Saturday, October 17, 2020

Seera Yakkaa Mootummaa--Kitaaba Sadaffaa

 Kutaa Guddaa Lammaffaa

Kutaa Addaa

Kitaaba Sadaffaa

Yakkoota Fayidaalee Mootummaa, Biyyaafi Addunyaalessaa Irratti Raawwataman

Mata Duree Tokkoo

Yakkoota Mootummaa Irratti Raawataman

Boqonaa Tokko

Yakkoota Biyyarratti Raawwataman

Kutaa Tokko

Yakkoota Sirna Heera Mootummaafi Nageenya Keessoo Biyyaa Irratti Raawwataman

Kutaa Xiqqaa Tokko

Yakkoota Heera Mootumaafi Mootumaa Irratti Raawwataman

Keewwata 238. Yakka Heera Mootumaafi Sirna Heera Mootummaa  Irratti Raawwatamu.

1.     Namni Kamiyyuu humnaan, dhaadannaan, korannaan Yookiin karaa seeraa ala ta’e kamiiniyyuu itti yaadee:

(a)             heera mootummaa federaalichaa yookiin kan naannoo kan diige, kan jijjiire, yookiin kan dhorke yoo ta’e; yookiin

(b)             sirna heera mootummaa federaalichaan yookiin naannootiin hundeeffame kan diige yookiin kan

jijjiire yoo ta’e;

Hidhaa cimaa waggaa sadii hanga waggaa digdamii shanii gahuu danda’uun ni adabama.

2.     Yakkichi yommuu raawwatamu nageenya yookiin jireenya ummataarra jaqumsi olaanaan gahee yoo jiraate;raawwatichi hidhaa umurii guutuun yookiin du’aan ni adabama.

Keewwata 239. Hojiirra Oolmaa Aangoo Heera Mootummaatiin Kennamee Gufachiisuu

Namni kamiyyuu gocha humnaatiin, dhaadannaan yookiin karaa biroo seeraa alaa ta’e kamiiniyyuu qaama yookiin abbaa aangaa aangoon heeraa mootummaa Federaalaan yookiin naannotiin kennameef hojii isaa akka hin hojjenneef kan gufachiise, kan dhorke yookiin dirqisisee murtii akka keennuu kan taasise yoo ta’e;  hidhaa cimaa waggaa kudha shan hin caalleen ni adabama.

Keewwata 240. Meeshaa Waraanaa Qabatanii Finciluun, Yookiin WaraanaSumaansii (Civil War) Kaasuun Mootummaarratti Yakka Raawwatamu.

1.     Namni kamiyyuu itti yaadee:

(a)             qaamolee yookiin abbootii aangoo heera mootummaatiin hundeeffaman irratti uummanni, loltoonni yookiin faannonni fincila hidhannoo akka kaasaniif kan gurmeesse yookiin kan qajeelche yoo ta’e; yookiin

(b)             lammiilee yookkiin jiraattota biyyaa hidhachiisuun yookiin gareen tokko isa biroo irratti meeshaa waraanaa akka kaasu kakaasuun waraanni sumaansii akka ka’u kan taasiseyoo ta’e; Hidhaa cimaa waggaa kudhanii hanga waggaa digdamii shanii gahuu danda’uun ni adabama.

2.     Gochichi nageenya yookiin jireenya ummataa irratti jeequmsa olaanaa kan hordofsiise yoo ta’e; hidhaa cimaa umurii guutuun yookiin du’aan ni adabsiisa.

3.     Namni kamiyyuu fedhii isaatiin haala keewwata xiqqaa (1) jalatti tumameen sochii gurmaa’e yookiin ka’e keessatti kan hirmaateyoo ta’e; hidhaa cimaa waggaa torbaa hanga waggaa digdamaa gahuu danda’uun ni adabama.

4.     Namni gurmeessu yookiin hirmaatu sun lubbuu, bilisummaa, qaama, fayyaa yookiin qabeenyanamaarratti miidhaa geessissuun isaa yookiin yakka biraa raawwachuun isaa yoo irratti mirkanaa’e bu’uura seera yakka kanaaf rogummaa qabuutiin dabalataan itti gaafatamaa ni ta’a.

Keewwata 241. Yakka Tokkummaa Siyyasaafi Dangaa Biyyatti Tuquun Raawwatamu.

Namni kamiyyuu humnaan yookiin karaa heera mootummaatn walfaalleessu biroo kamiiniyyuu, kallattiin yookiin alkallattiin, tokkummaan ummata biyyattii akka diigamu yookkiin federeeshinichi akka gargar qoqqoodamu, yookiin daangaa yookiin ummata federeeshinicha irraa gar tokko akka foxxoqu gocha taasisuu kan raawwate yoo ta’e;

Hidhaa cimaa waggaa kudhanii hanga waggaa digdamii shanii gahuu danda’uun, yookiin dubbicha ulfaataa yommuu ta’utti hidhaa umurii guutuun yookiin du’aan ni adabama.

Keewwata 242.Birmadummaa Daangaa Yookiin Siyaasaa Biyyattii Cabsuun Yakka Raawwatamu.

Namni kamiyyuu qajeeltoowwan seera, dambiilee yookiin waliigalteewwanaddunyaalessa yookiin seera biyyattii cabsuun:

(a) gocha nageenya uummataaf yaaddeessaa ta’e raawwachuuf gara daangaa biyyattii kan seene yoo ta’e; yookiin

(b) hojii aangoo Itoophiyaa ta’e keessa, keessumattuu hojimaata hojiiqorannoo, sakatta’iinsaa yookiin murtii ta’e keessa seenee, mootummaa yookiin jarmiyaa biyya alaatiif otuu hojjetuu kan argame yoo ta’e;

Hidhaa salphaan yookiin dubbichi ulfaataa yommuu ta’utti hidhaa cimaa waggaa kudhan hin caalleen ni adabama.

Keewwata 243. Karaa Seeraa Ala Ta’een Biyyaa Ba’uu, Biyyaa keessa Seenuu Yookiin Biyyattii Keessa Jiraachuu.

1.    Namni kamiyyuu itt yaadee:

(a)             seera mootummichaa darbuun biyyaa kan ba’e, gara daangaa biyyattii kan seene, yookiin biyyattii keessa kan jiraate yoo ta’e; yookiin 

(b)             gochoota armaan olitti qubee (a) jalatti ibsaman keessaa tokko akka raawwatamu kan taasise yoo ta’e; hidhaa salphaanyookiin adabbii maallaqaan yookiin lamaaniinuu ni adabama.

2.    Namni kamiyyuu kallattiinis ta’ee alkallattiin faayidaa seeraan alaa argachuuf yaaduun nama Itoophiyaa keessa dhaabbiin jiraataa hintaane, yookiin lammummaa Itoophiyaa hin qabne gara biyya biroo akka galu kan taasise yoo ta’e; yookiin seeraa ala gara Itoophiyaa akka seenu kan dandeessisuu sanada yookiinsanadayookiin waraqaa eenyummaa waliindha’ame akka qophaa’uu kan taasise, kan dhi’eesse yookiin qabatee kan argame yoo ta’e; yookiin namni sun sirna seerri gaafatu osoo hinguutiin Itoophiyaa keessa akka turuuf gocha kamiiniyyuu kanraawwate yoo ta’e;  hidhaa cimaa waggaa shanii hanga waggaa kudhanii gahuun ni adabama.

3.    Yakkakeewwata kana keewwata xiqqaa (2) darbuun raawwatameen lubbuun yookiin nageenyi koolugaleessichaabalaa irra kan bu’e yoo ta’e, yookiin haala qabiinsa alnamomaafi garajabinaa ta’eef kan saaxilamee yoo ta’e, namni yakkicha raawwate hidhaa cimaa waggaa shanii hanga waggaa kudha shanii gahuun ni adabama.

4.    Gochoota keewwata kana keewwata xiqqaa (1) (a) jalatti tarreeffaman keessaa tokko akka raawwatamu kan gargaare jaarmiyaa namummaan seeraa kennameef yoo ta’e; bu’uura seera kana keewwata 90n ni adabama.

5.    Gochichi gochadambii darbuu ifaa ta’e yommuu ta’u, seerri dhimma kanaaf tumamee raawwatamaa ni ta’a.

 

 

Kutaa xiqqaa Lama

Biyya Sarbuu

Keewwata 244. Mootummaa Biiyyatti, Akkasumas Mallattoolee Biyyaattifi Mallatoolee Mootummaan Beekaman BirooSarbuu.

1.     Namni kamiyyuu jechaan yookiin gochaan yookiin haala biroo kamiiniyyuu ifatti mootummaa biyyatti kan salphise, arrabse, maqaa isaa balleesseyookiin sobaan yakke yoo  ta’e;

hidhaa salphaa ji’a sadii gadi hin taaneen yokiin adabbii maallaqaa qarshii dhibba shanii gadi hin taaneen ni adabama.

 Gochi maqaa balleessuu, sobaan yakkuu, salphisuu yookiin arrabsuu rawwatameera kan jedhamu bu’uura keewwata 613 fi 615 n ta’a.

2.     Namni kamiyyuu dabaan, tuffiin yookiin yaadota kana fakkaatan kamiiniyyuu ifatti kan beekame mallattoo biyyaa jechuunis alaabaa yookiin asxaa Mootummaa Federaalawaa Itoophiyaa akkasumas, alaabaa yookiin asxaa mootummaa naannoo ifatti kan tarsaase, kan gube, kan balleesse, kan sarbe, kan mancaase, kan arrabse yookiin haala biroo kamiiniyyuu kan salphise yoo ta’e, hidha salphaa ji’a sadii gadi hin taaneen yookiin adabbii maallaqaatiin ni adabama.

Keewwata 245. Mallattoolee Beekamootti Seeraan Ala Tajaajilamu

Namni kamiyyuu dhimmaa tajaajila kamiifiyyuu yoo ta’e, seera kana keewwata 244 jalatti alaabaawwan yookiin mallattoolee ibsamanitti seeraan kan eeyyamamuu alatti kan itti tajaajilame yoo ta’e; Hidhaa salphaan yookiin adabbii maallaqaan ni adabbaa.

 

 

 

Kutaa Lama

Nageenya Alaafi Humna Ittisa Mootummaa IrrattiYakkoota Raawwataman

Keewwata 246. Yakka Bilisummaa Biyyaa Irratti Raawwatamu.

Namni Kamiyyuu:

(a) bilisummaa biyyattii balaarra buusuuf yookiin biyyattiin birmadummaa ishee akka dhabdu;

(b) bilisummaa biyyattii balaa irra buusuuf mootummaan biyya alaa gidduu akka seenu jajjabeessuuf; yookiin

(c)  mootummaan biyya alaa gocha diinummaa biyyatti irratti akka raawwatu yookiin biyyattiin mootummaa biyya alaa waliin akka walwaraantu yookiin goch diinummaa akka ishee irratti raawwatamu, diinummaan akka marfamtu yookiin akka qabamtu, yaaduun gocha kamiiyyuu kan raawwate yoo ta’e;

 Hidhaa cimaa waggaa shanii hanga waggaa digdamii shanii gahuu danda’uun yookiin dubbichi cimaa yommuu tahu hidhaa cimaa umurii guutuun yookiin du’aan ni adabama. Keewwata 247. Humna Ittisa Biyyaa Miidhuu Namni kamiyyuu itti yaadee:

(a) uumamaan amala raayyaaf ooluu kan qaban yookiin ittisa biyyaatiif akka ta’an kan karoorfaman,jaarmiyaalee dinagdee, dhaabbata  yookiin bakka hojii ittisa biyyaa, mala  walqunnamtii yookiin geejiba, hojii, mankuusii, meeshaa yookiin mi’awaraanaakamiyyuu seeraan ala dabarsee kennuun, diiguun, hojii dabaaraawwachuun yookiin tajaajilaaf akka hin oolle taasisuun;

(b) mootummaa biyya alaa diina ta’eef loltoota dhiheessuun, yookiin lammiileen Itoophiyaa biyya diinaa kanaaf loltummaan akka tajaajilan filun yookiin sosobuun, yookiin ofumaaf lammii Itoophiyaa ta’ee mootummaa biyya diinaa kanaaf hiriiruun;

(c)  loltuun waraanaa  tajaajila loltummaa raawwachuu akka didu, fincila loltummaa akka kaasu, yookiin akka ganu, ifatti kakaasuun, yookiin nama dirqama loltumaa qabu yakkoota kana keessaa tokko akka raawwatu jajjabeessuun yookiin akka kaka’u taasisuun; yookiin

(d) tarkaanfilee eeggannoo lolaa tajaajila ittisa biyyaatiif oolan gufachiisuun, mancaasuun yookiin tooftaa biroo kamiiniyyuu gocha jal’inaa raawwachuun,  humna ittisaa Itoophiyaa irra miidhaa kan geessise yoo ta’e;

Hidhaa cimaa waggaa shanii hanga waggaa digdamii shanii gahuu danda’uun yookiiin dubbichi baayyee ulfaataa yommuu tahe, keessummattuu yeroo waraanaa yookiin waraanni yaaddessaa ta’etti yoo ta’e; hidhaa cimaa umurii guutuun yookiin du’aan ni adabama.

Keewwata 248.Ganiinsa Olaanaa 

Namni lammii Itoophiyaa ta’e yookiin fayidaa biyyooleessaa Itoophiyaa akka kabachiisuuf ifatti imaanaan itti kenname:

(a) meeshaa waraanaa qabachuun yookiin gocha lolaan Itoophiyaa kan morme yoo ta’e;

(b) humna Itoophiyaa waliin walwaraanu waliin yookiin nama yookiin jaarmiyaa faayidaa humna kanaatiif hojjetu waliin waliigaluun yookiin, iccitiin walqunnamuun humni kun akka itti mijaa’uufiifiakka milkaa’uuf haala kamiin iyyuu kan gargaare  yoo ta’e; yookiin

(c)  mi’oota, meeshaalee waraanaa, planoota, barreeffamoota ragaa ta’an yookiin wantoota tajaajila ittisa biyyaatiif oolan kamiyyuu kallattiin yookiin alkallattiin diinaaf dabarsee kennuun yookiin tajaajilaafi meeshaalee kana fakkaatan dhiheessuun diina kan deggare yoo ta’e;

Hidhaa cimaa waggaa shanii hanga waggaa digdamii shanii gahuu danda’uun, yookiin dubbichi ulfaataa yommuu tahu hidhaa cimaa umurii guutuun yookiin du’aan ni adabama.

 

 

 

Keewwata 249. Ganu

1.     Namni lammii Itoophiyaa ta’e yookiin faayidaa Itoophiyaa akka  eegsisuuf imaanaan ifatti itti kenname kamiyyuu itti yaadee:

(a)             iccitii faayidaa Itoophiyaa eegsisuuf iccitiin akka eegamuufi akka hin ibsamne taasifame, sandayookiinarshammee, dhimma ergamtummaa yookiin murtii tokko ummataaf yookiin mootummaa biyya alaaf, jaarmiyaa siyaasaaf, jaarmiyaa biroo yookiin bakka bu’aa isaatiif kan ibse, dabarsee kenne, oduu isaa kan dabarse, yookiin ifatti akka himamu kan taasise yoo ta’e;

(b)             bakka bu’aa yookiin ergamaa mootummaa Itoophiyaa ta’ee, dhimma mootummaa biyya alaa waliiin akka raawwatuuf ergame yookiin faayidaaItoophiyaatiif falmuufi raawwachuu qabu haala ifa ta’een akka gufatu kan taasise yoo ta’e; yookiin

(c)             sanadoota, baarreeffamoota, yookiin ragoota nageenyaa, bilisuummaafi faayidoota gurguddoo Itoophiyaa ilaallatan kan balleesse, kan mancaase, kan dhokse, akka badan kan taasise, yookiin gara sobaatti kan jijjiire yoo ta’e;

Hidhaa cimaa waggaa kudha shan hin caalleen ni adabama.

2.     Gochaan isaa jiraachuu yookiin bilisummaa Itoophiyaa kallattiin balaa cimaa irra kan buusu yoo ta’e, manni murtichaa hidhaa cimaa waggaa kudhanii hanga waggaa digdamii shanii gahuu danda’u murteessuu ni danda’a.

3.     Balleessichi yakkicha kan raawwate dagannoon yoo ta’e, adabbiin isaa hidhaa salphaa ji’a jahagadi hin taane ta’ee akkuma cimina dubbichaatti hanga hidhaa cimaa waggaa shaniitti ol ka’uu ni danda’a.

Keewwata 250. Ganuu Dinagdee

1.     Namni lammii Itoophiyaa ta’e, yookiin faayidaa Itoophiyaa akka kabachiisuuf ifatti imaanaan itti kenname kamiyyuu itti yaadee:

(a)             faayidaa ol’aanaa Itoophiyaa yookiin humna ittisaaf jecha iccitiin kan eegamuufi amala dinagdummaa kan qabu wal-qunnamtii ergaa, murtii, waan hojjetame yookiin sanadaummataaf yookiin nama biyya alaaf kan ibse, dabarsee kan kenne, qabiyyee isaa kan dabarse, yookiin isaanumti kun akka argatan kan taasise yoo ta’e;

(b)             mi’oota, meeshaalee yookiin wantoota biroo kana fakkaatanakka eeguuf ittigaafatamummaan itti kennaman kan ibse yookiin dabarsee kan kenne yoo ta’e; yookiin

(c)             dhimma liqii mootummaanItoophiyaa waliin wal waraanu baase irratti kan hirmaate yookiin maallaqa yookiin qabeenya liqichaaf oolu kan buuse yoo ta’e; Hidhaa cimaa waggaa kudhan hin caalleen ni adabama. Dubbichi yommuu ulfaataa ta’etti hidhaa cimaan kun hanga waggaa digdamaa gahuu ni danda’a.

2.     Balleessichi yakkicha kan raawwate dagannoon yoo ta’e, hidhaa salphaa ji’a sadii gadi hin taaneen ni adabama.

Keewwata 251.Dinaan Waliigaluu.

Namni lammi Itoophiyaa ta’e yookiin faayidaa biyyoolessaa Itoophiyaa akka kabachiisuuf ifatti imaanaan itti kenname kamiyyuu,Itoophiyaanwaraana irratti yommuu argamtu yookiin daangaan ishee hundi yookiin gar-tokkeen diinaan yeroo wareerametti, kaayyoo diinaa milkeessuuf yaaduun gorsaanis ta’e gochaan diina kan deggare yoo ta’e; keessumattu:

(a) maqaa diinaatiin hojii siviilii yookiin bulchiinsaa kutaalee seera hiiktuu,poolisiitti, mana hiidhaatti, eegumsatti, geejjibaatti yookiin kanneen kana fakkaatan birootti kan raawwate; yookiin

(b) to’annoo diinaa jalaa miliquuf kan barbaadan loltoota garee biyyaayookiin baqattoota diinaaf kan saaxile yookiin dabarsee kan kenne; yookiin 

(c)  hojii olola,maxxansaa yookiin mala wal-qunnamtii biroo faayida diinaa yookiin wareertoota tarkaanfachiisu, keessatti kan hirmaate; yookiin 

(d) Kallattiin yookiin alkallattiin dhimmaa dinagdee irratti kan waliin hojjate yoo ta’e; 

Hidhaa cimaa waggaa digdama hin caalleen yookiin dubbichi ulfaataa yoo ta’utti hidhaa cimaa umurii guutuun yookiin du’aan ni adabama.

