtichaa haala naannoodubbichaayommuu qoratu keessumattuu, yakkamtichi itti yaadeefi karoorfatee seera darbuu isaa yookiin amala badaa ifa ta’e agarsiisuusaa yoo amane, bu’uura keewwata 184 jalatti ibsameen adabbii isaa cimsee murteessuu ni danda’a.

Haala birootiin garuu,s tumaa seeraa rogummaa qabuun daangaa adabbii olaanaa yakka cimaaf tumame osoo hin darbiin manni murtichaa adabbicha ni murteessa.

2.     Yakkoonni dachaa bu’aa qabatamaa addaddaa hordofsiisan yommuu raawwataman manni murtichaa adabbicha akka armaan gadiitti ni cimsa:

(a)              balleessichi yakkoota dachaa keessaa itti yaadee yoo xiqqaate tokko kan raawwate yoo ta’e /Keewwata 66 (1) (a) fi (b)/, bu’uura keewwata 184 tiin adabbii itti ni murteessa.

(b)              yakkoonni dachaa kan raawwataman dagannoon yoo ta’e /Keewwata 66 (1) (c)/, adabbii olaanaa kutaa addaa seerichaa keessatti yakka cimaaf tumame osoo hin darbiin adabbii itti ni murteessa.

(c)              yakkoonni balleessichi ittiyaadee raawwate nageenyaafi faayidaa hawaasaa kan miidhan ta’anii yommuu argaman /keewwata 66 (2)/, manni murtii bu’uura keewwata 184 tiin adabbicha ni cimsa. 

Keewwata 188.  Badii Irradeddeebi’ameen Adabbii Cimsuu.

1.     Haalawwan seera kana keewwata 67 jalatti ibsamaniin yakki haaraan tokko yommuu raawwatame, manni murtii adabbii cimsuu kan qabu yoo ta’u, yakkicha haaraaf adabbii fiixee Kutaa addaa seerichaa keessatti tumame darbuun murteessuu ni danda’a. Manni murtichaa yakkicha haaraaf yookiin yakkoota dacha haaraa keessaa yakka cimaa ta’eef kutaa adda seerichaa keessatti adabbii fiixee tumamee hamma dacha ta’utti adabbicha cimsuu ni danda’a.

2.     Akaakuufi baay’ina yakkoota irradeddeebi’amaniin akkasumas, balleessummaayakkamtichaafi hanga balaafamummaa gochichaatiin, manni murtichaa keewwata kana keewwata xiqqaa (1) jalatti adabbii olaanaa ibsame osoo hin hordofiin,akaakuu adabbichaatiif kutaa waliigalaa seerichaatiin hanga adabbii olaanaa tumameetti olkaasuu ni danda’a.

Yakkamtichi irradeddeebi’aa amaleeffataa yoo ta’e, yakkicha haaraaf adabbii fiixee kutaa addaa seerichaa keessatti tumame dachaa darbuun manni murtichaa adabbicha olkaasuu qaba.

3.     Bu’uura keewwata kana keewwata xiqqaa (1) yookiin xiqqaa (2) tiin adabbiin murtaa’u, yeroo kamiyyuu yoo ta’e, akaakuu adabbichaaf adabbii fiixee kutaa waliigalaa seerichaa keessatti tumame caaluu hin danda’u /Keewwata 106 fi 108/.

Kutaa Xiqqaa Sadii

Sababoonni Adabbii Salphisaniifi Cimsan Walirra Bu’uu

Keewwata 189. Sababonni Addaddaa Adabbii Salphisaniifi CimsanWalirra Bu’uu

Sababoonni addaddaa adabbii salphisaniifi cimsan yommuu argaman, manni murtichaa adabbii kan murteessu bu’uura armaan gadiittitumameen ta’a:

1.     Yakka tokkorratti sababoonni adabbii cimsaniifi salphisan yommuu walirra bu’an, manni murtichaa dursee sababoota adabbii cimsan tilmaama keessa galchuun adabbichaa cimsee/Keewwata 183/ ittaansuun sababoota adabbii salphisan bu’uura godhachuun adabbicha ni hir’isa/Keewwata 179,180/.

2.     Balleessichi yakkamaa irradeddeebi’aa ta’ee, yakkoota dachaatiin balleessaa yoo ta’e, manni murtichaa dursee yakkoota dachaaf adabbii ni murteessa, ittaansuun yakkamaa irradeddeebi’aa ta’uu isaa bu’uura godhachuun adabbicha ni cimsa.

3.     Sababoonni adabbii cimsaniifi salphisanaddaddaa armaan olitti keewwata (1) fi (2) jalatti ibsaman walirra bu’anii kan argaman yoo ta’e, manni murtichaa jalqaba sababoota adabbii cimsan bu’uura godhachuun adabbicha erga cimsee booda,sababootaadabbii salphisanbu’uuragodhachuun adabbicha ni hir’isa.

 

 

 

Kutaa Lama

 Adabbii Daangessuu

Kutaa Xiqqaa Tokko

Adabbii Daangaan Dhorkuu

Keewwata 190.  Qajeeltoo

Sababoota badii sanaaf ka’umsa ta’an hunda ilaaluun,adabbii balleessichaa irratti murtaa’e yeroof daangaan akka dhorkamu gochuun amala yakkamtichaa sirreessuufi fooyyessuuf, jireenya hawaasummaa idileetti deebisuuf kan fayyaduu danda’u ta’uu isaa manni murtichaa kan mirkaneesse yoo ta’e; bu’uura tumaalee armaan gadiitiin murteessuu ni danda’a.

Bu’uura tumaalee kanaatiin murtiileen kennaman fedhii sirreeffamuufi gargaarsa yakkamtichaa kan barbaadan waan ta’eef bu’aa gaarii kennuu dhabuun isaanii yoo beekame yeroo kamiyyuu haqamuu ni danda’u.

Keewwata 191.  Murtii Adabbiif Yeroo Kennuu, Murtii Balleessummaa Haquu

Yakkamtichi duraan kan hin adabamne ta’ee, amalli isaa balaafamummaa akka hin qabne yoo itti amaname badiin  isaa adabbii maallaqaan /Keewwata 90/, hojii dirqamaan/keewwata 103 fi 104/ yookiin hidhaa salphaa waggaa sadii hin caalleen kan adabsiisu yoo ta’e/Keewwata 106/, manni murtichaa balleessummaa isaa erga mirkaneessee booda gara ful-duraatti amala isaa sirreeffachuu akka danda’uu amantaan irratti gatamu kan danda’u ta’uu isaafi murtii kana qofaan hanga dhumaatti fooyya’uu kan danda’uu ta’uu isaa kan itti amane yoo ta’e, murtii balleessummaa erga kennee booda adabbii osoo hin murteessiin yeroo qormaataa murtaa’e kennuufii ni danda’a. Qorumsichi bu’aa gaarii kan argamsiise yoo ta’e, murtichi akka hin turretti lakkaa’ama.

Keewwata 192.Adabbiin Akka Hin Raawwatamne Dhorkuu.

Balleessichi dursee kan itti murtaa’e ta’us, ta’uu baatus/Keewwata 194/, adabbii itti murtaa’e xumuruu isaatiin dura yeroo murtaa’eef adabbichi dhorkamefii amalli isaa yoo  qoratame balleessaa lammaffaa raawwachuu irraa kan of qusatu ta’uu isaafi fooyya’iinsa amala isaatiifis akeekkaachisni cimaan tokko qofti kan gahu tahuu isaa manni murtichaa kan itti amane yoo ta’e, adabbicha erga murteessee booda, yeroo qormaataa murtaa’e kennuun raawwiin adabbichaa dhorkamee akka turu ajajuu ni danda’a. Manni murtichaa tarkaanfilee eeggannoo murteese garuu/Keewwata 127-159/ hin dhorkuuf.

Qorumsichi bu’aa gaarii kan argamsiise yoo ta’e, balleessichi adabbii itti murtaa’e raawwachuu hin qabu, murtichi garuu galmee yakkamtoota irratti galmeeffamee bu’aa biroo waliin ni  tura.

Keewwata 193.Murtileen Adabbii Wal’irra Bu’an Yoo Jiraatan,Raawwii Isaaniif Yeroo Kennuu fi Qoqqooduu

Adabbileen walirra bu’an yommuu jiraatanitti, keessumattu adabbiileen dabalataa yommuu murta’anitti,  manni murtichaa nageenyaafi faayidaa waliigalaa hawaasichaaf barbaachisaa ta’ee yoo arge, dhorkamuu adabbiilee tokko tokkoofi dhimma yeroo kennuu dhiisuu ni danda’a.

Keewwata 194. Haala Daangaan Adabbii Itti Dhorkamuufi Itti Haqamu.

1. Raawwii adabbii daangessuun kan hin dandaa’amne:

a.           Tumaaleen waa’ee irra deddeebi’uu ilaalchisee tumaman akkuma eegamanitti ta’ee /Keewwata 67fi 188/ balleessichi kanaan dura adabbii hidhaa cimaa yookiin adabbii hidhaa salphaa waggaa sadii caaluu kan itti murtaa’e yoo ta’eefi ammas yakka ittiin himatameen adabbiilee kana keessaa tokko kan isatti murtaa’u yoo ta’e yookiin,

b.          Kanaan dura kan hin adabamne ta’ee, yakki amma ittiin himatame adabbii hidhaa cimaa waggaa shan caaluu kan itti murtaa’u yoo ta’edha.

2. Akkasumas:

a.                 Raawwii adabbichaa dhorkuun dura balleessichi yakka biroo raawwatee akka ture yoo irra gahameefi sababuma yakka kanaatiinakaakuufi hangi adabbii itti murtaa’u  haala armaan olitti keewwata xiqqaa (1) (a) jalatti tumame kan guutu yoo ta’e; yookiin

b.                Yakkamtichi adabbichi dhorkameefii  qormaataaf yeroo gadi lakkifame keessatti itti yaadee yakka tokko kan raawwate yoo ta’e /Keewwata 200(2)/;yookiin

c.                 Dhimma raawwiin adabbichaa dhorkamuuf irratti yeroon  qormaataa kenname bu’aa kan hin argamsiifne ta’uu isaa manni murtichaa yoo hubate, murtii adabbii dhorkuu haquu ni danda’a.

Keewwata 195.  Qulqulleessuu/Qorannoo/

Manni murtichaa murtichaaf dursee qorannoo gochuun barbaachisaa ta’uu isaa yommuu itti amane hundatti himatamaa murtiin akka dhorkamuuf gaafatu seenaan isaa duraa, amalli isaa duraa, haalli jireenyaa fi hojii isaa maal akka ture qorannoon taasifamee odeeffannoon mirkanaa’e akka dhihaatuuf ajajuu qaba.

Odeeffannoon kunis miseensa eegumsaa tokko yookiin hojjetaa hawaasummaa amantaan irratti gatamu  yookiin qaama yookiin jaarmiyaa dhimmichi  ilaallatuu biroo kamiyyuu irraa dhihaachuu ni danda’a.

Keewwata 196. Tumalee Waliinii; Yeroo Qurumasaaf kennamu.

1.                Manni Murtichaa akaakuu dhorkaa lamaan keessaa/Keewwata 191 fi 192/ tokko yoo filatu sababa isaa murtii irratti ibsuu qaba.

Seenaan himatamtichaa durii, adeemsi ilaalchaafi amala isaa yommuu madaallamu yeroo kennuun bu’aa gaarii kan fidu fakkaatee yoo mul’achuu baate manni murtii ajaja dhorkaa kennuu hin danda’u.

2.                Manni murtichaa yeroo qormaataa balleessichaaf kennamu kan murteessu cimina yakkichaa, miidhaa irra deddeebiin gochicha yakka geessisuu danda’uu fi amantaa balleessicha irratti   gatamuu danda’u tilmaama keessa galchuun ta’a.

Yeroon qormaatichaas waggaa lamaa gadi yookiin waggaa shanii ol ta’uu hin danda’u; kan herreegamus guyyaa   murtiin dhumaa itti kenname irraa eegalee ta’a.

Kewwata 197. Haalawwan Qorumsi Itti Kennamu.

1.     Manni murtichaa adabbiin raawwataa yakkichaa irratti murtaa’e akka irratti hinraawwatamne kan dhorkuuf balleessichi amala gaariidhaan akka gaggeeffamu, dirqama akka raawwatuuf kennameef akka fudhatu, akkasumas karaa danda’ame hundaan miidhaa balleessaa isaatiin geessiseef beenyaa akka kaffalu yookiin, miidhamtichaaf akka kaffaluufi dhimmuma kanaaf yeroo murtaa’e keessatti baasii  mana murtichaa akka kaffalu mirkaneessa  erga kennee boodadha/keewwata 101/.

2.     Manni murtichaa balleessichi raawwii dirqama seeneef wabummaa walamansisaa tokko akka seenu ni dirqisiisa.Wal amansiisi kunis wabummaa namaatiin yookiin hanga qabeenyaafi maallaqaa qabsiisaatiin manni murtichaa kan murteessu akka haala dubbichaafi hanga dandeettii balleessichaatiin ta’a.

Keewwata 198.  Dambii Qajeelfama Amalaa Balleessicha Irratti Murtaa’u

1.     Manni murtichaa Dambiilee qajeelfama amalaa, eegumsaafi to’annoo barbaachisaa fakkaatee mul’ate murticha keessatti ni murteessa. Dambileen kun, keessumattu barnoota ogummaa tokko barachuu, bakka murtaa’e tokko turuu, dirqama hojjechuu yookiin jiraachuu, namoota tokko tokko waliin akka wal hin qunnamne dhorkamuu yookiin bakkeewwan murta’an tokko tokko gahuu irraa dhorkamuu, dhugaatii alkoolii dhuguu dhorkamuu, hojii isaatiin galii argatu irraa hunda yookiin gartokkee  maatiisaa, guddistuusaa yookiin bulchaasaatti kennuu, yaala barbaachisaa ta’e raawwachuu yookiin bu’aa yaalichaa milkaa’aa taasisuu kan dandeessisu, dhimmuma kanaaf rogummaa kan qabuufi kana kan fakkaatandirqama dambii  qajeelfamaa biroo raawwachuu kan ilaallatan ta’uu ni danda’u.