Keewwata 252. Basaasa

1.     Namni kamiyyuu mootummaa biyya alaa tokkoof yookiin jaarmiyaa siyaasaa biyyaa alaa tokkoof yookiin faayidaa jaarmiyaa  biyya alaa biroo kamiifuu jecha Itoophiyaa irratti, jaarmiyaalee ishee irratti, dhaabbilee ishee irratti yookiin lammiilee ishee irratti miidhaahaala geessisuun;

(a)             tajaajila siyaasaa, dippiloomaasii, kan loltuu yookiin kan dinagdee kan gurmeesse, hojii kanarratti hirmaataa kan ta’e yookiin kan deggeere yookiin tajaajila kanaaf nama biroo kan file yookiin kan mindeesse  yoo ta’e; yookiin

(b)             basaasa kanaaf kan tajaajilu odeeffannoo kan walitti qabe, kan dabarse yookiin akka argamu kan taasise yookiin odeeffannoo iccitiin eegameefi ummata biratti ifatti hin beekamne manneen hojii mootummaan yookiin dhuunfaan dhaabbataniif yookiin bakka bu’oota isaaniif akka ibsamu kan taasise yoo ta’e;

Basaasni kun kan raawwatame faayidaa mootummaa yookiin ummataa irratti haala miidhaa fiduun yoo ta’e; hidhaa cimaa waggaa kudhan hin caalleen ni adabama. Basaasni kun miidhaa kan geessise nama dhuunfaa yookiin waldaa dhuunfaa irratti yoo ta’e; hidhaa cimaa waggaa shan hin caalleen ni adabsiisa.

2.     Basaasni kun  tasgabbii keessaafi alaa mootummaa kallattiin miidhuuf kan taasifame yoo ta’e; adabbichi hidhaa cimaa waggaa digdama hin caallee ni ta’a. Dubbichi cimaa yoo ta’eefi keessumattuu yeroo waraanaa yookiin waraanni yaaddessutti, yookiin baasasa siyaasaa, dippiloomaasii, yookiin loltuu kan taasifame yoo ta’e; manni murtichaa hidhaa cimaa umurii guutuu murteessuu ni danda’a. Basaasni kun kan taasifame jiraachuunItoophiyaa haala yaaddessaa irra yeroo jirutti yoo ta’e adabbii du’aa ni murteessa.

Keewwata 253. Tumaaleen Kutaa Kanaa Mootummoota Waraanaaf Walta’aniifis Raawwatamaa

Ta’uu Isaanii

Yakkoota kutaa kana keessatti tumaman keessaa tokko mootummoota mootummaa Itoophiyaa waliin waraanaaf walta’an yookiin walgargaaran irratti miidhaa qaqqabsiisuuf kan taasifame yoo ta’e, adabbiileen kutaa kana keessatti tumaman ni raawwatamu. Kunis kan raawwatamu  mootummaa seera kana fakkaatu qabuuf ta’a.

 

Kutaa Sadii

Tumaalee Waliinii

Keewwata 254.  Alkallattiin Gargaaruufi Jajjabeessuu

1.     Namni kamiyyuu sirna heera mootummaa biyyaattii, birmadummaa siyaasaafi daangaa, humna ittisaa yookiin nageenya keessaafi alaa irratti yakki kan raawwatame yookiin raawwatamuuf kan yaalame ta’uu isaa yookiin yakki akka raawwatamu hojiin qophaa’uu raawwatamuu isaa osoo beekuu abbaa aangootti osoo hin beeksisiin kan hafe yookiin balichi akka hin geenye yookiin raawwwatichi akka qabamu waan danda’amu kan hin raawwanne yoo ta’e; sababa humnaa ol ta’een yookiin sababa ifa ta’een beekssisuuf dadhabuu isaa yoo ibse malee;

 hidhaa cimaa waggaa shan hin caalleen ni adabama.

2.     Yakkichi kan raawwatame nageenyi keessaafi alaa biyyattii haala yaaddeessaa irra yeroo jirutti yoo

ta’e;  adabbichi hidhaa cimaa waggaa kudhan hin caalle ta’a.

3.     Haalawwan kun yommuu muudatanittiraawwatichi dirqama abbaa aangootti beeksisuuf qabu jalaa miliquuf jedhee, iccitii hojii yookiin ogummaa isaa sababa godhachu hin danda’u.

4.     Hariiroonmichummaa cimaa yookiin firummaa inni balleessicha waliin qabu dhimmoota armaan olitti tuqamaniif sababa ittisaa ta’uu hin danda’u/keewwata 83/.

Keewwata 255. Hojii Yakkaaf Kakaasuufi Miiltummaa, Yaalii Kakaasuufi Miiltummaa

Yakkoota keewwata 238 hanga 242 , keewwata 246 hanga 252 tti armaan olitt ibsaman keessaa tokko osoo hin yaalamiin yeroo hafetti hojiin yaalii kakaasuu yakkaa yakkichi akka raawwatamu taasifame/keewwata

36(2)/, miiltummaa/keewwata 37(3)/, yaalii miiltummaa yookiin kakaasuu  /Keewwata 27(2)/;

Hidhaa salphaa ji’a tokkoo hanga waggaa shanii gahuu danda’uun; yookiin keessumattuu gochi kun balaa inni geessisuu danda’u baayyee cimaa yoo ta’e; hidhaa cimaa waggaa kudhan hin caalleen ni adabsiisa.

Keewwata 256. Gochoota DabaAkaakuu QabatamaaTa’een Qopheessuu.

Namni kamiyyuu,yakkootaarmaan olitti keewwatoota 238-242, keewwata 246-252 jalatti tumaman keessaa yakkatokko raawwachuuf:

(a) loltoota, riphee loltoota, faannota yookiin loltoota bitamtuu kan file, kan gurmeesse yookiin gara biyya keessaa kan galche yoo ta’e; yookiin

(b) meeshaalee waraanaa, rasaasota, galaa maallaqa yookiin wantoota qabatamaa kanneen fakkaatan kan qopheesse, kan kuuse yookiin gara biyya keessaatti kan galche yoo ta’e;

Hidhaa  cimaa waggaa kudha shan hin caalleen ni adabama.

Keewwata 257.Tuttuquufi  Gocha Qopheessuu Qabatamaa Hin Taane

Namni kamiyyuu yakkoota armaan olitti keewwata 238-242, keewwata 246-252 jalatti tumaman keessaa tokko akka raawwatamu taasisuuf yookiin deggaruuf:

(a)          haasawaan, fakkiin yookiin barreeffamaan ifatti kan tuttuqe yoo ta’e; yookiin 

(b)          faannonni biyyaa keessattis ta’e biyyaalaatti akka gurmaa’an kan korate, karoora kan baase yookiin kantuttuqe yoo ta’e; yookiin

(c)          garee faannoo kana fakkaatan keessa kan seene, karooricha irrattis kan waliigale,Yookiin ajaja isaas kan hordofe yoo ta’e; yookiin

(d)         mootummoota,jaarmiyaa siyaasaa yookiin kan biroobiyya alaa yookiin bakka bu’oota isaanii waliin hariirookan uume yookiin walitti dhufeenya iccitiitiin kan deggare yoo ta’e; yookiin

(e)          hamilee uummatta gadi buusuufi amantaa isaa yookiin dandeettii dandamachuu isaa diiguuf karoorsuun, mala qindaa’een wanta sirrii hin taane, jibbaan kan guutame yookiin ejjennoo jiru kan diigu odeeffannoon, haasawaan, barreeffamaan yookiin fakkiidhaan kan tamsaase yookiin kan beeksise yoo ta’e;

Hidhaa salphaan, yookiin balaa gochi kun silaa dhaqqabsiisuu danda’u keessumattuu baayyee olka’aa kan ta’e yoo ta’e, hidhaa cimaa waggaa kudhan hin caalleen ni adabama.

Keewwata 258. Haala Cimaa

Boqonnaa kana keessatti yakkichi hidhaa cimaa umurii guutuun yookiin du’aan akka adabsiisu haalawwan seerichi tume hundatti, manni murtichaa adabbii du’aa kan murteessu:

(a) yakkichi kan raawwatame biyya irratti jeequmsi yommuu gahetti yoo ta’e yookiin jeequmsi yookiin lolli sumaansii kun yookiin waraanni biyya alaa wajjin taasifamu yommuu yaaddeessutti, yookiin giddu seentummaan mootummaa biyya alaa yommuu jiraatuttu,yookiin sababa jeeqamuuu tasgabbiin labsiin yeroo ariifachiisaa raagga’eeyommuu jirutti yookiin haalawwan addaa jiraachuun isaanii ifatti yommuu himametti yoo ta’e; yookiin

(b) gochoonni kun kan karoorfamaniifi raawwataman korannaa irraa kan ka’e yoo ta’e yookiin gartuulee meeshaa waraanaa hidhataniin yoo ta’e; yookiin

(c)  yakkamtichi qabeenya,meeshaa waraanaayookiin gargaarsa yookiin deggersa haala kamiiniyyuu biyya alaa yookiin jaarmiyaa siyaasaa yookiin kanbiroo mootummaa  biyya alaa irraaargatuunyakkicha kan raawwate yoo ta’e; yookiin 

(d) boombiin, dimaamitiin yookiin meeshaa dhowuunyookiin,meeshaa shororkeessaa namoota hedduu  irratti balaa geessisuu danda’uun yookiin mala kana fakkaatubirookamiiniyyuu yakkicha raawwateera yoo ta’edha.

Keewwata 259. Adabbiilee Dabalataafi Tarkaanfilee Eeggannoo.

1.     Boqonnaa kana keessatti kan tumame yakki hidhaa cimaan adabsiisu kamiyyuu kan raawwatame nama muudame  yookiin aangoon gaggeessuumaa kennameefiin yookiin faayidaa dhuunfaa argachuu barbaaduun yoo ta’e; manni murtichaa adabbii kana waliin adabbii maallaqaa qarshii kuma dhibba tokko hin caallee murteessuu ni danda’a.

2.     Balleessaan lammii biyya alaa ta’e hidhaa cimaa waggaa shanii yookiin isaa ol ta’e yoo itti murtaa’e; adabbicha erga xumuree booda biyyaa akka bahu itti murta’a.

3.     Yakki ganuu, basaasaa yookiin iccitii dabarsanii kennuu raawwatamee yommuu argamu hunda meeshaaleen,mi’oonni,xalayaalee ergaa, yookiin ragoonni raawwannaa yakkichaaf ta’an hundi ni dhaalamu.

Keewwata 260. Qabeenya Dhaaluu

Lammiin Itoophiyaa yookiin namni faayidaa biyyoolessaa Itoophiyaa akka kabachiisuuf ifatti imaanaan itti kenname kamiyyuu yakkoota seera kana keewwata 238,240 fi 241, 246-251 fi 252 (2) jalatti tumaman keessaa tokko raawwachuun balleessaa ta’ee kan itti murtaa’e yoo ta’e, manni murtichaa adabbii muummee murteessu waliin qabeenyaan nama itti murtaa’e  bu’uura seeraatiin akka dhaalamu ajajuuni danda’a/keewwata 98/.

Boqonnaa Lama

Mootumaa Biyya Alaarratti Yakkoota Raawwataman

Keewwata 261.Mootummaa Biyya AlaarrattiGocha Mormii Raawwatamu

Namni kamiyyuu daaangaa Mootummaa Itoophiyaa keessa ta’ee hariiroo mootummaan Itoophiyaa mootummaa biyya alaa waliin qabu haala balleessuu danda’uun:

(a) gocha dabaan,sobaan yakkuun, olola jibbaanyookiin humnaan hojiin siyaasa yookiin tasgabbiinkeessoo mootummaa biyya alaa akka jeeqamu kan taasise yoo ta’e; yookiin

(b) waraana mootummoonni biyyaa alaa wal-waraanan keessa Itoophiyaan kan hin seenne ta’uu ishee Gaazexaa Negaaritaa Federaalaarratti haala ifa ta’een kan labsame yookiin seera akaakuubiroo mootummaan murtaa’ee tumamee kan darbe yoo ta’e; yookiin 

(c)  mootummaa biyya alaa waraanarra jirurratti gocha diinummaa akka raawwatamututuqe,kan waliigale yookiinkan jajjabeesse yoo ta’e;

Yoo xiqqaate hidhaa salphaa ji’a sadiin, yookiin dubbichi ulfaataa yoo ta’e hidhaa cimaa waggaa kudhan hin caalleen ni adabama.

Keewwata 262.Gaggeessitoota, Ergamtootaafi Namoota Seera Addunyaalessaatiin Eegumsa Argatan BirooMootummoota Biyya AlaarrattiYaaka Raawwatamu.

1.     Namni Kamiyyuum, daangaa mootummaa Itoophiyaa keessattibilisummaa yookiin nageenya duree biyyaa, gaggeessaa mootummaa, ministeera dhimma alaa, ergamaa yookiin maatii isaa yookiin hordofaa isaa yookiin bakka bu’aa jaarmiyaa addunyaalessaa yookiin qaama nama eegumsa addunyaalessaa argate biro biyya tokkoo irratti miidhaa kan geessise yookiin balaa kan buuse yookiin dhaabbata keessatti hojjatu, mana dhuunfaa isaa yookiin konkolaataa isaa irratti balaa kan geesise yookiin gochoota armaan olitti ibsaman raawwachuuf kan dhaadate yoo ta’e;  Hidhaa cimaa waggaa kudhan hin caalleen ni  adabama.

2.     Yakkichi yommuu raawwatamu keewwata xiqqaa (1) jalatti namoota ibsaman keessaa lubbuun nama tokkoo kan darbe yoo ta’e, tumaaleen ajjeechaa namaa ilaalchisanii tumaman keessaa rogummaa kan qaban raawwatamoo ni ta’u.

 

Keewwata 263  Daangaa Mootummaa Biyya Alaa Cabsuu

Namni kamiyyuu seera addunyaalessaa darbuun, gocha seeraan alaa raawwachuuf, jeequmsaa kaasuuf yookiin gocha balaafamaa ta’e raawwachuuf jecha:

(a) daangaa mootummaa biyyaa alaa keessa kan seene yoo ta’e; yookiin

(b) daangaa mootummaa kanaa keessa ta’ee gocha daangaa aangoo mootummicha keessa jiru garmalee kan raawwate yoo ta’e;

Hidhaa salphaan, yookiin dubbichi ulfaataa yoo ta’u, hidhaa cimaa waggaa sadii hin caalleen ni adabama.

Keewwata 264.  Mootummoota Biyya Alaa Salphisuu

1.     Namni kamiyyuu mootummaa biyyaa  alaa tokko kallattiin yookiin gaggeessaa isaa yookiin miseensa diippiloomaatii mootummaa biyya alaa kana, itti waamamaa yookiin  ergamaa kan ta’ekan Itoophiyaa keessattiargamu, ifatti haasaan yookiin gochaan  yookiin haala biroo kamiiniyyuu kan salphise, kan arrabse, maqaa kan xureesse, yookiin sobaan kan yakke yoo ta’e; Hidhaa salphaan yookiin adabbii maallaqaan ni adabama.

2.     Dubbichi ulfaataa yommuu ta’utti, keessumattuu gocha sobaan yakkuu yoo  ta’u hidhichi yoo xiqqaate ji’a sadii ni ta’a.

Keewwata 265. Mallattoolee Biyya Alaa Beekamoo Salphisuu

Namni kamiyyuu mallattoolee birmadummaa beekamoo mootummaa biyya alaa hariiroo nageenyaa mootummaa Itoophiyaa waliin qabuu, caalaattuu faajjii yookiin alaabaa bakka bu’aan mootummaa kanaa fannisu miira lolaatiin, yaada jibbiinsaan, tuffiin yookiin miira kana fakkaatu kamiiniyyuu kan tarsaase, kan gube, kan balleesse, kan mancaase, kan arrabse yookiin haala biroo kamiiniyyuu kan salphise yoo ta’e; Hidhaa salphaan yookiin adabbii maallaqaan ni adabama.

Keewwata 266.  Jaarmiyaalee Mootummoota Gidduutti Hundeeffaman Salphisuu

Namni Kamiyyuu jaarmiyaa yookiin dhaabbata Mootummoota gidduutti hundeeffameefi Itoophiyaan miseensa taate bakka bu’aa isaa yookiin maallattoo isaa beekamaa ifatti kan salphise yoo ta’e, seera kana keewwata 265 jalatti adabbii tumameen ni adabama.

Keewwata 267.  Dugda Walii Baasuu

Boqonnaa kana keessatti yakkoota mootummoota biyya alaa irratti raawwataman ilaalchisee kan tumaman hundi isaanii raawwatamoo kan ta’an, mootummoota seerota isaanitiin Itoophiyaaf eegumsa wal-fakkaataa kennan qofaaf ta’a. 

Tumaan armaan olitti ibsame jiraatuyyuu keewwata 253 jalatti kan tumame akkuma eegametti ta’a.

 

 

Keewwata 268.  Akkaataa Dhiheessa Himannoo

Himanni Yakkoota boqonnaa kana keessatti ibsamanii kan dhihaatu, mootummaan yookiin jaarmiyaan miidhame jedhu yakkamtichi akka adabamuuf yoo gaafatuufi ministeerri haqaa  federaalaa Yookiin abbaan alangaa muummee Yoo hayyame qofaadha.

Mata Duree Lama

Seerota Addunyaalessaa Darbuun Yakkoota Raawwataman

Boqonnaa Tokko

Yakkoota Bu’uuraa

Keewwata 269.Sanyii Balleessuu

Namni Kamiyyuu yeroo nagaas ta’e yeroo waraanaatti sabaan, sablammiin, balbalaan, sanyiin, lammummaan, bifaan, amantiin yookiin siyaasaan garee tokko ta’e guutummaan yookiin gar-tokkeen balleessuuf yaaduun gocha badichaa gurmeessuun, ajaja kennuun, yookiin gochicha raawwachuun:

(a) haala kamiiniyyuu miseensota hawaasichaa kan ajjeese, fayyummaa qaama yookiin sammuu kan miidhe yookiin miidhaa qaamaa kan geessise yookiin kan balleesse yoo ta’e; yookiin

(b) miseensonni hawaasichaa sanyiin akka wal-hin  horre yookiin lubbuun akka hin jiraanne taasisuuf mala kamiiniyyuu hojiirra kan oolche yoo ta’e; yookiin

(c)  miseensota yookiin daa’imman hawaasichaa dirqamaan bakka tokko irraa bakka biraatti kan jijjiire yookiin kan bittinse yookiin haala jireenyaa isaan ittiin du’uu yookiin ittiin  baduu danda’aniin akka jiraatan kan taasise yoo ta’e;

Hidhaa cimaa waggaa shanii hanga waggaa digdamii shanii gahuu danda’uun, yookiin dubbichi ulfaataa yoo ta’e, hidhaa cimaa umurii guutuun yookiin du’aan ni adabama. 