2.     Dambiileen amala sirreessaa balleessicha irratti murta’an, dandeettifi fedhii balleessichaa, haala dubbichaafi miidhaa badiin sun geessise bu’uura godhachuun amala balleessichaa fooyyessuuf gara galma yaadameen gahuuf kan dandeessisan tahuu qabu.

Galmi dambii qajeelfama amalaa, galma murtii dhorkuu irraa adda ta’uufi dirqamootaa seericha waliin wal hin simne hordofsiisuu hin danda’u.

3.     Haalli haaraan yoo mudate yookiin barbaachisaa ta’ee yoo argame, iyyannoo nama murtiin dhorkameefiin, miiltoo isaatiin, guddistuu isaatiin yookiin wabii isaatiin dhihaatuun yookiin gaaffii abbaa alangaatiin dambiileen qajeelfama amalaa murta’an jijjiiramuu ni danda’u.

Keewwata 199. Balleessicha Irratti To’annoo Taasisuu.

1.     Manni murtichaa murtiin adabbii balleessaa tokko irratti murtaa’e akka dhorkamu yoo taasisu, balleessichi murtiin dhorkameef, bulchaa, guddistuu, ittigaafatamaa eegumsa fooyya’iinsa amalaa yookiin miseensa eegumsaa aangoon eegumsaa waliigalaa kennameef tokko jala ta’ee to’annoon akka irratti taasifamu ni ajaja /keewwata 208/.

Bulchaan yookiin miseensi eegumsaa balleessicha murtiin dhorkameef waliin qunnamtii taasisaa mana isaatti yookiin hojii isaarratti dawwachuuf, Yeroo boqonnaa isaas to’achuu, hanga danda’ame hundatti haala jireenyasaa akka sireessuufi amala isaa akka fooyyessuuf gargaarsa gorsaa barbaachisaa ta’e taasisuufii qaba.

Bulchaan yookiin miseensi eegumsaa balleessicha murtiin dhorkameef irratti yeroo yerootti dhoksaan to’annoo ni taasisa. Komishinii eegumsa fooyya’iinsa amalaa dhimmichi ilalaallatuuf yoo xiqqaate ji’a sadi sadiin yookiin yeroo barbaachisaa ta’etti gabaasa ni dhiheessa.

2.     Caasaafi hojiin komishinootaafi ittigaafatamtoota eegumsa fooyya’iinsa amalaa seera bahuun ni murta’a.

Keewwata 200.Qormaatichi Milkaa’uu Dhabuun Bu’aa Hordofsiisu.

1.     Balleessichi murtiin dhorkameef yeroo qormaataaf kennameef keessatti dambiilee qajeelcha amalaa dirqamaan akka hordofu kennameef keessaa tokko kan cabse, eegumsa yookiin to’annoo bulchaasaa  jalaa miliquuf kan yaale, dagannoon yakka kan raawwate yookiin amantaa itti kenname kan hir’ise yoo ta’e; dagannoon yakka raawwateef himatamuun isaa akkuma eegametti ta’ee, manni murtichaa akeekkachiisa ni kennaaf.

Barbaachisaa yoo ta’es, karooraafi daangaa seerichaa keessatti akkuma ibsametti, yeroo qormaataa duraan murtaa’ee ture dheeressuuf yookiin dambii qajeelfama amalaa haaraa akka hordofu dirqisiisuun ni danda’ama.

2.     Balleessichi akeekkachiisi erga kennameefii booda, amala badaa qabatee yoo itti fufe yookiin yeroo qormaataaf murtaa’e keessatti ittiyaadee yakka haaraa yoo raawwate, manni murtichaa ajaja dhorkaa murtichaa jalaa ni haqa.  Ta’us yaadni balleessichi dhiheeffatu dursee dhagahamuu qaba. Balleessichi yeroo qormaataaf kennameef keessatti ittiyaadee yakka haaraa raawwatee kan itti murtaa’e yoo ta’e, lammata dhorkaan murtii kennamuufii hin danda’u.

3.     Yeroo akkanaatti,manni murtii, murtii adabbii dhorkee ture haquun, adabbii murteesse akka raawwatamu ni ajaja; yookiin adabbiin irratti murtaa’ee ture akka raawwatamu ni taasisa.

Dhorki adabbichaa kan haqamu sababa yakki haaraan ittiyaadamee raawwatameen yoo ta’e, tumaaleen  yakka irradeddeebii ilaallatan akkuma eegamanitti ta’ee, yakka duraan itti murtaa’eef adabbii murtaa’e yookiin murtaa’u waliin adabbiin yakka haaraa ida’amee raawwatamaa ni ta’a/keewwata 188/.

 

Kutaa xiqqaa lama

Daangaa Murtaa’een korooraan (Sharxiin) Gadhiifamuu

Keewwata 201. Qajeeltoo

Seera yakkaaKana keessatti adabbiin bilisummaa dhabsiisuu yookiin tarkaanfiin eeggannootumameyommuu murtaa’e hundatti, yeroon raawwii adabbii seeraan murtaa’e yoo gahuufi haalli waliigalaa hundis guutameeyoo argamu, adabamticha korooraaf (sharxiif) dursanii gadhiisuun ni danda’ama/keewwata 202/.

Karooraaf (sharxiif) daangaa murtaa’een gadhiifamuun amala adabamtichaa kan fooyyeessuufi gara jireenyaa hawaasaa idileetti kan deebisu ta’ee lakkaa’amuu qaba. Adabamaanis kanaaf kan hin malleefi daangaa murtaa’een hiikamuun isaa bu’aa barbaadame kan argamsiisu ta’uun isaa yoo itti amaname malee heyyamamuu hin danda’u.

Keewwata 202.Gadhiifamuuf Haalawwan Geessisan

1.     Adabamtichi yeroo hidhaa itti murtaa’e harka sadii keessaa harka lama yookiin murtichi adabbii  hidhaa umurii guutuu yoo ta’e, waggaa digdama yoo xumure,  yaadachiisa qaama dhimmi ilaallatuun yookiin balleessichaatiin manni murtichaa balleessichi korooraan (sharxiin) akka hiikamu murteessuu kan danda’u, balleessichi:

(a)             adabbii bilisummaa dhabsiisu yookiin tarkaanfii eeggannoo barbaachisaa ta’e raawwachaa osoo jiruu,  hojii isaafi amala isaatiin fooyya’insa mirkanaa’e kan agarsiise yoo ta’e;

(b)             miidhaa gaheef hanga dandaa’ametti beenyaa irraa eegamu bu’uura manni murtii murteesseen yookiin waliigaltee miidhaamaa waliin taasifameen kaffaluu isaaf mirkaneessa kan dhiheesse yoo ta’ee; fi

(c)             amalliifi ilaalchi isaa jireenya gaarii jiraachuuf kan isaa dandeessisuufi korooraan (sharxiin) hiikamuun isaa bu’aa gaarii argamsiisuu ni danda’a jedhamee kan itti amaname yoo ta’edha.