 

 

Keewwata 270.  Yakka Warranaa Ummata Nagaa IrrattiRaawwatamu

Namni kamiyyuuyeroo waraanaa, walitti bu’iinsa waraanaa, yookiin weerara diinaatti tumaalee seeraaddunyaalessaafi tumaalee seerota namoomaa addunyaalessaa darbuun ummata nagaa irra miidhaa geessisuuf gurmeessuun, ajajuun yookiin gochicha raawwachuun, yookiin karaa biroo kamiiniyyuu:

(a) nama kan ajjeese, kan gidirse, haala alnamooma ta’een kan dhaamaase, yaalii xiinlubbummaa (Bilogica experiment) kan taasise gochoota biroo qaama namaa, sammuu, yookiin fayyaa irratti gidiraa yookiin miidhaa cimaa geessisuu danda’an kan raawwate yoo ta’e; yookiin

(b) maallaqni akka gatii hinarganneef gatii isaa gadi buusuun kasaarsu, maallaqa sobaa maxxansuun yookiin karoora qindaa’een maallaqa gatii dhabsiisuun yookiin haala kamiiniyyuu itti yaadee ummata beelaaf kan saaxile, rakkoo irra kan buuse yookiin walumaa galatti jireenya ummataa kan jeeqe yoo ta’e; yookiin

(c) ummanni bakka isaa irraa akka buqqa’u yookiin akka bittinnaa’ukan taasise, karoora qindaa’een biyyaa kan baase, yookiin bakka dirqamaan itti turan yookiin bakka hojii dirqamaa itti raawwatan tokkotti erguun akka hidhamu kan taasise yoo ta’e; yookiin

(d)tajaajila baasasa, hojii humna ittisaa yookiin hojii bulchiinsaa diinaa keessatti filatamee akka tajaajilu kan dirqisiise yoo ta’e; yookiin 

(e) dirqamaan lammummaa isaa akka dhabu yookiin amantii isaa akka jijjiiru kan taasise yoo ta’e; yookiin

(f)  gocha gumnumma, gocha safuun ala ta’e yookiin gochi  humnaan gudeeduu akka raawwatu kan dirqisiise yoo ta’e; yookiin

(g) gocha sodaachisuu yookiin shororkeessuukan raawwate, furiifkan uggure, yookiin adabbii jilmaa kan adabe, yookiin gocha haaloo ba’uu kan raawwate yoo ta’e; yookiin

(h) qabeenya kan dhaale, kan barbadeesse yookiin kan ofii kan taasise, gibira yookiin ashuuraseeraan alaa yookiin hinmalle kan itti mure yoo ta’e, yookiin tajaajila loltummaaf baay’ee barbaachisaa kan ta’een ol ashuuraafi gibirri akka kaffalamu kan taasise yoo ta’e; yookiin 

(i)  nyaata, iddowwan qonnaa ooomisha nyaataatiif oolan, midhaaan, beelladoota, tajaajiloota bishaan dhugaatii, hojiilee jal’isii, dhaabbilee fayyaa, yookiin manneen barnootaa kan dhaale, kan diige, kan balleesse, faayidaan ala akka ta’an kan taasise yookiin kan ofiisaa akka ta’u kan taasie yoo ta’e; yookiin

(j)  siidaalee seena qabeessa, hojiilee ogummaa (art) yookiin iddoolee waaqeffannaa kan barbadeesse, kan fudhate, faayidaan ala kan taasise, kan ofii kan taasise yookiin isaan kana irratti gocha humnaa kan raawwate, yookiin wantoota kana kaayyoo loltummaaf kan oolche yoo ta’e; yookiin

(k) namoota nagaa bakka gareen tokko to’ate jiraataniif huccuu, ciisicha, da’oo, qorichaafi meeshaalee yaalaa yookiin wantoota jireenyaaf barbaachisaa ta’an kan hindhiyeessine, akka isaaniif dhiyaatu kan hintaasifne yoo ta’e; yookiin

(l)  walitti bu’iinsi uummamuun dura bu’uura seera biyyaa itti baqataniin yookiin keessa jiraataniin yookiin seera addunyalessaan namoota akka baqataatti yookiin lammummaa hin qabneetti beekaman kan miidhe, kan buqqise, akka badan kan taasise, yookiin haala barbaachisuun kan hinqabne yoo ta’e; yookiin

(m)                       ijoollee umuriin isaanii waggaa kudha saddeetii gadi ta’e  waraana keessatti akka hirmaatan taasisuuf miseensummaa tajaajila loltummaaf kan file yoo ta’e; yookiin

(n)meeshaa yookiin tooftaa lolaa uumama naannoo irratti miidhaa cimaa baballateefi yeroo dheeraa turu geessisuu danda’uun kan fayyadame, sababumaa kanaan fayyaan jiraataa naannoo sanaa akka jeeqamu kan taasise yoo ta’e; yookiin

(o) humni balaafamaa ta’e akka gadhiifamu kan taasisuufi kanumaan kan ka’een haala miidhaa olaanaa jiraataa nagaa irratti geessisuu  danda’uun hidhaaleefi buufataale niwukilaraa, humna elektriikii maaddisiisan kan balleesse yoo ta’e; yookiin

(p)manneen murtii idilee seeraan hundaa’aniifi adeemsa murtiifi wabummaa kennaniin ala adabbii kan murteesseefi kan raawwachiise yoo ta’e;

Hidhaa cimaa waggaa shanii hanga waggaa digdamii shanii gahuu danda’uun, yookiin dubbichi baay’ee cimaa yommuu ta’etti hidhaa cimaa umurii guutuun yookiin du’aan ni adabama.

Keewwata 271. Yakka Waraanaa Namoota Madaa’an, Dhukkubsattoota, Namoota Balaa Galaanaa Yookiin Qilleensaarra Jiran Yookiin Tajaajila Fayyaa Irratti Raawwatamu.

1.  Namni kamiyyuu haala armaan olitti ibsameen:

(a)             namoota madaa’an, dhukkubsattoota,balaa galaanaa yookiin qilleensaa irraa kan jiran yookiin hojjettoota yaalaa  yookiin gargaarsa duraa irratti gocha ajjeechaa,dararuu, gargaarsa yaalaa haala sanaaf barbaachisaa ta’e dhorkuun, haala garalaafina hinqabneen gocha nama miidhuu kan raawwate, yookiin darara qaamaa yookiin sammuu biroo kamiiyyuu akka isaan irra ga’u kan taasise yoo ta’e; yookiin 

(b)             meeshaalee, mana hojii  yookiin mana kuusaa eegumsa fayyaaf, kutaa kenniinsa gargaarsaa yookiin geejjibaaf kan tajaajilan karaa seeraan faallaa ta’een yookiin seeraan ala yookiin tajaajilaloltummaaf kan barbaachisuun ala kan diige, tajaajilaan ala kan taasise yookiin kan fudhate yoo ta’e; yookiin

(c)             hojjettoonni  tajaajila fayyaa, keennitoonni tajaajila amantaafi gaazexeessitoonni qaajeelfamni naamusaafi ogummaa kan ajajuun ala akka hojjetan yookiin bu’uura qajeelfamnifi naamusni oguummaa ajajuun akka hin hojjenne yookiin dambiileefi qajeelfamoota biroo namoota madaa’an, dhukkubsattoota yookiin nagaa eeguuf ba’an darbanii akka hojjetan kan dirqisiise yoo ta’e;bu’uura keewwata 270 jalatti tumameen ni adabama.

2.  Keewwata xiqqaa (1) irratti:

(a)             “madaa’aa” fi “dhukkubsataa” jechuun miseensa raayyaa ittisaas ta’e yookiin nama nagaan balaa madaa’uu irra ga’en,dhukkubaan yookiin miidhaa biroo qaama isaa irraga’een yookiin sababa jeequmsaafi tasgabbii dhabuu sammuu isaa irra ga’een nama yaalamuun isa barbaachisu yommuu ta’u, hoosistoota, daa’imman haaraa dhalataniifi dubartoota ulfaa kan fakkaatan gargaarsi yaalaa ariifachiisaan kan isaan barbaachisuufi sochii diinummaa kamiyyuu irraa of qusatanii kan argaman ni hammata.

(b)             “balaa galaanaa yookiin qilleensaa irra kan jiru” jechuun loltuus ta’e yookiin namni nagaa sababa rakkoo yookiin balaa galaana irratti yookiin bishaan biroo keessatti yookiin qilleensa irratti isa mudateen nama lubbuun isaa rakkoo ol’aanaa keessa jirufi sochii diinummaa kamiyyuu irraa of qusattee jiru hunda ni  hammata.

Keewwata 272.Yakkoota Booji’amtoota Waraanaafi Namoota To’ataman Irratti Raawwataman.

Namni Kamiyyuu haala armaan olitti ibsameen:

(a) booji’amtoota waraanaa yookiin namoota to’ataman irratti gocha ajjeechaa, dararuu, yookiin miidhaa dhamaasuu garalaafina alnamoomatiin ta’e akka isaan irratti raawwatamu kan qindeesse, kan ajaje yookiin gochiicha kan raawwate yoo ta’e; yookiin 

(b) namoonni haala kanaan argaman hojii basaasa diinaa, loltummaa yookiin bulchiinsaa akka tajaajilan kan dirqisiise yoo ta’e;

Adabbi keewwata 270 armaan olitti ibsameen ni adabama.

Keewwata 273.Wanbadummaa Galaanarraa fiSaamichaaYeroo Waraanaa Taasifamu.

Namni kamiyyuu yeroo waraanaa sababa tajaajila loltummaaf ni barbaachisa jedhuun gocha wanbadummaa galaanaarraa, saamichaa yookiin qabeenyaa diiguu yookiin fudhachuu seeraan ala ta’e kan qopheesse, akka qophaa’u kan ajaje, yookiin gochuma kana kan raawwate yoo ta’e;

Adabbii armaan olitti Keewwata 270 jalatti ibsameen ni adabama. 

Keewwata 274. Tuttuquufi Qopheessuu

Namni kamiyyuuyakkoota keewwatoota armaan olii jalatti ibsaman keessaa tokko raawwachuuf, akka raawwatamu taasisuuf yookiin raawwii isaa gargaaruuf yaadduu:

(a) jechaan, fakkiin, yookiin barreeffamaan, ifatti kan tuttuqe yookiin kan jajjabeesse yoo ta’e; yookiin 

(b) waldaan yookiin gareen wanbadee tokko akka hundaa’u kanneen biroo waliin kan korate, karoora kan baase yookiin akka hundaa’u kan sossobe yookiin ofii  isaatii kan hundeesse, waldaa yokkiin garee kana keessa kan seene, kaayyoo isaa kan hordofe yookiin ajaja isaa kan raawwate yoo ta’e; Hidhaa cimaa waggaa shan hin caalleen ni adabama.

Keewwata 275.  Gocha Diinaaf Taasifamuu Qabu Cabsuu

Namni kamiyyuu yeroo waraanaa seera addunyaalessaafi waliigalteewwan eegumsa mirga namoomaatiin karaa faallaa ta’een:

(a) diina booji’ame, meeshaa isaa booji’aaf dabarsee kenne yookiin haala kamiiniyyuu ofirraa ittisuu dadhabe yookiin gocha ofirraa ittisuu dhiise kan ajjeese yookiin kan madeesse yoo ta’e; yookiin

(b) qaama nama du’ee kan hir’ise yoo ta’e; yookiin 

(c)  dirree waraanaa irratti diina madaa’e, dhukkubsate, yookiin reeffatokko irratti hannaa kan raawwate yookiin humna fayyadamee saamicha kan raawwate yoo ta’e, yookiin gochoota kana keessaa tokko raawwachuuf yaaduun nama madaa’e, dhukkubsaticha, yookiin reefficha kan sakatta’e, kan qabe yookiin gocha humnaa kan irratti raawwate yoo ta’e; yookiin

(d) gochoota kana keessaa tokko akka raawwatamu kan ajaje yoo ta’e;

Hidhaa cimaan, yookiin yakkichi baayyee cimaa yoo ta’e, hidhaa cimaa umurii guutuun yookiin du’aan ni adabama.

Keewwata 276. Meeshaalee Waraanaa Seeraan Ala Ta’anitti Tajaajilamuu

Namni kamiyyuu meeshaalee waraanaa yookiin tooftaalee waraanaa waliigalteewwan addunyaleessaaItoophiyaan fudhatteen yookiin seera Itoophiyaatiin ifatti dhorkamaniin diina kan waraane yookiin meeshaalee yookiin tooftaalee kanaan diinni akka waraanamu ajaja kan kenne yoo ta’e;

Hidhaa salphaa ji’a sadii gadi hin taaneen ni adabama. Dubbichi cimaa yoo ta’e, hidhaa cimaa waggaa shanii hanga waggaa digdamii shan gahuun, yookiin haalli raawwannaa yakkichaa baayyee cimaa yoo ta’e; hidhaa cimaa umurii guutuun yookiin du’aan ni adabama.

Keewwata 277.  Waliigaltee Waraana Dhaabuu Yookiin Walta’iinsa Nageenyaa Diiguu.

Namni kamiyyuu waliigalteen waraana dhaabuu yookiin walta’iinsi nageenya mallatteeffamuu isaa ifatti osoo beekuufi ajajni erga keennameefii booda waraanichi akka itti fufu kan taasise yookiin gocha biroo kamiiniyyuu dirqamoota waliigaltichaa yookiin walta’iinsichaa keessaa tokko ittiyaadee kan diige yoo ta’e;

Hidhaa salphaan, yookiin dubbichi cimaa yommuuta’etti hidhaa cimaa waggaa kudhan hin caalleen ni adabama.

Keewwata 278. Faannoo Ta’uudhaan Yeroo Waraanaa Yakka Raawwatamu

Namni kamiyyuu yeroo waraanaa haala seera addunyaalessaa faallessuunmiseensa raayyaa ittisaa yookiin humna deggarsa kennu,kan abbootii aangoo mootummaa Itoophiyaatiin beekame osoo hin ta’in,gocha mormii raayyaa ittisaa Itoophiyaa irratti raawwachuun tajaajilawwan isaa, meeshaa geejjibaa isaa, malawwan walqunnamtii yookiin geejjibaa isaa irratti miidhaa geessisu kan raawwate yoo ta’e;

 

Hidhaa cimaa waggaa shanii hanga waggaa digdamii shanii gahuu danda’uun, yookiin dubbichi baayyee cimaa yoo ta’e hidhaa cimaa umurii guutuun yookiin du’aan ni adabama.

Keewwata 279 Namoota Madaa’an, Dhukkubsattootaafi Hidhamtoota Irratti Garaa Jabaachuu Yookiin Wanta Isaan Barbaachisuu  Hir’isuu.

Namni kamiyyuu tumaawwan seerota addunyaalessaadarbuun nama madaa’e, dhukkubasataa, yookiin booji’amaa hidhaa  yookiin to’annaa jala jiru garajabinaan kan darare yookiin gocha humnaa kan irratti raawwate yoo ta’e, yookiin mirga seerota kanaan mirkanaa’aniifitti akka hin fayyadamne kan dhorke yookiin mirga kanatti fayyadamuu akka hin dandeenye kan ajaje yoo ta’e;hidhaa cimaa waggaa shan hin caalleen ni adabama.

 

 

Keewwata 280.  Haqa Dhorkuu

Namni kamiyyuu yeroo waraanaa yookiin wareeraa seera addunyaalessaaleessaadarbuunnamni nagaan, madaa’aan, hidhamaanyookiin booji’amaan waraanaamirgabu’uurra seeraatiin haqaa argachuu isaa, akkasumas mirga bilisummaan ofirraa ittisuu isaa  kan namummaa isaa mirkaneessuuf akka dhabu kan taasise yookiin akka dhorkamu kan ajaje yoo ta’e; hidhaa salphaa waggaa sad irraa hanga waggaa shanii gahuu danda’uun ni adabama.

Boqonaa Lama

Yakkoota Jaarmiyaalee Nammoomaa Irratti Raawwataman

Keewwata 281. Gocha Diinummaa Jaarmiyaalee Namoomaa Addunyaalessaa Irratti Raawwatamu.

1.     Namni Kamiyyuu yeroo nagaa itti yaadee:

(a)             Waldaa FannooDiimaa yookiin Addeessa Diimaa yookiin jaarmiyaalee namoomaa kanneen fakkaatan, hojjetoota, bakka bu’oota yookiin miiltoowwan isaanii yookiin namoota eegumsa jaarmiyaalee kanneen jalatti argamanuuirratti hojii lolaa yookiin gocha humnaa kan raawwate, kan dhaadate yookiin kan salphise yoo ta’e; yookiin 

(b)             Meeshaalee, hojiilee qabatamaa/Installations/, yookiin manneen kuusaa jaarmiyaalee kanneenii kan diige yookiin kan miidhaa irraan ga’e yoo ta’e;

Hidhaa salphaan; yakki raawwatame cimaa yommuu ta’etti hidhaa cimaa waggaa shan hin caalleen ni adabama.

2.     Yakkichi kan raawwatame yeroo waraanaa yoo ta’e, adabbichi hidhaa cimaa waggaa tokkoo hanga waggaa shanii gahuni ta’a.

 

 

Keewwata 282 Asxaafi MallattooleeJaarmiyaaleen Namoomaa Addumyaalessaa Ittiin Beekaamaniin Seeraan Ala Faayyadamuu.

Namni Kamiyyuu ittiyaadee:

(a) asxaa yookiin maallattoolee jaarmiyaaleen namoomaa addunyaalessaa ittiin beekaman armaan olitti ibsaman hayyama malee kan qabate, kan fannise, yookiin isaanuma kanaankan tajaajilame yoo ta’e; yookiin

(b) gocha lolaa qopheessuuf yookiin raawwachuuf karoorsuun faajjii yookiin maallattoo akaakuuakkanaatiin yookiin mallaattoo nageenyaa seera addunyaalessaatiin beekame kamiiniyyuu, keessumattuu alaabaa adiitti seeraan ala kan tajaajilame yoo ta’e;

Hidhaa salphaan, yookiin yakkichi cimaa yommuu ta’etti hidhaa cimaa waggaa shan hin caalleen ni adabama.

Keewwata 283.ErgamaaAraaraa IrrattiGocha Diinummaa Raawwachuu.

Namni kamiyyuu, nama garee diinaa irraa ergamaa araaraa yookiin dhiheessaa yaada marii araaraa ta’ee dhufu yookiin isa waliin nama jiru kan dhamaase, kan sodaachise, kan salphise yookiinseeran ala kan qabe yoo ta’e; hidhaa salphaan ni adabama.

Mata Duree Sadii

Yakkoota Loltummaafi Raayyaa Ittisaa Akkasumas Poolisii IrrattiYakkootaRaawwataman

Boqonnaa Tokkoo

Yakkoota Loltummaa

Kutaa Tokko

Dirqama Tajaajilaa CabsuunYakkoota Raawwataman

 

Keewwata 284.  Tajaajila Loltummaa Diduu

1.     Namni kamiyyuu,dirqama loltummaan miindeffamuu yookiin loltummaan tajaajiluu qabu raawwachuu jalaa miliquuf yaaduun, loltummaan akka galmaa’u yookiin bu’uuralabsii ittariin adda waraanaatti dhihaatee akka tajaajiluuf waamicha dhuunfaan taasifameefiin, beeksisa ifatti maxxanfameen yookiin beeksisa sabqunnamtiin himameen ajaja darbe kan hin raawwanne yoo ta’e; Hidhaa salphaan ni adabama.

2.     Yakkichi kan raawwatame mallattoon balaa waraanaa yommuu kennametti, waraanniittarii yommuu labsamettiyookiin yeroo waraanaatti yoo ta’e; adabichi hidhaa cimaa waggaa kudhan hin caalle ni ta’a.

Keewwata 285. Ajaja Waamichaa Kabajuu Dhabuu

1.     Namni kamiyyuu, loltummaan filatamuu yookiin tajaajiluu barbaaduu dhabuun osoo hin taane, ajaja waammichaa kan hin raawwannee yoo ta’e, keessumattuu qorannoo, sakatta’iinsa, barnoota shaakala loltummaafilannoo loltumaaf taasifamu yookiin dirqama loltummaakamiyyuu akka raawwatu waamicha taasifameef kan hin kabajne yoo ta’e; Hidhaa salphaa waggaa tokko hin caalleen ni adabama.

2.     Yakkichi kan raawwatame yeroo waraanaa, yookiin labsiin yeroo ariifachiisaa yommuu labsametti yookiin balaa uumamaa yookiin namtolchee yookiin dhukkubni nageenya ummataa balaaf saaxilu yeroo mul’atetti yoo ta’e;

Adabbichi hidhaa cimaa waggaa shan hin caalle ta’a.

Keewwata 286. Dirqama Tajaajilaa Jalaa MiliquufDandeettii Dhabuu BeekaaTaasifamu.

1.     Namni kamiyyuu, gocha mataa isaan yookiin kan namabiroon qaama isaa  guutummaatti yookiin gartokkeen hir’isuun, qaama isaa yookiin fayyaa isaa irratti miidhaa geessisuun yookiin tooftaa biroo kamiin iyyuu qaamaa isaa yookiin fayyaa isaa irratti miidhaa fedha ofiitiin raawwatutti fayyadamuun, qaama isaa guutummaan yookiin gartokkeen hir’isuun, yeroof yookiin yeroo hundaaf tajaajilaaf gahaa ta’ee akka hin argamne kan of taasise yoo ta’e;

Akkuma haala dubbichaatti hidhaa salphaa waggaa sadii hin caalleen ni adabama.

2.     Namni kam iyyuum, kaayyoo armaan olitti ibsameef gocha kamiin iyyuu fedhii abbaa dhimmichaan, abbaan dhimichaa gartokkeen yookiin guutummaan tajaajila kennuu akka hin dandeenye kan  taasise yoo ta’e;

Hidhaa salphaa waggaa shan hin caalleen ni adabama.

3.     Yakkichi kan raawwatame mallattoon balaa waraanaa yeroo kennametti, labsiin waraanaittarii  yeroo labsametti yookiin yeroo waraanaatti yoo ta’e; adabbichi hidhaa cimaa waggaa kudha shan hin caalle ni ta’a.

Keewwata 287. Tajaajila Loltummaa Jalaa Miliquuf waliindhahuu Raawwatamu

1.     Miseensi raayyaa ittisaa kamiyyuu, yeroo hundaaf yookiin yeroof dirqama tajaajila loltummaa qabu jalaa miliquufm, abbootii aangoo siviilii yookiin loltummaa dhimmicha ilaallatu gowwomsuuf malawwan karoorfamaniin kan fayyadame yoo ta’e, keessumattuu waraqaa ragaa sobaa dhiheessuun,  jecha yookiin sanadaansoba ta’een gargaaramuun yookiin dhukkubsataa yookiin qaama miidhamaa fakkaachuun kan gowwomse yoo ta’e;

Hidhaa salphaa waggaa sadii gadi hin taaneen ni adabama.

2.     Yakkichi kan raawwatame mallattoon balaa waraanaa yommuu kennametti, waraanni ittarii yommuu labsametti yookiin yeroo waraana yoo ta’e;adabbichi hidhaa cimaa waggaa kudhan hin caalle ni ta’a.

Keewwata 288.Baduu

1.     Miseensi raayyaa ittisaa kamiyyuu dirqama tajaajila loltummaa isaa jalaa miliquuf yaaduun, kutaa waraanaa isaa yookiin hojii tajaajila loltummaan walqabatee dhiisee kan deeme yookiin hayyamaan erga deemee booda, gara kutaa isaatti yookiin gara hojii tajjaajila isaatti osoo hin deebi’iin kan hafe yoo ta’e;

Hidhaa cimaa waggaa shan hin caalleen ni adabama.

2.     Yakkichi kan raawwatame mallattoon balaa waraanaa yommuu kennametti, waraanni ittarii yommuu labsametti yookiin yeroo waraanaa yoo ta’e;

Hidhaa cimaa waggaa shanii hanga waggaa digdamii shanii gahuu danda’uun, yookiin dubbichi cimaa yommuu ta’e hidhaa cimaa umurii guutuun yookiin du’aan ni adabama.

Keewwata 289. Seeraan Ala Hafuu

1.     Miseensi raayya ittisaa kamiiyyuu, tajaajila loltuummaa jalaa miliquuf karoorfachuun osoo hin ta’in:

(a)             hayyama malee yookiin sababa humnaa ol hin taaneen, kutaa Waraanasaa dhiisee kan deeme yoo ta’e yookiin hojii loltummaasaa osoo hin raawwatiin kan hafe yoo ta’e; yookiin

(b)             sababa humnaa ol hin taaneen yeroo hayyamaa yookiin boqonnaa kennameef kan dabarse yoo

ta’e;

Hidhaa salphaa waggaa tokko hin caalleen ni adabama.

2.     Yakkichi kan raawwatame yeroo waraanaa yoo ta’e; adabbichi hidhaa salphaa waggaa sadii hin caalle ni ta’a.

Keewwata 290.Itti Yaaduun  Gara Kutaa Waraanasaatti Deebi’ee Dhiisuu Miseensi raayyaa ittisaa kamiyyuu yeroo waraanaatti:

(a) kutaa waraanaa isaa irraa erga addaan bahee booda, gara Kutaa isaatti yookiin gara waraana gartuu waraanaa naannawaa sanatti argamutti osoo hin makamiin kan hafe yoo ta’e; yookiin 

(b) Erga booji’amee booda bilisummaa isaa akkuma argateen battalumatti kutaa waraanaa tokkotti yookiin abbaa aangoo waraanaatti dhihaatee osoo hin gabaasiin yookiin gara ramaddii isaatti osoo hin deebi’in kan hafe yoo ta’e;

Hidhaa salphaan, yookiin yakkicha kan raawwate itti yaadee dirqama loltummaa isaa irraa hanga dhumaatti baqachuuf yoo ta’e; hidhaa cimaa waggaa sadii hanga waggaa kudhanii gahuu danda’uun ni adabama.

 

Kutaa Lama

Aangoo Loltummaatti Seeraan Ala Fayyadamuu

Keewwata 291. Dirqama Tajaajilaa Irra Seeraan Ala Bilisa Taasisuu

1.     Namni kamiyyuu, aangoo hojii yookiin loltummaa kennameef hanga isaa irra dabarsuun yookiin aangoodhuma isaa kanaan seeraan ala fayyadamuun nama biroo dirqama tajaajila loltummaa isaa irraa bilisa kan taasise yoo ta’e;

Yooxiqqaate hidhaa salphaa ji’a jahaan ni adabama.

2.     Yakkichi kan raawwatame mallattoon balaa waraanaa yommuu kennametti, waraanni ittariiyommuu labsamettiyookiin yeroo waraanaa yoo ta’e; adabbichi hidhaa cimaa waggaa kudhan hin caalee ni ta’a.

Keewwata 292. Gocha Humnaafi Dhaadannoo Qaama Gadi Aanaa Irratti Raawwatamu

1.     Miseensi raayyaa ittisaa kamiyyuu, nama ajaja isaa yookiin isaajala jiru irratti kan dhaadate,  harka darbuu kan raawwate, yookiin hariiroo nama kana waliin qabuun kan isa salphise yoo ta’e; Hidhaa salphaa waggaa tokko hin caalleen ni adabama.

2.     Yakkichi kan raawwatame garjabinaan yookiin gochaa humnaatiin, meeshaa waraanaatiin yookiin meeshaa balaafamaa biroon yoo ta’e; adabbichi hidhaa salphaa waggaa shan hin caalleen ta’a.

Kutaa Sadii

Yakkoota Hojiiwwan Tajaajila Loltummaa cabsuun Raawwataman

Kutaa Xiqqaa Tokko

Yakkoota Sirnootaafi Naamusa Gaarii Haala Balaaf Saaxiluun Raawwataman

 

 

Keewwata 293.  Dambiilee Waliigalaa Tajaajila Cabsuu

1.     Miseensi raayyaa ittisaa Kamiyyuu, dambii sirnaa darbuunala /Keewwata 791/ kan ta’an, ajajoota yookiin damboota hojii tajjaajilaawaliigalaa humnoota ittisaa itti yaadee kan cabse yoo ta’e; Hidhaa salphaa ji’a jaha hin caalleen ni adabama.

2.     Yakkichi kan raawwatame mallattoon balaa waraanaa yommuu kennametti, waraannii ittariiyommuu labsametti yookiin yeroo waraanaatti yoo ta’e; adabbichi hidhaa salphaa waggaa shan hin caalle ni ta’a.

3.     Yakkichi kan raawwatame dagannoon ta’ee, yeroo nagaatti yoo ta’e, adabbichi adabbii naamusaa /discipline/ ni ta’a; yeroo waraanaatti yookiin haala cimaa birootti yoo ta’e, garuu hidhaa salphaa waggaa tokko hin caalle ni ta’a.

Keewwata 294.  Odeeffannoo Guutuu Yookiin Sirrii Hin Taane Keennuu.

1.     Aangoon yookiin hojiin loltummaa isaa gabaasayookiinibsaofiiselaa/official/ qopheessuu yookiin unkaa sanadaa tajaajilaa guutuu kan ta’e, namni kamiyyuu:

(a)             ittiyaadee ijoo dubbii yookiin dubbii dhugaa kan jijjiire yookiin kan dhokse yookiin sanada mallattoo isaatiin mirkanaa’uu qabu irratti tarreeffama yookiin lakkoofsa kamiyyuu osoo hin guutiin kan dhiise yoo ta’e; hidhaa salphaa waggaa lamaa hanga waggaa shanii gahuu danda’uu ni adabama.

(b)             dirqama hojii isaa ta’ee osoo jiruu, diduun qaboo yaa’ii, gabaasa yookiin ibsa osoo hin qopheessiin yookiin osoo hin ergiin kan hafe yoo ta’e; hidhaa salphaa waggaa shan hin caalleen ni adabama.

2.     Yakkichi kan raawwatame dagannoon yoo ta’e;

Adabbichi hidhaa salphaa waggaa sadii hin caalle ni ta’a.

3.     Hayyama boqonnaa argachuuf yookiin yeroo isaa dheeressuuf yaaduun abbaa aangoo dhimmichi ilaallatu jalaa dhugaa isaa kan dhokse yookiin abbaa aangoo kanaaf mirkaneessa sobaa kan dhiheesse miseensi raayyaa ittisaa kamiyyuu, hidhaa salphaan ni adabama.

4.     Yakkichi kan raawwatame, mallattoon balaa waraanaa yommuu kennametti, waraanni ittarii  yommuu labsametti yookiin yeroo waraanaatti yoo ta’e; yookiin yakkichi balaa cimaa ta’e kan hordofsiisudanda’u yoo ta’e;

Adabbichi hidhaa salphaa waggaa shan hin caale ni ta’a.

Keewwata 295. Machaa’anii Argamuu

1.                      Miseensi Raayyaa Ittisaa kamiyyuu;

(a)             hojii loltummaa irra yeroo jirutti irra daddeebi’ee kan machaa’e yoo ta’e; yookiin 

(b)             machaa’ee naamusa kan cabse yookiin ummata kan jeeqe yoo ta’e; Hidhaa salphaa ji’a sadii hin caalleen ni adabama.

2.                      Namni maachaa’e kun, meeshaan nama biroo irratti kan dhaadate yookiin balaafamaa ta’ee kan mul’ate yoo ta’e; hidhaa salphaa waggaa tokko hin caalleen ni adabama. Keewwata 296.  Naamusaa/Discipline/ Ala Ta’uu Miseensi raayyaa ittisaa kamiyyuu:

(a) hayyama malee buufata waraanaa isaatii, mana jireenyaa loltummaa isaatii yookiin dahannoo waraanaa isaatii kan deeme yookiin ajaja malee yookiin hayyama malee akka hin geenye bakka dhorkame yookiin naannoo hayyamameefiin alatti kan argame yoo ta’e; yookiin

(b) lola, goolii yookiin jeequmsa keessatti hirmaataa kan ta’e, yookiin gocha kana akka dhiisuuf ajaja hogganaan olaanaa tokkoo kenneef diduun kan morme yoo ta’e; yookiin

(c)  hospitaala ciisee yookiin daddeebiin yommuu yaalamu dhukkubsattootaaf iddoo aaragalfannaa ta’e yookiin bakka biroo kamiyyuutti haala isaa caalaattiwalxaxaa taasisuuf yookiin hammeessuuf yookiin yeroo yaalaa isaa haala dheeressuu danda’uun naamusaan ala kan ta’e yookiin ajaja kan hin kabajne yoo ta’e; yookiin 

(d) haala biroo kamiiniyyuu, jechaan, sochii qaamaan (maallattoon) yookiin gochaan, sirna gaarii yookiin naamusa loltummaa kan jeeqe yoo ta’e;

Hidhaa salphaa waggaa sadii hin caalleen ni adabama.

Keewwata 297.Hogganaa Ol’aanaa Yookiin Miseensa Gonfaan Isaan Walqixa Ta’e Irratti Arrabsoo, Dhaadannaafi Harka Darbuu Raawwatamu.

1.     Miseensi raayyaa ittisaa kamiyyuu, hogganaa ol’aanaa yookiin miseensa gonfaan isaan walqixa ta’e tokko kan arrabse, kan itti dhaadate, kan isa jeeqe yookiin harkaa darbuu kan irratti raawwate yoo ta’e;

Hidhaa salphaan ni adabama.

2.     Gochichi kan raawwatame gocha humnaan yookiin meeshaa waraanaan, wanta balaafamaa ta’een yookiin meeshaa akaakuu kamiiniyyuu yoo ta’e;

Adabbichi hidhaa cimaa waggaa shan hin caalleen ni ta’a.

3.     Yakkichi kan raawwatame mallattoon balaa waraanaa yommuu kennametti, waraanni ittarii yommuu labsameettiyookiin yeroo waraanaatti yoo ta’e; adabbichi yakka keewwata xiqqaa (1) jalatti ibsameef hidhaa cimaa waggaa shan hin caalle, keewwata xiqqaa (2) jalatti ibsameef hidhaa cimaa waggaa kudhan hincaallee ni ta’a.

Keewwata 298. Hogganaa Ol’aanaaf Ajajamuu Dhabuu.

1.     Miseensi raayyaa ittisaa kamiyyuu, itti yaadee ajajaa ol’aanaa isaatiin yookiin abbaa aangoo loltummaa dhimmichi ilaallatuun hojiichailaalchisee jechaan, barreeffamaan, mallattoon yookiin karaa biroo kamiiniyyuu kallattiin isumaaf yookiin kutaa waraanaa inni keessatti argamuuf ajaja kenname kamiiniyyuu osoo hin raawwatin kan hafe yookiin raawwachuu kan dide yoo ta’e; Hidhaa cimaa waggaa shan hincaalleen ni adabama.

2.     Yakkichi kan raawwatame mallattoon balaa waraanaa yommuu kennametti, waraanni ittarii yommuu labsametti yookiin yeroo waraanaatti yoo ta’eefi diddaan isaas kutannoon yoo ta’e; adabbichi hidhaa cimaa waggaa kudha shan hin caalle ni ta’a.

3.     Yakkichi addatti cimaa ta’ee,diddaan isaas kan raawwatame diina duratti yoo ta’e; adabbichi hidhaa cimaa umurii guutuu yookiin du’aa ni ta’a.

 

 

Keewwata 299. Fincila Loltummaa

1.     Miseensi raayyaa ittisaa kamiyyuu loltoota biroo waliin gamtaa’uunwalga’ii  seera qabeessa hintaane irratti hirmaachuun yookiin haala biroo kamiiniyyuu hogganaa ol’aanaa yookiin abbaa aangoo loltummaa irratti, yookiin hogganaa ol’aanaa yookiin abbaa aangoo loltummaa mormuun ajajamuu dhabuu raawwatameen sochii mormuu, dhaadachuu, gocha humnaa yookiin harka darbuu keessatti hirmaataa yoo ta’e;

Hidhaa cimaa waggaa kudha shan hincaalleen ni adabama.

2.     Yakkichi kan raawwatame mallattoon balaa waraanaa yommuu kennametti, waraanni ittariiyommuu labsametti yookiin yeroo waranaatti yoo ta’e; adabbichi hidhaa cimaa waggaa shanii hanga waggaa digdamii shanii gahuu danda’u, yookiin dubbichi cimaa yommuu ta’etti, hidhaa umurii guutuu yookiin du’a ni ta’a.

3.     Gaggeessitoonni yookiin gurmeessitoonni fincilichaa daangaaleen adabbii armaan olitti ibsaman osoo hindarbamin adabbiif haala cimaa adda ta’een/keewwata 84(1) (d)/ ni adabamu.

Keewwata 300. Fincila Loltummaa Kaasuuf Korannaa YookiinGamtooma Taasifamu.

1.     Namni kamiyyuu, fincilli loltummaa yookiin sochiin seeraan alaa akka ka’u qopheessuuf kanneen biroo waliin kan korate yookiin kan gamtaa’eyoo ta’e;

akka haala dubbichaatti hidhaa salphaan yookiin hidhaa cimaa waggaa kudhan hincaalleen ni adabama.

2.     Yakkichi kan raawwatame mallattoon balaa waraanaa yommuu kennametti, waamicha ittarii yommuu labsametti yookiin yeroo waraanaatti yoo ta’e; adabbichi hidhaa cimaa waggaa sadii hanga waggaa digdamaa gahuun ta’a.

Keewwata 301. Fincilli Loltummaa Akka Taasifamu Kakaasuufi Yaalii Kakaasuu, Miiltummaafi Yaalii

Miiltummaa

Mallattoon balaa waraanaa yommuu kennametti, waraanni ittarii yommuu labsametti yookiin yeroo waraanni jirutti fincilli loltummaa akka taasifamu kakaasuun yookiin yaaliin kakaasuu, miiltummaan yookiin yaaliin miiltummaa hidhaa salphaan ni adabasiisa /keewwata27(2), 36 (2), 37(3)/.

Keewwata 302. Waardiyyaa, waardiyyaa Eegumsaafi waardiyyaa sonii (Xuwaarsaa) Irratti Yakka Raawwatamu.

Arrabsoon, dhaadannaan, harka darbuun, gocha humnaa, ajajamuu dhabuun yookiin fincilli waardiyyaa hojii isaa raawwachaa jiru irratti, waardiyyaaeegumsaa yookiin waardiyyaa sonata (xuwaarsaa) irratti raawwatamu bu’uura keewwata 298 jalatti tumameen ni adabsiisa.

Kutaa Xiqqaa Lama

Yakkoota Dirqama Eegumsa Yookiin Ajajoota cabsuun Raawwataman

Keewwata 303. Dirqama Eegumsa Cabsuu.

1.     Miseensi raayyaa ittisaa kamiyyuu:

(a)             itti yaadee yookiin dagannoon, machiin yookiin sababa biroon hojii waardiyyummaa isaa raawwachuuf haala isa hin dandeessifne irratti kan argame yoo ta’e; yookiin

(b)             hojii waardiyyummaa isaa eeyyama malee kan dhiise yookiin abbaan darabee biroon osoo bakka isaa hin bu’iin hojii isaa irraa kan dhabame yoo ta’e; Hidhaa salphaadhaan ni adabama.

2.     Yakkichi kan raawwatame mallattoon balaa waraana yommuu kennametti, waraanni ittarii yommuu labsametti yookiin yeroo waraanaatti yoo ta’e; adabbichi hidhaa cimaa waggaa torbaa hincaalle ni ta’a.

3.     Yakkichi kan raawawatame itti yaadamee diina duratti yoo ta’e; adabbichi hidhaa cimaa waggaa shanii hanga waggaa digdamii shanii ga’u; yookiin dubbichi cimaa yommuuta’etti hidhaa umurii guutuu yookiin du’aa ni ta’a.

Keewwata 304. Ajaja Loltummaa Cabsuu

1.     Namni kamiyyuu waardiyyaa idileef, loltuu waardiyyummaa dhaabbateef, waardiyyaa sonii (xuwaarsaa), loltuu eegduu, yookiin nama hojiilee kana fakkaatan raawwatu kamiifuu gocha ajaja kennameefiin faallaata’e kan raawwate yoo ta’e; Hidhaa salphaan ni adabama.

2.     Yakkichi kan raawwatame:

(a)             iddo humni elektriikaa yookiin jaarmiyaa ibsaa kennu jiru, hidhaa, ittisa bishaanii, kuusa bishaanii, da’oo doonii, jaarmiyaalee buufata doonii, yookiin jaarmiyaalee eegumsaa, Riqichoota, cee’umsoota slululaa/allayyootaa/ daandiwwan darbiinsaa faayidaa ol’aanaa qaban; yookiin

(b)             meeshaalee, harkifamtoota baaburaa, yookiin iddoo meeshaaleen motoraan sossocho’an itti argaman, doononni iddoo qofa’atanii dhaabbatan, man-kuusii meeshaaleen keessa kuusaman yookiin iddoo biroo iddoo meeshaaleen waraanaa, rasaasni, wantootni dhoo’an, boba’oonni yookiin meeshaaleen galaa itti kuufaman; yookiin

(c)             daangaa yookiin iddoo balaafamaa ta’e ajaja addaa eegumsa ilaalatu mormuun yoo ta’e;  Adabbichi hidhaa salphaa ji’a jahaa gadii hin taane ni ta’a.

3.     Yakkichi kan raawwatame mallattoon balaa waraanaa yommuu kennametti, waraanni ittarii yommuu labsametti yookiin yeroo waraanaatti yoo ta’e; adabbichi hidhaa cimaa waggaa torba hin caallee ni ta’a.