2.     Tumaaleen armaan olitti ibsaman jiraataniyyuu, korooraan (shaarxiin) gadhiifamuun yakkamaa irradeddeebi’aa amaleeffataa ta’e irratti raawwatamaa hin ta’an.

Keewwata 203. Dhimma korooraan (sharxiin) Gadhiifamuu Beeksiisuu.

1.     Balleessicharratti yeroo murtaa’uufi gara jaarmiyaa itti ergamee yommuu seenu adabbiin itti murtaa’e raawwatamuu isaadurseekorooraan (sharxiin) kan gadhiifamu danda’u ta’uu isaa, carraa kana argachuufis dirqama akkamii raawwachuu akka qabu /akka beeku/ni ibsamaaf.

2.     Haalawwan Korooraan (sharxiin) gadhiifamuuf dandeessisan kan guutaman fakkaatanii yommuu mula’atan, qaamni dhimmi ilaallatu hidhamtichi korooraan (sharxiin) akka gadhiifamu ofumaayaada dhiheessuun yookiin iyyannoo hidhamitichi korooraan (sharxiin) gadhiifamuun qaba jedhee dhiheeffate fudhee yaada isaa waliin mana murtittii ni dabarsa.

Keewwata 204.  Yeroo Qormaatichaa

Manni murtichaa korooraan (sharxiin) akka gadhiifamuuf ajaja yoo kennu, battalumatti hiikamtichi korooraan(sharxiin) yeroo inni turuni murteessa. Yeroon korooraa (sharxii) kunis kan turu haala biroon kan ajajame yoo ta’e malee, akka qajeeltootti adabbii yookiin tarkaanfii eegannoo osoo hin raawwatiin hafe hanga raawwatuutti ta’a. Haala kamiin iyyuu hangi yeroo kanaas waggaa lamaa gadi ta’uu, tumaan faallaa ta’e yoo hin jirres, waggaa shan caaluu hin danda’u. Balleessaan hidhaa cimaa umurii guutuun itti murtaa’e yoo ta’e garuu yeroonqormaatichaa waggaa shanii gadi yookiin waggaa torba caaluu hin danda’u.

Keewwata 205. Dambii Qajeelfama Amalaafi To’annoo.

1.               Bu’uura tumaalee waliigalaa armaan olitti ibsamaniitiin, balleessichi gadhiifame yeroo qormaataa murtaa’eefitti, dambii qajeelfama amalaa rogummaa qabu/Keewwata 198/akka hordofu itti murta’a.

Dambiileen qajeelfama amalaa balleessichi gadhiifamee hordofuu qabu kan murta’an keessumattuu, umuriifi amala hiikamtichaa, erga hiikamee booda carraa yakkaaf saaxilamuun irra gahuu danda’u, amansiisummaa maatii isaa, hojii ogummaafi haala jireenya hawaasummaa isaa bu’uura godhachuun ta’a. Yoo danda’ames, haalawwan hiikamtichaaf ittiin bulmaata ta’an, adabamtichi osoo hin gadhiifamiin dura jaarmiyaa dhimmi ilaalu yookiin miseensota eegumsaa aangoon bulchiinsaa yookiin guddistummaa kennameefiin yookiin deeggarsa qaama mootummaa rogummaa qabuutiin qophaa’uu qabu.

2.               Akka waliigalaatti, haala birootiin kan ajajame yoo ta’e malee namni gadhiifamu to’annoofi gaggeessummaa miseensa aangoon eegumsaa kennameef tokkoo jala akka jiraatu ni taasifama /Keewwata 208/.Haalli sirni eeggannoo kun itti raawwatamuu hin dandeenye yoo mudateefi faayidaa kan hin qabne ta’uun isaa yoo beekame, nama gadhiifamu irratti raawwatamaa ta’uu dhiisuu ni danda’a. 

Keewwata 206.  Bu’aa Qormaatichaa

1.     Haalliqormaatichaafi ajajni korooraan (sharxiin) hiikamuu haqamuun isaa kan qajeelfamu bu’uura tumaalee waliigalaa armaan olitti ibsamaniin ta’a /Keewwata 200/.

2.     Ajajni korooraan (sharxiin) hiikamuu yommuu haqamu, balleessichi gadhiifamee ture jaarmiyaa duraan keessa turetti deebi’ee akka galu ni taasifama.

Yeroon korooraan(sharxiin) gadi lakkifamee inni itti ture,yeroo adabbiiyookiin tarkaanfii  eegannoo raawwachuu qabu hafe irraa hin herreegamuuf.

Yakki haaraan gidduutti raawwatameera yoo ta’e,irradeddeebii ilaalchisee kan tumame akkuma eegametti ta’ee/keewwata 67 fi 188/, adabbiin yakkicha haaraaf murtaa’u, adabbii hafe waliin walitti  ida’amee raawwatamaa ni ta’a.

3.     Namni gadi dhiifame yeroo qormaatichaa, bu’uura dambii qajeelfama amalaa murteeffameefiin kan xumureyoo ta’e, hiikamuun isaa hama dhuumaatti ta’ee  adabbiin hundumtuu ni hafaaf.

Keewwata 2007. Bu’aa Murtii Dhorkaafi Tarkanfilee Eegannoo Biroo.

1.     Adabbii bilisummaa dhabsiisuu waliin hojii ogummaa hojjechuu irraa dhorkamuu /keewwata 123 (c)/, bakkawwan tokko tokko gahuu yookiin oolanii buluurraa dhorkamuu yookiin adabbii dabalataa bakka murtaa’e tokkotti dhorkamanii jiraachuu yookiin tarkaanfii eeggannoo biyyaa bahuu /keewwata 145-150/ dabalataan kan murtaa’e yoo ta’eefi dhimmi korooraan (sharxiin)  gadhiifamuuyommuu mudatu, haala waliigala dubbichaarraa kan ka’e murtichi kan fayyaduufi roga qabeessa ta’ee yoo arge manni murtichaa raawwichi yaaliif akka dhorkamu  taasisuu ni danda’a/keewwata 152/.

Murtiin kun kan kennamu, keessumattuu, haala sadarkaa fooyya’insaa nama gadhiifamu, amalli balaafamummaa isaa baduu yookiin hir’achuu isaa, dhimma raawwii adabbii dabalataa yookiin tarkaanfii eeggannoo yeroof dhorkuun gara jireenya hawaasummaa idileetti deebisuuf bu’aa gaarii argamsiisuu danda’uu madaaluudhaan ta’a.

2.     Manni Murtichaa kana kan murteessu, qulqulleessa barbaachisaa erga taasisee boodaafi bulchiinsa mana sirreessaafi miseensota eegumsaa dhimmichi ilaallatu irraa yaada erga fudhatee booda ta’a. Yeroo kanas, dhimma qormaataaf gadhiifamuu irratti dirqama namni gadhiifamu sun raawwachuu qabu, kan dhorkamu qabuu yookiin mirkaneessa wabummaa kennuu qabu, to’annoo irratti taasifamuu qabuufi wantoota biroo kana fakkaatan manni murtichaa ni murteessa.

3.     Adabamaan korooraan (sharxiin) gadhiifame yeroo qormaatichaa hunda keessatti, dambii qajeelfama amalaa isaaf murtaa’een gaggeeffamee qeeqni cimaan kan irra hin geenye yoo ta’ee, amalli isaas kan fooyya’e fakkaatee yoo mul’ate, badii adabbii bilisummaa dhabsiisuu yookiin biyyaa baasu hordofsiise lammaffaa akka hin hojjenne ta’uu yoo itti amane, adabbiinyookiin tarkaanfiin eeggannoo dabalataa itti murtaa’ee ture irratti hin raawwatamu. Kutaa Xiqqaa Sadi

Miseensummaa Eegumsaa

Keewwata 208. Qajeeltoo

Miseensummaa eegumsaa jechuun,sirna adabbiifi tarkaanfileen eeggannoo, raawwii isaanii karaa abbaa aangoo taayitaa miseensummaan eegumsaa kennamuufiin bu’aa akka argamsiisuuf ittiin taasifamudha.

Seerichaan tumamee yommuu argamu hundatti,balleessaan tokko aangoo miseensa eegumsaa jala ta’ee akka eegamu taasifamuu qaba. Akkasumas, yeroo kamittiyyuu yoo ta’e,  balleessaan daangaan yookiin adabbii xumuree gadhiifame, qajeelcha amala gaarii isaaf miseensa eegumsaa irraa deggersaafi gargaarsa gaafachuu ni danda’a. Bu’uura gaaffii isaatinis  jaarmiyaaleen miseensa eegumsichaa balleessichaaf deggersa gargaarsa gochuu qabu.

Keewwata 209. Kaayyoofi Hojjii Miseensummaa Eegumsaa

1.     Hojjiin miseensa eegumsaa inni guddaan,balleessitoota jireenya hawwasummaa irraa deebi’anii akka baratan barbaachisu, yeroo adabbiin isaanii dhorkameefiittis ta’ee yeroo korooraan (sharxiin)  yookiin erga adabbii isaanii xumuranii hiikamanii booda gara jireenya hawaasummaa idileetti akka deebi’aniifi daddabalanii yakkaakka hin raawwanne gorsa kennuu, gara karaa qajeelaatti qajeelchuufi gargaarsa amala gaariifi qabatamaa taasisuudha.

Jaarmiyaan aangoon miseensummaa eegumsaa kennameef hanga danda’ametti eegamtoota hojii irraa akka oolchuuf, hojii kennuufiif, hojii yookiin mana jireenyaa yookiin gargaarsa akka argatan isaan gargaaruuf, yookiin miindaafi faayidaa hojii isaaniitiin argatan dhimmoota isaanii barbaachisaa ta’aniif akka oolchaniifi walumaagalatti jireenya hawaasummaa idilee haala isaan ittiin jiraachuu danda’aniif deeggersaafi gargaarsa kamiiniyyuu ni taasisaaf.

2.     Miseensi eegumsichaa yeroo hundumaa to’annoo isaan irratti ni taasisa. Hojiin to’annichaa fooyya’iinsa isaanii akka hin gufachiifneef dhoksaan raawwatamuu qaba. Barbaachisaa yoo ta’es, mana murtiifi qaamolee dhimmichi ilaallatuuf yeroo yeroon gabaasa ni dhiheessa.

Keewwata 210.Gurmaa’insa

1.     Hojiin miseensummaa armaan olitti ibsame kan geeggeeffamu, to’annoo mootummaatiin ta’ee, hojii kanaaf kan hundeeffaman waldaalee ykn gareewwan mootummaa yookiin amala dhuunfaa qabaniin ta’a.

Hojiin miseensummaa kun nama dhuunfaa amalli isaa qormaataafi itti gaafatamummaa kanaaf gahaa tahe yeroo yeroon filatamuufis kennamuu ni danda’aa.

Walumaa galatti hojii kana haala biraatiin gaggeessuun hanga danda’ametti, miseensummaan eegumsaa manneen hojii poolisiitiif hin kennamu.

2.     Tarreen raawwii hojichaas, seera akkaataa raawwii adabbiifi dhimmicha ilaallatuuf bahuun ni murta’a.

Boqonnaa Lama

Himannaafi Adabbii Addaan Kutuufi Hambisuu

Kutaa Tokko

Himataanyookiin Himatamaan Jiraachuu Dhabuu

Kutaa Xiqqaa Tokko

Himannaan yakkaa yookiin Iyyannoon Dhuunfaa Jiraachuu Dhabuu

Keewwata  211. Mirga Iyyata Dhuunfaa Yookiin Himata Yakkaa Dhiheessuu Walumaagalatti

1.                Seerichaan haala addaan ifatti kan tumame yoo ta’e malee, dhimma kamiyyuurratti murtiin akka kannamuufi adabbiin akka murtaa’u taasisuuf  himanni kan dhihaatu abbaa alangaan ta’a.

2.                Karaa abbaa alangaanhimanni dhihaachuunsaa, abbootii aangoo mootummaa rogummaa qabanitti mirga iyyannoo dhuunfaa yookiin himata yakka dhiheefachuu hin hambisu.

Keewwata 212.Yakkoota Iyyannoo Dhuunfaa Qofaan Adabsiisan.

Yakkichi iyyannoo dhuunfaa dhiheeffachuu qofaan kan adabsiisu ta’uunsaa, kutaa addaa seera kanaa yookiin seera yakkaa ittiguutii biroon tumamee yommuu argamu, miidhamaa dhunfaan yookiin bakka bu’aa seeraa isaan iyyannoon dhuunfaa yoo dhihaate malee himannoo yakkaa dhiheessuun hin danda’amu.

Keewwata 213.Yeroo Iyyannoon Dhuunfaa Itti Dhihaatu.

Iyyannoon dhuunfaa dhihaachuu kan qabu, guyyaa miidhamaan gocha yakkichaa yookiin eenyummaa raawwataa yakkichaa beeke irraa  eegalee hanga ji’a sadiitti yeroo jiru keessatti ta’a.

Miidhamtichi iyyannoo dhuunfaa dhiheeffachuu kan dadhabe, sababa ifaa iyyannoo dhuunfaa dhiheeffachuu hin dandeessifneen yoo ta’e male, yeroon kun yoo darbe iyyannoo dhuunfa dhiheeffachuu akka hin barbaannetti ni lakkaa’ama. Iyyannicha dhuunfaas fuudhuun hin danda’amu.Iyyaannoo dhuunfaa dhiheeffachuu kan dadhabe sababa gahaan yoo ta’e, yerichi lakkaa’amuu kan eegalu, rakkinni isa mudate guyyaa maqfamee irraa eegalee ta’a.

Kutaa Xiqqaa Lama

Du’uu Himatamaa Yokiin Nama Itti Murtaa’e

Keewwata 214. Murtii Dura Himatamaan Du’uu.

Himatamaan tokko mana murtiitti himatamuu isaatiin yookiin murtiin kennamuun dura yoo du’e, himannichi dhihaachuu yookiin itti fufuu yookiin murtiin kennamuu hin danda’u.

Keewwata 215. Du’uu Nama Murtiin Itti Murtaa’e.

Balleessichi erga itti murtaa’e booda yoo du’e, murtiin adabbiifi tarkaanfiin eegumsaa hafaa ni ta’a.