Keewwata 305. Ajaja Seeraan Ala Ibsuu Yookiin Jijjiiruu Yookiin Haala Maluun dabarsuu Dhabuu

1.     Miseensi raayyaa ittisaa kamiyyuu hojii  tajaajila isaa irra taa’ee, garuu ganuun osoo hin ta’iin:

(a)             jecha mirkaneessaa,jecha haa darbuu, yookiin ajaja iccitii nama itti himamuu hin qabnetti kan ibse yoo ta’e; yookiin

(b)             nama iccitichi ibsamuufii qabutti yoo ta’e illee, jecha mirkaneessaa fuudhe, jecha haa darbuu yookiin ajaja iccitii waliin kan wal hin fakkaanne jecha akaakuubiroo beekaa kan dabarse yoo tahe; yookiin

(c)             ergaa dabarsuu qabu osoo hin dabarsiin kan hafe yoo ta’e;

Hidhaa salphaan yookiin hidhaa cimaa waggaa kudhan hin caalleen ni adabama.

2.     Yakkichi kan raawwatame mallattoon balaa waaraanaa yommuu kennametti, waraanni ittarii yommuu labsametti yookiin yeroo waraanaatti yoo ta’eefi raawwiin isaa:

(a)             dagannoon yommuu ta’u, adabbichi hidhaa salphaa waggaa shan hin caalle ta’a.

(b)             itti yaadamee yoo ta’u; adabbichi hidhaa cimaa wagga digdama hin caalle nii ta’a.

Kutaa Xiqqaa Sadii

Amanamummaa Hir’isuunYakkoota Raawwataman

Keewwata 306. Mi’ootattiGarmalee Fayyadamuu Yookiin Qisaasuu

1.     Namni kamiyyuu meeshaalee waraanaatiin, rasaasotaan, hidhannoo loltummaatiin, meeshaaleen, konkolaattotaan, beelladootaan yookiin mi’oota biroo imaanaan itti kenname yookiin harkatti galfateen yookiin sababa hojii isaatiin yookiin loltummaa isaatiin argate kan fakkaatan kamiyyuutti garmalee kan tajaajilame, kan ergise yookiin wabummaan kan qabsiise yoo ta’e;

Hidhaa cimaa waggaa torba hin caalleen yookiin yakkichi salphaa yoo ta’e hidhaa salphaa ji’a sadii gadi hin taaneen ni adabama.

2.     Namni kamiyyuu,mi’oota armaan olitti keewwata xiqqaa (1) jalatti tarreeffaman kan gurgure, kan balleesse, kan gate, kan mancaase, kan qisaase yookiin kan barbadeesse yoo ta’e; seera kana tumaa biroon kan adabamu yoo ta’e malee; tajaajilli loltummaan isaa yookiin loltummaan isaa erga xumuramee booda yoo ta’e illee;

 Hidha cimaa waggaa kudha shan hin caalleen ni adabama

3.     Meeshaan yookiin miini yakki irratti raawwatame nageenya biyyaaf baayyeebarbaachisaa yoo ta’e; adabbichi hidhaa cimaa waggaa digdamii shan hin caallee ni ta’a.

4.     Yakkichi kan raawwatame yeroo waraanaatti yoo ta’e; adabbichihidhaa cimaa waggaa shanii hanga waggaa digdamii shanii, dubbichi cimaa yoo ta’e umurii guutuu ni ta’a.

 

 

Keewwata 307. Faayidaa Hin Malle Argachuu Yookii Seeraan Ala Balleessuu.

1.     Namnii kamiyyuu galaa, maallaqa, mi’a, boba’aa yookiin qabeenyabiroololtootaa kamiiniyyuu akka eeguuf, to’atuuf, hojii isaa geggeessuuf, bituuf yookiin raabsuuf itti gaafatamummaan kennameefii:

(a)             karaa seeran ala ta’een kan itti faayyadame yookiin haala kamiiniyyuu gatiin isaa akka gadi bu’u kan taasise yoo ta’e; yookiin

(b)             sababa qabeenyichaan faayidaa kamiiniyyuu kan fudhate yookiin akka isaaf kennamu kan sossobe, yookiin haala kamiiniyyuu yoo ta’e,nyaata, galaa, hidhannoo lolaa, mi’a bitame yookiin mi’a biroo manami’a, iddoo buufata waraanaa, hoteela, bakka walgahii, yookiin manaloltummaa kamiyyuu tokko keessa jiru hojii bituu, gurguruu, yookii raabsuu isaa irratti faayidaa hin malle kan fudhate yookiin akka kennamuuf kan kakaase yoo ta’e;

Gochichi akka amantaa hir’isuu, gaggeessummaa hojii dabaa, matta’aa, hojii mootummaa irratti dirqisiisuu yookiin kan kana fakkaatan ta’ee, yakkootuma kanaan kan hin adabsiisne yoo ta’e;  hidhaa salphaan, yookiin dubbichi cimaa yeroo ta’utti hidhaa cimaa waggaa kudhan hin caalleen ni adabama.

2.     Yakkichi kan raawwatame yeroo waraanaatti yoo ta’e; adabbichi hidhaa cimaa waggaa digdama hin caalle ni ta’a.

Kutaa Afur

Nageenya, Hamilee Yookiin Humna Raayyaa Ittisaa IrrattiYakkoota Raawwataman

Keewwata 308.  Balaa Beeksisuu Dhabuu

1.     Miseensi raayyaa ittisaa kamiyyuu, haalli tarkaanfiin loltummaa battalumatti irratti fudhatamuu qabu jiraachuu isaa osoo beekuu ajajaa isaatti, abbaa aangoo loltummaatti yookiin kutaa waraanaatti otuu hin beeksisiin kan hafe yoo ta’e; Hidhaa salphaan ni adabama.

2.     Yakkichi kan raawwatame mallattoon balaa waraanaa yeroo kennametti, waraanni ittarii yeroo labsametti, yookiin yeroo waraanaatti yoo ta’e, adabbichi hidhaa cimaa waggaa kudha shan hin caalle ni ta’a.

3.     Fincila loltummaa, balaa yookiin karooragantummaa beeksisuu dhabuun bu’uura tumaalee rogummaa qabaniin ni adabsiisa/Keewwata 335/.

Keewwata 309. Eeggannoo Nageenyaa Barbaachisaa Ta’e Fudhachuu Dhabuu

1.     Qondaalli ajajaan tokko yookiin  namni biroo tajaajila raayyaa ittisaa keessatti argamu kamiyyuu, itti yaadeeshaakala loltummaa yookiin dhimma tajaajila ilaallatuun caarraa yeroo kamittiiyyuu tarkaanfilee eeggannoo yookiin nageenyaa lubbuu yookiin fayyaa namootaa, yookiin belladootaa eeguuf barbaachisan kaka’umsa ofiin qopheessuu dhabuu isaan; yookiin kuusaalee mi’aa, buufatalee waraanaa, hojiilee qabatamoo, meeshaalee hojii yookiin mi’ootabiroohojii itti gaafatmummaa isaan eegamansirritti akka eegaman yookiin nageenyi isaanii akkamirkanaa’uu taasisuu dhabuu isaan balaan akka isaanirra gahuuttiifi haala yaaddessa irratti akka argaman kan taasise yoo ta’e; Akkuma haala dubbichaatti hidhaa salphaan, yookiin hidhaa cimaa waggaa shan hin caalleen ni adabama.

2.     Balleessichi yakkicha kan raawwate dagannoon yoo ta’e, gochicha adabbiin naamusaa qofti kan isa hin geenye ta’ee yoo argame hidhaa salphaa waggaa tokko hin caalleen ni adabama.

3.     Yakkichi kan raawwatame mallattoon balaa waraanaa yeroo kennametti waraanni ittarii yeroo labsametti yookiin yeroo waraanaatti ta’ee:

(a)             itti Yaadamee yommuu tahu, adabbichi hidhaa cimaa waggaa torba hin caalle, yookiin balleessichi miidhaa cimaa kan hordofsiise yoo tahe hidhaa cimaa waggaa kudhan hin caalle ni ta’a.

(b)             Yakkichi kan raawwatame dagannoon yoo tahe, adabbichi hidhaa salphaa waggaa sadii hin caalle ni ta’a.

 

 

Keewwata 310. Mallattoo Balaa SobaTa’e Kennuu

1.     Namni kamiyyuu, itti yaadee yeroo deemsa lootummaa yookiin boqonnaatti, dirree yookiin buufata waraanaatti, doonii waraanaa tokko irratti, bakka buufata xiyyaaraatti yookiin bakka biroo kamiyyuutti keessumattuu, meeshaa waraanaa luqqifachuun, dhukaasuun, dibbeerukutuun, fiingee afufuun mallattoon, iyyaan, sochii qaamaan yookiin tooftaabiroo kamiyyuu fayyadamuun mallattoo balaa soba ta’e kan kenne yoo ta’e;

 Hidha cimaa waggaa shan hin caalleen ni adabama.

2.     Yakkichi kan raawwatame mallattoon balaa waraanaa yeroo kennametti,waraanni ittarii yeroo labsametti, yookiin yeroo waraanaatti yoo ta’eefi seera kana tumaa biroon addatti adabbii olka’aa  ta’een kan adabsiisu yoo ta’uu baate; adabbichi hidhaa cimaa waggaa  torba hin caalle ni ta’a.

3.     Yakkichi kan raawwatame dagannoon yoo ta’e, adabbichi gocha keewwata xiqqaa (1) jalatti ibsameef hidhaa salphaa waggaa tokkoo hin caalle; gocha keewwata xiqqaa (2) jalatti ibsameef ammoo hidhaa salphaa waggaa lama hin caalle ni ta’a.

Keewwata 311. Raayyaa Ittisaa Abdii Kutachiisuu

1.     Miseensi raayyaa ittisaa yookiin ajajaan waraanaa kamiyyuu amala yeroo  keewwata kana keewwata xiqqaa (2) jalatti kaa’ameen alatti agarsiisuun, keessumattuu karaa faallaa ajaja isaa kennameen mataadhokfachuun (baqachuun), meeshaa waraanaa isaa, hidhata isaa yookiin rasaasota isaa gatuun loltoota gidduutti soda facaasuun naamusa dhabuun yookiin joonja’iinsaaf sababa ta’uun yookiin haalonni akkasii akka hin uumamne yookiin akka maqfaman gochuuf eeggannoo barbaachisuu raawwachu dhabuun hamilee loltootaa kan tuqe yoo ta’e; Hidhaa cimaa waggaa digdamii shan hin caalleen ni adabama.

2.     Yakkichi kan raawwatame yeroo waraanaatti yookiin waraanaan dura xiqqoo dursee yookiin battaluma waraanni raawwatetti yoo ta’e; adabbichi hidhaa cimaa waggaa shanii gadi hin taane ni ta’a.

3.     Yakkichiifi bu’aan inni hordofsisu cimaa ta’ee yommuu argamutti, adabbichi hidha cimaa umurii guutuuyookiin akkuma haala dubbichaatti du’a ta’uu ni danda’a.

Keewwata 312.Sodaattummaa

Miseenssi raayyaa ittisaa kamiyyuu diina duratti sodaan:

(a) meshaa waraaana isaa kaasuuf yookiin itti fayyadamuuf didaa yoo ta’e; yookiin

(b) osoo hin ajajamiin kan dhokate, kanbaqate yookiin iddoo waraanaa isaaf kenname kan gadhiise yoo ta’e; yookiin

(c)  hiriyoonni isaa yookiin miiltoleen isaa osoo hin ajajamin akka dhokatan, akka baqatan, yookiin iddoo waraanaa isaaniif kenname akka gadhiisan kan kakaase yoo ta’e;

Baayyee yoo xinnaate hidhaa cimaa waggaa shanii hanga waggaa digdamii shanii gahuu danda’uun, yookiin dubbichi baayyee cimaa yoo ta’e hidhaa umurii guutuun yookiin du’aan ni adabama.

Keewwata 313.  Diinatti Harka Kennuu

Ajajaan waraanaa yookiin miseensii rayyaa ittisa kamiyyuu:

(a) waraanarratti yookiin diina duratti loltummaa isaatiin raawwachuu kan qabu akka haalichaatti waan isa irraa eegamu hunda osoo hin raawwatiin waraana kan dhaabe, faajjii araaraa kan ol-qabe, ergamaa kan erge, yookiin faajjii isaa kan gadi buuse yookiin miiltolee isaa waliin ta’uun diinatti harka kan kenne yoo ta’e; yookiin

(b) itti gaafatamummaa isaa jala kan jirandoonii waraanaa, xiyyaara, taankii yookiin meeshaa waraanaa kamiyyuu karaa ittiin baraaruu danda’un barbaadee waan isaaf danda’amu hunda osoo hin raawwatiin; dhiisee kan deeme, kan gadi dhiise, kan mancaase yookiin diinaaf dabarsee kan kenne yoo ta’e; Yookiin

(c)  ittisuuf raawwachuu kan qabu hunda osoo hin raawwatiin da’oo guddaa, magaalaa, buufata doonii, yookiin buufata xiyyaaraa, buufata waraanaa yookiin bakka da’oo waraanaa diinaaf kan gadhiise yoo ta’e;

Hidhaa cimaa umurii guutuun yookiin du’aan ni adabama.

Keewwata 314.Meeshalee Waraanaa Akka Guutamanitti Dhiisuu

1.     Miseensi raayyaa ittisaa yookiin qondaalli ajaja waraanaa kamiyyuu yeroo waraanaatti, kallattii xiyyeeffaannoo waraanaa,  bafataalee, manneen aaragalfii, rasaasota, meeshaalee waraanaa, mi’oota tajaajila waraanaaf oolan biroo, riqichoota, karaa ce’umsa sululaa, hadiida baaburaa, yookiin mi’oota ittisa biyyaatiif tilmaama guddaa qaban tajajilaan ala gochuuf, mancaasuuf, waan isaa danda’amuu hunda osoo hin raawwatiindinaaf kan dhiise yoo ta’e;

Hidhaa cimaa waggaa digdama hin caalleen yookiin badichi cimaa yeroo ta’utti hidhaa cimaa umurii guutuun ni adabama.

2.     Yakkichi kan raawwatame dagannoon yoo ta’e; adabbichi hidhaa salphaa ji’a jahaa hanga waggaa shanii gahuu danda’uun ni ta’a.

Keewwata 315. Uffata Seeraa Yookiin Meeshaa Waraanaa Dinaatti Seeraan Ala Fayyadamuu

1.     Miseensi rayyaa ittisaa kamiyyuu uffata seeraa diinaa, asxaa yookiin meeshaa waraanaa haala dogoggorsuun yookiin miidhaa geessisuun uffatee yookiinosoo itti fayyadamuu kan argame yoo ta’e;

Hidhaa cimaa waggaa shan hin caalleen ni adabama.

2.     Yakkichi kan raawwatame, keessumattuu yeroo waraanaatti ta’ee gochichi dogongorsa yookiin miidhaa olaanaa kan hordofsiise yoo ta’e, adabbichi hidhaa cimoo waggaa kudha shan hin caalle ni ta’a.

Keewwata 316 . Miseensa Madaa’e Yookiin Du’e Dhiisanii Deemuu

1.     Miseensi raayyaa itisaa kamiyyuu miseensa dirree waraanaaatti madaa’e yookiin du’e osoo hin kaasiin yookiin dhiisee deemuun harka diinaatti akka kufu kan taasise yoo ta’e; Hidhaa cimaa waggaa Kudhan hin caalleen ni adabama.

2.     Hakiimiin loltuu kamiyyuu dirqama isaa yookiinhojii isaa raawwachuu dhabuun miseensa dirree waraanaatti madaa’ee tokkoof yaala barbaachisu kennuu dhabuu isaan, namni madaa’a’e sun kan du’e yookiin miidhaa cimaan kan irra ga’e yoo ta’e;adabbii keewwata kana keewwata xiqqaa (1) jalatti tumameen ni adabama.

3.     Yakkichi dantaa biyyaa yookiin hamilee raayyichaa irratti miidhaa olaanaa kan hordofsiise yoo ta’e; adabbichi hidhaa cimaa umurii guutuu yookiin du’a ni ta’a.

Keewwata 317. Qabeenya Miseensa Madaa’e Yookiin Du’e Harka Jiru Irratti Yakka Raawwatamuu.

Miseensi raayyaa ittisaa kamiyyuu badhaadhina hin mallee argaachuuf yaadee miseensa dirree waraanaa irratti madaa’e yookiin du’erraa qabeenya mootummaa yookiin kan biroo kamiiniyyuu kan fudhate yoo ta’e; Hidhaa cimaa waggaa kudhan hin caalleen ni adabama.

Kutaa Shan

Tumaalee Waliinii

Keewwata 318. Yakkoota Siviilonni Yookiin Milishonni Raawwatan.

Miseensi siviilii yookiin milishaa dirqama dirree waraanaa biyya keessas ta’e biyya alaa irratti argamu, bu’uura tumaalee mata duree lammaffaa armaan olii/keewwata 269-283/ jalatti ibsamaniin seerota addunyaalessaa cabsuunyakkoota raawwatuun itti gaafatamaa ta’uun isaa akkuma eegametti ta’ee tumaaleen keewwata 284-317 tti jiran irratti raawwatamaa ni ta’u.

Ta’us, yakkoota akaakuu tokko haala walfakkaataa ta’een raawwatamaniif akka miseensa raayyaa ittisaatti manni murtichaa adabbicha itti hin cimsu.

Keewwata 319. Yakkoota Booji’amtootni Waraanaafi To’atamtoonni Loltuu Raawwatan

1.     Booji’amaan waraanaa yookiin to’atamaan loltuu daangaa Itoophiyaa keessatti yookiin abbaa angoo loltuu yookiin sivilii Itiyoophiiyaa jalatti argama bu’uura tumalee maata duree lama (2) kanaan dura jalatti ibsamaniin seerota addunyaalessaa darbuun yakkoota raawwatuun itti gaafatamaa ta’uun isaa akkuma eegametti ta’e, yakka loltummaa raawwatu kamiifuu adabbiilee maallaqaa yookiin naamusan ala tumaaleen idilee mata duree kanaa irratti raawwatamoo ni ta’u.

2.     Balleessichi yakkoota loltummaa hin taane kan raawwate yoo ta’e,adabbileenseera kanaan yakkoota idileef tumaman irratti raawwatamoo ni ta’u.

Keewwata 320.Dirqama Loltummaa Cabsuun Yakkoota Qondaalonniifi Ajajaan Qondaalotaa Raawwatan

Tajaajiloota loltummaa, naamusa yookiin dirqama yookiin sirna loltummaa yookiin walumaa galatti tajaajiloota loltummaayookiin dirqamoota cabsuun qondaalli yookiinajajaan qondaalaatokko yakka kan raawwate yoo ta’e; mallattoo sadarkaa gonfa isaatiin garaagarummaan otuu irratti hin taasifamiin, fakkeenyummaa akka qabaatutti hanga badii balleesseenfiixee adabbiilee seera yakka kanaan tumaman otuu ol hin darbiin adabbii cimaan ni adabama.

Keewwata 321. Haalawwan Cimoof Adabbiilee Dabalata Ta’an 

yakkoonni hidhaa cimaan yookiin du’aan adabsiisan yommuu mudatan, raawwatichi yakkicha kan raawwate jaalala maallaqaan yoo ta’e;ajajaaqondaala waraanaa yoo ta’e, adabbii maallaqaa qarshii kuma shantama hin caalleen, ajajaa qoondaala yoo hin taane adabbii maallaqaa qarshii kuma digdamii Shan hin caalleen manni murtichaa dabalataan isa adabuu ni danda’a.

Balleessichi tajaajila isaa itti fufuuf yookiin gonfa isaa akka qabatetti jiraachuun kan isaa hin malle ta’ee kan argame yoo ta’e, gonfa isaa irraa akka gadi bu’u yookiin miseensummaa raayyaa ittisaa keessaa akka bahu dabalataan itti murtaa’uu ni dandaa’a.

Keewwata 322. Adabbiileen Naamusa Kan Eegaman Ta’uu Isaanii

Miseensi raayyaa ittisaa kamiyyuu seerota, damboota yookiin qajeelfamootaa fi ajajoota loltummaa dhaabbii keessatti kanneen ibsaman kan darbe yoo ta’eefi badichi xiqqaa ta’uusaatiin yakkaan kan isa hin gaafachiifne yeroo ta’u, bu’uura qajeelfama naamusaa raayyichaatiin adabbiin naamusaa irratti ni murta’a/Keewwata 792/.