Kutaa Lama

Darbiinsa Yeroo Himannoofi Adabbii

Kutaa Xiqqaa Tokko Darbiinsa Yeroo Himannaa

Keewwata 216. Qajeeltoofi Bu’aa Isaa.

1.     Seeraan haala biroon kantumameyoo ta’e malee, barri yeroo darbiinsaa armaan gaditti ibsame erga darbee booda yakkakamiyyuu ilaalchisee iyyannoo dhuunfaa yookiin himannaa yakkaa fuudhuufi dhimmichaa abbaa seerummaan ilaaluun hin danda’amu.

Darbuun barra yeroo darbiinsaa, hirmaataa yakkaa kamiifiyyuu adabbii ni hambisa. Yeroon yeroo darbiinsaaf murtaa’e yoo darbe, murtiin balleessummaa yookiin adabbiin yookiin tarkaanfiin eeggannoo murtaa’uu hin danda’u.

2.     Himannichi yeroo darbiinsaan dhorkamuusaafi himannicha fuudhuun kan hin malle ta’uusaa himatamtichi kan hin iyyanne yoo ta’ellee, abbaan alangaa yookiin manni murtiiyeroo kamittiyyuu kaasuutu qaba.

Keewwata 217. Darbiinsa Yeroo Himannaa DhiheessuuIdilee

1.     Gocha yakkaatiin darbiinsi yeroo himannaa dhiheessuu kan ragga’ubu’uura armaan gadiitti ibsameen ta’a:

(a)             yakka murtii du’aa yookiin hidhaa cimaa umurii guutuu adabsiisuuf waggaa digdamii shan,

(b)             hidhaa cimaa waggaa kudhanii ol, hanga waggaa digdamii shan gahuu danda’u  adaabsiisuuf waggaa digdama,

(c)             hidhaa cimaa waggaa shanii ol, hanga waggaa kudhaniigahuu danda’u adabsiisuuf waggaa kudha shan,

(d)            yakka hidhaa cimaa waggaa shan hin caalleen adabsiisuuf waggaa kudhan, 

(e)             yakka hidhaa salphaa waggaa tokkoo ol adabsiisuuf waggaa shan,

(f)              yakka hidha salphaa hanga waggaa tokkootti adabsiisu yookiin adabbii maallaqaa qofaan adabsiisuuf waggaa sadii

2.     Yakkoonni dacha raawwatamanii yommuu argaman:

(a)             adabbii olaanaan yakkoota sanaa walfakkaataa yommuu ta’an, barri darbiinsa yeroo yakka isa tokkoo, yakkoota hundumaa irratti raawwatamaa ni ta’a.

(b)             adabbiilee olaanaan yakkoota sanaa addaddaa yommuu ta’utti,barii darbiinsa yeroo yakka hunda keessaa cimaa ta’e, yakkoota biroo irratti raawwatamaa ni  ta’a.

Keewwata 218. Darbiinsa yeroo Addaa Iyyanoo Dhuunfaa.

Tumaan keewwata 213 jalatti tumame akkuma eegametti ta’ee, barrii darbiinsa yeroo yakka iyyannoo dhuunfaa qofaan adabsiisuu waggaa lamadha.

Keewwata 219. Lakkoofsa Darbiinsa Yeroo

1.     Barri darbiinsa yeroo kan herreegamuu haalawwan adabbii cimsan yookiin salphisan tilmaama keessa osoo hin galin, adabbii olaanaa kutaa addaa seera kana keessatti tumamee bu’uura godhachuun ta’a. Yakki raawwatame filannoon yookiin dachaan adabbilee raawwatiinsa qabaniin kan adabsiisan yoo ta’e, barrii darbiinsa yerichaa kan herreegamu hunda keessaa yakka cimaa ta’eef adabbii kutaa addaa seera kana keessatti tumame bu’uura godhachuun ta’a.

2.     Barri darbiinsa yerichaa lakkaa’amuu kan eegalu balleessichi guyyaa gocha yakkichaa raawwate irraa eegaleeti.

Gochi yakkichaa irra daddeebi’amee kan raawwatame yoo ta’e, barri darbiinsa yeroo lakka’amuu kan eegalu gochi yakkichaa inni dhumaa guyyaa raawwatame irraa eegaleeti. Akkasumas, gochi yakkichaa yeroo dheeraaf raawwatamaa kan ture yoo ta’e, barrii darbiinsa yerichaa lakkaa’amuu kan eegalu, gochi yakkichaa guyyaa dhaabbate irraa eegaleeti.

Yakkichi raawwatameera jechuun kan danda’amu, amaloota isaa keessaa tokko bu’aa yakkichaa kan ta’e yoo ta’e, barri darbiinsa yerichaa lakkaa’amuu kan eegalu bu’aan yakkicha guyyaa argame irraa eegaleeti.

Keewwata 220.Dhorkamuu Bara Darbiinsa Yeroo

1.     Seeraan yookiin ijoo dubbiitiin himannaan akka hin jalqabne yookiin akka itti hin fufne wanti guufachiisu hanga jirutti lakkaa’amuun bara darbiinsa yeroo dhorkamee ni tura.

Akkasumas, himannaan dhihaatee dubbichi abbaa seerummaan osoo ilaalamaa jiruu yoo ta’u, yookiin himannaan dhaddacha biraatti dhihaate osoo hin raawwatin himannaa yakkaa himatamaan ittiin himatame irratti murtii kennuun kan hin kan hin malle yoo ta’e, lakkaa’amuun bara darbiinsa yerichaa dhorkamee ni tura.Gufuun sunis akkuma maqfameen barri darbiinsa yericha battalatti lakkaa’amu ni eegala.

2.     Himanicha hordofuu ilaalchisee iyyannoo dhiheessuun kan barbaachisu ta’uu isaa seeraan ibsamee yommuu argametti, iyyannoo dhiheessuu dhiisuun lakkaa’amuu darbiinsa yeroo hin dhorku.Akkasumas, himannichi akka hin jalqabne yookiin akka itti hin fufne gochi balleessichi fedhaa isaatiin raawwatu lakkaawamuu darbiinsa yeroo hin dhorku.

Keewwata 221. Addaan Cituu Bara Darbiinsa yeroo.

Haala yakkichaan yookiin yakkamtoota waliin wal qabateen qorannoon akka adeemsifamu, sakatta’iinsi akka taasifamu yookiin waraqaan waamichaa akka kennamu yookiin himannaan akka dhihaatu ajajni keennamu, gochi raawwatamu  yookiin murtiin kennamu lakkaawamuu darbiinsa yeroo addaan ni kuta.

 Bari darbiinsa yeroo yommuu addaan yeroo citu,irra-deebiin akka haaraatti lakkaawamuu ni eegala.

Addaan cituun darbiinsa yerichaa bu’aa daanga maaleessani qabaata; hirmaattota yakkaa ta’uun isaanii kan beekamaniis ta’e kan hin beekamne hundarrattiaddaan cituun isaa kan ragga’u ta’a.

Keewwata 222.  Darbiinsa Yeroo Daanga Maleessa.