Boqonaa Lama

Yakkoota Raayyaa Ittisaafi Miseensota isaanii irratti raawwataman

Kutaa Tokko

Yakkoota Miseensota Raayyaa Ittisaa Hojii Isaanii Raawwachaa Jiran Irratti Raawwataman

Keewwata 323.  Dirqamni Hojii Haala Hin Malleen Akka Raawwatamu Yookiin Akka Cabu Dirqisiisuu

Namni kamiyyuu dhaadannoon yookiin humnaan miseensi raayyaa ittisaa tokko hojii tajaajila isaa gar malee akka raawwatu yookiin tajaajila raawwachuu qabu akka hin raawwane kan dirqisiise yookiin dhorke yoo ta’e ;

Hidhaa salphaan yookiin adabbii maallaqaan ni adabama.

Keewwata 324. Miseensa Raayyaa Ittisaa Hojii Isaa Hojjechaa Jiru Irratti Miidhaa Raawwatamu

1.     Namni kamiyyuu miseensa raayyaa ittisaa hojii isaa hojjechaa jiru, osoo inni isa hin tuqiin kan itti dhaadate, kan miidhe yookiin kan harka itti darbe yoo ta’e; Hidhaa salphaa waggaa sadii hin caalleen ni adabama.

2.     Balleessichi meeshaa qabateen miidhamticha kan sodaachise yoo ta’e,yookiin gocha humnaa kan irratti raawwate yoo ta’e; adabbichi hidhaa salphaa ji’a jahaa hanga waggaa sadii gahuu danda’u ni ta’a.

Gochi kun miidhaa qaamaa cimaa yookiin du’a kan hordofsiise yoo ta’e, tumaaleen seeraa kan rogummaa qaban dabalataan raawwatamoo ni ta’u /keewwata66/.

 

 

 

 

Keewwata 325. Halawwan Ulfaatoo

Yakkoonni armaan olitti keewwata 323 yookiin 324 jalatti ibsaman kan raawwataman:

(a)             waardiyyaa, waardiyyaa loltuu, loltuu sonii (xuwaarsaa), poolisii loltuu yookiin abbaaaangoo loltuu biroo hojii isaa hojjechaa jiru irratti yoo ta’e; yookiin

(b)             qondaala loltuu yookiin ajajaa qondaala hojii isaan yookiin mallattoo gonfa isaan adda ba’uu danda’u irratti yoo ta’e;

Dhaadannichi yookiin miidhaan meeshaa waraanaa malee raawwatame sun qaama yookiin fayyaa namaa irratti miidhaa kan hin geessifne yoo ta’e, balleessichi hidhaa salphaa ji’a sadii gadi hin taaneen ni adabama; miidhaa humnaan yookiin meeshaa waaraanaan raawwatame yommuu tahu, balleessichi hidhaa salphaa ji’a jahaa gadi hin taaneen ni adabama.

Kutaa Lama

Raayyaa Ittisaafi Kutaalee Kenniinsa Tajaajila Deggersaa Isaanii IrrattiYakkoota Rawwataman.

Keewwata 326.  Dirqamoota Seeraa Yookiin Waliigaltee Cabsuu

1.     Namni kamiyyuu itti yaadee:

(a)             beelladoota, konkolaattota, nyaatawwan, yookiin mi’oota birootajaajila loltumaaf yookiin raayyaa ittisaaf barbaachisan kamiiyyuu dirqama seeraan dabarsanii kennuu yookiin dhiheessuu osoo qabuu, dirqama isaa kana sababa hin malleen osoo hin raawwatiin kan hafe yoo ta’e; yookiin

(b)             bu’uura dirqama waliigaltee seenen galaa, meeshaa, mi’a, yookiin mi’oota birootajaajila loltummaaf yookiin raayyaa ittisaaf dabarsee kennuuf yookiin dhiheessuuf waliigale kamiiniyyuu yookiin tajaajila hojiilee qabatamoof, gamooleef yookiin hojiilee uumataa/Pablic/ kan oolu wantoota kamiin iyyuu dirqama dabarsee kennuu yookiin dhiheessuu isaa osoo hin raawwatiin kan hafe yoo ta’e;yookiin

(c)             walumaagalatti raawwachuu kan qabu hojiilee, tajaajiloota, dirqamoota dabarsee kennuu yookiin harkaa fudhachuu kan to’ate yookiin kan harkaa fuudhe yookiin kan dabarsee kenne, dirqamoota waligaltee osoo hin hordofiin yookiin eeggannoo barbaachisu osoo hin taasisiin hafuu isaatii haala raayyaa ittisaa irratti miidhaa geessisuun boodatti hafe yookiin hojii isaa osoo hin raawwatiin hafeera yoo ta’e;

Hidhaa salphaan yookiin adabbii maallaqaatiin ni adabama. Yakkichi baayyee cimaa yoo ta’e; hidhaa cimaa waggaa kudhan hin caalleen ni adabama.

2.     Yakkichi kan raawwatame dagannoon yoo ta’e; adabbichi akkuma haala dubbbichaatti hidhaa salphaayookiin adabbii maallaqaa ni ta’a.

3.     Yakkicha kan raawwate jaarmiyaa namummaan seera kennameefiin yoo ta’e, tumaaleen seera kanaa keewwata 90 isarratti raawwatamoo ni tahu.

Keewwata 327. Hojii Daba

1.     Namni kamiyyuu ittiyaadee:

(a)           raayyaa ittisaaf akka tajaajilan kan hundeeffaman hojiilee qabatamoo, mi’oota, meeshaalee yookiin wanta biroo kamiiniyyuu kan diige, kan mancaase, yookiin tajaajilaan ala akka ta’an kan taasise yoo ta’e; yookiin

(b)           muudamaan yookiin abbaan aangoo tokko tajaajila raayyaa ittisaaf kennuu akka hin raawwanne kan dhorke, yookiin tajaajilicha kan jeeqe yookiin balaarra kan buuse yoo ta’e; Hidhaa cimaa waggaa kudhan hin caalleen ni adabama.

2.     Yakkichi kan raawwatame dagannoon yoo ta’e;

Adabbichi hidhaa salphaa yookiin adabbii maallaqaa ni ta’a.

3.     Yakkoonni humna ittisaa mootummaa irratti raawwataman bu’uura keewwata 247 tiin kan adabsiisan ni ta’u.

Keewwata 328. Mi’ootaLoltummaan Daldaluu.

1.     Namni kamiyyuu itti yaadee,mi’oota qaamolee bulchiinsaa raayyaa ittisaan dhaalamanii, yookiin raayyaa ittisaaf akka tajaajilan seeraan ummata irraa fudhatamaniitajaajilaa irra jiran, karaa seeraan ala ta’een kan ergise, idaan kan qabsiise, ergisaan yookiin qabsiisaan kan fudhate yoo ta’e; Hidhaa salphaan yookiin adabbii maallaqaan ni adabama.

2.     Namni kamiyyuu mi’oota armaan olitti keewwata xiqqaaa(1) jalatti ibsaman kan gurgure, kan bite, yookiin guutummaatti faayidaa ofiif kan oolfate yookiin kan balleesse, kan diige, yookiin tajaajilaan ala kan taasise yoo ta’e;

Yoo xiqqaate hidhaa salphaa ji’a jahaan ni adabama.

3.     Dubbichi ulfaataayommuu ta’utti, hidhaa cimaa waggaa shan hin caalleen ni adabama.

4.     Yakkicha kan raawwate jaarmiyaa namummaan seeraa kennameef yoo ta’e, tumaaleen seera kana keewwata 90 irratti raawwatamoo ni ta’u.

Keewwata 329. Uffata Seeraa, Mallattoofi Badhaasa Raayyaa Ittisaa Seeraan Ala Oomishuufi Daldalaaf Naanneessuu.

1.     Namni kamiyyuu, osoo hin hayyamamiiniif uffatoota seeraa loltummaa, mallattoolee yookiin badhaasota kan hojjete, kan kuuse, gurgurtaaf kan dhiheesse yookiin kan gurgure, kan bite yookiin karaa biroo kamiiniyyuu harkatti kan galfate yoo ta’e;

Hidhaa salphaan yookiin adabbii maallaqaan ni adabama.

2.     Yakkicha kana raawwate jaarmiyaa namummaan seeraa kennameef yoo ta’e, tumaaleen seera kana keewwata 90 irratti raawwatamoo ni ta’u.

Keewwata 330. Uffata Seeraa, Mallattoofi Badhaasa Raayyaa IttisaaSeeraan AlaUffachuu.

 Namni kamiyyuu osoo hin hayyamamiiniif uffatoota seeraa loltummaa, mallattoolee yookiin badhaasota uffatee yookiin keewwatee kan argame yoo ta’e;

Hidhaa salphaa ji’a jaha hin caalleen yookiin adabbii maallaqaa qarshii dhibba shan hin caalleen ni adabama.

 

 

 

Keewwata 331.  Tarkaanfilee Eeggannoo Loltummaa Cabsuu

1.     Namni Kamiyyuu wanta raayyaa ittisaaf barbaachisaa ta’e yookiin dambii ajaja yookiin qajeelfama faayidaa loltuu eeguuf mootummaan yookiin abbaan aangoo siviilii yookiin loltummaa baase kan cabse yoo ta’e;

seera kanaan tumaa biroon addatti kan adabamu  yoo ta’e malee,hidhaa salphaa Waggaa tokkoo hin caalleen yookiin adabbii maallaqaa qarshii dhibbaa shan hin caalleen ni adabama.

2.     Yakkichi kan raawwatame dagannoon yoo ta’e, hidhaa salphaa ji’a jaha hin caalleen yookiin adabbii maallaqaa qarshii dhibba sadii hin caalle ni adabama.

Keewwata 332.  Ajajoonni  Loltummaa Akka Caban Taasisuuf Nama Biroo Kakaasuu

1.     Namni Kamiyyuu ajajoonni loltummaa akka hin raawwatamne, sirni akka hin kabajamne yookiin dirqamni loltumaa akka cabuuf ifatti ta’uus ta’uu baatus kan kakaase yoo ta’e, Hidhaa salphaan yookiin adabbii maallaqaan ni adabama.

2.     Namni kamiyyuu yakka kana raawwachuuf gartuu, sochii, yookiin walgahii seeraan alaa kan gurmeessu yookiin garee sanaatti, sochii sanaatti yookiin walgahii seeraan alaa sanarratti hirmaatee yoo ta’e; yookiin karoora hojichaa keessa kan seene yookiin miseensa waldaa ta’uun hirmaataa kan ta’e yookiin gocha akkanaaf gumaacha kan taasise yoo ta’e;

Hidhaa salphaan, yookiin balaa gochi kun silaa dhaqqabsiisu keessumattuu baayyee kan ol ka’e yoo ta’e, hidhaa cimaa waggaa kudhan hin caalleen ni adabama.

3.     Yakkicha kan raawwate jaarmiyaa namummaan seeraa kennameef yoo ta’e, tumaaleen seera kana keewwata 90 raawwatamaa irratti ni ta’u.

Keewwata 333. Bakkeewwaniifi Mi’oota Loltummaa Murtaa’an Eeguuf Dhorkaalee Bahan Cabsuu.

Namni kamiyyuu, hayyama malee yookiin karaa seeraan ala ta’een:

1.     Abbootii aangoo loltummaan yookiin sababoota dhimma loltummaannamni akka hin geenye bakka loltummaa, iddoo hojii yookiin bakka biroodhorkame kamiiniyyuu seenee kan argame yoo ta’e; Hidhaa salphaa yookiin adabbii maallaqaan ni adabama.

2.     ibsa, plaanii,saxaxa,suuraa yookiinfakkii biroo, iddoo hojii yookiin meeshaayookiin mi’a biroo kamiiyyuubakka loltummaa, iddoo hojii, yookiin bakka birookana fakkaatan kamiyyuutti argamuu kan hojjete,kan fudhate, kanqopheesse, kan baayyise, kan ifa baase yookiin nama biroof dabarsee kan kenne yoo ta’e;

Hidhaa cimaa waggaa kudha shan hin caalleen ni adabama.

Keewwata 334.  Ajajoota Yookiin Qajeelfamoota Waliigalaa Sobatti Jijjiiruu Yookiin Balleessuu.

1.     Tumaan keewwata 379fi 381 akkuma eegametti ta’ee, namni kamiyyuu ittiyaadee:

(a)             faayidaa yookiin fedhii lammiilee yookiin  humnoota ittisaa filannoon loltummaa yookiin tajaajilli loltummaa isaan ilaallatu ilaalchisee, ajaja kenname akaakuukamiyyuu yookiin tajaajila loltummaaf miini akka dhihaatu ajaja kenname  fakkeessee kan hojjate, yookiin gara sobaatti kan jijjiire kan balleesse yookiin akka badu kan taasise yoo ta’e; yookiin

(b)             ajaja yookiin qajeelfama fakkaatee hojjatame yookiin gara sobaatti jijjiirame kanatti kan tajaajilame yoo ta’e;

Hidhaa salphaan yookiin akka ulfaatina dubbichaatti hidhaa cimaa waggaa torba hin caalleen ni adabama.

2.     Yakkichi kan raawwatame dagannoon yoo ta’e, adabbichi hidhaa salphaa ji’a jahaa hin caalle yookiin adabbii maallaqaa ni ta’a.

Keewwata 335.  Yakkoota Raayyaa Ittisaafi Dirqamoota Loltummaa Irratti Raawwataman Beeksisuu Dhabuu

1.     Namni Kamiyyuu, yakki  baqannaa yookiin fincila loltummaa qophaa’uu yookiin raawwatamuu isaa osoo beekuu, sababni humnaa ol ta’e osoo hin jiraatiin abbaa aangootti osoo hin beeksisiin kan hafe yookiin akka hin raawwatamne dhorkuuf yookiin yakkamtichi akka qabamuu waan isaaf danda’amu kan hin taasifne yoo ta’e;

Yakki baqannaa yookiin fincilaa yoo xinnaate kan yaalame yoo ta’e; hidhaa salphaan, dubbichi ulfaataa yommuu ta’u hidhaa cimaa waggaa sadii hin caalleen ni adabama.

2.     Dirqama yakka abbaa aangootti beeksisuu dhabuun yakka raawwatameef mirga iccitii ogummaa yookiin abbaa aangummaa akka ittisaatti dhiheeffachuun hin danda’amu. Yakkichi kan raawwatame yeroo waraanaatti yoo ta’e, walittidhufeenya firooma dhiigaafi jaalalaa sababoota addaa adabbiin ittiin salphatu taasisanii dhiheeffachuun hin danda’amu/Keewwata 83/. 

3.     Yakkoota ganuufi basaasuu beeksisuu dhabuun,bu’uura tumaa eegumsa nageenya biyyaafi humnoota ittisa biyyaa ilaalchisee seera kanaan tumameen ni adabsiisa/keewwata 254/.

Keewwata 336.  Iccitii Loltummaa Ibsuu

1.     Namni kamiyyuu, seera kana keewwata 248-252 jalatti kan tumamaniifi keessumattuu adabbii ol’aanaa kan hordofsiisan yakkoota ganuufi basaasuun  ala, haala ta’een walumaagalatti ummata biratti ifatti kan  hin beekamneefi sababa uumama isaaniitiin gatii guddaa kanneen qaban nama hin hayyamamneef yookiin ummataaf akka hin ibsamne iccitiin kan eegaman saanadoota yookiin odeeffannoowwan iccitii loltummaa qaban akaakuu kamiyyuu nama hin hayyamamneef yookiin ummataaf kan ibse yookiin kan dabarse yoo ta’e;

Hidhaa cimaa waggaa shanii gadi hin taaneen ni adabama.

2.     Yakkichi kan ilaallatu, keessumattuu sanadoota yookiin ragaalee eegaman yoo ta’e, yookiin yakkamtichi hojjetaa sanadoota kana sirriitti beeku yookiin akka isaan eegu ramadame yookiin imaanaa fudhate yoo ta’e; yookiin yakkichi balaa cimaa yookiin addaa hordofsiisuu kan danda’u yoo ta’e;

Adabbichi hidhaa cimaa waggaa kudhanii gadii hin taane ni ta’a.

3.     Yakkichi kan raawwatame dagannoon yoo ta’e; adabbichi gocha keewwata xiqqaa (1) jalatti ibsameef hidhaa salphaa waggaa tokko hin caalle; keewwata xiqqaa(2) jalatti kan ibsameef ammoo hidhaa salphaa waggaa sadii hin caallee ni ta’a.

Keewwata 337. Odeeffannoo Sobaa Yookiin Tabjeessaa

Namni Kamiyyuu, loltoonni sochiiraa yookiin hojii isaanii raawwachaa osoo jiranii, tarkaanfii eeggannoo faayidaa loltuumaaf jedhamee ajajame gufachiisuuf yookiin dhorkuuf yookiin sochiilee yookiin karoorawwan waraanaa raayyaa ittisaa gufachiisuuf yookiin balaan gufachiisuu akka irra gahu taasisuuf; yookiin loltoonni naamusaan ala akka ta’an yookiin akka hin ajajamne kakaasuuf yookiin ummata gidduutti tasgabbii dhaabuufi jeequmsi akka ka’u jajjabeessuuf; sirrii ta’uu dhabuu isaanii osoo beekuu itti yaadee oduulee sobaa kan tamsaase yookiin kan dabarse yoo ta’e; 

hidhaa cimaa waggaa kudhan hin caalleen; yookiin yakkichi ulfaataayoo ta’u hidhaa cimaa hanga umurii guutuu gahuu danda’uun ni adabama.

Kutaa Sadii

Tumaalee Waliinii

Keewwata 338. Yeroo Balaa Yookiin Waraanaatti Haala Adabbiin Cimsu

1.     Yakkoota kutaalee lamaan armaan olitti ibsaman keessaa tokko kan raawwatame miseensa raayyaa ittisaa hojii isaa irra jirurratti yookiin humna ittisaa yookiin deggersaa irratti yookiin faayidaalee loltummaa irratti ta’ee, yakkichi kan raawwatame mallattoon balaa yommuu kennametti, waraanni ittarii waliigalaa yommuu labsamettiyookiin yeroo waraanaatti yoo ta’eefi tumaan addaa adabbicha cimsuu biroo kan hin jirre yoo ta’e, manni murtichaa:

(a)             bakka hidha salphaa hidhaa cimaa waggaa shan hin caalle;

(b)             adabbichi hidhaa cimaa yommuu ta’etti, kutaa waliigalaa seera kanaatiin waa’ee hidhaa cimaa kan tumame fiixeen adabbii olaanaa akka eegameetti ta’ee, adabbii olaanaa tumame hanga dachaatti olkaasuun murteessuu ni danda’a.

Ta’us, yakka baqannaa yookiin fincilaa yookiin karoora beeksisuu dhabuu/keewwata 335/ hidhaa cimaa waggaa kudhan hin caalleen ni adabsiisa.

2.     Yakkichi dagannoon yoo raawwatameefi akka adabsiisuu seerichaan tumamee yoo argame, manni murtichaa:

(a)             bakka hidhaa salphaa waggaa sadii hin caallee, adabbii hidhaa cimaa waggaa sadii hin caalle;

(b)             bakka hidhaa salphaa waggaa shan hin caallee, adabbii hidhaa  cimaa waggaa sadii hin caalle; murteessuu ni danda’a.

3.     Manni Murtichaa adabbii maallaqaa yommuu murteessu, bu’uura tumaa raawwatamaa ta’een seerichi kan tume adabbii maallaqaa hanga dachaatti murteessuu ni danda’a.

Keewwata 339. Yakkoota Jaalala Maallaqaan Raawwataman

Yakkoonni adabbii hidhaa cimaa hordofsiisan yommuu mudatan hunda, balleessichi yakkicha kan raawwate sababa jalaala maallaqaan yoo ta’e, akka cimina dubbichaafi hamma qabeenya yakkamtichaattimanni murtichaa adabbii hidhaa waliin adabbii maallaqaa qarshii kuma dhibba tokko hin caalle dabalee murteessuu ni danda’a.

Boqonnaa Sadii

Haalawwan Keewwatoota 284-337tti Tumaman Poolisii Irrattis Raawwatamoo Ta’uu Isaanii

Keewwata 340. Qajeeltoo Raawwii

Boqonnaa lamaan armaan olii keessatti yakkoota adabbii ni hordofsiisu jedhamanii ibsaman keessaa tokko kan raawwate miseensa Poolisii yoo ta’e, yookiin yakkichi kan raawwatame miseensa Poolisii hojiirraa jiru irratti yoo ta’e;yakki kun tumaa biroon kan adabsiisu yoo ta’e malee, tumaaleen boqonnaa lamaan armaan olii keessatti ibsaman raawwatamoo ni ta’u /keewwata 284-337/.

 

Keewwata 341. Haalawwan Addaa

Tumaaleenarmaan olitti keewwata 284-337tti ibsaman yommuu miseensota Poolisii irratti raawwatamaa ta’an, manni murtichaa hojiifi caaseffama addaa poolisii tilmaama keessa galchuu qaba.

Keewwata 342. Tumaaleen Hojjetoota Mootummaa Ilaallatan Poolisii Irratti Raawwatamoo Ta’uu

Isaanii

1.     Yakkoonni caaseffama, dirqama tajaajilaafi nageenya Poolisii irratti raawwataman, tumaalee armaan olitti tumaman irratti dabalataan seera kana keessatti tumaaleen hojjettoota mootummaa ilaallatan/Keewwata402 hanga 426/ miseensota Poolisii irrattis raawwatamoo ni ta’u.

2.     Gochi yakkichaa mata duree kana yookiin kitaaba arfaffaa keessatti tumaalee mata duree sadii jalatti, keessumattuu, dirqamoota tajaajilaa cabsuu/Keewwata 293 yookiin 420/ seeraan ala faayidaa argachuu, seeraan ala balleessuu yookiin hojiilee haala mijjaawaa hin taaneen gaggeessuu/Keewwata 306 fi 307 yookiin keewwata 407-419/; akkasumas iccitii hojii ibsuu/Keewwata 336 yookiin keewwata 396 fi 397/ bu’uura tumaalee ibsamaniin adabsiisuu kan danda’u ta’ee yoo argame, manni murtichaa yakkichi amala loltummaa kan qabu yookiin hojjetoota mootummaa kan ilaallatu ta’uu isaa qorachuun tumaa roga qabeessa ta’ee argate raawwatamaa ni taasisa.

Mata Duree Afur

Faayidaalee Dinagdeefi Maallaqaa Mootummaa Irratti YakkootaRaawwataman

Boqonnaa Tokko

Tumaalee Waliigalaa

Keewwata 343. Seerota Addaa CabsuunYakkoota Raawwataman

1.     Qaama mootummaa bu’uura seeraatiin aangoo qabuun miidhaa faayidaa maallaqaa yookiin dinagdee biyyaa irratti raawwatamu kamiyyuu to’achuuf yookiin ittisuuf Gaazexaa Nagaaritaa Federaalaa Yookiin Gaazeexaa Seeraa Mootummoota Naannoo irratti seera bahuu darbuun yakki kan raawwatame yoo ta’e; adabbichi bu’uura qajeeltoowwan seera yakka kana keessatti ibsamaniin ni murtaa’a.

2.     Tumaalee dambii darbuun tumaman yookiin akaakuu kanaan kan hin ilaalamne amala dambii darbuu qaban kan ajajan yookiin kan dhorkan darbuun yakki yommuu raawwatamu yeroo kamiyyuu, miidhaan raawwatamuun yakkicha hordofsiise qarshii kuma kudhan kan hin caallee yoo ta’e, adabbiin murtaa’ubu’uura tumaalee keewwatootasera kanaadambii darbuuf tumamaniin ta’a.

Keewwata 344.Akaakuufi Hamma Adabbiilee Yakkaa

1.     Seeronni dhimmicha ilaallatan gara yakka seera yakkaa kana keessatti tumametti ifatti kan hin qajeelchine ta’anii yommuu argamanitti, manni murtichaa bu’uura tumaalee waliigalaafi daangaa adabbii idilee seera yakka kanaan hidhaa salphaa yookiin adabbii maallaqaa ni murteessa /keewwata 90-92,106 fi 107/.

2.     Badichi ulfaataata’ee, yakkichis kan raawwatame maallaqa hedduun yookiin mi’a gatii ol’aanaa qabu irratti yoo ta’e yookiin seera kana keewwata 92n akka tumametti yakkamtichi yakkicha akka hojii isaaidilee taasifatee kan itti fayyadamu ta’ee yommuu argamu; manni murtichaa faayidaan gocha yakkichaan argame akka dhaallamu taasisuu irratti dabalataan balleessichi adabbii maallaqaa qarshii kuma dhibba tokko hin caalle akka kaffalu murteessuu ni danda’a.

3.     Ittisaa, eegumsaafi dhorkaa akkasumas tarkaanfilee ibsaafi beeksisaa dabalataan murtaa’antumaaleen waliigalaa ilaallatan kan fayyadan ta’uu isaani manni murtichaa yommuu amanu dabalata taasisee murteessuu ni danda’a.

Keewwata 345. Adabbiilee Dabalataa Ashuuraafi Gibiraa.

Balleessaa ashuuraafi gibirra irra gahuu ilaalchisee adabbiin gama yakkaan murtaa’u kamiyyuu, ashuuraafi gibirri yeroon kaffalamuu dhabuun adabbiilee bu’uura seera rogummaa qabuun murtaa’an hin hambisu. 

 

Boqonnaa Lama

Tumaalee Addaa

Keewwata 346.Warqee, Maallaqa Callaafi Maallaqa Biyyaa Alaatiin Seeraan Ala Daldaluu.

Namni kamiyyuu, yakkamaa maallaqaa irratti badii raawwatu adabuuf tumaa seeraa yakkaa/mata duree shanaffaa armaan gaditti argamu keessatti/ kan ibsameen ala haala murtaa’e tokkoon, daangaan, to’annoon yookiin eegumsa addaatiin hojiin daldalaa yookiin sharafaa ittiin hojjetamufiwarqee yookiin qabeenya biyyaa yookiin biyya alaa ta’e yookiin maallaqa biyyaa alaa kamiyyuu, hayyama osoo hin qabaatin yookiin seera darbuun kan bite, biyya alaarraa kan fichisiise yookiin gara biyya alaatti kan erge,keessuu imaanaa ta’ee kan fuudhe, kan kaa’e, kan sharafe, kan gurgure yookiin gurgurtaaf kan dhiheesse yoo ta’e;

dambiin qabeenyaan inni yakka kana ittiin raawwate dhaaluu kan isarratti ragga’u ta’uun isaa osoo hin hafiin, hidhaa cimaa waggaa kudhan hin caalleefi adabbii maallaqaa qarshii kuma shantama hin caalleen ni adabama

Keewwata  347. Albuuda Gati Jabeessa Ta’aniin Seeraan Alan Daldaluu

Haala keewwata armaan olitti ibsameen namni kamiyyuu, karaa seeraan ala ta’een albuudagati jabeessa kan akka warqee, pilaatiiniyeemii, yuuraaniyeemiifi alabuudabirookanneen fakkaatan, akkasumas dhagaalee gati jabeessa eeguuf yookiin seeraan ala naannessuu to’achuuf seera bahe cabsuun yakka kan raawwate yoo ta’e; Adabbbiin armaan olitti keewwata 346  jalatti tumame irratti raawwatamaa ni ta’a.

Keewwata 348. Gocha Dabaa Amanamummaa Maallaqa Mootummaa Irratti Raawwatamu

Namni Kamiyyuu, amanamummaa faayinaanssii mootummaa irratti miidhaa geessisuuf karoorafachuun yookiin gochichi miidhaa geessisuu akka danda’uu osoo beekuu:

(a) sharafni maallaqaa biyyatti akka rakasu taasisuuf baankii irraa yookiin gara baankiitti galchuuf jaarmiyaalee biroo seeraan galchuuf dirqamni irra kaa’ame irraa maallaqni akka ba’u kan taasise yookiin kan kakaase yookiin sanadoota wabummaa yookiin sanadoota dirqama jiilmaan gurguruun, gatiin isaanii akka gadibu’u kan taasise yoo ta’e; yookiin 

(b) maallaqaawwan, sanadoota wabummaa yookiin sanadoota dirqamaa kana namni biraa akka hin baasne yookiin isaanuma kana akka hin binne kan gufachiise yoo ta’e; hidhaa cimaa waggaa kudhan hin caaleefi adabbii maallaqaa qarshii kuma shantama hin caalleen ni adabama; yookiin yakkichi bu’aa hamaa kan hordofisiise yookiin kan hordofsiisu yoo ta’e, hidhaa cimaa waggaa digdama hin caalleen ni adabama.

Keewwata 349.Karaa Seeraan Alaa ta’eenAshuura Yookiin Gibiraa Mootummaa Kaffaluu Diduu

1.     Namni kamiyyuu, seeraan kan tumameefi abbaa aangoo dhimmi ilaaluun kan murtaa’e ashuura yookiin taaksii akaakuu kamiyyuu lafarraa, qabeenyarraa yookiin galii addaddaarraa akaakuunis ta’e maallaqaan kaffaluu qabu, akka kaffalu seeraan yommuu gaafatamu kaffaluu kan dide yoo ta’e; Dirqamni gibira yookiin ashuura yookiin taaksii kamiyyuu kaffaluu isaa akkuma eegametti ta’ee, hidhaa salphaa waggaa tokko gadi hin taaneefi adabbii maallaqaan ni adabama.

2.     Diddaan isaa dhaadannaa, gocha humnaa, harka darbuu yookiin meeshaa waraanaatti tajaajilamuufi meeshaa kaasanii aggaamuu yookiin jeequmsa yookiin fincila kan hordofsiise yoo ta’e, bu’uura tumaa dhimmicha ilaallatuun adabbiin tumame dabalataan irratti ni raawwatama /keewwata 85/. 

Keewwata 350. Gibirri Akka Hin Kaffalamne Kakaasuu

1.     Namni kamiyyuu, gochaan, kennaan, jechaan, dhaadannaan, yookiin tooftaa biroo kamiiniyyuu namnibirooashuura yookiin gibira seeraan tumame akka hin kaffallee kan kakaase yoo ta’e; Hidhaa salphaa waggaa tokkoo hanga waggaa sadii gahuu danda’uufi adabbii maallaqaatiin ni adabama.

2.     Sababa babal’ina gocha yakkichaatiin haalli isaa ulfaataa yoo ta’e; adabbichi hidhaa cimaa waggaa sadii hanga waggaa kudhanii gahuufi adabbii maallaqaa ni ta’a.

Yakkichi fincila kakaasuuf yookiin abbaa aangoo aangoorra buusuuf kakaasuu yookiin kana kan fakkaatan tumaalee ciccimmoo ilaalataniin kan gaafachiisu yoo ta’e, tumaa yakkoota dacha   ilaallatu rogummaa qabuun adabbichi ni cima/Keewwata 85/.

Keewwata 351.Maddawwan Galii Mootummaa Irratti Miidhaa Geessisuu.

1.     Namni kamiyyuu gibira, ashuurayookiin kaffaltii biro seeraan murtaa’eefi saanduqa mootummaatti galii ta’uu qabu akaakuu kammiyyuu, gartokkeen yookiin guutuummaan ofiisaa yookiin nama biroo yookiin jaarmiyaa namummaa seeraa qabu akka hin kaffallee oolchuuf yaadee:

(a)             meeshaa yookiin kaappitaala yookiin galii ashuurri yookiin gibirri irratti murtaa’uu qabu ilaalchisee yookiin ashuuricha yookiin gibiricha murteessuuf haalawwan rogummaa qaban kamiyyuu irratti osoo beekuu qaama mootummaa dhimmichi ilaallatuuf odeeffanoo sobaa kan kenne yoo ta’e; yookiin 

(b)             tooftaa akaakuubiroo kamiiniyyuu qaamolee mootummaa dhimmuma kanaaf aangoon kennameef akka dogoggoran osoo beekuu dhugaa gara sobaattijijjiiruun, dubbicha dhoksuun yookiin galii sobaa yookiin herreega sobaa qopheessuun yookiin gocha kana fakkaatan kamiiniyyuu kan dogoggorse yoo ta’e;

hidhaa cimaa waggaa kudhan hin caalleefi adabbii maallaqaa qarshii kuma dhibba tokko hin caalleen ni adabama.

2.     Abbaan aangoo yookiin hojjetaan kamiyyuu karaa hin taaneen, gibirri yookiin qaraxni/ashururri/  akka hin kaffalamne yookiin akka hir’atu kan taasise yoo ta’e; seeraan ala aangootti fayyadamuun (keewwata 407) n gaafatamaa ni ta’a.

3.     Balleessichi yakkicha kan raawwate yakkoota biroo, keessumattuu yakka gowwomsuu yookiin yakka sanda sobaa qopheessuu haalawwan hundeessaniin yoo ta’e tumaaleen yakkoota kana ilaalatan dabalataan irratti ni raawwatamu/keewwata 85/.

Keewwata 352. Kellaa Cabsuu/Kontiroobaandii/

1.     Namni kamiyyuu ittiyaadee:

(a)             mi’a daldalaa, qabeenya, mi’a adda addaa akaakuu kamiyyuu yookiin hojiin warshaa yookiin ogummaan harkaa omishu wantoota akaakuu kamiyyuuashuurri yookiin gibirri seeraan murtaa’e kan itti hin kaffalamne Itiyophiyaa keessaa gara biyya alaatti kan baase yookiin biyaa alaa irraa gara Itoophiyaatti kan galche yoo ta’e;

(b)             karaa seeraa alaa keewwata xiqqaa qubee (a) jalatti ibsameen gara biyya keessatti galuu isaa osoo beekuu mi’a yookiin qabeenya kana kan kuuse, gurgurtaaf kan dhiheessee yookiin kan bite yoo ta’e; yookiin

(c)             mi’oota yookiin oomishaalee biyya keessatti oomishamanii ashuraan osoo itti hin kaffalamin akka hin naannofne dhorkaman kan naanneese yoo ta’e;

Mirgi namootayaada qajeelaan dhimmichaaf haaraa ta’anii osoo hin tuqamin, mi’a, meeshaa yakki ittiin raawwatamee fi bu’aa yakkichaa dhaaluu ilaalchisee dambiin tumamee akkuma eegametti ta’ee, adabbii maallaqaa qarshii kuma kudhan hin caalleen yookii hidhaa salphaan ni adabama/Keewwata 140/.

2.     Yakkichi kan raawwatame humnaan, dhaadannaan, waliindhahuun, yookiin gareen yoo ta’e; mi’ichi dhaalamee hidhaa cimaa waggaa kudhan hin caalleen ni adabsiisa.

3.     Gochoota dambii darbuu gumuruka keessatti yeroof qofa tasa raawwataman irratti adabbiin murtaa’u bu’uura tumaa dambii darbitootaaf tumameen ta’a /Keewwata784/.

keewwata 353. Dinagdee Biyyaafi Monoppoolii Mootummaa IrrattiYakkoota Raawwataman.

1.                Namni kamiiyyuu, haalawwan armaan olitti addatti ibsaman yookiin dambii darbuun adabsisaniin alatti/keewwata 784-790/:

(a) mi’oota,oomishota yookiin meeshaalee dhorkaaman yookiin hayyamni yookiin to’annoon yookiin ashuurakaffaluun isaan barbaaachisu; biyya alaatii fichisiisuu yookiin biyyaa alaatti erguu, kaa’uu, daddeebisuu; yookiin

(b) bu’aa qabeenyaa lafa biyyaa irraa yookiin lafa keessaa argamutti fayyadamuu,  humna elektiriikaatti tajaajilamuu, albuudaaleen fayyadamuu; yookiin 

(c) bineensota bosonaa yookiin bu’aa isaaniin fayyadamuu yookiin bineensoota kana adamsuu yookiin ajjeessuu; yookiin

(d)bosonoota, paarkotaafi iddoowwan eegamandaangeeffaman keessa qubachuu yookiin gochoota biroo raawwachuu; yookiin 

(e) hojii hayyama mootummaa qofaan hundeeffame yookiin mootummaan monoppolaan kan to’atu; yookiin 

(f)  caasaa baankii yookiin dhaabbilee misoomaa mootummaa yookiin  keenniisa konseshinii yookiin hojmaataafi to’annoo baankii, jaarmiyaalee daldaalaas ta’e industrii, warshaalee, baabura midhaanii yookiin hoteelota  to’annoo mootuummaa jala jiran yookiin dhaabbilee kam iyyuu ilaalchiisee tumaalee bahan itti yaadee kan cabse yoo ta’e;

Gochichi  tumaa addaa adabbii olaanaa murteessisu keessatti kan hin ibsamanee yoo ta’e, yakkoota  armaan olitti tarreeffaman raawwatee argamuu isaaatiin qabeenyi yakki ittiin raawwatame kan dhaalamu, hayyamnii daldalaafi waraqaaleen ragaa hojii kan fudhatamu, hojii industrii isaa akka itti hin fufne kan dhorkamu, yookiin manni daldalaa isaa kan cufamu ta’uun isaa osoo hin hafin; hidhaa salphaan yookiin adabbii maallaqaan ni adabama.

2.                Namni kamiyyuu qabeenya jenetikaa walittiqabuu, geejjibuu, dabarsuu, biyyaa baasuu yookiin biyya keessa galchuu yookiin fayyadamuu ilaalchisee seera bahe kan cabse yoo tahe;  akka haala dubbichaatti hidhaa salphaa waggaa tokkoo gadi hin taaneen yookiin hidhaa cimaa waggaa kudhan hin caalleefi adabbii maallaqaa  qarshii kuma kudhanii hanga kuma soddomaa gahuu dandahuun ni adabama.

3.                Namni kamiyyuu karaa faallaa seeraa ta’een bineensitota mararfatamoo kan adamse yookiin kan ajjeese yoo ta’e; yookiin bineensota yookiin biqiltoota mararfatamoo yookiin bu’aa isaanii qabatee kan argame, kan walittiqabe, kan geejjibe, kan dabarse, yookiin biyyaa kan baase yoo ta’e;

 akka haaladubbichaatti hidhaa salphaa waggaa tokkoo gadi hin taaneen; yookiin hidhaa cimaa waggaa kudha lama hin caaleefi adabbii maallaqaa qarshii kuma shantamaa hanga qarshii kuma dhibba tokko gahuu dandahuun ni adabama.

4.                Gochoota keewwata kanaan ibsaman keessaa tokko kan raawwatame dagannoon yoo tahe, adabbichi adabbii maallaqaa qarshii kuma shan hin caallee yookiin akka haala dubbichaafi akka cimina yakkichaatti hidhaa salphaa ji’a jaaha hin caalleen ni ta’a.

Keewwata 354. Haalawwan  Yakkicha Cimsan

1.     Mi’a dhorkame dabarsuu, bu’aa hin mallee argachuuf daldalli seeraan alaa yookiin kontrobaandiin raawwatame yookiin maallaqa tilmaama olaanaa  qabu irratti yakka raawwatame  yommuu ta’u yookiin yakkamtichi wanta kana fakkaatan dabarsuu fi seeraan dhorkamee hojjechuu hojii ogummaa idlee isaa kan godhate yoo ta’e; adabbiin itti murtaa’u qabeenyi yakki ittin raawwatame dhaalamuun isaa akkuma eegametti ta’ee, adabbii maallaqaa qarshii kuma dhibba lama hin caalleefi hidhaa cimaa waggaa kudha shan hin caalle ni ta’a.

2.     Yakki keewwata xiqqaa tokko jalatti ibsame kan raawwatame jaarmiyaa namummaan seeraa kennameefiin yoo tahe; adabbiin seera kana keewwata 90 jalatti ibsame irratti raawwatama ni ta’a.