Darbiinsi yeroo himannaa idilee sababa kamiiniyyuu/Keewwata 217/ daachaan yeroon isaa yoo darbe yookiin darbiinsa yeroo addaa iyyannoo dhuunfaa yoo ta’e/Keewwata 218/, baruma kana keessaa yeroon walakkaa caalu kan darbe yoo ta’e, himanaan yakkicha irratti dhihaatu yookiin hordoffiin tasifamu darbiinsa yeroodhaan hafa ta’a.

Kutaa Xiqqaa Lama

Darbiinsa Yeroo Adabbiifi Tarkaanfilee Eeggannoo

Keewwata 223. Qajeeltoofi Bu’aa Isaa

1.                Seeraan haala birootiin ifatti kan tumame yoo ta’e malee, adabamticha irratti adabbiin murtaa’e sababa kamiiniyyuuarmaan gaditti yeroowwan keewwata 224-228 jalatti ibsaman keessatti osoo hin raawwatamiin kan ture yoo ta’e, mirgi adabbicha raawwachiisuu hafaa ta’a; adabbiin yookiin tarkaanfiin eeggannoo murtaa’e raawwatamuu hin danda’u.

Barri darbiinsa yeroo adabbii muummee raawwatiinsa adabbii dabalataafi tarkaanfilee eeggannoo ni hambisa. Akkaasumas, barri darbiinsa yeroo adabbii muummichaa dhaalama qabeenyaa adabbii wajjin walqabata ta’e irratti raawwatiinsa ni qabaata. Ta’us, tarkaanfileen eeggannoo adabbii muummee malee yommuu murta’an tumaaleen keewwata 224 (1) (d) raawatamaa ni ta’u.

2.                Abbootiin aangoo abbaa seerummaa yookiin bulchiinsa dhimmichi ilaallatu kaka’umsa ofiisaaniitiin dambii adabbii darbiinsa yeroo kabajanii eeguuf ittigaafatamummaaqabu.

3.                Adabbiin murtaa’e sababadhorkamuu bara darbiinsa yeroon osoo hin raawwatamin yoo hafellee, galmee yakkamtoota keessatti akka galmaa’etti ni tura.

Keewwata 224. Bara Darbiinsa YerooAdabbii Idilee

1.                Barri darbiinsa yeroo adabbiifi tarkaanfilee eeggannoo kan ragga’u haala armaan gadiitiin ta’a;

(a) murtii du’aaf, yookiin hidhaa cimaa umurii guutuuf waggaa soddoma,

(b) adabbii bilisummaa dhabsiisuu waggaa kudhanii ol ta’eefwaggaa digdama,

(c)  adabbii bilisummaa dhabsiisuuwaggaa tokkoo  ol  ta’eef  waggaa kudhan,

(d) murtii adabbii yookiintarkaanfii eeggannoobiroo kamiifiyyuu waggaa shan.

2.                Adabbiileen dacha kan murta’an yoo ta’e, adabbiileen salphaa ta’an darbiinsa yerootiin hafaa kan ta’an, hundumaa keessaa adabbiin cimaa ta’e yommuu darbiinsa yerootiin hafaa ta’u dha.

Keewwata 225.LaakkoofsaBara Darbiinsa yeroo Adabbii

1.     Barri darbiinsa yeroo adabbii lakkaawamuu kan eegalu, murtichi murtii dhumaa ta’ee raawwatamuu guyyaa itti danda’u irraa eegalee, yookiin murtichi raawwatamuu eegaleera yoo ta’e,adabamaan murtiin kun akka irratti hin raawwanneef guyyaa miliqe irraa eegalee ta’a. Adabamtichi murtiin erga dhorkameefii booda ajajni murtii daangessuu kan haqame yoo ta’e, yeroon darbiinsa yerichaa kan lakkaawwamu raawwiin adabbicha akka itti fufu guyyaa ajajame irra eegaleeti.

2.     Adabbileen dacha kan murtaa’an yoo ta’e, lakkoofsa yeroo darbiinsa yerichaatiif bu’uura kan ta’u, darbiinsa yeroo adabbii hundumaarra cimaa ta’edha.

Keewwata 226. Dhorkamuu Darbiinsa Yeroo Adabbiifi Tarkaanfii Eegganno Barri darbiinsa yeroo adabbii dhorkamee kan turu:

(a)             raawwii adabbii yookiin tarkaanfilee eeggannoo akka seerichaatti raawwatamuu yookiin raawwiin isaa ittifufuu yommuu dadhabetti, hanga gufuun kun turuutti,

(b)             adabamtichi murtiin dhorkameefii korooraan hiikamee yookiin yeroon kaffaltii idaa kennameeraaf yoo ta’e, yeroon murtaa’e hanga hin xumuramnetti, 

(c)             adabbii bilisummaa dhabsiisuun yookiin tarkaanfilee eeggannoo biroo raawwachiisuuf hidhamee hanga turuttidha.

 

 

Keewwata 227.Addaan Cituu BaraDarbiinsa Yeroo Adabbii

Barri darbiinsa yeroo adabbii kan addaan citu, abbaa aangoo itti gaafatamummaan raawwachiisu kennameefiingochiadabbicha raawwachiisuuf yookiin gara raawwii adabichaatti qajeelchu hojiirraa akka oolu guyyaa jalqabame irraa eegaleeti.

Keewwata 228. Bara Darbiinsa Yeroo Adabbiifi Tarkaanfilee Eeggannoo Daangamaleessa.

Bara darbiinsa yeroo adabbii idilee seera qabeessaaf /Keewwata 224/ yeroon walakkaa caalu yoo darbe, balleessichi yeroo kan keessatti itti yaadee yoo xiqqaate yakka hidhaa cimaan adabsisuu raawwachuun balaafamummaa isaa yoo agarsiseen malee, raawwiin murtii adabbii yookiin eeggannoo sababoota kamiin iyyuu yoo ta’e hafaa ta’a.

Kutaa Sadii

Dhiifamaa fi Baraarsa

Keewwata 229. Dhiifama

1.                Seeraan haala biroon yoo tumame malee, adabbiinmurtiidhaan murtaa’e  qaama aangoonkennamefiin guutummaan yookiin gartokkeen dhiifamaan hafaa ta’uu yookiin akaakuua adabbii salphaa ta’etti jijjiiramuu ni danda’a.

Sadarkaan cimina isaanii kamiiniyyuu yoo ta’e, adabbiilee muummeenis ta’e yookiin dabalataan raawwatamoo ta’aniifi tarkaanfilee eeggannoof dhiifamni kennamuu ni danda’a.

2.                Haalli kenniinsa dhiifamaa seeraan akka tumametti ta’e; haalafi daangaa dhiifama itti kennamu ni murteessa.

Dhifamni yommuu kennamu murtiin adabamticha irratti murtaa’e bu’aa hordoffiisuu waliin galmee yakkamtootaa irratti galmaa’ee ni tura.

Keewwata 230.Baraarsa

1.     Seeraan haala birootiin yoo tumame malee, haalonni yommuu qorataman barbaachisummaan tarkaanfichaa kan fayidu ta’uu isaayommuu agarsiisan,yakkoota walfakkaataniif yookiin yakkamtoota sadarkaa tokkorratti argamaniif daangaa tokko malee yookiin daangaalee yookiin dirqamoota tokko tokkoon qaama ragummaa qabuun baraarsi waliigala kennamuu ni danda’a. Haalli kenniinsa baraarsaa akkaataa seeraan tumameen ta’a, seerichi kaayyoo isaa, eenyummaa faayadamtootaafi daangaa raawwatamiinsa isaa ifatti murteessuu qaba.

2.     Barraarsi yeroo kenname irraa eegalee, himannaan yakkaa kamiyyuu akka hin jalqabamne yookiin akka itti hin fufne ni dhorka.

Dhimma baraarsi kenname irratti adabbiin kan murta’e yoo ta’e, baraarsichii adabbichafi bu’aalee yakkaa biroo adabbichi hordofsiisuu kamiiniyyuu ni hambisa. Martiin balleessumaas akka hin turretti lakkaawamee galmee yakkamtootaa irraa ni haqama.

Keewwata 231. Baasiifi Beenyaa Gama Hariiroo Hawaasaatiin Kaffalamu

1.     Dhiifamafi baraarsi gama hariiroo hawaasaatiin kan bade akka turetti deebisuufi miidhaa miidhamaarra ga’eef beenyaafi baasii kaffalamu hin hambisu.

2.     Ajaja dhifamaaf yookiin baraarsaaf kennamu irratti haala adda ta’een yoo ibsame malee mootummaaf kaffalamuu kan qabuufi kasaaraan hin kaffalamne dhiifamaan yookiin baraarsaan ni haqama.

Kutaa Afur

Moggaasuu

Keewwata 232. Qajeeltoo

1.     Adabbii itti murtaa’e kan xumure yookiin adabbichi darbiinsa yerootiin yookiin  dhiifamaan kan hafeef yookiin murtiin yookiin raawwiin adabbii kan dhorkameef yookiin korooraan (sharxiin) kan gadilakkifame balleessaan kamiyyuu, dirqamoota seeraa kanatti aananii jiran yoo raawwate, adabamuun dura maqaa gaarii inni qabu deebi’eefii akka moggaafamuufi murtiin itti murtaa’e akka haqamu gaafachuu ni danda’a.

Moggaafamuun kan argamu hojii gaariin malee gaaffii naaf ta’aan miti

2.     Yakkamtichi osoo hin adabamiin dura maqaa gaarii qabutti deebi’ee akka moggaafamu gaaffii dhiheessuuf dandeettii yoo dhabe yookiin kan du’e yoo ta’e, bakka bu’aan seeraa isaa yookiin firoota dhihoo isaa keessaa tokko gaafficha dhiheessuu ni danda’a.

Keewwata 233. Haalawwan Moggaafamuuf Barbaachisan

Manni murtichaa moggaafamuu kan hayyamu;

(a) adabbichi adabbii cimaa, hanga dhumaatti biyyaa bahuu yookiin dhaalamuu qabeenyaa yoo ta’e, guyyaa adabbichi xumurame yookiin darbiinsa yerootiin dhorkamee jalqabee, yookiin adabbichi sababa dhiifamaan haqamuu isaatiin, adabamtichi guyyaa gadilakkifame irraa eegalee yookiin adabamtichi adabbichi dhorkameefi yookiin korooraan (sharxiin) gadilakkifamee yeroo qoramaatasaa nagaan kan xumure yoo ta’ee, guyyaa adabbichi dhorkameef yookiin korooraan gadilakkifame irraa eegalee yoo xiqqaate yeroon waggaa shanii kan darbe yoo ta’e, haala birootiin garuu yeroon darbe yoo xiqqaate waggaa lama yoo ta’e;

(b) adabbiin dabalataa murtaa’e yoo jiraatee, adabbiin kun raawwateera yoo ta’ee; fi 

(c)  adabamtichi gadi lakkifame hanga dandeettii isaafi haalli yeroo hayyamuufiin ofiisaa ni raawwataa jedhamee haala tilmaamamuun beenyaa murtiin itti murtaa’e, kasaaraa abbaa seerummaafi kan biroo kamiiniyyuu haala barbaachisaa ta’een xumuree kan kaffale yoo ta’e;

(d) adabamtichi gadi lakkifame yeroo qubee (a) jalatti ibsame keessatti amala gaariin kan qajeelfame yoo ta’eefi yakka hidhaan aadabsiisan kamiiniyyuu balleessaa osoo hin ta’in yoo turedha.

Armaan Olitti qubee (a) jalatti kan ibsame moggaaffamuuf kan geessisu yeroon gabaabaa raawwatiinsa kan godhatu, seera kana keewwata 67 waa’ee irra daddeebiif daangaa yeroo tumamee hanga hin tuqinittidha.

 

 

 

Keewwata 234. Haalawwan Addaa

1.     Nama adabbiin darbiinsa yerotiin dhorkameef yoo ta’e, adabbicha osoo raawwateera ta’ee, yeroonaddabichi itti xumuramu qabu ture osoo hin darbiin dura ajajni moggaasuu kennamuu hin danda’u.

2.     Adabamaan maqaan isaa akka haaromfamuuf gaafatu tajaajila ummataa, humna ittisa biyyaan yookiin hawaasummaan gumaacha adda galatoomfachiisutaasisee yoo argame, yeroon murtaa’e osoo hin darbiin dura moggafamuun hayyamamuufii ni dandaa’a.

Keewwata 235. Bu’aalee Moggaafamuu

Moggaaffamuun murtii kan haqu waan ta’eef bu’aalee armaan gadii ni hordofiisa;

1.     Namni adabamee ture guyyaa moggaafame irraa eegalee murtiin mirgaa, gonfa yookiin dhabiinsa dandeetti itti murtaa’ee ture gara fuldaraati hafaa ta’eefii dandeetti mirga hawwasummaafi maatii bulchuu,mirga hojii ogummaa hojjechuu deebisee qabachuuf dandeetti ni qabaata.

2.     Murtiin adabbichaa galmee yakkamtootaa irraa ni haqamaaf, gara fuldurattis akka itti hin murtoofneetti lakkaa’ama.

3.     Diinummaan Yookiin sababa biroo kamiiniyyuu yoo ta’e, balleessaa darbe kaasuun qeequun nama qeequ yakka maqaa balleessuutiin ni adabsiisa, faayidaa ummataaf kan taasifamedha jechuun of irraa ittisuunis hin danda’amu.

Keewwata 236. Gaaffii Moggaafamuuf Dhihaatu Fudhachuu Dhiisuufi Gaaffficha Irraa Deebi’anii Dhiheeffachuu.

Gaaffii moggaaffamuuf dhihaate gahaa miti jechuun manni murtii osoo hin fudhatin kan hafe yoo tahe, waggaan lama osoo hin darbiin irra  deebi’uun gaaffii dhiheessuun hin danda’amu.

 

 

Keewwata 237. Murtii Kenname Haquu.

Akka moggaafamu erga hayyamameefi booda waggaa shan keessatti du’aan yookiin hidhaa cimaan akka adabamu murtiin dhummaa irra deebi’ee yoo itti murtaa’e, moggaasni heyyamameef ni haqama; akkasumas, irra deebi’amee akka moggafamu hayyamamuufiin hin danda’u.

 

No comments:

Post a Comment