Mata Duree Shan

Maallaqoota Beekamoo, Sanadoota Dirqamaa Yookiin Waabummaa, Chaappawwan,  Teemberoota

(sumudoota) Yookiin Meeshaalee BeekamanIrrattiYakkoota Rawwataman

Keewwata 355. Tumaa Waliigalaa  Jarmiyaa NamummaanSeeraa Keennameef   Ilaallatu

Mata duree kana jalatti, yakkoota tumaalee keewwata 356 hanga 374 tiin ibsaman irratti haallawan seera kan keewwata 34  guutamanii  yommuu argamanitti  namoota dhuunfaa qofa osoo hin taane jaarmiyaan  namummaanseeraa kennameefis yakkaan ni adabama.

 

 

 

Boqonnaa Tokko

Maallaqa Sobaa, Sandoota Dirqamaa Yookiin Wabummaa

Keewwata 356. Hojjechuu

Namni kamiyyuu, Itoophyaatti yookiin biyyaa alaatti akka dhugaa taasisee naannessuuf yaaduun, mallaqoota, sanadoota dirqamaa yookiin wabummaaittiin daldaluuf seera qabeessa ta’an hayyama malee kan hojjete yookiin fakkeessee kan hojjete yoo tahe;  hidhaa cimaa waggaa shanii gadi hin taaneen ni adaba.

Keewwata 357. Sobaatti Jijjiiruu

Namni kamiyyuu, mallaqa, sanadoota dirqamaa yookiin wabummaaittin daldalamu seera qabeessa ta’an gatii isanii  sirrii ta’ee ol gatii ta’een akka naanna’u taasisuuf yaaduun, bifa isaanii jijjiiruun, bifa isaanii sirrii irratti wantabiroo dabaluun, haalluu isaanii jijjiiruun yookiin tooftaa akaakuubiroon Itoophiyaatti yookiin biyyaa alaatti gara sobaatti kan isaan jijjiire yoo ta’e;

Hidhaa cimaa waggaa kudha shan hin caalleen ni adabama.

Keewwata 358. Gatii isaa  Gadii Buusuu

 Namni kamiyyuu,Itoophiyaatti yookiin biyyaa alaatti gatii isaa akka qabatetti kan ittiin daldalaman akka ta’anitti yaaduun makaanikaalaan, fizikaalaan, yookiin keemikaalaan yookiin toftaa biroo kamiin iyyuu fayyadamee maallaqoota seera qabeessa ta’an gatiin isaani akka gadi bu’u kan taasise yoo ta’e; Hidhaa cimaa waggaa kudhan hin caalleen ni adabama.

 

 

Keewwata 359. Biyyaatti Galchuu, Biyyaa Baasuu, Qabachuu, Kaa’uufi Dhiheessuu

Namnii kamiyyuu, maallaqoota, sanadoota dirqamaa yookiin wabummaasobaa ta’an yookiin gatiin isaanii akka gadi bu’u  taasifaman dhuggummaa yookiin gatii isaanii guutuu akka qabatanitti fakkeessee ofii ittiin daldaluufyookiin naanna’an taasisuuf yaaduun gara biiyya keessaa kan galche, biyyaa kan baase yookiin kan qabate yookiin kan kaa’e yookiin kan dhiyeesse yoo ta’e;

Hidhaa cimaa waggaa kudha shan hin caalleen ni adabama.

Keewwata 360. Tilmaama Nanneessuuf yaadu 

Yakkoota keewwata 356 hanga keewwata 359 jalatti ibsaman ilaalchisee gochoonni kan raawwataman naanneessuuf yaaduun akka ta’eetti ni tilmaama.

Keewwata 361. Naannessuu

1.     Namni kamiyyuu itti yaadee;

(a)             maallaqoota, sanada dirqamaa yookiin wabummaasobaa yookiin gara sobatti jijjiraman dhugaa fakkeessee yookiin gatii murtaa’eef caalaa akka qaban fakkeessee Itoophiyaa keessatti yookiin biyya alaatti kan nanneesse yoo ta’e; hidhaa cimaa waggaa kudhan hin caalleen ni adabama.

(b)             maallaqoota gatiin isaanii hir’ifame gatii guutuu akka qaban fakkeessee akka naanna’an kan taasise yoo ta’e; hidhaa salphaa waggaa shan hin caalleen yookiin adabbii maallaqaan ni adabama.

2.     Balleessichi maallaqicha, sanadicha dirqamaa fi wabummaa amantaa dhugaadha jedhuun yookiin gatii isaa sirriin erga fuudhee booda kan sobaa ta’uu isaa yookiin gatiin isaa hir’achuu osoo beekuu kasaaraarraa ooluuf;

(a)             maallaqa, sanada dirqamaa yookiin wabummaasobaa yookiin gara sobaatti jijjirame dhugaa fakkeessuun kan naanneesse yoo ta’e; hidhaa salphaan ni adabama.

(b)             mallaqa gatiin isaa hir’ifame gatii guutuu akka qabu fakkeessuun kan naanneesse yoo ta’e; adabbii maallaqaan ni adabama.

Keewwata 362. Haala Salphaa

Yakkoota keewwata 356 hanga keewwata 361 jala jaran ilaalchisee hammi maallaqichaa tilmaamni xiqqaan kan kennamuuf ta’uu isaatiin yakkichi salphaa yommuu ta’utti, adabbichi hidhaa salphaa ni ta’a.

Boqonnaa Lama

Chaappawwan, Tambeeroota (sumudoota), Mallattoolee, Madaalotafi Safaartuulee  Gara Sobummaatti Jijjiiruu

Keewwata  363. Chaappawwan Mootummaa Gara Sobaatti Jijjiiruu Yookiin Seeraan Alaa Itti

Fayyadamuu

1.     Namni Kam Iyyuu:

(a)             dhimma hojii mootummaa qofaaf kan ooluu chaappaa mootummaa  chaappaa yookiin qaama mootummaa keessaa kan tokkoo gara sobaatti kan jijjire yookiin fakkeessee kan hojjete yookiin chaappaa gara sobaatti jijjirametti yookiin fakkeeffamee hojjetametti kan tajaajilame yoo ta’e; yookiin 

(b)             chaappaa isa dhugaatiin seeraan ala kan ittin hojjete yoo ta’e; 

Hidhaa cimaa waggaa sadii hanga waggaa kudhanii gahuu danda’uun ni adabama.

2.     Yakkichi faayidaa yookiin mirga biyyaa irratti miidhaa olaanaa kan geessise yoo ta’e; Adabbichi hidha cimaa Waggaa shanii hanga waggaa  digdamaa gahutaha.

Keewwaa 364. Chaappaa Jaarmiyaalee Tajaajila Ummaata Yookiin Dhuunfaa Biroo Gara Sobaatti Jijjiiruufi Chaappaawwaniin Seeraan Ala Hojjachuu

1.     Namni Kamiyyuu:

(a)             chaappaa jaarmiyaalee tajaajila ummataa yookiin dhuunfaa gara sobaatti kan jijjire yookiin chaappaa gara sobaatti jijjirameen kan tajaajilame; yookiin

(b)             Chaappaa isaa dhugaa ta’een seeraan ala kan hojjete yoo ta’e; hidhaa cimaa waggaa shan hin caalleen ni adabama.

2.     Yakkichi miidhaa ol’aanaa kan geessise yoo ta’e:

Hidhaa cimaa Waggaa sadii hanga waggaa kudhanii gahuu danda’uun ni adabsiisa. Keewwata 365. Mallattoolee Beekamoo Gara Sobaatti Jijjiiruu Namni kamiyyuu:

(a) madda dhufaatii isaanii  yookiin mallattoo addaa ifatti beekamee yookiin mallattoomirkaneessaa qulqullinna yookiin wabummaa, keessumattuu kan gumurukaa, yookiin kan dhimma mi’a daddeebisuu, yookiin kan warqee, kan meetii yookiin kan albuudaalee gati- jabeessa biroo, yookiin kan mukaa, kan gogaa yookiin bu’aalee Ooomishootabiroo, kan mi’oota nyaataa, kan qorichoota (kan daawaalee) yookiin mi’oota eegumsa fayyaa ummataaf fayyadan kan ilaallatan yoo ta’u chaappaalee, mallattoolee Chaappaa boca baasuun hojjetaman yookiin mallattoolee addummaa biroo kamiyyuu yoo ta’aniyyuu, akka waan dhugaa ta’anii yookiin akka ittiin hin hojjetamne taasisee gar-malee ittiin hojjechuuf yookiin namooti biroo akka ittiin hojjetan yaaduun aangoo seeraa osoo hin qabaatiin kan hojjete, gara sobatti kan jijjire yookiin fakkeessee kan hojjete yoo ta’e; yookiin

(b) mallattoolee gara sobaatti jijjiraman yookiin fakkeeffamanii hojjetaman akkanaa osoo beekuu, akka dhugaa ta’an yookiin akka ittiin hin hojjetamne fakkeessuun kan ittiin hojjete yoo ta’e; Hidhaa salphaa ji’a sadii hanga waggaa shanii gahuu danda’uun ni adabama.

Keewwata 366. Tambeerota (sumudoota) Beekamoo Gatii Qaban Gara Sobaatti Jijjiirru

1.                Namni kamiyyuu:

(a) akka dhugaa yookiin akka ittiin hin hojjetamne taasisuun ofiisaa ittiin hojjechuuf yookiin namoonni biroo akka ittiin hojjetan yaaduun tambeerota beekamoo gatii qaban keessumattuu waraqaalee tembeerummaa qaban, tembeeroota  poostaa, tembeerota maxxansaman mallattoo kaffaltii maallaqaa ta’an, aangoo seeraa osoo hin qabaatiin kan hojjete, gara sobaatti kan jijjiire yookiin fakkeessee kan hojjete yoo ta’e; yookiin

(b) tembeerota sanaan erga ittiin hojjetamee yookiin erga haqamaniin booda irradeebi’ee ittin hojjechuuf yaaduun ammayyuu gatii akka qabantaasiseebifafakkeessukan kenneef yoo ta’e; Baayyee yoo xiqqaate hidhaa salphaa ji’a sadiin yookiin balleessaan sun olaanaa ta’e yommuu tilmaamamu hidhaa cimaa waggaa shan hin caalleefi adabbii maallaqaan ni adabama.

2.                Badichi salphaa yommuu ta’u, keessumattuu tembeerota poostaa yookiin ashuuraa duraan ittiin hojjetame, gara sobaatti kan jijjiiramaniin, kan sobaa ta’aniin yookiin kan haqamaniin tasa kan tajaajilame yoo ta’e; manni murtichaa adabbii maallaqaa qofa murteessuu ni danda’a. Keewwata 367. Dhagaa Maadaalotaafi Safartuulee Gara Sobaatti Jijjiiruu

1.                Namni Kamiyyuu nama biroo gowwomsuuf yaaduun:

(a)                      dhagaa madaalotaa, madaalota, safartuulee yookiin meeshaalee biroo daldalaaf yookiin jijirraaf ramadaman kan sobaa taasisuun kan jijjiire yoo ta’e;

(b)                      seerri kan hayyamuun ala mallattoolee addummaa to’annoofi mirkaneessa beekamoo wabummaa qaban yookiin mallattoolee addaddaa meeshaalee kana irratti kan maxxanse yookiin mallattoolee addummaa kanneen fakkeessee kan hojjete yoo ta’e; yookiin

(c)                      meeshaalee sobaa yookiin gara sobaatti jijjiraman kaanneeniin itti yaadee kan hojjete yoo ta’e; Hidhaa cimaa waggaa shan hin caalleen ni adabama.

2.                Badichi salphaa yeroo ta’etti, manni murtichaa hidhaa salphaa waggaa sadii hin caalee yookiin adabbii maallaqaa murteessuu ni danda’a.

Keewwata 368.Biyyaa Baasuu, Biyya Keessaatti Galchuu, Bituu, Imaanaan Kaa’uufi Dhiheessuu.

Namni kamiyyuu, sobaa ta’uu isaanii yookiin gara sobatti jijjiramuu isaani osoo beekuu itti yaadeechaappaalee,  tembeerota (sumudoota), waraqaalee tembeerummaa qaban, mallattoolee, dhagoota madaallii yookiin safartuulee beekannoo biyyaa kan baase, biyyaa keessatti kan galche, kan bite, harka isaatti kan galfate yookiin imaanaan ka’uuf  kan fuudhe, kan gurgure yookiin gurgurtaaf yookiin kennaaf kan dhiheesse yoo ta’e;

Hidhaa salphaan yookiin adabbii maallaqaan yookiin dhimmichi ulfaataa yommu ta’utti hidhaa cimaa waggaa lama hin caalleen ni adabama.

Boqonnaa sadii

Tumaalee Waliinii

Keewwata 369. Yaada Gowwamsuu Osoo Hin Qabaatin Fakkeessanii Hojjachuu

1.     Namni kamiyyuu yaada gowwomsuu osoo hin qabaatin:

(a)             maallaqoota, noottota baankii, sanadoota dirqamaa yookiin wabummaa, tembeerota gatii qaban beekamoo yookiin tembeerota Poostaa fakkeessuun kan hojjete, keessumattuu beeksisaan fakkeessee kan baase yookiin fakkaataa isaa taasisee akka naanna’an  taasisuuf yaaduun balaa  dogoggorsuu kan uumu yookiin uumuuf kan danda’u ta’ee kan argame yoo ta’e; yookiin

(b)             wantoota fakkaatanii yookiin fakkeeffamanii hojjetaman  akkanaa biyyaatti kan galche, biyyaa alaatti kan baase, imaanaan kan fuudhe, gurgurtaaf yookiin kennaaf kan dhiheesse yookiin akka nanaanna’an kan taasise yoo ta’e;

Adabbii maallaqaan, yookiinkeessumattuu haalli isaa doggoggorsuuf yookiin gowwomsuuf kan yaaddeessu yommuu ta’etti, hidhaa salphaa ji’a sadii hin caalleen ni adabama.

2.     Baayyisuun kaayyoo hojii saayinsawaa beekamaaf yookiin odeeffannoof yoo ta’e; yakka hin ta’u.

Keewwata 370. Maallaqaa, Sanadoota Dirqamaa yookiin Wabummaa Yookiin Mallattoolee Beekamoo, Tembeerota (Sumudoota) Yookiin Chaappaalee Irratti Balaa Geessisuu

Namni kamiyyuu, abbaan aangoo yookiin dhaabbanni dhimmi isaa ilaallatu ifatti osoo isa hin ajajin yookiin hin hayyaminiif:

(a) maallaqaaf, sanadoota dirqamaa yookiin wabummaaf, mallattoolee addummaa beekamoof, tembeerotaaf, chaappaalee/tiitaroota/ abbaa  aangoo yookiin chaappaalee maxxansuuf yookiin hojjachuuf kan tajaajilan meeshaalee, unkaalee, kan ittiin danaa (boca) baasan, waraqaalee, moodeloota yookiin mi’oota yookiin meeshaalee akaakuubirookamiiniyyuu kan hojjete, harka isaa akka seenu kan taasise, gara biyyaa kan galche, gara biyyaa alaatti kan baase, nama biroof kan dhiheesse yookiin dabarsee kan kenne yoo ta’e; yookiin

(b) Maallaqoonni, sandadoonni dirqamaa yookiin wabummaa, mallattooleen beekamoo, tembeeronni, chaappaaleen/tiitaroonni/ abbaa aangoo yookiin chaappaaleen akka hojjetaman yookiin akka maxxansaman ajajoota kennaman kan fudhate, kan raawwate, kan raawwachiise, dabarsee kenne yookiin namni biroo dabarsee akka kennu kan taasise yoo ta’e; Hidhaa salphaan yookiin adabbii maallaqaan ni adabama.

Keewwata 371. Meeshaaleefi Malawwan Wantoota Sobaa Hojjechuuf Tajaajilan

1.     Namni kamiyyuu, karaa seeraan alaa ittiin hojjechuuf yaaduun maallaqoota, sanadoota dirqamaa yookiin wabummaa, mallattoolee beekamoo,tambeerota, chaappaalee (tiitaroota) abbaa aangoo, yookiin chaappaalee gara sobaatti jijjiiruuf yookiin fakkeessanii hojjechuuf kan tajaajilan meeshaalee, foormota, kan ittiin boca (danaa) baasan, waraqaalee, albuudota, yookiin wantoota biroo kan hojjete, harka isaa kan galfate, kan qabate yookiin kan biroof kan kenne yoo ta’e; Hidhaa salphaa ji’a jahaa gadi hin taaneefi adabbii maallaqaan ni adabama.

2.     Ta’us, meeshaaleefi malawwan maallaqoota, chaappaalee mootummaa Yookiin kan abbaa aangoo Mootummaabiyyoolessaa soba taasise yookiin fakkeessee hojjachuuf kan tajaajilan ta’anii yommuu argaman, adabbichi hidhaa cimaa waggaa torba hin caallee ni ta’a.

Keewwata 373.  Sababoota Adabbii Salphisan

1.     Yakkoota mata duree kanaan armaan olitti ibsaman keessaa isa tokko nama raawwate irratti manni murtichaa haala addaatiin adabbii salphisuuf/keewwata180/ kan danda’u  yookiin haalawwan addaa yommuu mudatan adabbii kamirraayyuu bilisa taasisuu kan danda’u:

(a)             meeshaalee Yookiin malawwan gara sobaatti jijjiiruuf tajaajilan hojirra ooluu isaaniitiin dura fedhii ofiitiin kan balleesse yoo ta’e;

(b)             yakkichi abbootii aangoo biratti beekamuu isaatiin duratti ummata keessa akka hin naannoofne, akka hin tajaajille yookiin balaa akka hin geessifne kan dhorke yoo ta’e;yookiin

(c)             yakkichi raawwatamuu isaa yookiin qophaa’uu isaa kan ibse yookiin balleessichi haqattiakka dhihaatu kan taasise yoo ta’e dha.

2.     Balleessichi sababa gochaawwan armaan olitti ibsamaniin adabbiin itti murtaa’us murtaa’uu baatus, gara fuulduraatti balaa qaqqabsiisuu ni danda’a jedhamee kan shakkamu yoo ta’e wabummaa mirkaneessa amala gaarii akka kennuu /Keewwata 135/ yookiin akka barbaachisummaa isaatti bilisummaan dhuunfaa isaa akka hir’atu/Keewwata 145-150/ manni murtichaa ajajuu ni danda’a.

3.     Boqonnaa lamaan armaan ol jiraniin akka ibsametti yakki wanta sobaa hojjachuu gara sobaatti jijjiiruu, gatii isaa gadibuusuu yookiin maallaqa sobaa hojjechuu baayee salphaa yoo ta’e, yookiin faayidaa mootumaa yookiin kan waliigalaa irratti balaa ol’aanaa tokkollee kan hin geessifne ta’uun isaa yoo tilmaamame manni murtichaa bu’uura adabbii salphisuu idileetiin /keewwata 179/ adabbicha ni salphisaaf.

Keewwata 373.Sababoota Addaa Adabbii Salphisan

Dambiileen adabbii cimsan kanneen kutaa waliigalaa seera kanaa keessatti ibsaman /keewwata 84(1) (d)/ fi dambiilee dhaaluu/Keewwata 140/ akkuma eegamanitti ta’ee, yakkichi miira jaalala maallaqaatiin yommuu raawwatametti adabbiin maallaqaa isaa qarshii kuma dhibba tokko kan hin caallee ni ta’a.

Yakki maallaqa sobaa hojjechuu kan raawwatame yoo ta’e, adabbiin maallaqaa isaa qarshii kuma dhibba shaniifi kuma shantama hin caalle ni ta’a.

 

Keewwata 374. Faayidaalee Mootummoota Biyyaa Alaa Eeguu

Maallaqoota biyyaa alaa, sanadoota dirqamaa yookiin wabummaa, noottota baankii, chaappaalee, tembeerota, mallattoolee, dhagaa madaallii yookiin safartuulee beekamoo   ilaalchsiee yakkoota adda ddaa Itoophiyaakeessatti raawwataman irratti tumaaleen mataduree kanaa rawwatamoo kan ta’an, dhimma akkanaaf walta’iinsi addumyaalessaa taasifamee yommuu jiraatu yookiin dugdabaasiin faayidaa waliinii irratti hundeeffame yommuu jiraatudha.

 

No comments:

Post a Comment